Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Mirga Ijoolleen Karaa Hafuuraa Leenjii Argachuuf Qaban”

“Mirga Ijoolleen Karaa Hafuuraa Leenjii Argachuuf Qaban”

“Mirga Ijoolleen Karaa Hafuuraa Leenjii Argachuuf Qaban”

SIWIIDISH Akkaadaamiin, Muddee 9, 2008 mataduree, “Mirga Ijoolleen Karaa Hafuuraa Leenjii Argachuuf Qaban” jedhuun seeminaarii addaa qopheessee ture. Bakka buutonni Waldaa Siwiidin, dhaabbilee amantii Saba Kiristiyaanaa garabiraa, amantii Islaamaafi dhaabbilee mirga namummaa haasawaa garagaraa dhiheessaniiru.

Isaan keessaa lubni tokko akkas jedhaniiru: “Ga’ee guddaa seenaan Macaafa Qulqulluu jireenya hafuuraa ijoolleerratti qabu sirriitti ibsuun rakkisaadha.” Caaffanni Qulqullaa’oon fedhii hafuuraa ijoollee guutuu kan danda’an akkamitti?

Lubichi: “Caqasawwaniifi seenaawwan” Macaafa Qulqulluu keessatti argaman, “barumsawwan ijoolleen dhuunfaatti irratti xiinxaluuf isaan gargaaran qabataniiru” jedhaniiru. “Seenaa Addaamiifi Hewwaan, Qaayiniifi Abeel, Daawitiifi Goliyaad, waa’ee dhalachuu Yesus, Zakewos isa qaraxxuu, seenaa mucaa badee argamee, waa’ee namicha Samaariyaa isa oo’a qabeessaa” ibseera. Seenaawwan kun “gowwoomsuu, dhiifama gochuu, araara, jibba, gocha yeellaasisaa, araara buusuufi jaalala obbolummaa isa ofittummaarraa walaba ta’e ilaalchisee, yaada ijoollee qaruuf baay’ee barbaachisaa akka ta’an” caqasameera. Itti dabalaniis akkas jedhaniiru: “Kutaawwan Macaafa Qulqulluu kun, wantoota namni tokko jireenyasaa wajjin wal qabsiisuufi hojiirra oolchuu danda’u, akkasumas qajeelfamawwan gaggaarii akka muuxannootti tajaajilan qabataniiru.”

Macaafa Qulqulluu akka dubbisan gorfamuunsaanii gaarii akka ta’e beekamaadha. Haata’u malee, ijoolleen dhugumaan wanta Caaffata Qulqullaa’oorraa ‘dubbisanirratti xiinxaluufi irratti yaaduudhaan,’ murtoo sirriirra ga’uuf dandeettii qabuu?

Ga’eessotaafillee namni Caaffata Qulqullaa’oo ibsuuf isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun waa’ee nama “dhuunfaatti dubbiseefi irratti xiinxalee” hiikasaa sirriitti hin hubanne tokkoo nutti hima. Namni kun nama Itoophiyaa isa taayitaa qabu ture. Raajii Isaayaas dubbisaa kan ture ta’us, hiikasaa hin hubanne. Ergaa raajii kanaa hubachuu waan barbaadeef, afeerrii Filiphos inni bartuun isaaf dhiheesse gammachuudhaan fudhateera. (HoE. 8:26-40) Ergaa Caaffata Qulqullaa’oo hubachuuf kan gargaarsi isa barbaachise nama kana qofa miti. Hundi keenya, keessumaammoo ijoolleen, namni yaada Caaffata Qulqullaa’oo akka hubannu nu gargaaru nu barbaachisa.

Macaafni Qulqulluun, “Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira” jedha. (Fak. 22:15) Ijoolleen qajeelfamni isaan barbaachisa; warrimmoo, ijoolleensaanii amala gaarii akka qabaataniif, qajeelfama Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi gumii keessatti baratan isaan barsiisuuf itti gaafatamummaa qabu. Ijoolleen leenjii akkasii argachuuf mirga qabu. Ijoolleen karaa hafuuraa guddina argisiisuudhaan ‘warra ga’aniifi warra sammuunsaanii hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar baasuu danda’u’ akka ta’aniif, ijoollummaadhaa kaasanii leenjii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee argachuu qabu.—Ibr. 5:14.