Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Dargaggoonni Uumaasaanii Akka Yaadatan Gargaaru

Kitaaba Dargaggoonni Uumaasaanii Akka Yaadatan Gargaaru

Kitaaba Dargaggoonni Uumaasaanii Akka Yaadatan Gargaaru

MOOTII ogeessa kan ture Solomoon, waggoota 3,000 dura, “Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” jedhee barreesseera. (Lal. 12:1) Dargaggoonni Kiristiyaana ta’an, barreeffama kana gochuuf isaan gargaaru kan biraa argataniiru. Kitaabni, Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Danda’an, Jildii 2 (Ingiliffa), Walga’ii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa “Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu” jedhamuufi addunyaa maratti Caamsaa 2008 hanga Amajjii 2009⁠tti godhamerratti baheera.

Qola kitaabichaa keessatti, xalayaan Qaama Olaanaarraa dargaggootaaf barreeffame ni argama. Gartokkoonsaa akkas jedha: “Odeeffannoon kitaaba kanarra jiru, dhiibbaafi qorumsa dargaggoota yeroo har’aa jiranirra ga’u danda’uuf, akkasumas murtoo fedha Waaqayyoo wajjin walsimu gochuuf akka isin gargaaruu hawwii keenyadha.”

Warri, ijoolleesaanii “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuu barbaaduunsaanii sirriidha. (Efe. 6:4) Haata’u malee, dargaggoonni hedduun, ofitti amanuun waan isaan rakkisuuf qajeelfama argachuuf hawwu. Mucaa dargaggeessa yoo qabaattan, kitaaba kanarraa faayidaa guddaa akka argatu isa gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Yaadawwan tokko tokko kanatti aananii jiru.

Kitaaba kana dhuunfaatti qabaadhaa, yaadasaas akka gaariitti hubadhaa. Kunis dubbisuu caalaa waan dabalatu qaba. Yaannisaa akkamitti akka ibsame hubachuuf yaalaa. Kitaabichi, dargaggootatti akkasumaan waan sirriifi waan dogoggora ta’e itti himuu mannaa, “dandeettiin hubannaa” isaanii akka leenji’u gargaara. (Ibr. 5:14, NW) Kana malees, waan sirrii ta’e cina dhaabachuu kan danda’an akkamitti akka ta’e yaada kennaaf. Fakkeenyaaf, Boqonnaan 15 (“Dhiibbaa Hiriyaa Mo’uu Kanan Danda’u Akkamitti?”) dargaggoonni lakki jechuurra darbanii sababiisaa ibsuu akka danda’an isaan barsiisa. Malawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an ibsa; akkasumas ‘namaaf adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u’ akkamitti kennuu akka danda’an isaan barsiisa.—Qol. 4:6.

Bifawwan kitaabichaa namni dubbisu akka irratti hirmaatu godhanitti fayyadamaa. Kutaawwan kun dargaggootaaf qophaa’anis, bakka duwwaarratti yaada keessan barreessuu dandeessu. * Gaaffiiwwan fuula 16⁠rra jiraniifi waa’ee saala faallaa wajjin wal beellamanii haasa’uu gaafatan lamaan deebisuuf yeroo yaaltan, fakkeenyaaf, umriin keessan hamma mucaa keessanii yeroo turetti wanta isinitti dhaga’amaa ture yaadachuuf yaalaa. Tarii bakka duwwaa sanatti, umrii ijoollummaa keessanitti deebii gaaffii sanaaf kennitan barreessuu dandeessu. Achiis akkas jettanii of gaafachuu dandeessu: ‘Dhimma kana ilaalchisee yaannikoo yeroodhaa gara yerootti kan jijjiirame akkamitti? Dargaggummaa kootii kaasee hubannaa akkamii argadheera? Kanahoo karaa bu’a qabeessa ta’een mucaa kootiif dabarsuu kanan danda’u akkamitti?’

Wanta ijoolleen keessan umrii dargaggummaarra jiran dhoksaatti barreessan jalaa hin ilaalinaa. Gaaffiiwwan kitaabicharra jiran, mucaan keessan yaadasaa akka barreessu ykn akka irratti yaadu isa kakaasuuf kan qophaa’anidha. Kaayyoon keessan miira mucaa keessanii hubachuu malee, utuu hin barbaachisin iccitiisaa beekuu miti. Kitaabichi, kutaa “Hubachiisa Warraaf Kenname” jedhuufi fuula 3⁠rra jirurratti, akkas jedha: “Ijoolleen keessan warri dargaggoota ta’an waan isaanitti dhaga’amu sodaa malee akka barreeffatan isaan jajjabeessuuf, waan barreessan jalaa hin dubbisinaa. Isaaniyyuu yeroo booda waan barreessan sana isinitti himuu danda’u.”

Kitaaba Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Maatii Gochuuf Gargaaru

Kitaabni Gaaffii Dargaggootaa, Jildii 2, Waaqeffannaa Maatiirratti baay’ee isin gargaara. Kitaabichi keeyyata keeyyataan gaaffii qayyabannaadhaaf gargaaru waan hin qabneef, akkamitti itti gargaaramuu dandeessu? Akka barbaachisummaasaatti mala qayyabannaa tokko uumuudhaan, ijoollee keessanii wajjin karaa caalaatti bu’a qabeessa ta’een qayyabachuu dandeessu.

Fakkeenyaaf, maatiiwwan tokko tokko chaartii “Dhiibbaa Hiriyaan Geessisuu Danda’u” jedhuufi fuula 132fi 133⁠rratti argamutti fayyadamanii shaakaluu danda’u. Gaaffiin jalqabaa achirra jiru, ilmi ykn intalli keessan qorumsa caalaatti isaan rakkisu addaan baasanii akka beekan isaan gargaaruu danda’a. Gaaffii lammaffaanimmoo, haala qorumsi sun keessatti uumamuu danda’u beekuuf gargaara. Dhiibbaa sanaaf mo’amuu ykn mo’uun bu’aa maalii akka qabu yaanni erga kennamee booda, mucaan keessan dhiibbaa sanaaf qoosaadhaan, nama dhiibbaa geessisaa jiru sanaaf akka yaade karaa argisiisuun ykn isaafiyyuu gaarii akka hin taane itti himuudhaan deebii kennuuf dursee akka of qopheessu gaaffii dhiheessa. Ilmi ykn intalli keessan, sammuunsaanii waa uumuu akka danda’uufi deebii gaariidha jedhanii yaadan, sodaa malee, akkasumas karaa nama amansiisuun deebisuu danda’an akka qophaa’an gargaaraa.—Far. 119:46.

Kitaaba Yaadaan Wal Qunnamuuf Gargaaru

Kitaabni Gaaffii Dargaggootaa, Jildii 2, dargaggoonni warrasaanii wajjin yaadaan akka wal qunnaman jajjabeessa. Fakkeenyaaf, saanduqoonni “Abbayyee Yookiin Aayyoo Wajjin Waa’ee Saalqunnamtii Dubbachuu Kanan Danda’u Akkamitti?” (fuula 63-64), “Warrakee Wajjin Haasa’i!” (fuula 189) jedhan, dhimmawwan irratti mari’achuun nama saalfachiisurratti haasa’uu jalqabuun akkamitti akka danda’amu ilaalchisee, yaada gaarii qabataniiru. Intalli waggaa 13 tokko akkas jettee barreessiteetti: “Kitaabni kun wantoota sammuukoo keessa jiran, wantootan raawwadhellee warrakootti akkan himu ija jabina naa kenneera.”

Karaa biraatiinis yaadaan akka wal qunnamtan carraa isinii kenna. Dhuma boqonnaa hundaarratti, saanduqni “Maal Sitti Fakkaata?” jedhu jira. Irra deebiidhaaf qofa utuu hin ta’in, miseensonni maatii ifatti akka waliin haasa’an gargaara. Boqonnaa hundumaa keessa, saanduqni “Wantan Gochuuf Yaade!” jedhu jira. Saanduqni kun, dargaggoonni wanta boqonnaa sana keessatti baratan karaa hojiirra itti oolchan akka barreeffatan carraa banaaf. Kutaan dhumaa saanduqa “Wantan Gochuuf Yaade!” jedhu kanaa, “Dhimma kana ilaalchisee wantin warrakoo gaafachuu barbaadu . . .dha” jedha. Kunis, dargaggoonni gorsa isaan fayyadu warrasaanii akka gaafatan isaan kakaasuu danda’a.

Garaasaanii Tuqaa!

Warra waan taataniif, kaayyoon keessan garaa mucaa keessanii tuquudha. Kitaabni Gaaffii Dargaggootaa, Jildii 2, kana gochuuf isin gargaaruu danda’a. Abbaan tokko, intalasaa wajjin haasaa garaadhaa madde gochuuf kitaaba kanatti akkamitti akka fayyadame ilaalaa.

“Ribeekaafi ani, iddoowwan waliin haasa’uufi biskileetii ykn konkolaataa itti oofuu jaallannu qabna. Iddoowwan kana dhaquun keenya, yaadashee akka naa ibsitu gochuusaa hubadheera.

“Kitaaba kanarraa kutaan jalqaba irratti mari’anne, xalayaa Qaama Olaanaarraa ergameefi ‘Hubachiisa Warraaf Kenname’ ture. Akkuma fuula 3⁠rratti ibsame, intallikoo wanta isheetti dhaga’amu sodaa malee kitaabasheerratti barreeffachuu akka dandeessu ishee hubachiisuun barbaade. Wanta isheen barreeffattes jalaa hin ilaalu.

“Ribeekaan, matadureewwan duraa duuba isheen barbaadduun irratti mari’annu akka filattun heyyameef. Matadureewwan jalqaba filatte keessaa tokko, ‘Meeshaawwan Elektirooniksiitiin Taphachuun Qabaa?’ kan jedhu ture. Mataduree kana ni filatti jedhee matumaa hin yaanne! Isheen garuu sababii filateef qabdi. Hiriyoonnishee hedduun tapha elektirooniksii baay’ee nama sodaachisu taphatu turan. Taphawwan kun walirratti ka’uufi jechoota ciiggaasisaa akkasii babal’isu jedhee yaadee hin beekun ture! Kana hunda kanan hubadhe, saanduqa “Wantan Gochuuf Yaade!” jedhuufi fuula 251⁠rra jirurratti erga mari’annee boodadha. Saanduqni kun, Ribeekaan namni tokko tapha kana akka taphattu yoo ishee sossobuu yaalellee deebii kennuuf ishee qopheesseera.

“Yeroo kanatti Ribeekaan wanta barreeffatte natti himuurraa duubatti hin jenne. Qayyabannaa keenyarratti utuu walirraa hin kutin mari’anna. Dubbisasaa dabareedhaan erga dubbisnee booda, fakkiiwwaniifi saanduqoota dabalatee waa’ee waan hundumaa dubbachuu barbaaddi. Kun, yeroon hammashee ga’utti anaaf haallisaa akkam akka ture isheetti himuuf carraa naa baneera; isheenimmoo yeroo har’aatti haallisaa maal akka fakkaatu naa ibsiti. Waan hundumaa natti himuu barbaaddi!”

Warra yoo taatan, yeroo kitaabni kun ba’e baay’ee akka gammaddan beekamaadha. Amma akka gaariitti itti fayyadamuuf carraa qabdu. Qaamni Olaanaa, kitaabni Gaaffiiwwan Dargaggootaafi Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Danda’an, Jildii 2 jedhamu, maatii keessaniif eebba akka argamsiisu ni abdata. Kitaabni kun, namoonni hundi, keessumaammoo dargaggoonni keenya, ‘hafuuraan geggeeffamaa akka jiraatan’ kan gargaaru haa ta’u.—Gal. 5:16.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Gaaffiiwwan kitaabicharra jiran tokko tokko, nama umrii kamirrayyuu jiruuf ni hojjetu. Fakkeenyaaf, saanduqni “Aariikee To’achuu” (fuula 221) jedhu ilma ykn intala keessaniif akkuma barbaachisu, isiniifis ni barbaachisa ta’a. Chaartiiwwan “Dhiibbaa Hiriyaarraa Narra Ga’uu Danda’u” (fuula 132-133), “Baasiin Ji’a Ji’aan Baasu” (fuula 163), akkasumas “Galmawwankoo” (fuula 314) jedhan isiniifis hojjechuu danda’u.

[Saanduqa fuula 30rra jiru]

Yaada Dargaggoonni Tokko Tokko Kennan

“Kitaabni kun, kitaaba qalama qabattanii xiinxalaa dubbisuu qabdanidha. Akkasumas akka yaadannoo dhuunfaatti, ofii keessaniif daandii jireenyaa hundarra caaluuf galma akka baafattan kan gargaarudha.”—Nikoolaa.

“Namoota hiriyaa gaarii fakkaatan dabalatee, saala faallaa wajjin wal beellamee haasa’uuf dhiibbaa guddaan narra ga’a. Kutaan jalqabaa kitaaba kanaa, namni tokko waan fedhe yoo jedhellee, saala faallaa wajjin beellama qabadhee haasa’uuf akkan hin qophoofne na amansiiseera.”—Kaatriinaa.

“Saanduqni ‘Cuuphamuuf Yaadaa Jirtaa?’ jedhu, cuuphaa kootiif bakka guddaa akkan kennu na gargaareera. Barsiifata qayyabannaafi kadhannaakoo irra deebi’ee gamaaggamuuf na kakaaseera.” —Ashlii.

“Warrikoo Kiristiyaana waan ta’aniif ijoollummaa kootii kaasanii na barsiisanis, kitaabni kun tarkaanfiin jireenyakoo keessatti fudhadhu ilaalchisee ofii kootiif sababii akkan dhiheessu na gargaareera. Warrakoo wajjin ifatti akkan haasa’us na gargaareera.”—Zamiiraa.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Warra yoo taatan, yaada kitaaba kanaa akka gaariitti hubadhaa

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Garaa mucaa keessanii tuquuf galma baafadhaa