Yeroo Rakkinaatti Gammachuu Keenya Eegnee Jiraachuu
Yeroo Rakkinaatti Gammachuu Keenya Eegnee Jiraachuu
“Warri kooluu [Yihowaatti] galan hundinuu garuu haa gammadan, bara baraanis haa ililchan!”—FAR. 5:11.
1, 2. (a) Wantoonni yeroo har’aatti dhiphina guddaa geessisan tokko tokko maalfa’i? (b) Rakkoowwan nama hundumaarra ga’aniin alas, Kiristiyaanonni dhugaa maal danda’uu qabu?
DHUGAA BAATONNI YIHOWAA rakkoowwan ilmaan namootaarra ga’anirraa walaba miti. Yakki, waraanniifi jal’inni biraas saba Waaqayyoo hedduurra rakkina geessisa. Balaan uumamaa, hiyyumni, dhukkubniifi duuti dhiphina guddaa geessisu. Phaawulos ergamaan, “Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna” jechuudhaan dhugaasaa dubbateera. (Rom. 8:22) Cubbuu dhaaluun keenyas rakkina nurraan ga’a. Akkuma Daawit Mooticha durii nuyis, “Irra-daddarbaan koo mataa koo irra ol darbeera, miijanni isaas ba’aa ani baachuu hin dandeenye ta’ee anatti ulfaateera” jenna ta’a.—Far. 38:4.
2 Kiristiyaanonni dhugaan, rakkoowwan namoota kaanirra ga’aniin alas akka fakkeenyaatti fannoo baatan qabu. (Luq. 14:27) Eeyyee, akkuma Yesus bartoonnisaas ni jibbamu, ni ari’atamus. (Mat. 10:22, 23; Yoh. 15:20; 16:2) Kanaaf, yeroo eebbawwan addunyaa haaraatti argannu eeggachaa jirru kanatti, Kiristos duukaa bu’uun carraaqqii guddaafi obsaan danda’uu kan gaafatudha.—Mat. 7:13, 14; Luq. 13:24.
3. Kiristiyaanonni Waaqayyoon gammachiisuuf jireenya gadadoo jiraachuun akka isaan hin barbaachisne akkamitti beekna?
3 Kana jechuun, Kiristiyaanonni dhugaan jireenya gammachuu hin qabne jiraatu jechuudhaa? Hamma dhumni dhufutti jireenyi keenya gadda qofaan kan guutame ta’uu qabaa? Yihowaan, yeroo abdii inni kenne eeggannu kanatti gammachuudhaan akka jiraannu kan barbaadu Isaayaas 65:13, 14 dubbisi.) Faarfannaan 5:11, “Warri kooluu [Yihowaatti] galan hundinuu garuu haa gammadan, bara baraanis haa ililchan!” jedha. Eeyyee, rakkoo hedduu keessattillee, gammachuu guddaafi nagaa sammuu qabaachuun ni danda’ama. Macaafni Qulqulluun rakkoowwan nurra ga’an dandamachuufi gammadoo taanee jiraachuuf akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.
ta’uunsaa beekamaadha. Macaafni Qulqulluun, waaqeffattoonni dhugaa gammadoo ta’uusaanii irra deddeebi’ee ibsa. (Yihowaan ‘Waaqa Gammadaadha’
4. Waaqayyo yeroo aangoonsaa tuffatamu maaltu isatti dhaga’ama?
4 Yihowaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Waaqa Hundumaa Danda’u waan ta’eef, guutummaa uumama cufaarratti olaantummaa qaba. Wanti inni dhabe tokkollee hin jiru; akkasumas eenyuuyyuu isa hin barbaachisu. Yihowaan humna hammana hin jedhamne kan qabu ta’us, yeroo ijoolleesaa warra hafuuraa keessaa tokko isarratti ka’ee Seexana ta’etti baay’ee akka gadde beekamaadha. Boodas ergamoonni tokko tokko isaa wajjin hiriiruunsaanii isa gaddisiisee ta’uu qaba. Addaamiifi Hewwaan warri adda godhee isaan uumes, yeroo isa gananitti Waaqayyo hammam akka gadde yaadaa. Yeroo sanaa kaasee, ijoolleensaanii biliyoonaan lakkaa’aman olaantummaa Yihowaa fudhachuu didaniiru.—Rom. 3:23.
5. Keessumaa wanti Yihowaa dhiphisu maalidha?
5 Fincilli Seexanni kaase hamma ammaattis ittuma fufeera. Gara waggoota 6,000tiif Yihowaan namoonni waaqolii tolfamoo ennaa waaqeffatan, akkasumas hammeenya, ajjeechaafi addaggummaa saalaa ennaa raawwatan argaa tureera. (Uma. 6:5, 6, 11, 12) Kana malees, sobawwan ciiggaasisaa ta’aniifi arrabsoo dhaga’aa tureera. Waaqeffattoonnisaa warri dhugaallee al tokko tokko Waaqayyoon ni gaddisiisu. Macaafni Qulqulluun haalawwan akkasii keessaa tokko akkas jechuudhaan ibsa: “Isaan lafa duwwaa keessatti si’a meeqa isa irratti ka’an, si’a meeqas lafa onaa keessatti isa gaddisiisan! Isaan deddeebi’anii isa in qoran, isa qulqulluu kan Israa’elis in aarsan.” (Far. 78:40, 41) Yihowaan yeroo sabnisaa isa ganan gadda guddaatu isatti dhaga’ama. (Er. 3:1-10) Sababii kanaan yeroo wanti hamaan isaanirra ga’ummoo baay’ee akka dhiphatu beekamaadha.—Isaayaas 63:9, 10 dubbisi.
6. Waaqayyo haalawwan dhiphisaa ta’aniif ilaalcha akkamii qaba?
6 Haata’u malee, Yihowaan kan miidhameefi kan gadde ta’uunsaa, tarkaanfii fudhachuurraa duubatti akka jedhu isa hin godhu. Yeroo rakkoowwan uumaman, Yihowaan dafee tarkaanfii fudhachuudhaan balaa ga’uu danda’u hir’isa. Akkasumas dhumarratti kaayyoosaa galmaan Far. 104:31) Yihowaan arrabsoon akkamiiyyuu yoo isarra ga’e, ‘Waaqa gammadaa’ ta’ee itti fufa.—1 Xim. 1:11; Far. 16:11.
ga’uuf jecha, tarkaanfii yeroo dheeraa gaafatu fudhateera. Yihowaan tarkaanfiiwwan gaarii kana fudhachuudhaan, yeroo olaantummaasaa itti mirkaneessuufi waaqeffattootasaa amanamoo ta’an itti eebbisu hawwiidhaan eega. (7, 8. Yeroo rakkinni tokko uumamu, fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Dandeettii rakkoowwan furuuf qabnu ilaalchisee Yihowaa wajjin wal gituu akka hin dandeenye beekamaadha. Ta’us, yeroo rakkoon nu mudatu fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya. Wanti gadheen yommuu nama mudatu gadduun waanuma jirudha; haala sanaan itti fufuun keenya garuu barbaachisaa miti. Fakkaattii Yihowaatiin waan uumamneef, dandeettii yaaduufi ogummaa rakkoowwan keenya hubannee yeroo barbaachisaa ta’etti furmaata itti laachuuf nu dandeessisu qabna.
8 Rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan dandamachuuf wanti barbaachisaa ta’e inni tokko, wantoonni tokko tokko to’annaa keenyaa ol ta’uusaanii hubachuudha. Rakkoowwan kana yaannee dhiphachuun keenya, abdii nu kutachiisuufi gammachuu waaqeffannaa dhugaarraa argannu nu dhabsiisuu danda’a. Rakkoo tokko hiikuuf tarkaanfii sirrii ta’e erga fudhannee booda, isarratti garmalee yaaduu dhiisnee waan caalaatti bu’aa qaburratti xiyyeeffachuu qabna. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu kanaa gadi jiran, kana kan argisiisanidha.
Ilaalcha Sirrii Qabaachuun Barbaachisaadha
9. Haannaan ilaalcha sirrii qabaachuushee kan argisiiste akkamitti?
9 Haannaa, ishee yeroo booda haadha Saamu’el raajichaa taate akka fakkeenyaatti fudhadhaa. Mucaa utuu hin godhatin hafuusheetiin garaanshee baay’ee gaddee ture. Kanaan ka’es itti ga’isameera. Al tokko tokko Haannaan baay’ee gadduusheerraa kan ka’e ni boossi, midhaanis ni lagatti turte. (1 Sam. 1:2-7) Gaaf tokko Haannaan mana qulqullummaa Yihowaa keessatti “garaa isheetti guddaa gadditee, mararamtee boo’aa Waaqayyoon in kadhatti turte.” (1 Sam. 1:10) Haannaan wanta isheetti dhaga’amu Yihowaatti erga himattee booda, angafa lubootaa kan ta’e Eliin “Nagaadhaan dhaqi! Waaqayyo inni kan Israa’el waan ati isa kadhatte siif haa kennu!” jedheen. (1 Sam. 1:17) Yeroo kanatti Haannaan wanta gochuu dandeessu hunda akka goote hubatteetti. Dhabduu ta’uushee ilaalchisee wanti gochuu dandeessu jiraachuu baatus, ilaalcha sirrii qabaachuushee argisiisteetti. Sana booda “karaa ishee irra in buute; nyaatas in nyaatte, deebitees nyaara hin guurre.”—1 Sam. 1:18.
10. Phaawulos, rakkinni inni furuu hin dandeenye yeroo isa mudatetti ilaalcha akkamii akka qabu argisiise?
10 Phaawulos ergamaanis yeroo rakkinni irra ga’e ilaalcha akkasii qabaachuusaa argisiiseera. Rakkina dhiphina guddaa isarraan ga’e qaba ture. Rakkina kana ‘wanta dhagna keessa taa’ee na waraanu’ jedhee waameera. (2 Qor. 12:7) Dhukkubichi maaliyyuu yoo ta’e, Phaawulos fayyuuf Yihowaa kadhachuudhaan waan gochuu danda’u godheera. Phaawulos dhimma kana ilaalchisee si’a meeqa Yihowaa kadhate? Si’a sadii. Yeroo sadaffaa booda Yihowaan, ‘wanti dhagna keessa taa’ee Phaawulosiin waraanu’ sun dinqiidhaan akka isarraa hin balleeffamne itti hime. Phaawulosis yaada kana fudhatee, guutummaatti Yihowaa tajaajiluurratti xiyyeeffateera.—2 Qorontos 12:8-10 dubbisi.
11. Kadhannaafi himanni rakkina nurra ga’u dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
11 Fakkeenyawwan kun, dhimmawwan nu dhiphisan ilaalchisee Yihowaa kadhachuu dhaabuu qabna yaada jedhu kan dabarsan miti. (Far. 86:7) Kanaa mannaa Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!” Yihowaan kadhataafi himata akkasiitiif deebii kan kennu akkamitti? Macaafni Qulqulluun itti dabaluudhaan akkas jedha: “Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filp. 4:6, 7) Eeyyee, Yihowaan rakkina keenya nurraa hin balleessu ta’a; haata’u malee, yaada keenya nuu eeguudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu ni danda’a. Dhimma sana ilaalchisee kadhannaa erga goonee booda, garmalee dhiphachuun balaa akka qabu ni hubanna ta’a.
Fedha Waaqayyoo Raawwachuudhaan Gammadaa
12. Yeroo dheeraadhaaf gadduun miidhaa geessisuu kan danda’u maaliifi?
12 Fakkeenyi 24:10, “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa” jechuudhaan dhugaasaa dubbata. Fakkeenyi kan biraanimmoo, “Namni garaan isaa gadda qabu garuu yaadni isaa cabaa dha” jedha. (Fak. 15:13) Kiristiyaanonni tokko tokko, dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluu hamma dadhabanitti abdii kutataniiru. Kadhannaa kan godhan maqumaaf yommuu ta’u, waaqeffattoota hidhatasaanii ta’anirraas adda of baasu ta’a. Dhugumayyuu, yeroo dheeraadhaaf gadduun miidhaa geessisa.—Fak. 18:1, 14.
13. Sochiiwwan gadda nurra ga’anirratti akka hin xiyyeeffanne nu taasisaniifi gammachuu nuu argamsiisuu danda’an tokko tokko kamfa’i?
13 Karaa biraammoo, ilaalcha ni ta’a jedhu qabaachuun bifa jireenya keenyaa isa gammachuu irraa argannurratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Daawit, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola” jechuudhaan barreesseera. (Far. 40:8) Jireenya keenya keessatti rakkinni ennaa nurra ga’u, wanti gochuu qabnu inni guddaan, sochii waaqeffannaa keenyaa wajjin wal qabate itti fufuudha. Gadda mo’uuf qorichisaa, sochiiwwan gammachuu argamsiisanirratti hirmaachuudha. Yihowaan, yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuufi gadi fageenyaan qoruudhaan gammachuu argachuu akka dandeenyu nutti hima. (Far. 1:1, 2; Yaq. 1:25) Caaffata Qulqullaa’oorraas ta’e walga’iiwwan Kiristiyaanaarraa, ‘dubbii ba’eessa’ nu jajjabeessuufi nu gammachiisuu danda’u ni arganna.—Fak. 12:25; 16:24.
14. Abdii Yihowaan nuu kenne isa kamtu yeroo ammaa gammachuu nuu argamsiisa?
14 Waaqayyo wantoota gammachuu nuu argamsiisan baay’ee nuu kenna. Abdiin fayyinaa Inni nuu kenne, madda gammachuu isa guddaadha. (Far. 13:5) Amma wanti akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, dhumarratti Waaqayyo warra garaa guutuudhaan isa barbaadan akka badhaasu beekna. (Lallaba 8:12 dubbisi.) Anbaaqom raajichi amantii akkanaa qabaachuusaa yeroo ibsu akkas jedheera: “Mukti harbuu yoo daraaruu dhaabaate iyyuu, mukti waynii, mukti ejersaas yoo ija godhachuu dhaabaatan iyyuu, maasiin midhaan yoo baasuu dhaabaate iyyuu, hoolonni goorantoo keessa, saawwanis dallaa keessa yoo jiraachuu dhaabaatan iyyuu, ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada.”—An. 3:17, 18.
“Sabni Yihowaan Waaqasaa Ta’e Gammadaadha!”
15, 16. Eebbawwan gara fuulduraatti argannu yeroo eeggannutti, kennaawwan Waaqayyoo nu gammachiisuu danda’an tokko tokko caqasi.
15 Yeroo gara fuulduraa gammachiisaa ta’e sana yommuu eeggannutti, Yihowaan wantoota gaggaarii inni nuu kennetti akka gammannu barbaada. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka; namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti.” (Lal. 3:12, 13) ‘Wanta gaarii hojjechuun’ warra kaaniif gocha gaarii raawwachuu dabalata. Yesus, fudhachuu caalaa kennuun akka nama gammachiisu dubbateera. Wanti gaariin hiriyaa gaa’elaa, ijoollee, warraafi firoota keenya kaaniif goonu, gammachuu guddaa nuu argamsiisa. (Fak. 3:27) Obboloota keenyaaf garaa kan laafnu, keessummummaadhaan kan isaan simannuufi dhiifama kan isaaniif goonu ta’uun keenya, nuufis ta’e Yihowaadhaaf gammachuu guddaa argamsiisa. (Gal. 6:10; Qol. 3:12-14; 1 Phe. 4:8, 9) Kana malees, fedhii ofii aarsaa gochuudhaan tajaajila keenya raawwachuun kan nama kiisudha.
16 Yaanni olitti macaafa Lallabaarraa fudhatame, gammachuu salphaa sochiiwwan akka nyaachuufi dhuguurraa argamu ibsa. Eeyyee, yeroo rakkinaattillee waan Yihowaan jireenyaaf nuu kenne kamittiyyuu gammachuu argachuu dandeenya. Dabalataanis, halluu dinqisiisaan yeroo biiftuun lixxu samiirratti mul’atu, taa’umsi lafaa ajaa’ibsiisaa ta’e, ilmooleen horii yommuu burraaqan arguuniifi uumamni dinqisiisaan kaan, gatii utuu hin kaffalchiisin dinqisiifannaafi gammachuudhaan nu guutu. Wantoota akkasiirratti yeroo xiinxallu, jaalalli Yihowaa isa waan gaarii hunda kennuuf qabnu ni guddata.
17. Rakkoorraa guutummaatti kan nu furu maalidha? Hammasittoo maaltu nu jajjabeessa?
17 Jaalalli Waaqayyoof qabnu, akkasumas abboommiiwwansaatiif ajajamuun keenyaafi amantiin aarsaa furichaarratti qabnu, dhumarratti rakkina jireenyi mudaa qabu kun geessisurraa nu furee gammachuu barabaraatti nu geessa. (1 Yoh. 5:3) Hanga yeroo sanaatti, Yihowaan wantoota nu dhiphisan hunda akka beeku hubachuun keenya nu jajjabeessa. Daawit akkas jechuudhaan barreesseera: “Ati gadadamuu koo argiteetta, muddama lubbuu koos anaaf beekteetta; kanaaf sagalee gammachuu nan dhageessisa, gaarummaa keettis nan gammada.” (Far. 31:7) Yihowaan jaalala nuuf qabuun kaka’ee rakkinarraa nu fura.—Far. 34:19.
18. Sabni Waaqayyoo gammaduu kan qabu maaliifi?
18 Yihowaan abdii nuu kenne hanga raawwatutti, fakkeenya Waaqa gammadaa ta’e kanaa haa hordofnu. Miira sirrii hin taane qabaachuun, karaa hafuuraa akka nu laaffisu heyyamuu hin qabnu. Yeroo rakkinni uumamu, dandeettii yaaduufi ogummaadhaan haa geggeeffamnu. Yihowaan miira keenya akka to’annuufi balaa rakkinni uumame sun fidu hir’isuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhannu nu gargaara. Wantoota gaarii karaa fooniis ta’e karaa hafuuraa isa biraa argannutti haa gammannu. “Sabni Yihowaan waaqasaa ta’e gammadaadha!” waan jedhameef, Waaqayyotti maxxannee jiraachuudhaan gammaduu dandeenya.—Far. 144:15, NW.
Maal Baratte?
• Yeroo rakkinni nurra ga’u, fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
• Ilaalcha sirrii qabaachuun, rakkina dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
• Yeroo dhiphinaatti, fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan gammaduu kan dandeenyu akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 16rra jiru]
Yihowaan rakkoowwan namootarra ga’aniin baay’ee dhiphata
[Fakkii fuula 16rra jiru]
© G.M.B. Akash/Panos Pictures
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Yihowaan wanta gammachuu keenya eegnee itti fufuuf nu gargaaru nuu kenneera