Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Olola Seexanaarraa Of Eegaa!

Olola Seexanaarraa Of Eegaa!

Olola Seexanaarraa Of Eegaa!

‘HIN GOWWOOMINAA. Waaqni keessan isin hin gargaaru. Harka kennuu ykn balleeffamuu keessaa tokko filadhaa!’ Ergaa kana, ergamaa Mootii Asor, Rabshaaqeetu jiraattota Yerusaalemitti dubbate. Loltoonni mootichaa Yihudaa weeraranii turan. Dubbiin nama ergame kanaa, hamilee saba Yerusaalem cabsuufi sossodaachisuudhaan isaan booji’uuf itti yaadamee kan dubbatame ture.—2 Mot. 18:28-35.

Asoronni hammeenyaafi gara jabinaan kan beekaman turan. Waa’ee namoota kanaan dura booji’anii haala sodaachisaa ta’een itti himuudhaan, diinotasaanii kana sodaadhaan guutan. Akka barreessaan seenaa Fiiliippi Teeyilar jedhamu ibsetti, Asoronni “namoota injifatan to’annaasaanii jala oolchuuf, akkasumas warra kaan gara jabinaan akkamitti akka miidhan dubbachuudhaan diinotasaanii rifachiisuuf malli itti fayyadaman, sossodaachisuufi olola sobaa oofuu ture.” Ololli meeshaa waraanaa humna guddaa qabudha. Fiiliippi, ololli “ilaalchi namootaa akka jal’atu godha” jedheera.

Kiristiyaanonni dhugaa, ‘namoota foon uffatanii wajjin utuu hin ta’in, macca hafuurota hamminaa wajjin,’ jechuunis uumamawwan hafuuraa Waaqayyorratti ka’anii wajjin ‘wal’aansoo wal qabu.’ (Efe. 6:12) Isaan keessaa inni guddaanimmoo Seexanadha. Innis doorsisaafi ololatti fayyadama.

Seexanni, amanamummaa hunda keenyaa laaffisuu akka danda’u dubbateera. Bara Iyoob inni amanamaan turetti Seexanni Yihowaadhaan, “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jedhee ture. Akkas jechuunsaa, namni rakkinni dabalataa yoo isarra ga’e, oolee bulee Waaqayyoof amanamaa ta’uusaa ni dhiisa jechuusaa ture. (Iyo. 2:4) Wanti Seexanni jedhe kun sirriidhaa? Hundi keenya, lubbuudhaan itti fufuuf jecha seerawwan bu’uuraa nuu kennaman cabsuuf, jechuunis wanti amanamummaa keenya daangessu akka jiraatu gochuuf ni qoramnaa? Seexanni akkas jennee akka yaannu barbaada. Kanaaf, olola nama miidhutti fayyadamee ilaalcha akkasii akka qabaannu gochuu barbaada. Malawwan inni kana itti godhu keessaa tokko tokko maal akka ta’aniifi akkamitti of eeguu akka dandeenyu haa ilaallu.

“Hundeen Isaanii Biyyoo Keessa” Jira

Seexanni, michoota Iyoob sadan keessaa Eliifaazitti fayyadamee, namoonni baay’ee dadhaboo waan ta’aniif Waaqayyoof amanamoo ta’uu hin danda’an jedhee mormii kaaseera. Ilmaan namootaa akka ‘manneen suphee irraa hojjetaman keessa taa’aniitti’ ibsuudhaan Iyoobiin akkas jedhe: “[“Hundeensaanii biyyoo keessa kan jiru,” hiika bara 1899] warri bilii caalaa salphaatti caccaban hammam caalaa haa ta’an ree? Isaan barii ganamaatii hamma galgalaatti caccabanii in hurraa’u, utuu namni itti hin yaadin raawwatanii in badu.”—Iyo. 4:19, 20.

Caqasa kanarratti “qodaa suphee” cabutti fakkeeffamneerra. (2 Qor. 4:7) Cubbuu dhaalleen kan ka’e mudaa waan qabnuuf dadhaboodha. (Rom. 5:12) Miidhaa Seexanaatiif saaxilamneerra. Haata’u malee, Kiristiyaanota waan taaneef gargaarsa Yihowaa qabna. Humni keenya kan daangeffame ta’us, Waaqayyo duratti bakka guddaa qabna. (Isa. 43:4) Kana malees, Yihowaan warra isa gaafataniif hafuura qulqulluu ni kenna. (Luq. 11:13) Hafuurrisaa rakkina Seexanni nurraan ga’u kamiyyuu akka dandamannu nu gargaaruudhaan, ‘humna humna gararraa jiru’ nuu kennuu danda’a. (2 Qor. 4:7; Filp. 4:13) ‘Warra amantiitti jabaanne ta’uudhaan’ Diiyaabilosiin kan morminu taanaan, Waaqayyo nu jabeessa. (1 Phe. 5:8-10) Kanaaf, sababii Seexana itti sodaannuuf hin qabnu.

Nama “Yakka Hojjechuu Akka Bishaanii Dheebotu”

Eliifaaz, “Namni maalii iyyuu qullaa’aa ta’uu danda’aa ree? Yookiis nama ta’ee kan dhalate maali iyyuu, qajeelaa ta’uu danda’aa ree?” jedhee gaafateera. Achiis akkas jechuudhaan deebise: “Kunoo, [Waaqayyo] qulqulloota isaa iyyuu hin amananne, bantiiwwan waaqaas ija isaa duratti qullaa’oo miti erga ta’ee, egaa yoos inni yakka hojjechuu akka bishaanii dheebotu, hammam ciigga’amaa fi manca’aa haa ta’u ree?” (Iyo. 15:14-16) Eliifaaz, Yihowaan nama kamiyyuu akka qulqulluutti akka hin ilaalle Iyoobitti himuusaa ture. Seexannis yaada dogoggoraa akkasii babal’isa. Dogoggora kanaan dura raawwanneen akka dhiphannu, garmalee akka of ceephaanuufi kana booda dhiifama hin argadhu jennee akka yaannu barbaada. Kana malees, Yihowaan wanta humna keenyaa ol ta’e akka nurraa barbaaduufi gara laafinni, dhiifamniifi gargaarsisaa cubbuu keenya nurraa haquu akka hin dandeenye akka nutti dhaga’amu barbaada.

Dhugaadha, hundi keenya ‘yakkineerra, ulfinni Waaqayyoos nurraa hir’ateera.’ Namni mudaa qabu kamiyyuu, seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo warra mudaa hin qabne guutummaatti eeguu hin danda’u. (Rom. 3:23; 7:21-23) Kana jechuun garuu, isa duratti waa’ee hin baasnu jechuu miti. Yihowaan, “bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame,” cubbuu dhaalletti akka fayyadamu beeka. (Mul. 12:9, 10) Waaqayyo “biyyoo ta’uu keenya” waan beekuuf nurratti “dubbii hin kota’u.”—Far. 103:8, 9, 14.

Hammeenyaarraa fagaachuudhaan cubbuu keenyatti gaabbinee Yihowaatti yoo dhihaanne, ‘inni nu maara.’ (Isa. 55:7; Far. 51:17) Macaafni Qulqulluun, ‘cubbuun keenya diimaa biluu ta’uyyuu, akka cabbii akka addaatu’ dubbata. (Isa. 1:18, NW) Kanaaf, fedha Waaqayyoo raawwachuuf carraaquurraa duubatti akka hin jenne haa murteessinu.

Cubbuu waan dhaalleef, Waaqayyo duratti matumaa guutummaatti qajeeloo ta’uu hin dandeenyu. Addaamiifi Hewwaan cubbamoota ta’uudhaan, isaanis ta’an hundi keenya jireenya barabaraa akka dhabnu godhaniiru. (Rom. 6:23) Yihowaan garuu jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabuun kaka’ee, aarsaa furii Ilmasaa Yesus Kiristositti yoo amanne cubbuu keenya nuu dhiisuuf qophii godheera. (Mat. 20:28; Yoh. 3:16) Kun karaa dinqisiisaa ‘ayyaanni’ Waaqayyoo itti mul’atedha. (Tit. 2:11) Cubbuun keenya nuu dhiifamuu danda’a! Erga akkas ta’ee, Seexanni cubbuun keenya akka nuu hin dhiifamne goonee akka yaannu akka godhu maaliif heyyamna?

“Lafee Isaa Fi Foon Isaa Rukuti!”

Seexanni, Iyoob fayyaansaa yoo miidhame amanamummaasaa ni dhiisa jedhee ture. Seexanni, “Lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mul’inatti si arrabsa” jedhee Yihowaarratti mormii kaase. (Iyo. 2:5) Diinni Waaqayyoo kun, humni keenya waan daangeffameef gatii hin qabnu jennee akka yaannu gochuu dandeenyaan baay’ee akka gammadu beekamaadha.

Haata’u malee, Yihowaan tajaajila keenyarratti hamma kanaan duraa hirmaachuu yoo dadhabne nu hin gatu. Michuun keenya tokko yoo dhukkubsateefi miidhaan yoo irra ga’e maal goona? Waan kanaan dura nuu godhu amma gochuu yoo dadhabe, ilaalchi isaaf qabnu ni jijjiiramaa? Matumaa hin jijjiiramu! Keessumaammoo, rakkinni kun kan isarra ga’e utuu waan tokko nuu gochuuf jedhuu yoo ta’e, ammas isa jaallanna, isa kunuunsinas. Yihowaanimmoo kana caalaa godha jennee eeguu hin qabnuuree? Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu, hin jal’isus” jedha.—Ibr. 6:10.

Caaffanni Qulqullaa’aan waa’ee ‘haadha hiyyeessaa’ tarii waggoota hedduudhaaf waaqeffannaa dhugaa deggeraa turte tokkoo dubbata. Yesus qodaa buusii mana qulqullummaa keessatti “sibiila diddiimtuu, kan akka saantiima lamaa” yeroo buustu ennaa arge, isheenis taate buusiin isheen goote gatii akka hin qabne isatti dhaga’amee turee? Haala kanarraa faallaa ta’een, waaqeffannaa dhugaa deggeruuf hamma haallishee heyyamu hunda gochuusheetiin ishee jajeera.—Luq. 21:1-4.

Cubbamoo ta’uun keenya, sababii dullumaa ykn dhukkubaatiin rakkina akkamiiyyuu yoo nurraan ga’e, amanamoo taanee itti fufnaan, hariiroon Yihowaa wajjin qabnu akka itti fufu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Waaqayyo, tajaajiltootasaa warra amanamoo, rakkinni dandeettii isa tajaajiluuf qaban waan isaan jalaa daangesseef isaan hin gatu.—Far. 71:9, 17, 18.

“Fayyina Akka Gonfoo-Sibiilaatti” Fudhadhaa

Olola Seexanaarraa akkamitti of eeguu dandeenya? Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!” Meeshsaa lola hafuuraa keessaa tokko, “fayyina akka gonfoo sibiilaa[ti].” (Efe. 6:10, 11, 17) Olola Seexanaa wajjin haala wal qabateen, gonfoo sibiilaa kana kaa’achuufi nurraa akka hin baane of eeggachuu qabna. Gonfoon sibiilaa loltuu tokkoo, mataasaarraa miidhaan akka hin geenye eega. ‘Abdiin fayyinaa’ keenya, jechuunis amantiin abdii Waaqayyo addunyaa haaraa dinqisiisaa ta’e fiduuf kennerratti qabnu, soba Seexanaarraa yaada keenya nuu eega. (1 Tas. 5:8) Caaffata Qulqullaa’oo dhuunfaatti dhimminee qayyabachuudhaan, abdiin kun akka nuu dhugoomu gochuu qabna.

Iyoob, miidhaa guddaa Seexanni jibbaafi gara jabinaan isarra geessise obsaan danda’eera. Amantiin Iyoob abdii du’aa ka’uurratti qabu baay’ee cimaa waan tureef, duutillee abdii isa hin kutachiisne. Kanaa mannaa Yihowaadhaan, “Ati hojii harka keetii in yaadda; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha” jedheera. (Iyo. 14:15) Iyoob amanamaa ta’uusaatiin utuu du’eellee, Waaqayyo tajaajiltootasaa amanamoo ta’an waan jaallatuuf, du’aa akka isaan kaasu ni amana ture.

Nuyis Waaqa dhugaarratti amantii akkasii haa qabaannu. Seexanniifi bakka buutonnisaa wanta akkamiiyyuu yoo nutti fidan, Yihowaan rakkoo uumame sana sirreessuu ni danda’a. Phaawulos akkas jechuudhaan nuu mirkaneessuusaas yaadadhaa: “Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”—1 Qor. 10:13.

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Yihowaan tajaajila amanamummaadhaan dhiheessitaniif bakka guddaa kenna

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Fayyina akka gonfoo sibiilaatti kaa’adhaa, ofirraas hin baasinaa