Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gara Karaa Jireenyaa Isa Hundumaa Caalutti Baga Nagaan Dhuftan!

Gara Karaa Jireenyaa Isa Hundumaa Caalutti Baga Nagaan Dhuftan!

Gara Karaa Jireenyaa Isa Hundumaa Caalutti Baga Nagaan Dhuftan!

“Jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti.”—ROM. 14:8.

1. Jireenya hundarra caalu ilaalchisee Yesus barumsa akkamii kenne?

YIHOWAAN karaa jireenyaa isa hundumaa caalurra akka adeemnu barbaada. Namoonni jireenya addaddaa jiraachuu yoo danda’aniyyuu, karaan inni hundarra caalu garuu tokko qofadha. Jireenyi hundarra caalu, Dubbii Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuufi Ilmasaa Yesus Kiristosirraa barachuudha. Yesus, duuka buutonnisaa hafuuraafi dhugaadhaan Waaqayyoon akka waaqeffatan barsiiseera; warra kaan bartoota akka godhanis abboomeera. (Mat. 28:19, 20; Yoh. 4:24) Barumsa Yesusii wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan, Yihowaa gammachiisuufi eebbasaa argachuu dandeenya.

2. Jaarraa jalqabaatti namoonni hedduun ergaa Mootummichaatiif deebii akkamii kennan? “Warra daandii wangeelaa irra adeeman” jechuun maal jechuudha?

2 Namoonni “mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf yaadataman” amantoota ta’anii yommuu cuuphaman, ‘Gara karaa jireenyaa isa hundumaa caalutti baga nagaan dhuftan!’ isaaniin jenna. (HoE. 13:48) Jaarraa jalqabaatti namoonni kumaan lakkaa’amaniifi saba addaddaarraa walitti qabaman dhugaa kan fudhatan si’a ta’u, cuuphamuudhaanis namoota Waaqayyoo ta’uusaanii warra kaan duratti argisiisaniiru. (HoE. 2:41) Bartoonni Yesus, “Warra daandii wangeelaa irra adeeman” jedhamaniiru. (HoE. 9:2; 19:23) Namoonni duuka buutota Kiristos ta’an kun, akkaataa jireenyaa Yesus Kiristos waan hordofaniifi fakkeenyasaa waan fudhataniif, maqaa kanaan waamamuunsaanii sirriidha.—1 Phe. 2:21.

3. Sabni Yihowaa kan cuuphaman maaliifi? Waggoottan kudhan darbanitti namoota meeqatu cuuphame?

3 Guyyoota gara dhumaa kanatti hojiin bartoota gochuu biyyoota 230 ol ta’anitti saffisaan hojjetamaa jira. Waggoottan kudhan darbanitti, namoonni 2,700,000 ol ta’an, Yihowaa tajaajiluuf kan of murteessan si’a ta’u, kanas cuuphamuudhaan argisiisaniiru. Kana jechuun, giddu galeessaan namoonni 5,000 ta’an torban torbaniin ni cuuphamu jechuudha. Cuuphamuuf murtoo gochuun, Waaqayyoon jaallachuu, beekumsa Caaffata Qulqullaa’oo argachuufi wanta barsiisanitti amanuu gaafata. Cuuphaan, yeroo Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuu itti jalqabnu waan ta’eef, jireenya keenya keessatti wanta bakki guddaan kennamuufidha. Kana malees, cuuphamuun keenya, akkuma Yihowaan tajaajiltoonnisaa durii daandiisaarra akka adeeman isaan gargaare, amanamummaadhaan isa tajaajilluuf akka nu gargaaru amantaa qabaachuu keenya kan argisiisudha.—Isa. 30:21.

Cuuphamuu Kan Qabdu Maaliifi?

4, 5. Eebbaafi faayidaa cuuphamuun argamsiisu tokko tokko caqasi.

4 Tarii waa’ee Waaqayyoo beekumsa kan argatte, jireenya keerratti jijjiirama kan gooteefi babal’isaa hin cuuphamne kan taate ta’uu dandeessa. Guddina akkasii gochuunkee baay’ee gaariidha. Haata’u malee, kadhannaadhaan Waaqayyoof of murteessitee, cuuphamuuf hawwii qabdaa? Yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabattu, jireenyikee qabeenya argachuufi of gammachiisuurratti utuu hin ta’in, Yihowaa jajachuurratti xiyyeeffachuu akka qabu utuu hin hubatin hin ooltu. (Faarfannaa 148:11-13 dubbisi; Luq. 12:15) Ta’us, eebbiifi faayidaan cuuphamuudhaan argamu tokko tokko maalidha?

5 Kiristiyaana Yihowaadhaaf of murteessite waan taateef, jireenyikee kaayyoo hundarra caalu qabaata. Fedha Waaqayyoo waan raawwattuuf, gammachuu argatta. (Rom. 12:1, 2) Hafuurri Yihowaa, amalawwan Waaqayyoo kan akka nagaafi amantii akka qabaattu si gargaara. (Gal. 5:22, 23) Waaqayyo kadhannaa keetiif deebii sii kenna; jireenyakee Dubbiisaa wajjin walsimsiisuuf carraaqqii gootus sii eebbisa. Tajaajila keerraa gammachuu argatta; akkasumas karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuunkee abdii jireenya barabaraarratti qabdu sii cimsa. Kana malees, of murteessuufi cuuphamuunkee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko ta’uu akka barbaaddu argisiisa.—Isa. 43:10-12.

6. Cuuphamuun keenya maal argisiisa?

6 Waaqayyoof of murteessuufi cuuphamuudhaan, kan Yihowaa ta’uu keenya argisiisna. Phaawulos ergamaan, “Nu keessaa tokko illee akeeka ofii isaatiif hin jiraatu; tokko illees akeeka ofii isaatiif hin du’u. Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 14:7, 8) Waaqayyo mirga filannaa nuu kennuudhaan akka nu kabaju argisiiseera. Jaalala Waaqayyoof qabnuun kan ka’e, karaa isa gammachiisuun jiraachuuf yommuu murtoo cimaa goonu, garaasaa ciibsina. (Fak. 27:11) Cuuphaan, Waaqayyoof akka of murteessine karaa itti argisiisnuufi Yihowaan Bulchaa keenya ta’uusaa karaa itti namoota duratti beeksifnudha. Cuuphaan, uumama cufa keessatti gaaffii olaantummaa ilaalchisee ka’erratti isa bira goruu keenya argisiisa. (HoE. 5:29, 32) Yeroo kanatti Yihowaanis gara keenya gora. (Faarfannaa 118:6 dubbisi.) Cuuphaan, ammas ta’e gara fuulduraatti eebba hafuuraa hedduu akka argannu karaa nuu bana.

Obboloota Nu Jaallatan Argachuu

7-9. (a) Yesus, warri waan hundumaa dhiisanii isa duukaa bu’an maal akka argatan isaanii mirkaneesse? (b) Abdiin Yesus, Maarqos 10:29, 30⁠rratti kenne raawwatamaa kan jiru akkamitti?

7 Phexros ergamaan Yesusiin, “Kunoo, nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buune’otii, egaa maal arganna laata ree?” jedhee gaafatee ture. (Mat. 19:27) Phexros, wanta innis ta’e duuka buutonni Yesus warri kaan gara fuulduraatti argatan maal akka ta’e beekuu barbaadee ture. Yeroosaanii guutuu hojii lallaba Mootummichaarratti dabarsuuf, aarsaa guddaa kaffalaniiru. (Mat. 4:18-22) Haata’u malee Yesus, maal akka argatan isaanii mirkaneesse?

8 Seenaan Maarqos, Yesus duuka buutonnisaa karaa hafuuraa obboloota akka argatan ibsuusaa dubbata. Yesus akkas jedheera: “Eenyu illee mana yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis haadha, yookiis abbaa yookiis ijoollee yookiis araddaa anaa fi wangeelaaf jedhee kan dhiise, bara jireenya isaatti ari’atamuudhaan yoo ta’e iyyuu manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota, araddaas dachaa dhibba in argata, bara dhufuttis jireenya bara baraatti in gala.” (Mar. 10:29, 30) Liidiyaa, Aqiilaa, Phrisqiilaafi Gaayos, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa warra akkuma Yesus abdachiise namoota hidhata amantaasaaniitiif “mana” qopheessaniifi “obboloota, obboleettota, haadhota” ta’an keessaa muraasasaaniiti.—HoE. 16:14, 15; 18:2-4; 3 Yoh. 1, 5-8.

9 Wanti Yesus dubbate yeroo ammaatti caalaatti raawwatamaa jira. ‘Araddaan’ duuka buutonnisaa dhiisan, misiyoononni, miseensonni maatii Bet’el, tajaajiltoonni addunyaa maraafi warri kaan hojii Mootummichaa biyyoota addaddaatti babal’isuuf fedhiisaaniitiin wanta ittiin jiraatan dhiisuusaanii kan argisiisudha. Obboloonni hedduun, jireenyasaanii salphaa gochuuf manasaanii kan dhiisan si’a ta’u, kunuunsa Yihowaan isaanii godheefi isa tajaajiluunsaanii gammachuu akkamii akka isaaniif argamsiise dhaga’uu keenyatti ni gammanna. (HoE. 20:35) Kana malees, tajaajiltoonni Yihowaa cuuphaman hundi, obbolootasaanii addunyaa maratti argamanii wajjin ta’anii, ‘duraan dursanii yaadasaanii mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaatti hidhuudhaan’ eebba argachuu danda’u.—Mat. 6:33.

“Golgaa” Keessatti Eegumsa Argachuu

10, 11. Iddoon ‘golgaa isa hundumaa danda’uu’ jedhame maalidha? Achi keessa jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Of murteessuufi cuuphamuun, eebba guddaa “golgaa isa hundumaa gararraa jiru keessa” jiraachuuf nu dandeessisus nuu argamsiisa. (Faarfannaa 91:1 dubbisi.) Iddoon kun, iddoo wanta karaa hafuuraa miidhaa nurra ga’urraa eegumsaafi nageenya itti argannudha. Iddoon kun, iddoo namoota ilaalcha hafuuraa hin qabneefi Waaqayyotti hin amanamne jalaa dhokate waan ta’eef ‘golgamaadha.’ Of murteessuu keenyaa wajjin haala walsimuun jiraachuufi guutummaatti Yihowaatti amanamuun keenya, “Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha” jechuu keenya kan argisiisudha. (Far. 91:2) Yihowaan iddoo amansiisaa kooluu itti gallu nuu ta’a. (Far. 91:9) Kana caalaa iddoon amansiisaa ta’e jiraa?

11 “Golgaa” Yihowaa keessa jiraachuu jechuun, isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf mirga argachuu keenyas kan argisiisudha. Kunimmoo of murteessuufi cuuphamuurraa jalqaba. Sana booda, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuufi guutummaatti isaaf abboomamuudhaan, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu cimsachuu dandeenya. (Yaq. 4:8) Hamma Yesus, Yihowaatti kan dhihaate hin jiru; amantiin inni Isarratti qabus matumaa laafee hin beeku. (Yoh. 8:29) Kanaaf, of murteessuudhaan waadaa galle raawwachuuf akka nu gargaaru, Yihowaa, fedhasaas ta’e dandeettiisaa matumaa shakkuu hin qabnu. (Lal. 5:4) Qophiin Waaqayyo karaa hafuuraa sabasaatiif godhe, inni dhuguma akka nu jaallatuufi isa tajaajiluutti milkaa’ina akka argannu kan barbaadu ta’uusaa kan argisiisudha.

Jannata Hafuuraa Keenyaaf Bakka Guddaa Kennuu

12, 13. (a) Jannanni hafuuraa maalidha? (b) Namoota haaraa akkamitti gargaaruu dandeenya?

12 Of murteessuufi cuuphamuun keenya, jannata hafuuraa isa eebbifamaa ta’e keessa jiraachuufis karaa nuu bana. Jannanni hafuuraa adda ta’e kun, namoonni hidhata amantaa keenyaa bakka Yihowaafi waliisaanii wajjin nagaadhaan keessa jiraatan kan argisiisudha. (Far. 29:11; Isa. 54:13) Biyyi lafaa wanta jannata hafuuraa keenyaa wajjin wal fakkaatu tokkollee hin qabu. Haalli kun keessumaa, obboloonni keenya saba, afaaniifi qomoo addaddaa keessaa dhufan yeroo nagaa, tokkummaafi jaalala obbolummaatiin walga’iiwwan biyyoolessaarratti argaman ni mul’ata.

13 Jannanni hafuuraa keessa jirru, haala gaddisiisaa biyyi lafaa kun keessatti argamurraa guutummaatti adda kan ta’edha. (Isaayaas 65:13, 14 dubbisi.) Ergaa Mootummichaa lallabuudhaan, namoonni kaan jannata hafuuraa kanatti akka galan afeeruuf mirga arganneerra. Namoota haaraa gumiirratti argamuu jalqabaniifi tajaajilaaf leenjii argachaa jiran gargaaruun keenyas eebbadha. Akkuma “Phrisqiilaanii fi Aqiilaan caalchisanii karaa Waaqayyoo [Apholosin] hubachiisan,” jaarsoliinis namoota haaraa tokko tokko akka gargaarru yommuu nu gaafatan akka mirga guddaatti ilaalla.—HoE. 18:24-26.

Yesusirraa Barachuu Keessan Itti Fufaa

14, 15. Yesusirraa barachuu keenya itti fufuuf sababiiwwan ga’aa akkamii qabna?

14 Yesusirraa barachuu keenya itti fufuuf sababii ga’aa qabna. Nama ta’ee dhalachuusaa dura, waggoota kuma hedduutti lakkaa’amaniif Abbaasaa wajjin hojjechaa ture. (Fak. 8:22, 30) Waaqayyoon tajaajiluurratti xiyyeeffachuufi dhugaadhaaf dhugaa ba’uun, karaa jireenyaa isa hundumaa caalu ta’uusaa beeka ture. (Yoh. 18:37) Yesus, jireenyi kanarraa adda ta’e kamiyyuu, ofittummaarratti kan hundaa’eefi gowwummaa ta’uusaa hubateera. Qorumsi cimaan akka irra ga’uufi akka ajjeefamu beeka ture. (Mat. 20:18, 19; Ibr. 4:15) Yesus fakkeenya nuu ta’uudhaan, akkamitti amanamummaa keenya eeguu akka dandeenyu nu barsiiseera.

15 Yesus cuuphamee utuu baay’ee hin turin, Seexanni karaa jireenyaa isa hundumaa caalu akka dhiisu yoo isa qoreyyuu, qorumsisaa kun utuu hin milkaa’in hafeera. (Mat. 4:1-11) Kunimmoo, Seexanni wanta fedheyyuu yoo godhe, amanamummaa keenya eegnee jiraachuu akka dandeenyu nu barsiisa. Seexanni, caalaatti warra cuuphamuu jala ga’aniifi warra reefuu cuuphamanirratti kan xiyyeeffatu fakkaata. (1 Phe. 5:8) Miseensota maatii keenyaa warra nuuf yaadaniifi waa’ee keenya oduu sobaa dhaga’anirraa mormiin nurra ga’uu danda’a. Haata’u malee, mormiin akkasii yommuu deebii laannuufi warra kaaniif dhugaa baanu, amalawwan Kiristiyaanummaa kan akka nama kabajuufi malaan dubbachuu argisiisuuf carraa nuu bana. (1 Phe. 3:15, 16) Kunimmoo, warra nu dhaggeeffatanirratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’a.—1 Xim. 4:16.

Karaa Jireenyaa Isa Hundumaarra Caalutti Maxxanaa!

16, 17. (a) Keessa Deebii 30:19, 20⁠rratti, ulaagaaleen jireenya argamsiisan akkamii sadii caqasamaniiru? (b) Yesus, Yohannisiifi Phaawulos wanta Museen barreesse kan deggeran akkamitti?

16 Yesus gara lafaa dhufuusaa waggaa 1,500 dura, Museen yeroo sanatti karaa jireenyaa isa hundumaa caalurra akka deddeebi’an Israa’eloota gorsee ture. Akkas jedhe: “Ani har’a jireenyaa fi du’a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa’ee, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo’adhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhaga’aa! Isattis maxxanaa!” (Kes. 30:19, 20) Israa’eloonni Waaqayyoof amanamamoo akka hin taane yoo argisiisaniyyuu, ulaagaalee jireenya argamsiisan sadan Museen caqase garuu ammayyuu hin jijjiiramne. Yesusis ta’e warri kaan ulaagaalee kana irra deebi’anii caqasaniiru.

17 Tokkoffaa, ‘Waaqayyoon gooftaa keenya jaallachuu’ qabna. Karaasaa isa qajeelaa wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan, Waaqayyoon akka jaallannu argisiisna. (Mat. 22:37) Lammaffaa, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi abboommiisaa eeguudhaan, ‘sagaleesaa dhaga’uu’ qabna. (1 Yoh. 5:3) Kunimmoo yeroo hunda bakka Macaafni Qulqulluun itti baratamu, jechuunis walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu gaafata. (Ibr. 10:23-25) Sadaffaa, ‘Yihowaatti maxxanuu’ qabna. Wanti fedheyyuu yoo nu mudate, yeroo hunda Waaqayyootti haa amannu; Ilmasaa duukaas haa buunu.—2 Qor. 4:16-18.

18. (a) Bara 1914⁠tti Masaraan Eegumsaa waa’ee dhugaa maal jedhee ture? (b) Ifa dhugaa yeroo ammaatti arganneef maaltu nutti dhaga’amuu qaba?

18 Dhugaa Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun jiraachuun eebba guddaa mitii? Bara 1914⁠tti jechi iddoo guddaan kennamuuf kun Masaraa Eegumsaarratti caqasamee ture: “Nuyi namoota eebbifamneefi gammachuu qabnu mitii? Waaqni keenya amanamaa mitii? Namni wanta gaarii kanarra wayyu argate, wanta sana haa fudhatu. Isin keessaa namni wanta gaarii kanarra caalu argate yoo jiraate, akka nutti himu ni abdanna. Wanti Dubbii Waaqayyoo keessa jirurra caalu ykn walakkaasaallee ga’u akka hin argamne beekna. . . . Nagaa, gammachuufi eebba beekumsi sirriin Yihowaa biraa arganne, garaafi jireenya keenyatti nuu argamsiise guutummaatti ibsuu hin dandeenyu. Seenaan Ogummaa, Murtoo Qajeelaa, Humnaafi Jaalala Waaqayyoo ibsu, fedhii sammuufi garaa keenyaa guutummaatti quubseera. Kana caalaa wanti barbaannu hin jiru. Beekumsa Waaqayyootiin guddachuu caalaa wanti nu hawwisiisu garabiraan hin jiru.” (Masaraa Eegumsaa, Muddee 15, 1914, fuula 377-378) Karaa hafuuraa ifaafi dhugaa arganneef dinqisiifannaan qabnu hin jijjiiramu. Dhugumayyuu, yeroo ammaatti ‘ifa Waaqayyoo keessa waan deddeebinuuf,’ gammaduuf sababii guddaa qabna.—Isa. 2:5; Far. 43:3; Fak. 4:18.

19. Namoonni ulaagaa cuuphamuuf ba’e guutan, dafanii tarkaanfii fudhachuu kan qaban maaliifi?

19 ‘Ifa Waaqayyootiin deddeebi’uu’ kan barbaaddu ta’us, Kiristiyaana of murteessee hin cuuphamne yoo taate, utuu hin turin tarkaanfii fudhadhu. Kana gochuun, wanta Waaqayyoofi Kiristos nuu godhaniif karaa itti dinqisiifannaa keenya ibsinu waan ta’eef, ulaagaa Macaafa Qulqulluu cuuphamuuf si gargaaru akkamiiyyuu guutuuf wanta dandeessu hunda godhi. Qabeenyakee isa hundumaarra caalu, jechuunis lubbuukee Yihowaadhaaf kenni. Ilmasaa duukaa bu’uudhaan fedha Waaqayyoo raawwachuu akka barbaaddu argisiisi. (2 Qor. 5:14, 15) Kun, karaa jireenyaa isa hundumaa caalu akka ta’e hin shakkisiisu.

Maal Jettee Deebista?

• Cuuphamuun keenya maal argisiisa?

• Waaqayyoof of murteessuufi cuuphamuun eebba akkamii argamsiisa?

• Yesusirraa barachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Karaa jireenyaa isa hundumaa caalutti maxxannee jiraachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Cuuphamuunkee, karaa jireenyaa isa hundumaa caalu filachuukee argisiisa

[Fakkii fuula 26rra jiru]

‘Golgaa’ keessatti eegumsa argachaa jirtaa?