Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Haalawwan namni tokko waa’ee lammata cuuphamuu akka yaadu taasisan maal ta’uu danda’u?

Haalawwan tokko tokkoon kan ka’e, namni cuuphame tokko cuuphamuunsaa sirrii akka hin taane waan isatti dhaga’amuuf lammata cuuphamuuf yaada ta’a. Fakkeenyaaf, yeroo cuuphametti akkaataan jireenyaasaa ykn gochi dhoksaadhaan raawwachaa ture, karaa fudhatama qabuun utuu cuuphameera ta’ee gumiidhaa isa baasisuu danda’a. Haala akkasii keessatti utuu argamuu Waaqayyoof of murteessuu danda’aa? Cuuphaan nama kanaa gatii kan qabaatu, gochasaa isa Macaafa Qulquluu wajjin wal faalleessu raawwachuu yoo dhaabe qofadha. Kanaaf, namni haala cuuphamuuf gufuu isatti ta’u akkasiirra utuu jiruu cuuphame tokko, lammataa cuuphamuunsaa gaarii akka ta’e yaaduu danda’a.

Namni tokko yeroo cuuphametti cubbuu raawwachuu baatus, erga cuuphamee booda yoo cubbuu raawwate koree murtiitti dhihaachuu qabaa? Yeroo cuuphame sanatti wanta raawwate ilaalchisee hubannaa guutuu akka hin qabaanneefi cuuphamuunsaa sirrii akka hin turre dubbachuu danda’a. Jaarsoliin nama akkasii yeroo haasofsiisan, of murteessuufi cuuphamuunsaa sirrii ta’uufi dhiisuusaa ilaalchisee gaaffii kaasuu hin qaban. Yoo xinnaate haasawaa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’eefi cuuphaan dhimma bakki guddaan kennamuuf akka ta’e ibsu dhaggeeffateera. Gaaffiiwwan of murteessuufi cuuphamuu ilaalchisee gaafatamaniif deebii eeyyee jedhu kenneera. Achiis uffatasaa geddaratee bishaan keessa gadi lixuudhaan cuuphameera. Kanaaf, cuuphaan dhimma bakka guddaan kennamuuf ta’uusaa guutummaatti hubateera jedhamee abdatama. Kanaaf jaarsoliin akka nama cuuphame tokkootti isa ilaalu jechuudha.

Namni tokko cuuphaansaa sirrii ta’uufi dhiisuusaa ilaalchisee gaaffii yoo kaase, jaarsoliin yaada Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 1, 1960, fuula 159fi 160, akkasumas Guraandhala 15, 1964, fuula 123 hanga 126⁠rratti argamaniifi waa’ee lammata cuuphamuu bal’inaan ibsan akka ilaalu itti himuu danda’u. Lammata cuuphamuun haalawwan tokko tokkoon (jechuunis kan akka hubannaa Macaafa Qulqulluu ga’aa ta’e dhabuu jiran) dhimma dhuunfaadhaan murteeffamu ta’a.

Kiristiyaanonni warra kaanii wajjin mana tokko keessa jiraachuuf yommuu murteessan wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabu?

Namni hundi bakki jireenyaa isa barbaachisa. Haata’u malee, yeroo har’aatti namoonni hedduun mana jireenyaa dhuunfaasaanii hin qaban. Haalli dinagdee, dhibeen fayyaa ykn wanti kan biraan, namni tokko firootasaa hedduu dabalatee namoota kaanii wajjin akka jiraatu isa dirqisiisa ta’a. Biyyoota tokko tokko keessatti, namoonni yeroo itti qofaasaanii ta’an utuu hin argatin firootasaanii wajjin kutaa tokko keessa baay’atanii jiraatu.

Mana jireenyaa ilaalchisee, gumiiwwan addunyaa maratti argaman hundaaf seera akkas ta’uu qaba jedhu baasuun itti gaafatamummaa jaarmiyaa Yihowaa miti. Kiristiyaanonni eessa jiraachuu akka qaban qofa utuu hin ta’in, eenyuu wajjiniifi haala akkamii keessatti waliin jiraachuu akka qaban murteessuuf, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu isaan gargaaranirratti akka yaadan jajjabeeffamaniiru. Seerawwan bu’uuraa kana keessaa tokko tokko kamfa’i?

Wanti jalqaba irratti yaadamuu qabu, namoonni nuu wajjin jiraachuuf jedhan, nurrattis ta’e hariiroo Yihowaa wajjin qabnurratti dhiibbaa akkamii geessisu kan jedhudha. Namoonni kun namoota akkamiiti? Yihowaa waaqeffatuu? Haala Macaafa Qulqulluu wajjin walsimuun jiraatuu? Phaawulos ergamaan, “Hin gowwoominaa! ‘Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa’” jechuudhaan barreesseera.—1 Qor. 15:33.

Caaffanni Qulqullaa’oon, Yihowaan halalummaafi ejja akka balaaleffatu ibsu. (Ibr. 13:4) Kanaaf, namoonni saala faallaa ta’aniifi hiriyoota gaa’elaa hin taane akka abbaa manaafi haadha manaatti mana tokko keessa waliin jiraachuunsaanii, Waaqayyo duratti fudhatama akka hin qabne ifadha. Kiristiyaanni tokko bakka amala addaggummaatiif nama saaxilu turuu hin barbaadu.

Kana malees, Macaafni Qulqulluun namoota surraa Waaqayyoo argachuu barbaadan hundaa, “Halalummaa baqadhaa!” jedhee gorsa. (1 Qor. 6:18) Kanaaf Kiristiyaanonni haala amala addaggummaa raawwachuuf isaan saaxiluu danda’u kamirraayyuu fagaachuunsaanii gaariidha. Mee haala Kiristiyaanota hedduu mana tokko keessa jiraatanii akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Mana tokko keessa akkasitti waliin jiraachuun wantoonni hin yaadamne akka uumaman gochuu danda’aa? Namoonni yeroo baay’ee manatti argaman bakka hin jirretti, namoonni hiriyaa gaa’elaa hin taane lama akka tasaa qofaasaanii mana keessatti utuu argamanii maal gochuu danda’u? Haaluma wal fakkaatuun, namoonni qeentee ta’aniifi miira jaalalaa walitti argisiisan mana tokko keessa waliin jiraachuunsaanii rakkoodhaaf isaan saaxiluu danda’a. Haalawwan akkasii keessatti mana tokko keessa waliin jiraachuurraa fagaachuun gaariidha.

Akkasumas, namoonni wal hiikan mana tokko keessa jiraachuu itti fufuunsaanii sirrii miti. Yeroo baay’ee walitti dhihaachuunsaanii salphaadhumatti amala addaggummaatiif isaan saaxiluu danda’a.—Fak. 22:3.

Wanti barbaachisaa ta’e gara biraanimmoo, namoonni naannoo sana jiraatan filannoo namni sun godhe akkamitti ilaalu kan jedhu ta’a. Kiristiyaanni tokko mana tokko keessa waliin jiraachuun rakkoo hin qabu jedhee yaaduu danda’a; haata’u malee, gochi kun namoota naannoo sanaa biratti sirrii akka hin taane kan yaadamu yoo ta’e irratti yaadamuu qaba. Matumaa sababii akkasiitiin maqaan Yihowaa akka arrabsamu gochuu hin barbaannu. Phaawulos haala kana akkas jechuudhaan ibseera: “Warra Yihudootaatti, warra Yihudoota hin ta’inittis yookiis waldaa kristiyaanaa Waaqayyootti gufuu hin ta’inaa! Ani karaa koo waanuman hojjedhuun nama hundumaa gammachiisuu nan yaala; isaan akka fayyaniif, waan anaaf waa’ee baasu utuu hin ta’in, waan namoota baay’eedhaaf waa’ee baasu nan barbaada.”—1 Qor. 10:32, 33.

Namoota seera Yihowaan qajeelummaadhaaf baase hordofuu barbaadaniif, qajeelfama kana hojiirra oolchuun baay’ee isaanitti ulfaachuu danda’a. Haata’u malee, Kiristiyaanonni ‘wanta gooftaatti tolu qoranii bira ga’uu’ qabu. Manasaanii keessatti wanti sirrii hin taane tokkoyyuu akka raawwatamu akka hin barbaanne beekamaadha. (Efe. 5:5, 10) Kunimmoo, Kiristiyaanonni qajeelfama Waaqayyoo argachuu, nageenya qaamaafi amalasaanii eeguuf, akkasumas maqaa Yihowaa akka hin arrabsiisneef waan danda’an hundaa gochuuf kadhachuu kan dabalatudha.