Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafni Qulqulluun Odoola Diimaa Guddaa Ga’e

Macaafni Qulqulluun Odoola Diimaa Guddaa Ga’e

Macaafni Qulqulluun Odoola Diimaa Guddaa Ga’e

MAADAAGAASKAAR kibba bahaa Afriikaarraa naannoo kiilomeetira 400 fagaattee kan argamtu si’a ta’u, odoolawwan addunyaarratti argaman keessaa guddinasheetiin sadarkaa arfaffaarratti argamti. Macaafni Qulqulluu afaan Maalaagaasii, waggaa 170 dura hiikame maqaa Yihowaa waan qabuuf, maqaan kun saba Maalaagaasii biratti baay’ee beekamaadha. Carraaqqiin Macaafa Qulqulluu afaan Maalaagaasiitiin qopheessuuf godhame jabinaafi aarsaa guddaa waan gaafateef, seenaa guddaa kan qabudha.

Macaafa Qulqulluu gara afaan Maalaagaasiitti hiikuuf carraaqqii gochuun kan jalqabame, odoola Moorishees ishee naannoo Maalaagaasiitti argamtutti ture. Lammiin Biritaaniyaa jalqaba naannoo bara 1813⁠tti bulchaa Moorishees tureefi Roobarti Faarkiwar jedhamu, Wangeelonni gara afaan Maalaagaasiitti akka hiikaman jalqabsiisee ture. Bulchaan kun yeroo booda misiyoonota Landan keessaa barsiistota gara Maadaagaaskaaritti akka fichisiisuuf Mootii Maadaagaaskaar Tokkoffaa isa Raadamaa jedhamu jajjabeessee kan ture si’a ta’u, Maadaagaaskaaris yeroo baay’ee Odoola Diimaa Guddaa jedhamuudhaan beekamti turte.

Hagayya 18, 1818, misiyoononni biyya Weelsi, Deevid Joonasiifi Toomaas Beevan jedhaman lama, Moorisheesii ka’anii magaalaa buufata doonii ishee To’oomaasiinaa jedhamtu ga’an. Misiyoononni kunis, namoonni biyyichaa amantiidhaaf ilaalcha cimaa akka qaban, abboota durii akka waaqeffataniifi duudhaadhaaf bakka guddaa akka kennan hubatan. Afaan sabni Maalaagaasii dubbatu Mallayyoo-Poolineezyiyaarraa kan madde si’a ta’u, jechoota gurra namaatti tolan baay’inaan kan qabuufi akka gaariitti waa ibsuu danda’udha.

Deevidiifi Toomaas mana barumsaa xinnoo erga bananii booda, baay’ee utuu hin turin haadhotii manaafi ijoolleesaanii Moorisheesii gara To’oomaasiinaatti fidan. Wanti nama gaddisiisu garuu hundisaanii dhukkuba busaatiin waan qabamaniif, Deevid Muddee 1818 haadha manaasaafi ijoolleesaa du’aan dhabeera. Ji’a lama boodammoo, maatiin Toomaas sababii dhukkuba kanaatiin dhumaniiru. Isaan keessaa lubbuudhaan kan oole, Deevid Joonas qofa ture.

Deevid rakkinni akkasii abdii akka isa kutachiisu hin heyyamne. Sabni Maadaagaaskaar Dubbii Waaqayyoo afaansaatiin akka argatu gochuuf kutatee ture. Hamma fooyya’utti deebi’ee Moorishees keessa erga turee booda, Afaan Maalaagaasii isa ulfaataa barachuu jalqabe. Baay’ee utuu hin turinis Wangeela Yohannis hiikuuf qophii gochuu jalqabe.

Deevid, Onkoloolessa 1820 gara Maadaagaaskaaritti deebi’e. Magaalaa guddittii Antaanaanaariivoo akkuma ga’een, mana barumsaa haaraa misiyoononni ijoollee itti barsiisan bane. Haallisaa rakkisaa ture. Kitaabni barumsaa, gabatee gurraachiifi barcumni barattoonni irra taa’an hin jiru ture. Ta’us sirni qophii barnootaa gaarii si’a ta’u, ijoolleenis barumsaaf fedhii guddaa qabu turan.

Deevid ji’a torbaaf kophaasaa erga hojjetee booda, misiyooniin Deevid Giriifatis jedhamuufi Toomaasiin bakka bu’u ni ergameef. Misiyoononni lamaan dadhabbii hin beekne kun, Macaafa Qulqulluu afaan Maalaagaasiitti hiikuuf guutummaatti of kennanii turan.

Hojiin Macaafa Qulqulluu Hiikuu Ni Jalqabame

Jalqaba waggoota 1820mmaniitti qubeen afaan Maalaagaasii barreessuuf itti hojjetamaa ture qubee afaan Arabaa, Suuraabee jedhamu qofa ture. Haata’u malee, namoonni barreeffamoota haala kanaan barreeffaman dubbisuu danda’an muraasa qofa turan. Kanaan kan ka’es misiyoononni sun Raadamaa Mootii Tokkoffaa wajjin erga mari’atanii booda, mootichi bakka qubee suuraabee qubee Laatiniitiin akka fayyadaman isaaniif heyyame.

Hojiin hiikkaa Fulbaana 10, 1823 jalqabame. Deevid Joonsi Seera Uumamaafi Maatewosiin, Deevid Giriifatisimmoo Seera Ba’uufi Luqaasiin hiikuu jalqaban. Namoonni lamaan kun matumaa dadhabbii kan hin beekne ta’uunsaanii baay’ee nama ajaa’ibsiisa. Hojii hiikkaa gara caalaatti ofumasaaniitii kan hojjetan ta’uusaaniirrayyuu, ganamaafi waaree boodammoo barsiisuusaanii itti fufanii turan. Kana malees, waldaa keessatti akka tajaajilan waan isaanirraa eegamuuf, afaan sadiin qophaa’anii barsiisu turan. Ta’us, hunda caalaatti bakka guddaa kan kennan hojii hiikkaatiif ture.

Misiyoononni kun lamaan gargaarsa barattoota 12tiin, guutummaa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiifi afaan Ibrootaa keessaa hedduusaanii, ji’a 18 gidduutti hiikanii xumuran. Waggaa ittaanutti, hojiin sadarkaa jalqabaa guutummaa Macaafa Qulqulluu hiikuuf godhame ni xumurame. Ta’us, hojiin sirreessuufi qulqulleessuu ni hafa ture. Kanaaf, hayyoonni afaanii Deevid Joonsiifi Joseef Firiimaan jedhaman gargaarsa akka kennaniif Ingilaandii gara biyyattiitti ergaman.

Wantoota Gufuu Ta’an Mo’uu

Hiikkaan afaan Maalaagaasii erga xumuramee booda, Waldaan Misiyoonota Landan, Maashinii maxxansaa isa jalqabaa Maadaagaaskaaritti akka dhaabuuf Chaarlas Havandaniin erge. Chaarlasis Sadaasa 21, 1826⁠tti Maadaagaaskaariin ga’e. Haata’u malee, Chaarlas ji’a tokko utuu hin guutin dhukkuba busaatiin waan du’eef, maashinii maxxansaa kana namni hojjechiisu ni dhabame. Waggaa ittaanutti, ogeessi harkaa Jamsi Kaamiran jedhamuufi Iskootilaandii dhufe kitaaba qajeelfamaa maashinicha keessaa argatetti fayyadamee maashinii maxxansaa kana ni dhaabe. Yaalii dheeraa boodas, Jamsi Muddee 4, 1827 kitaaba Seera Uumamaa boqonnaa tokko keessaa kutaa muraasa maxxansuu danda’e. *

Raadamaa mootichi Tokkoffaan erga du’ee booda, Adoolessa 27, 1828 gufuu garabiraatu uumame. Raadamaa Mootichi, hojii hiikkaa kanaaf deggersa guddaa kenna ture. Deevid Joonas haala yeroo sana ture akkas jechuudhaan ibsa: “Raadamaa Mootichi baay’ee arjaafi itti dhihaachuuf namatti hin ulfaanne ture. Barumsi akka babal’atu gochuuf jabinaan kan hojjetu si’a ta’u, warqeefi qabeenya walitti qabachuu mannaa sabni sun barachuudhaan daandii qaroominaarra yeroo deddeebi’u arguu fedha ture.” Haata’u malee, yeroo mootichi du’u, haati manaasaa Raanaavaloonaa Tokkoffaan bakkasaa kan buute si’a ta’u, baay’ee utuu hin turinis mootittiin hojii hiikkaa kana hanga abbaa manaashee akka hin deggerre ifatti mul’achuu jalqabe.

Mootittiin taayitaa qabattee yeroo muraasa booda, namni biyya Ingilaandii dhufe tokko waa’ee hojii hiikkaa kanaa mootittii wajjin mari’achuuf beellamni akka isaaf qabamu gaafate. Ta’us gaaffiinsaa fudhatama utuu hin argatin hafe. Yeroo garabiraattimmoo, misiyoononni sun afaan Giriikiifi Ibrootaa dabalatee sabicha waan barsiisan hedduu akka qaban mootittiitti yommuu himan akkas isaaniin jette: “Waa’ee afaan Giriikiifi Ibrootaa barachuun baay’ee ana hin yaaddessu, kanaa mannaa, sabakoo barumsawwan caalaatti barbaachisaa ta’an, jechuunis wanta akka saamunaa hojjechuu barsiisuu danda’uufi dhiisuu keessan baruun barbaada.” Hiikkaan Macaafa Qulqulluu afaan Maalaagaasii xumuramuusaa dura biyyattii keessaa ari’amuu akka danda’an waan hubataniif, Jamsi yaada mootittiin dhiheessiterratti yaaduuf torban tokko akka isaaniif kennamu gaafate.

Torban ittaanutti, Jamsi saamunaa wantoota naannoo sanatti argamanirraa hojjetan lama ergamoota mootittii biraa dhufanitti argisiise. Wantoota kanaafi hojiiwwan garabiraa misiyoononni kun sabichaaf hojjetan mootittiin akka obsitu waan godheef, kutaawwan muraasarraa kan hafe Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa maxxansanii xumuruu danda’aniiru.

Labsiiwwan Hin Eegamneefi Nama Gaddisiisan

Mootittiin jalqabarratti misiyoonota kanaaf ilaalcha gaarii qabaachuu baattus, Caamsaa 1831⁠tti labsii hin eegamne baaste. Labsiin kunis, lammiiwwanshee cuuphamuudhaan Kiristiyaanota akka ta’an kan heyyamu ture! Ta’us, murtoonshee kun yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Kitaabni E Histirii oov Maadaagaaskaar jedhamu akkas jedha: “Abbootiin taayitaa mootummaa duudhaa cimsan tokko tokko namoonni hedduun cuuphamuunsaanii waan isaan yaaddesseef, sirna qurbaanaarratti argamuun, mootummaa Biritaaniyaatiif amanamummaa argisiisuuf jecha waadaa galamu akka ta’e godhanii dubbachuudhaan mootittii amansiisan.” Kanaan kan ka’es labsiin namoonni Kiristiyaanota ta’uuf akka cuuphaman ajaju, ji’a ja’a booda, jechuunis xumura bara 1831⁠rratti ni kaafame.

Mootittiin ejjennoo dhaabbataa dhabuunsheefi dhiibbaan abbootiin taayitaa cimsitoota duudhaa ta’an geessisan dabalaa adeemuunsaa, misiyoononni sun hojii Macaafa Qulqulluu maxxansuu dafanii akka xumuraniif isaan kakaaseera. Caaffanni Qulqullaa’oo afaan Giriikii durumayyuu waan xumuramaniif, maxxansi kumaan lakkaa’amu tatamsa’uu jalqabee ture. Haata’u malee, Raavaloonaa Mootittii Tokkoffaan Bitootessa 1, 1835 Kiristiyaanummaan seeraan akka ittifameefi namoonni kitaabota Kiristiyaanaa hunda abbootii taayitaatti dabarsanii akka kennan seera ajaju yommuu baastu gufuu garabiraatu isaan mudate.

Labsiin mootittiin baaste, lammiiwwan Maalaagaasii misiyoononni sun leenjisan hojii maxxansuurratti akka hin hirmaanne dhowwuus kan dabalatu ture. Kanaan kan ka’es, misiyoononni muraasni hojii kana kophaasaanii fiixaan baasuuf kan dirqaman si’a ta’u, isaanis halkaniifi guyyaa hojjechuusaanii itti fufuudhaan guutummaa Macaafa Qulqulluu Waxabajjii 1835⁠tti baasaniiru. Eeyyee, Macaafni Qulqulluun afaan Maalaagaasii bu’aa ba’ii hedduu booda xumurameera!

Ittisni kun utuu jiru Macaafni Qulqulluun saffisaan kan tamsa’e si’a ta’u, kitaaba kana badiisarraa oolchuuf jechas Caaffanni Qulqullaa’oon koppii 70⁠ni akka awwaalaman godhamaniiru. Akkas godhamuunsaas sirrii ture; sababiinsaas waggaa tokko utuu hin guutin misiyoonota lamarraa kan hafe warri kaan biyyattii gadhiisanii akka ba’an godhameera. Ta’us Dubbiin Waaqayyoo Odoola Diimaa Guddaa sana keessatti tatamsa’uusaa itti fufeera.

Jaalala Sabni Maalaagaasii Macaafa Qulqulluudhaaf Qabu

Sabni Maadaagaaskaar Dubbii Waaqayyoo afaansaatiin dubbisuuf carraa argachuusaatti baay’ee gammadeera! Hiikkaan Macaafa Qulqulluu kanaa dogoggorawwan tokko tokko kan qabu ta’uusaarrayyuu, akka waan yeroon itti darbeetti ilaalama. Ta’us, manni Macaafni Qulqulluun kun keessatti hin argamne hin jiru jechuun ni danda’ama; lammiiwwan Maalaagaasii hedduunis yeroo hunda Macaafa Qulqulluu ni dubbisu. Wanti hiikkaa Macaafa Qulqulluu kana adda taasisummoo, maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu guutummaa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti kan itti gargaaramu ta’uusaati. Maqaan Waaqayyoo kun Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii isa jalqabaa keessattis ni argama. Kanaan kan ka’es, sabni Maalaagaasii garri caalaan maqaa Waaqayyoo akka gaariitti beeka.

Koppiiwwan jalqabaa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii, yeroo jalqabaatiif maxxanfamanii yommuu ba’an, Miistar Beekar inni hojii maxxansaa kanaa raawwachaa ture, gammachuun saba Maalaagaasiitti dhaga’amu waan itti mul’ata’ateef akkas jechuudhaan dubbateera: “Raajii dubbachuukoo miti; ta’us Dubbiin Waaqayyoo biyya kana keessaa guutummaatti bada jedhee hin amanu!” Wanti inni dubbates dhugaa ta’uunsaa mirkaneeffameera. Dhukkubni busaa, afaanichi ulfaataa ta’uunsaa ykn bulchituun tokko labsii ulfaataa baasuunshee, Dubbiin Waaqayyoo Maadaagaaskaar keessa akka hin jiraanne ittisuu hin dandeenye.

Ammammoo haallisaa caalaatti fooyya’eera. Akkamitti? Guutummaan Caaffata Qulqullaa’oo Hiika Addunyaa Haaraa bara 2008⁠tti afaan Maalaagaasiitiin ba’eera. Hiikkaan kun afaan ammayyaa ta’eefi salphaatti namaa galuun waan qophaa’eef, carraaqqii Dubbii Waaqayyoo babal’isuuf godhamurratti bu’aa guddaa argamsiiseera. Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo Odoola Diimaa Guddaa kana keessatti hundee jabaa matumaa buqqa’uu hin dandeenye godhateera.—Isa. 40:8.

[Miiljaleewwan]

^ key. 14 Barreeffamni yeroo jalqabaatiif afaan Maalaagaasiitiin maxxanfame, Abboommii Kurnaniifi Kadhannaa Gooftaa si’a ta’an, isaanis Ebla/Caamsaa 1826 Moorisheesitti maxxanfaman. Haata’u malee, maxxansi barruu kanaa kan kenname maatii Raadamaa Mootichaafi abbootii taayitaatiif qofa ture.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Caaffanni Qulqullaa’oo “Hiika Addunyaa Haaraa” afaan Maalaagaasiitiin qophaa’e, maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuuf ulfina kenna