Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Billaa Hafuuraa’ Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa

‘Billaa Hafuuraa’ Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa

‘Billaa Hafuuraa’ Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa

‘Dubbii Waaqayyoo isa [“billaa hafuuraa, hiika bara 1899”] ta’e fudhadhaa!’ —EFE. 6:17.

1, 2. Labsitoonni Mootummichaa hedduun akka barbaachisan beekuun keenya maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

YESUS fedhii hafuuraa namoonni baay’een qaban erga hubatee booda bartootasaatiin, “Midhaan sassaabamu baay’ee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa; egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” jedhee ture. Yesus kanuma dubbatee hin dhiisne. Kana booda, “Bartoota isaa kudha lamaan ofitti waamee” dhaqanii akka lallaban ykn ‘midhaan akka sassaaban’ erge. (Mat. 9:35-38; 10:1, 5) Yeroo boodammoo hojii kana akka hojjetan “namoota [torbaatama, hiika bara 1899], . . . lama lamaan of dura isaan erge.”—Luq. 10:1, 2.

2 Yeroo har’aattis labsitoonni Mootummichaa baay’inaan ni barbaachisu. Waggaa tajaajilaa 2009⁠tti addunyaa maratti namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman 18,168,323 turan. Baay’inni kun lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaarra miliyoona 10 oliin kan caaludha. Midhaanichi haamaadhaaf akka ga’e kanarraa hubachuun ni danda’ama. (Yoh. 4:34, 35) Kanaaf hojjettoota dabalataa argachuuf kadhachuu qabna. Haata’u malee, haala kadhannaa keenyaa wajjin walsimuun hojjechuu kan dandeenyu akkamitti? Hojii Mootummicha labsuufi bartoota gochuurratti hinaaffaadhaan hirmaannee bu’a qabeessa ta’uudhaan kana gochuu dandeenya.—Mat. 28:19, 20; Mar. 13:10.

3. Tajaajilarratti caalaatti bu’a qabeeyyii ta’uuf, hafuurri qulqulluun gargaarsa guddaa akkamii nuu godha?

3 Mataduree darberratti ‘dubbii Waaqayyoo ija jabinaan dubbachuuf,’ hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuun hammam barbaachisaa akka ta’e barannee turre. (HoE. 4:31) Hafuurri kun tajaajila keenyaarratti bu’a qabeeyyii akka taanus nu gargaaruu danda’a. Karaan tajaajila keenyarratti caalaatti bu’a qabeeyyii ta’uudhaaf nu gargaaru inni tokko, Macaafa Qulqulluu isa Waaqayyo nuu kenneefi hundarra caalutti akka gaariitti fayyadamuudha. Macaafni kun, geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffamedha. (2 Xim. 3:16) Ergaa achi keessa jiru kan barreessise Waaqayyodha. Kanaaf, tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamuun, hafuura qulqulluutiin akka geggeeffamnu argisiisa. Kana akkamitti gochuu akka dandeenyu barachuu keenya dura, humna Dubbiin kun qabu haa ilaallu.

‘Dubbiin Waaqayyoo Humna Qaba’

4. Ergaan Macaafa Qulqulluu keessa jiru, namni tokko jijjiirama akkamii akka godhu gargaaruu danda’a?

4 Dubbiin ykn ergaan Waaqayyoo humna guddaa qaba. (Ibr. 4:12) Ergaan Macaafa Qulqulluu keessa jiru, fakkeenyaan billaa namoonni tolchan kamirrayyuu caalaa qara waan qabuuf, buusaafi dhuka gargar baasa. Dhugaan Caaffata Qulqullaa’oo garaa nama tokkoo keessa lixuudhaan yaadaafi miirasaa qoree wanta isa keessa jiru baasuu danda’a. Akkasumas humna hojjetu waan of keessaa qabuuf, namni tokko dhugumaan akka jijjiiramu godha. (Qolosaayis 3:10 dubbisi.) Eeyyee, Dubbiin Waaqayyoo jireenya namootaa jijjiiruu danda’a!

5. Macaafni Qulqulluun karaawwan kamiin qajeelfama nuu kenna? Kunoo bu’aa akkamii argamsiisa?

5 Kana malees, Macaafni Qulqulluun kitaaba ogummaa hundarra caalu qabatedha. Barumsa addunyaa rakkinaan guutame kana keessatti namoonni akkamitti jiraachuu akka qaban gargaaru qabateera. Dubbiin Waaqayyoo tarkaanfii keenyarratti qofa utuu hin ta’in, daandii keenyarrattis nuu ibsa. (Far. 119:105) Rakkoon yommuu nurra ga’u ykn hiriyaa, bashannana, hojii, uffannaafi kkf filachuu ilaalchisee yeroo murtoo goonu, gargaarsa guddaa nuu gochuu danda’a. (Far. 37:25; Fak. 13:20; Yoh. 15:14; 1 Xim. 2:9) Seerawwan bu’uuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman hojiirra oolchuun, namootaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf nu gargaara. (Mat. 7:12; Filp. 2:3, 4) Fakkeenyaan daandii keenyarratti waan nuu ibsuuf, wantoota murtoon keenya yeroo booda nurraan geessisan hubachuuf nu gargaara. (1 Xim. 6:9) Caaffanni Qulqullaa’oon waa’ee kaayyoo Waaqayyoo gara fuulduraa kan dubbatan si’a ta’u, gorsa kaayyoo kanaa wajjin walsimnee jiraachuuf nu gargaarus qabateera. (Mat. 6:33; 1 Yoh. 2:17, 18) Namni tokko seerawwan bu’uuraa Waaqayyo baaseen kan geggeeffamu yoo ta’e, jireenya kaayyoo qabu akka jiraatu beekamaadha.

6. Lola hafuuraa goonurratti Macaafni Qulqulluun meeshaa akkamii nuu ta’a?

6 Lola hafuuraa goonurratti Macaafni Qulqulluun meeshaa lolaa cimaa ta’uusaas yaadi. Phaawulos Dubbii Waaqayyoo ‘billaa hafuuraa’ jedhee waameera. (Efesoon 6:12, 17 dubbisi.) Akka gaariitti kan itti fayyadamnu taanaan, ergaan Macaafa Qulqulluu to’annaa Seexanaa jalaa namoota baasuu danda’a. Dubbiin kun billaa nama galaafatu utuu hin ta’in, lubbuu kan baraarsudha. Maarree dubbii kana akka gaariitti itti fayyadamuu hin qabnuu?

Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa

7. ‘Billaa hafuuraa’ akka gaariitti itti fayyadamuu barachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

7 Loltuun tokko meeshaa waraanaatti akka gaariitti fayyadamuu kan danda’u, akka gaariitti yoo shaakaleefi sirriitti meeshichatti fayyadamuu yoo beeke qofadha. Lola hafuuraa goonurrattis ‘billaa hafuuraatti’ fayyadamuun kanaa wajjin wal fakkaata. Phaawulos, “Akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella’u hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhama’i!” jechuudhaan barreesseera.—2 Xim. 2:15.

8, 9. Yaada Macaafni Qulqulluun dabarsu hubachuuf kan nu gargaaru maalidha? Fakkeenya kenni.

8 Tajaajilarratti ‘dubbii dhugaa qajeeltootti’ itti fayyadamuuf wanti nu gargaaru maalidha? Wanta Macaafni Qulqulluun jedhu namootatti dubbachuu keenya dura, ergaa caqasichaa akka gaariitti hubachuun keenya barbaachisaadha. Kunimmoo naannoo caqasa ykn dubbisa tokkootiif xiyyeeffannaa kennuu gaafata. Galmeen jechootaa tokko, “Hiika, naannoo jecha, hima ykn dhaamsa tokkoo hubachuu yoo barbaanne, jechoota, himoota ykn dhaamsawwan ergaa sana boodaafi dura jiran ilaaluun” barbaachisaa akka ta’e ibseera.

9 Hiika caqasa tokkoo sirriitti hubachuun, yaada naannoo caqasichaa jiru qoruu gaafata. Yaanni Phaawulos Galaatiyaa 5:13⁠rra jiru kanaaf fakkeenya ta’a. Caqasichi, “Obboloota ko, isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!” jedha. Birmadummaan Phaawulos asirratti dubbate waa’ee maalii ture? Waa’ee cubbuufi du’a jalaa, amantii sobaa ykn wanta garabiraa jalaa birmadummaa ba’uu dubbachuusaa turee? Naannoon caqasichaa Phaawulos waa’ee ‘abaarsa isa seerichi fide jalaa’ birmaduu ba’uu dubbachuusaa akka ture ibsa. (Gal. 3:13, 19-24; 4:1-5) Asirratti birmadummaa haaraa duuka buutota Kiristos ta’uudhaan argatan dubbachuusaa ture. Warri birmadummaa akkasii argatan, jaalalaan kaka’anii waliif ergamu. Namoonni akkasii kun, wal hin ciniinan, akkasumas wal hin nyaatan.—Gal. 5:15.

10. Hiika Caqasa tokkoo sirriitti hubachuuf, odeeffannoo akkamii argachuu qabna? Kanahoo akkamitti argachuu dandeenya?

10 Jechi “naannoo caqasaa” jedhu hiika garabiraas qaba. “Naannoo caqasaa” jechuun “wanta caqasa kana barreessuuf ka’umsa ta’e, haalaafi akkaataa jireenyaa yeroo sana ture kan dabalatudha.” Hiika caqasa tokkoo sirriitti hubachuuf, odeeffannoo caqasa kana duuba jiran jechuunis, nama kutaa Macaafa Qulqulluu kana barreesse, yoom akka barreeffameefi haalawwan akkamii keessatti akka barreesse qoruu qabna. Kana malees, kaayyoo macaafichi itti barreeffame, danda’amnaan haala hawaasaa, amalaafi barsiifatawwan amantii yeroo sanaa beekuun gaariidha. *

11. Yommuu caqasoota ibsinu of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

11 ‘Dubbicha isa dhugaa qajeeltootti itti’ fayyadamuun, dhugaa Caaffata Qulqulluu sirriitti ibsuu caalaa wanta dabalatu qaba. Macaafa Qulqulluu namoota ittiin sodaachisuuf itti fayyadamuurraa of eeguu qabna. Akkuma Yesus yeroo Seexanaan qorame godhe, Caqasoota dhugaa jiru ittiin mirkaneessuuf kan itti fayyadamnu ta’us, caqasoonni ulee ittiin namoota doorsisnu miti. (Kes. 6:16; 8:3; 10:20; Mat. 4:4, 7, 10) Gorsa Phexros ergamaan akkas jechuudhaan kenne hordofuu qabna: “Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba’e kennaaf! Waa’ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga’u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa! Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta’u!”—1 Phe. 3:15, 16.

12, 13. Dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru “da’oo jabaa” akkamii jigsuu danda’a? Fakkeenya kenni.

12 Sirriitti itti fayyadamnaan, dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a? (2 Qorontos 10:4, 5 dubbisi.) Dhugaan Macaafa Qulqulluu, “da’oo jajjabaa” jechuunis, barumsa amantii sobaa, barsiifata miidhaa geessisu jigsuufi falaasama ogummaa ilmaan namootaa warra cubbamoo calaqqisu saaxiluuf gargaara. Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan, yaadawwan “ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf” dhihaatan kamiyyuu balleessuu dandeenya. Barumsi Macaafa Qulqulluu, namoonni yaadasaanii dhugaa wajjin akka wal simsiisan isaan gargaaruu danda’a.

13 Mee maanguddoo umrii waggaa 93 ta’aniifi biyya Hindii jiraatan tokko akka fakkeenyaatti ilaali. Xinnummaasaaniitii kaasanii barumsa rii’inkarneeshiniitti amanu turan. Ilmasaanii biyya alaa jiraatuu wajjin xalayaadhaan Macaafa Qulqulluu barachuudhaan waa’ee Yihowaafi abdii inni kenne gammachuudhaan fudhatan. Ta’us barumsa rii’inkarneeshinii cimsanii waan itti amananiif, ilmisaanii haala namoonni du’an keessa jiran yommuu isaanii barreessu fudhachuu didan. Maanguddoon kun akkas jedhan: “Caqasoonni kee dhugaa ta’uusaanii hubachuun na rakkiseera. Amantiiwwan hundi wanti hin duune tokko nu keessa akka jirtu barsiisu. Ani foon akka du’uufi wanti qaama keessaa ijaan hin argamne tokkommoo ba’ee hanga qaamota 2,400,000 ta’utti irra deddeebi’ee akka dhalatu nan amana. Kun akkamitti soba ta’uu danda’a? Amantiiwwan hedduun dogoggoraniiru jechuudhaa?” Billaan hafuuraa da’oo jabaa amantii akkasii jigsuu danda’aa? Caqasa waa’ee kanaa ibsurratti gad fageenyaan erga mari’atanii torban muraasa booda akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Dhumarratti waa’ee warra du’anii dhugaa jiru amanuun jalqabe. Michoonni keenya du’aan dhabne, yommuu du’aa ka’an simachuu akka dandeenyu beekuunkoo gammachuu guddaa anaaf argamsiiseera. Mootummaan Waaqayyoo dhihootti akka dhufu nan abdadha.”

Karaa Nama Amansiisuun Itti Fayyadamaa

14. Namoota haasofsiifnu amansiisuu jechuun maal jechuudha?

14 Tajaajilarratti akka gaariitti Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu jechuun, caqasoota dubbisuu qofa jechuu miti. Phaawulos karaa namoota ‘amansiisuun’ dubbachaa ture; nuyis akkas gochuu qabna. (Hojii Ergamootaa 19:8, 9; 28:23 dubbisi.) ‘Amansiisuu’ jechuun “mo’uu” jechuudha. Namni amansiifamu tokko “wanta ta’e tokkorratti amantaa akka qabaatu godhama.” Namni tokko barumsa Macaafa Qulqulluu akka fudhatu yommuu amansiisnu, barumsicharratti amantaa akka qabaatu gochuudhaan isa moona. Kana gochuuf, nama haasofsiifnu wanti dubbannu dhugaa akka ta’e amansiisuun nu barbaachisa. Qabxiiwwan kana gochuuf nu gargaaran armaan gaditti ibsamaniiru.

15. Namoonni Dubbii Waaqayyootiif ulfina akka kennan gochuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Namoonni Dubbii Waaqayyootiif ulfina akka kennan godhaa. Caqasa tokko yommuu namaaf dubbistan, ilaalcha Waaqayyo dhimmichaaf qaburratti akka xiyyeeffatan godhaa. Gaaffii gaafachuudhaan ilaalcha nama sanaa erga argattanii booda, ‘Mee ilaalcha Waaqayyo dhimma kanaaf qabu haa ilaallu’ jechuu dandeessu. Yookiin, ‘Kana ilaalchisee Waaqayyo maal jedhe?’ jettanii gaafachuu dandeessu. Kana gochuun keenya, namoonni Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ta’uusaa isaan hubachiisa, akkasumas macaafa kanaaf ulfina guddaa akka kennan godha. Keessumaa nama Waaqayyotti amanuufi barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin beekneef yommuu dhugaa baanu kana gochuun barbaachisaadha.—Far. 19:7-10.

16. Caqasoota sirriitti ibsuuf wanti isin gargaaru maalidha?

16 Caqasoota dubbisuu qofa utuu hin ta’in, akka gaariitti ibsaa. Phaawulos wanta barsiisu ‘macaafa keessaa baasee ibsa’ ture. (HoE. 17:3) Yeroo baay’ee Caqasni tokko yaada tokkoo ol waan qabuuf, qabxii ijoo yaada irratti mari’achaa jirtan ibsurratti xiyyeeffadhaa. Jechoota ijoo ta’aniifi yaada sana ibsan irra deebitanii dubbachuudhaan ykn gaaffiiwwan namichi kun akka hubatu gargaaru gaafachuudhaan kana gochuu dandeessu. Sana booda jecha caqasicha keessa jiruufi irratti mari’achaa jirtan ibsaa. Achiis, dhuunfaatti caqasichi akkamitti akka isa ilaallatu gaafadhaa.

17. Karaa nama amansiisuun Caaffata Qulqullaa’oorraa ragaa dhiheessuu kan dandeessan akkamitti?

17 Karaa amansiisuun Caaffata Qulqullaa’oorraa ragaa dhiheessaa. Phaawulos namoota kadhachuufi ragaa amansiisaa dhiheessuudhaan, ‘macaafa qulqulluurraa isaanitti dubbachaa’ ture. (HoE. 17:2, 4) Isinis akkuma Phaawulos, garaa namootaa tuquuf carraaqqii godhaa. Gaaffiiwwan gaarummaa argisiisanitti fayyadamuufi dhuunfaatti akka isaanii yaannu argisiisuudhaan, wanta garaa namootaa keessa jiru ‘waraabuu’ dandeenya. (Fak. 20:5) Ta’us, yaada keessan akka fudhatan hin dirqisiisinaa. Haala ifaafi nama amansiisuun dubbadhaa. Yaada dhihaateef ragaa quubsaa kennuu qabdu. Wanti dubbattan guutummaatti Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaa’e ta’uu qaba. Caqasoota lama ykn sadii walitti aansuudhaan dubbisuurra, caqasa tokko dubbisanii yaadasaa akka gaariitti ibsuun ba’eessa. Ragaawwan yaada sana deggeranitti fayyadamuun keessanis, namoonni ‘dubbii afaan keessanii akka amanan’ godha. (Fak. 16:23) Yeroo tokko tokko, qorannoo gochuudhaan ragaa dabalataa dhiheessuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Maanguddoo umrii waggaa 93 olitti caqasaman, barumsi lubbuun (ykn hafuurri) hin duutu jedhu kan babal’ate maaliif akka ta’e isaan amansiisuun barbaachisee ture. Madda barumsichaafi akkaataa inni amantiiwwan hedduu keessa itti seene hubachiisuudhaan, wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu akka fudhatan gochuun barbaachisaa ture. *

Akka Gaariitti Itti Fayyadamuu Keessan Itti Fufaa

18, 19. ‘Billaa hafuuraa’ akka gaariitti itti fayyadamuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

18 Macaafni Qulqulluun, “Biyyi lafaa inni amma mul’atu kun in dhidhima” jedha. Namoonni hamoon gadheerraa gara isa caalaa gadheetti deemaa jiru. (1 Qor. 7:31; 2 Xim. 3:13) Kanaaf, ‘dubbii Waaqayyoo akka billaa hafuuraatti’ itti fayyadamuudhaan, “da’oo jajjabaa jigsuudhaaf” carraaqqii gochuu keenya itti fufuun barbaachisaadha.

19 Macaafa Qulqulluu isa humna guddaa qabuufi isa barumsa amantii sobaa fashaleessuudhaan, namoota garaa qajeelaa qaban tuquu danda’u argachuun keenya baay’ee nu gammachiisa. Da’oo jabaan ergaa macaafa kana keessa jiru caalu hin jiru. Kanaaf, hojii Waaqayyo nuu kenne raawwachuudhaaf “billaa hafuuraa” kana akka gaariitti itti fayyadamuuf carraaqqii cimaa haa goonu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 10 Odeeffannoo guutummaa Macaafa Qulqulluu barreessuuf ka’umsa ta’e argachuuf, kitaabota “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha,” Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu jedhaman, akkasumas matadureewwan, “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha” jedhaniifi Masaraa Eegumsaarratti ba’an ilaali.

^ key. 17 Birooshura Yeroo Duunu Maal Taana? jedhamu fuula 5-16 ilaali.

Maal Baratte?

• Dubbiin Waaqayyoo humna akkamii qaba?

• ‘Dubbicha isa dhugaa qajeeltootti’ itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

• Ergaan Macaafa Qulqulluu “da’oo jabaa” maal gochuu danda’a?

• Dandeettii tajaajilarratti namoota amansiisuuf qabdan fooyyeffachuu kan dandeessan akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/Fakkii fuula 12rra jiru]

Dubbii Waaqayyoo Haala Amansiisuun Itti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

▪ Macaafa Qulqulluutiif ulfina akka kennan gochuu

▪ Caqasoota ibsuu

▪ Ragaa amansiisaa dhiheessuudhaan garaasaanii tuquu

[Fakkii fuula 11rra jiru]

‘Billaa hafuuraa’ akka gaariitti itti fayyadamuu barachuu qabda