Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Duuka Buutuu Kiristos Isa Dhugaa Ta’uukee Argisiisi

Duuka Buutuu Kiristos Isa Dhugaa Ta’uukee Argisiisi

Duuka Buutuu Kiristos Isa Dhugaa Ta’uukee Argisiisi

“Mukti gaariin ija ba’eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata.”—MAT. 7:17.

1, 2. Yeroo dhumaa kanatti duuka buutonni Kiristos warri dhugaan, warra sobaarraa adda baafamanii kan beekaman akkamitti?

YESUS namoonni sobaan isa tajaajilla jedhan ija godhataniin, jechuunis barumsaafi gochasaaniitiin duuka buutotasaa warra dhugaarraa adda akka ta’an dubbatee ture. (Mat. 7:15-17, 20) Wanti namoonni sammuufi garaasaanii sooran dhiibbaa akka isaanirraan geessisu homaa hin shakkisiisu. (Mat. 15:18, 19) Warri barumsa sobaa sooratan “ija hamaa” kan godhatan si’a ta’u, warri karaa hafuuraa barumsa dhugaa sooratan garuu “ija ba’eessa” godhatu.

2 Gosti ijaa lamaan kun yeroo dhumaa kanatti ifatti mul’achaa jiru. (Daani’el 12:3, 10 dubbisi.) Kiristiyaanonni sobaa Waaqayyoof ilaalcha dogoggoraa kan qaban ta’uusaarrayyuu, yeroo baay’ee nama Waaqayyoo of fakkeessu; warri hubannaa hafuuraa qaban garuu, “hafuuraa fi dhugaadhaan” Yihowaa waaqeffatu. (Yoh. 4:24; 2 Xim. 3:1-5) Kiristiyaanonni dhugaan amalawwan Kiristos argisiisuuf carraaqqii godhu. Nutoo dhuunfaatti kana gochaa jirraa? Wantoota Kiristiyaanonni dhugaan ittiin beekamaniifi armaan gaditti caqasaman shan yommuu qortu, akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wanti ani raawwadhuufi namoota barsiisu guutummaatti Dubbii Waaqayyoo wajjin kan walsimudhaa? Wanti ani raawwadhuufi barsiisu dhugaan namoota akka hawwatu kan godhudhaa?’

Dubbii Waaqayyootiin Jiraadhu

3. Wanti Yihowaa gammachiisu maalidha? Kiristiyaanota dhugaadhaaf kana gochuun maalfaa dabalata?

3 Yesus, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 7:21) Eeyyee, wanti Yihowaa gammachiisu Kiristiyaana ofiin jechuu utuu hin ta’in, wanta Kiristiyaana tokkorraa eegamu hojjechuudha. Dhimmi kun duuka buutota Kiristos warra dhugaatiif, ilaalcha qarshiidhaaf, hojiidhaaf, bashannanaaf, aadaa biyya lafaatiif, guyyoota ayyaanaa kabajuuf, gaa’elaafi walitti dhufeenya namootaa wajjin qaban dabalatee jireenyasaanii hundaa kan ilaallatudha. Kiristiyaanonni sobaa garuu yeroo dhumaa kanatti, ilaalchaafi akkaataa jireenyaa biyya lafaa Waaqayyoon hin gammachiisne hordofaa jiru.—Far. 92:7.

4, 5. Dubbii Yihowaa isa Miilkiyaas 3:18⁠rra jiru hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Kanaan kan ka’es Miilkiyaas raajichi, “Yommus isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal’oota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu” jechuudhaan barreesseera. (Mil. 3:18) Wanta olitti caqasame kanarratti yommuu xiinxaltu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Biyya lafaa wajjin wal fakkaadheen jiraadhamoo, adda ta’een mul’adha? Yeroo hundaa namootan wajjin hojjedhus ta’e, wajjin baradhu biratti fudhatama argachuufan carraaqamoo, yeroo barbaachisaa ta’etti ejjennookoo ibsuudhaan seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti amantaa cimaa akkan qabun argisiisa?’ (1 Phexros 3:16 dubbisi.) Qulqulluu of fakkeessuu kan hin barbaanne taanus, namoota Yihowaa hin jaallanneefi hin tajaajillerraa adda ta’uu qabna.

5 Sirreeffama gochuu akka qabdu yoo hubatte, dhimma kana ilaalchisee maaliif kadhannaa hin gootu? Akkasumas yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, kadhannaa gochuufi walga’iiwwanirratti argamuudhaan, karaa hafuuraa jajjabina argachuuf maaliif hin yaaltu? Dubbii Waaqayyoo caalaatti hojiirra yommuu oolchitu, ‘wanta afaankee keessaa ba’uun maqaasaa beeksista,’ akkasumas “ija ba’eessa” godhachaa adeemta.—Ibr. 13:15.

Mootummaa Waaqayyoo Lallabi

6, 7. Ergaa Mootummichaa lallabuu ilaalchisee, Kiristiyaanota dhugaafi warra sobaa gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?

6 Yesus, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedheera. (Luq. 4:43) Yesus yommuu tajaajilu Mootummaa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa guddaa kan kenne maaliif ture? Yesus Mootii Mootummichaa akka ta’uufi obbolootasaa warra dibamoo du’aa ka’anii wajjin ta’uudhaan, wantoota madda rakkina ilmaan namootaa ta’an, jechuunis cubbuufi Diiyaabilosiin akka balleessu beeka ture. (Rom. 5:12; Mul. 20:10) Duuka buutonnisaa hamma dhuma barichaatti Mootummicha akka labsan kan ajaje kanaafidha. (Mat. 24:14) Namoonni afaanumaaf duuka buutota Kiristos akka ta’an dubbatan hojii kana hin hojjetan, hojjechuus hin danda’an. Maaliif? Yoo xinnaate sababii sadiin kan ka’edha: Tokkoffaa, wanta hin hubanne lallabuu hin danda’an. Lammaffaa, baay’eensaanii yommuu ergaa Mootummichaa namootaaf lallaban, mormiifi ga’isa isaanirra ga’u mo’uuf, amala gad of deebisuufi ija jabina hin qaban. (Mat. 24:9; 1 Phe. 2:23) Sadaffaa, Kiristiyaanonni sobaa hafuura Waaqayyoo hin qaban.—Yoh. 14:16, 17.

7 Duuka buutonni Kiristos warri dhugaan garuu, Mootummaan Waaqayyoo maal akka ta’eefi maal akka raawwatu beeku. Kana malees, gargaarsa hafuura Yihowaatiin addunyaa maratti Mootummicha labsuudhaan fedhii Mootummichaatiif dursa kennu. (Zak. 4:6) Hojii kanarratti yeroo hundaa hirmaachaa jirtaa? Yeroo dabalataa tajaajilarratti dabarsuudhaan ykn caalaatti bu’a qabeessa ta’uudhaan dandeettii lallabuukee fooyyeffachuuf carraaqqii gochaa jirtaa? Obboloonni tokko tokko akka gaariitti Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan qulqullina tajaajilasaanii fooyyessuuf yaalii godhaniiru. Phaawulos ergamaan inni Caaffata Qulqullaa’oorraa ragaa dhiheessuudhaan beekamu, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha humna hojjetus of keessaa qaba” jechuudhaan barreesseera.—Ibr. 4:12; HoE. 17:2, 3.

8, 9. (a) Muuxannoowwan tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e ibsan kamfa’i? (b) Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu caalaatti amaleeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Obboleessi tokko manaa gara manaatti yommuu tajaajilu, nama amantii Kaatolikii hordofu tokkoof Daani’el 2:44 erga dubbisee booda, Mootummaan Waaqayyoo nagaafi tasgabbii akkamitti akka fidu ibseef. Namichis deebisee, “Afaanumaan natti himuu mannaa, Macaafa Qulqulluurraa baastee waan natti argisiisteef garaadhaan sin dinqisiifadha” jedhe. Obboleessi tokko dubartii amantii Ortodoksii Giriikii hordoftuuf caqasa tokko yommuu dubbisu, gaaffii fedhii qabaachuushee argisiisu hedduu isa gaafatte. Yeroo kanattis, obboleessi kun haadha manaasaa wajjin ta’uudhaan Macaafa Qulqulluurraa deebii kenneef. Booda dubartiin kun akkas jette: “Isinii wajjin mari’achuuf fedhii kanan qabaadhe maaliif akka ta’e beektuu? Macaafa Qulqulluu keessanirraa waan naa dubbistaniifidha.”

9 Dhugaadha, barreeffamoonni keenya baay’ee barbaachisaa waan ta’aniif tajaajilarratti namootaaf kennamuu qabu. Haata’u malee, kitaabni caalaatti itti fayyadamnu Macaafa Qulqulluudha. Kanaaf, tajaajilarratti yeroo hunda Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu hin amaleeffanne taanaan, kana gochuuf maaliif galma hin baafattu? Tarii caqasoota muraasa Mootummaan Waaqayyoo maal akka ta’eefi rakkoowwan namoota naannookee yaaddessan akkamitti akka furu ibsan filachuu dandeessa ta’a. Achiis yommuu manaa gara manaatti lallabdu caqasoota kana dubbisuuf yaali.

Maqaa Waaqayyootiin Waamamuu Akka Ulfinaatti Ilaali

10, 11. Maqaa Waaqayyootti fayyadamuu ilaalchisee, Yesusiifi namoota isa hordofna jedhan gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?

10 “Ani duwwaan Waaqayyo akkan ta’e isin dhuga-baatuu koo ti! jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.” (Isa. 43:12) Dhugaa Baatuu Yihowaa isa hunda caalu kan ta’e Yesus Kiristos, maqaa Waaqayyootiin waamamuufi maqaa kana beeksisuu akka ulfinaatti ilaaleera. (Ba’uu 3:15; Yohannis 17:6; Ibroota 2:12 dubbisi.) Yesus maqaa Abbaasaa waan lallabeef “dhuga-baatuu amanamaa” jedhameera.—Mul. 1:5; Mat. 6:9.

11 Haala kanarraa faallaa ta’een, namoonni Waaqayyoofi Ilmasaa bakka buuna jedhan hedduun, maqaa kanaaf ilaalcha gadhee akka qaban argisiisuusaaniirrayyuu, maqaa kana hiika Macaafa Qulqulluusaanii keessaa baasaniiru. Qajeelfamni dhiheenya kana luboota Kaatolikiitiif yeroo waaqeffannaatti, “Maqaan Waaqayyoo inni tetiraagiraamaataniitti YHWH jedhamu akka hin waamamnes ta’e akka itti hin fayyadamne” kenname, ilaalcha akkasii akka qaban kan argisiisudha. * Ilaalchi akkasii yeellaasisaa mitii?

12. Tajaajiltoonni Yihowaa bara 1931 caalaatti maqaa Yihowaatiin waamamuu kan jalqaban akkamitti?

12 Kiristiyaanonni dhugaan fakkeenya Kiristosiifi “dhuga-baatota akka duumessaa” isa dura turan hordofuudhaan, maqaa Waaqayyootti fayyadamuu akka ulfinaatti ilaalu. (Ibr. 12:1) Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara 1931 yommuu maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun moggaafaman, caalaatti maqaa Yihowaatiin waamamuu jalqaban. (Isaayaas 43:10-12 dubbisi.) Kanaan kan ka’es, duuka buutonni Kiristos warri dhugaan, karaa adda ta’een, ‘saba biyya lafaa keessaa warra maqaa Waaqayyootiin waamaman’ ta’aniiru.—HoE. 15:14, 17.

13. Maqaa Waaqayyo nuu kennee wajjin walsimnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Dhuunfaatti maqaa Waaqayyo nuu kennee wajjin walsimnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, Waaqayyoof amanamummaadhaan dhugaa ba’uu qabna. Phaawulos, “Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola” jechuudhaan erga barreessee booda; “Namoonni immoo, nama itti hin amanne attamitti waammatu ree? Attamittis nama waa’ee isaa dhaga’anii hin beeknetti amanu ree? Namni utuu isaanitti hin lallabin, attamitti waa’ee isaa dhaga’u ree? Namoonni yoo ergaman malee, attamitti lallabu ree?” jedheera. (Rom. 10:13-15) Kana malees, barumsawwan kan akka ibidda qilillee amantii sobaarra maddaniifi Uumaan keenya inni jaalala qabeessi amala Seexanaa isa hamaa akka qabu fakkeessan malaan saaxiluu qabna.—Er. 7:31; 1 Yoh. 4:8; Maarqos 9:17-27 waliin ilaali.

14. Namoonni tokko tokko maqaa Waaqayyoo yommuu beekan maaltu itti dhaga’ame?

14 Maqaa Abbaakee isa samiitiin waamamuu akka ulfinaatti ilaaltaa? Warri kaan maqaa qulqulluu ta’e kana akka beekan ni gargaartaa? Dubartiin biyya Faransaay magaalaa Paaris jiraattu tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa Waaqayyoo akka beekan dhageesse; kanaaf, Dhugaa Baatuu tokko yommuu argitu maqaa kana Macaafa Qulqulluusheerraa akka itti argisiistu gaafatte. Faarfannaa 83:18 yommuu dubbistu baay’ee isheetti dhaga’ame. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabde si’a ta’u, yeroo ammaa biyya gara biraatti amanamummaadhaan tajaajilaa jirti. Dubartiin amantii Kaatolikii hordoftuufi Awustiraaliyaa jiraattu tokko, maqaa Waaqayyoo yeroo jalqabaatiif Macaafa Qulqulluurraa yommuu argitu gammachuudhaan imimmaanshee dhangalaaste. Dubartiin kun hamma har’aatti waggaa dheeraadhaaf qajeelchaa taatee tajaajilaa jirti. Dhiheenya kana Dhugaa Baatonni Jaamaayikaa, dubartii tokkotti Macaafa Qulqulluusheerraa maqaa Waaqayyoo yommuu itti argisiisan, isheenis gammachuudhaan imimmaanshee dhangalaaste. Kanaaf, maqaa Waaqayyootiin waamamuufi fakkeenya Yesus hordofuudhaan, maqaa dinqisiisaa kana nama hundaatti beeksisuu akka ulfinaatti ilaali.

‘Biyya Lafaa Hin Jaallatin’

15, 16. Kiristiyaanonni dhugaan biyya lafaatiif ilaalcha akkamii qabu? Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?

15 “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru.” (1 Yoh. 2:15) Biyyi lafaafi ilaalchi foonii inni qabu, Yihowaafi hafuura qulqulluudhaan kan mormudha. Kanaaf, duuka buutonni Kiristos warri dhugaan kan biyya lafaa ta’uu qofaarraa of qusatu miti. Wanta Yaaqoob, ‘Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo nama godha’ jechuudhaan barreesse waan beekaniif, biyya lafaa jaallachuurraas ni fagaatu.—Yaq. 4:4.

16 Biyya lafaa karaa addaddaa nama qoru keessatti gorsa Yaaqoob hordofuun rakkisaa ta’uu danda’a. (2 Xim. 4:10) Yesus bartootasaatiif, “Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu. Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa miti” jechuudhaan kan kadhate kanaaf ture. (Yoh. 17:15, 16) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Kan biyya lafaa ta’uurraa fagaachuuf nan carraaqaa? Warri kaan ejjennoo ani guyyoota ayyaanaafi aadaawwan deggersa Caaffata Qulqullaa’oo hin qabneef qabu, akkasumas wantonni kun amantii sobaarraa kan dhufan ta’uu baatanis, hafuura biyya lafaa ifatti calaqqisaniif qabu ni beekuu?’—2 Qor. 6:17; 1 Phe. 4:3, 4.

17. Namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaa cina akka dhaabbatan kan isaan kakaasuu maalidha?

17 Ejjennoon keenya inni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kabaja biyya lafaa nuuf argamsiisuu baatus, fedhii namoota garaa qajeelaa qabanii kakaasuu akka danda’u beekna. Namoonni akkasii amantiin keenya guutummaatti Caaffata Qulqullaa’oorratti akka hundaa’eefi akkaataa jireenyaa keenya hundarratti akka mul’atu ni hubatu. Kunis fakkeenyaan dibamtootaan, “Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna” akka jedhan isaan kakaasuu danda’a.—Zak. 8:23.

Jaalala Dhugaa Argisiisi

18. Yihowaafi namoota jaallachuun maal dabalata?

18 Yesus, “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuu . . . Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’” jedheera. (Mat. 22:37, 39) Jaalalli (afaan Giriikiitiin agaappee jedhamu) hojii, seeraafi amala gaariidhaan kan argisiifamu ta’us, yeroo baay’ee miira cimaa kan of keessaa qabudha. Jaalalli kun ho’aafi garaadhaa kan maddudha. (1 Phe. 1:22) Dubbiifi gocha warra kaaniif akka yaannu argisiisuun waan mul’atuuf, ofittummaarraa faallaa kan ta’edha.1 Qorontos 13:4-7 dubbisi.

19, 20. Muuxannoowwan jaalalli Kiristiyaanotaa humna akka qabu argisiisan tokko tokko dubbadhu.

19 Jaalalli ija hojii hafuuraa waan ta’eef, Kiristiyaanonni dhugaan wanta namoonni kaan gochuu hin dandeenye, jechuunis qomoo, aadaafi siyaasaan wal qooduurraa fagaachuuf isaan gargaara. (Yohannis 13:34, 35 dubbisi; Gal. 5:22) Namoonni hoolotatti fakkeeffaman jaalala akkasii yommuu argan garaansaanii ni tuqama. Fakkeenyaaf, dargaggeessi Yihudii biyya Israa’el jiraatu tokko yeroo jalqabaatiif walga’ii Kiristiyaanaarratti argamee, Araboonniifi Yihudoonni tokkummaadhaan Yihowaa yommuu waaqeffatan arguunsaa isa dinqisiisee ture. Kanaan kana ka’es, yeroo hundaa walga’iiwwanirratti argamuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Atoo obboloota keetiif jaalala garaadhaa madde akkasii qabdaa? Sanyiinsaanii, biftisaanii ykn sadarkaa isaan hawaasa keessatti qaban maaliyyuu yoo ta’e, namoonni haaraan yommuu gara Galma Mootummaa dhufan miira ho’aadhaan simachuuf carraaqqii gootaa?

20 Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, nama hundaa jaallachuuf carraaqna. Biyya Eel Saalvaadoritti babal’istuun tokko, maanguddoo umrii waggaa 87 qabaniifi amantii Kaatolikii cimsanii hordofan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisti turte. Gaaf tokko maanguddoon kun baay’ee dhukkubsatanii hospitaala ciisan. Maanguddoon kun yommuu gara manaatti deebi’an, babal’istuun kun isaanii bilbiltee nyaata akka isaanii fiddu itti himte. Kana gochuushees ji’a tokkoof itti fufte. Miseensota amantii maanguddoo kanaa keessaa namni isaan gaafachuu dhufe tokkollee hin turre. Kun bu’aa maalii argamsiise? Fakkiiwwan waaqeffannaaf itti fayyadaman balleessuufi mana sagadaasaanii keessaa ba’uudhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuusaanii itti fufan. Eeyyee, jaalalli Kiristiyaanonni dhugaan argisiisan humna qaba! Jaalalli, dubbii keenya caalaa garaa namootaa tuquu danda’a.

21. Abdiin keenya gara fuulduraa amansiisaa akka ta’u gochuu kan dandeenyu akkamitti?

21 Yesus warra sobaan isa tajaajilla jedhaniin, dhiheenyatti, “Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa” isaaniin jedha. (Mat. 7:23) Kanaaf ija gaarii Abbaafis ta’e Ilmaaf ulfina argamsiisu haa godhannu. Yesus, “Namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama” jedheera. (Mat. 7:24) Eeyyee, duuka buutota Kiristos warra dhugaa yoo taane, surraa Waaqayyoo arganna, abdiin keenya gara fuulduraas akka waan dhagaarratti ijaaramee amansiisaa nuu ta’a.

[Miiljaleewwan]

^ key. 11 Hiika Macaafa Qulqulluu Za Jerusaalem Baayibil jedhamu dabalatee, barreeffamoonni Kaatolikii ammayyaa Ingiliffaan qophaa’an hedduun, tetiraagiraamaatan “Yaahwee” jedhanii hiikaniiru.

Ni Yaadattaa?

• Duuka buutonni Kiristos warri dhugaan warra sobaarra adda kan baafaman akkamiitti?

• “Ija” gaarii Kiristiyaanonni dhugaan ittiin beekaman tokko tokko dubbadhu.

• Ija gaarii Kiristiyaanonni dhugaan ittiin beekaman horachuuf galma akkamii baafachuu dandeessa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Tajaajilarratti yeroo hundaa Macaafa Qulqulluutti ni fayyadamtaa?

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Guyyoota ayyaanaa deggersa Caaffata Qulqullaa’oo hin qabneef ejjennoo ati qabdu warri kaan beekuu?