Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo hunda Karaa Waaqayyoof Ulfina Fiduun Jiraadhaa

Yeroo hunda Karaa Waaqayyoof Ulfina Fiduun Jiraadhaa

Yeroo hunda Karaa Waaqayyoof Ulfina Fiduun Jiraadhaa

DAAWIT faarfatichi, “Ganama bariidhaan gaarummaan kee akka anatti dhaga’amu godhi! . . . Karaa irra adeemuun anaaf ta’u ana beeksisi!” jechuudhaan Yihowaa kadhatee ture. (Far. 143:8) Hirribaa kaatanii Yihowaan guyyaa kanaan waan isin ga’eef yommuu isa galateeffattan, isinis akkuma Daawit qajeelfama murtoo gochuufi murtoo kanas akka gaariitti hojiirra oolchuuf isin dandeessisu akka isinii kennu Yihowaa ni kadhattuu? Kana akka gootan beekamaadha.

Tajaajiltoota Yihowaadhaaf of murteessine waan taaneef, ‘yommuu nyaannu ykn yommuu dhugnu ykn waanuma hojjennu hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjechuuf’ carraaqna. (1 Qor. 10:31) Akkaataan jireenyaa keenya, Yihowaadhaaf ulfina kan fidu ykn ulfina kan hin finne ta’uu akka danda’u beekna. Kana malees, akka Dubbiin Waaqayyoo jedhutti, Seexanni “halkanii fi guyyaa” obboloota Kiristosiifi tajaajiltoota Waaqayyoo lafarra jiran hunda akka hadheessu hin dagannu. (Mul. 12:10) Kanaaf, himata sobaa Seexanni dhiheessuuf deebii kennuufi “halkanii fi guyyaa” Abbaa keenya isa samiitiif tajaajila qulqulluu dhiheessuudhaan, garaa Yihowaa ciibsuuf murtoo gooneerra.—Mul. 7:15; Fak. 27:11.

Mee karaawwan yeroo hunda Waaqayyoof ulfina fiduu itti dandeenyu lama gabaabaadhumatti haa ilaallu. Inni tokkoffaan wanta caalaatti barbaachisaa ta’eef dursa kennuu, inni lammaffaanimmoo warra kaaniif akka yaannu argisiisuudha.

Waadaa Gallee Wajjin Walsimnee Jiraachuu

Garaadhaa Yihowaa tajaajiluuf fedhii akka qabnu, isaaf of murteessuudhaan argisiisneerra. Akkasumas, “Guyyaa guyyaatti” barabaraaf daandiisaarra adeemuuf waadaa galleerra. (Far. 61:5, 8) Haata’u malee, waadaa gallee wajjin walsimnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hunda garaa guutuu Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Dubbiin Waaqayyoo, wanta Yihowaan nurraa barbaadu nutti hima. (Kes. 10:12, 13) Isaan keessaa hedduunsaanii saanduqa mataduree, “Wanta Waaqayyo Nurraa Barbaadu” jedhuufi fuula 22⁠rratti argamu keessatti ibsamaniiru. Wantoota Waaqayyo nurraa barbaadu kana hunda raawwachuun baay’ee barbaachisaadha. Wantoonni barbaachisaa ta’an lama ykn isaa ol ta’an yommuu ergaan takkaa nu mudatan, isa kam dursuu akka qabnu murteessuu kan dandeenyu akkamitti?

Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, kadhannaa gochuun, walga’iiwwaniifi tajaajila dabalatee, tajaajila qulqulluu dhiheessinuuf dursa kennina. (Mat. 6:33; Yoh. 4:34; 1 Phe. 2:9) Haata’u malee, guyyaa guutuu wantoota kana raawwanna jechuu miti. Hojii alaa, barumsa barachuufi hojii mana keessaa addaddaas hojjechuu qabna. Haata’u malee, hojiin keenya ykn sochiiwwan garabiraan, walga’iiwwanirratti argamuu dabalatee tajaajila qulqulluu dhiheessinu akka nu jalaa hin tuqne carraaqqii cimaa goona. Fakkeenyaaf, yommuu boqonnaa ba’uuf karoorfannu, daawwannaan olaanaa aanaafi walga’iiwwan gurguddaan akka nu hin darbine gochuu qabna. Darbee darbee wantoota hedduu ergaan takkaa raawwachuu dandeenya ta’a. Fakkeenyaaf, maatiidhaan taanee Galma Mootummaa qulqulleessuu ykn sa’aatii laaqanaatti fayyadamnee namoota wajjin hojjennuuf ykn wajjin barannuuf dhugaa ba’uu dandeenya. Dhugumayyuu, yommuu filannaa tokko gochuun nu barbaachisu hundatti, jechuunis yommuu hojii barbaaddannu, yommuu gosa barumsaa ykn hiriyaa filannu, waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuu qabna.—Lal. 12:13.

Warra Kaaniif Akka Yaaddan Argisiisaa

Yihowaan warra kaaniif akka yaannuufi wanta gaarii akka isaanii goonu barbaada. Seexanni garuu, fedhii ofittummaa babal’isa. Biyyi lafaa Seexanni seerratus, namoota “ofittoo,” “waan isaan gammachiisu jaallatan,” akkasumas warra ‘akka yaada foon isaaniitti facaasaniin’ kan guutamedha. (2 Xim. 3:1-5; Gal. 6:8) Namoonni hedduun, gochisaanii warra kaanirratti dhiibbaa akkamii akka geessisu hin yaadan. “Hojiin foonii” bakka hundatti babala’ateera.—Gal. 5:19-21.

Namoonni walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabaniin hafuura Yihowaatiin geggeeffaman, jaalala, gaarummaafi arjummaa argisiisuudhaan ilaalcha olitti ibsamerra adda ta’e qabu. (Gal. 5:22) Dubbiin Waaqayyoo, fedha warra kaaniitiif dursa kennuu akka qabnu nutti hima. Kanaaf, dhimma namootaa keessa akka hin galle of eeggannoo gochaa, warra kaaniif akka yaannu hojiidhaan argisiisna. (1 Qor. 10:24, 33; Filp. 2:3, 4; 1 Phe. 4:15) Keessumaa namoota hidhata amantii keenya ta’aniif ni yaadna. Warra hin amanne gargaaruufis carraaqqii ni goona. (Gal. 6:10) Nama wal bartan tokkoof gaarummaa argisiisuuf mala ni barbaadduu?—Saanduqa “Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa” jedhuufi fuula 23⁠rratti argamu ilaali.

Gaarummaan, yeroo ykn haala adda ta’e tokkotti qofa argisiifamuu kan qabu miti. (Gal. 6:2; Efe. 5:2; 1 Tas. 4:9, 10) Kanaa mannaa, kana gochuun rakkisaa yoo nutti ta’ellee, yeroo hunda haala warri kaan keessa jiran hubachuuf yaalii gochuufi namoota gargaarsi barbaachisu gargaaruuf dammaqoo ta’uu qabna. Hamma humni keenya danda’e, yeroo, qabeenya, muuxannoofi ogummaa qabnu hunda warra kaaniif arjoomuu barbaanna. Yihowaan, warra kaaniif yommuu arjoomnu, innis akka nuuf arjoomu waadaa nuu galeera.—Fak. 11:25; Luq. 6:38.

“Halkanii fi Guyyaa” Tajaajila Qulqulluu Dhiheessuu

Dhuguma “halkanii fi guyyaa” Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuun ni danda’amaa? Yeroo hunda bifa waaqeffannaa keenya hundarratti dammaqinaan hirmaachuudhaan kana gochuun ni danda’ama. (HoE. 20:31) Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluu, dhimminee kadhachuu, walga’iiwwan hundarratti argamuuf carraaqqii gochuufi carraa argannetti fayyadamnee dhugaa ba’uudhaan, jireenyi keenya tajaajila qulqulluutti akka qabamu gochuu dandeenya.—Far. 1:2; Luq. 2:37; HoE. 4:20; 1 Tas. 3:10; 5:17.

Dhuunfaatti Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu akkasii dhiheessaa jirraa? Taanaan, fedhiin isa gammachiisuufi himata Seexanaatiif deebii kennuuf qabnu akkaataa jireenyaa keenya hundarratti ni mul’ata. Haala akkamii keessayyuu yoo jiraanne, wanta goonu hundumaan Yihowaadhaaf ulfina fiduuf carraaqna. Wanti dubbannu, wanti goonuufi wanti murteessinu hundi seerawwan bu’uuraasaa wajjin akka walsimu goona. Jajjabina Yihowaarraas ta’e tajaajilasaarraa argannurratti guutummaatti amanamuudhaan, kunuunsaafi gargaarsa inni nuu godhuuf dinqisiifannaa qabnu argisiisna. Cubbamoota ta’uu keenyaan yommuu seerasaa eeguu dadhabnu, gorsaafi adaba inni nuu kennu gammachuudhaan fudhanna.—Far. 32:5; 119:97; Fak. 3:25, 26; Qol. 3:17; Ibr. 6:11, 12.

Yeroo hunda karaa Waaqayyoof ulfina fiduun haa jiraannu. Kana yoo goone, lubbuu keenyaaf boqonnaa arganna, barabaraafis kunuunsa Abbaa keenya isa samii arganna.—Mat. 11:29; Mul. 7:16, 17.

[Saanduqa/Fakkii fuula 22rra jiru]

Wanta Waaqayyo Nurraa Barbaadu

• Yeroo hunda kadhachuu.—Rom. 12:12.

• Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuudhaan hojiirra oolchuu.—Far. 1:2; 1 Xim. 4:15.

• Gumii keessatti Yihowaa waaqeffachuu.—Far. 35:18; Ibr. 10:24, 25.

• Wanta karaa foonii, karaa hafuuraafi karaa miiraa maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuu.—1 Xim. 5:8.

• Misiraachoo Mootummichaa lallabuufi hojii bartoota gochuurratti hirmaachuu.—Mat. 24:14; 28:19, 20.

• Bashaannana sirrii ta’erratti hirmaachuu dabalatee, wanta karaa foonii, karaa hafuuraafi karaa miiraa nu barbaachisu guutuuf yaalii gochuu.—Mar. 6:31; 2 Qor. 7:1; 1 Xim. 4:8, 16.

• Itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnu raawwachuu.—HoE. 20:28; 1 Xim. 3:1.

• Mana keenyaafi Galama Mootummaa akka gaariitti qabuu.—1 Qor. 10:32.

[Saanduqa/Fakkii fuula 23rra jiru]

Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa

• Obboleessa ykn obboleettii maanguddoodhaaf.—Lew. 19:32.

• Nama dhukkubsate ykn miirrisaa miidhameef.—Fak. 14:21.

• Miseensa gumii baay’ee rakkateef.—Rom. 12:13.

• Fira keessaniif.—1 Xim. 5:4, 8.

• Hidhata amantii hiriyaan gaa’elaa jalaa du’eef.—1 Xim. 5:9.

• Jaarsa gumii jabaatee hojjetuuf.—1 Tas. 5:12, 13; 1 Xim. 5:17.