Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Akka Abbaakeetti Ilaaltaa?

Yihowaa Akka Abbaakeetti Ilaaltaa?

Yihowaa Akka Abbaakeetti Ilaaltaa?

BARTOOTASAA keessaa tokko, “Yaa gooftaa, . . . kadhachuu nu barsiisi!” jedhee yommuu isa gaafatu, Yesus akkas jechuudhaan deebii kenne: “Yommuu kadhattan akka kanatti fufee jirutti kadhadhaa! ‘Yaa abbaa [yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa!] Maqaan kee haa qulqullaa’u!’” (Luq. 11:1, 2) Yesus, maqaawwan ulfinaa guddina Yihowaa ibsan, kan akka ‘Waaqa isa hundumaa danda’u,’ “barsiisaa,” ‘uumaa,’ ‘isa bara baay’ee dheeraa jiraate,’ “Mootii bara baraa” jedhanitti fayyadamee Yihowaa waamuu ni danda’a ture. (Uma. 49:25; Isa. 30:20; 40:28; Dan. 7:9; 1 Xim. 1:17) Kanaa mannaa, Yesus jecha “Abbaa” jedhutti fayyadamuu filateera. Maaliif? Tarii akkas kan godhe, akkuma mucaan abbaasaa isa jaalala qabeessatti dhihaatutti, Qaama uumama cufarratti olaantummaa qabutti akka dhihaannu waan barbaadeef ta’uu danda’a.

Haata’u malee, namoonni tokko tokko akka Abbaatti Waaqayyotti dhihaachuun isaanitti ulfaata. Kiristiyaanni Atisuukoo * jedhamtu akkas jechuudhaan dhugaasaa dubbatteetti: “Ergan cuuphamee booda waggaa dheeraadhaaf Yihowaatti dhihaachuufi akka Abbaatti isa kadhachuun natti ulfaatee ture.” Sababii akkas itti jette yommuu ibsitu, “Abbaankoo inni na dhalche yeroo inni itti jaalala natti argisiise hin yaadadhu” jetteetti.

Guyyoota gara dhumaa sodaachisaa ta’an kanatti, ‘jaalalli’ uumamaa namni tokko abbaasaarraa nan argadha jedhee yaadu baay’ee hir’achaa dhufeera. (2 Xim. 3:1, 3) Kanaaf, namoota tokko tokkotti akka Atisuukoo itti dhaga’amuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Ta’us, Yihowaa akka Abbaa keenya isa jaalala qabeessaatti ilaaluuf sababii ga’aa akka qabnu beekuun keenya nu jajjabeessa.

Yihowaan, Jaalala Qabeessaafi Wanta Barbaachisu Kan Kennudha

Yihowaa akka Abbaa keenyaatti ilaaluuf, sirriitti isa beekuu nu barbaachisa. Yesus akkas jedheera: “Abbaa duwwaatu isa beeka malee, ilma kan beeku tokko illee hin jiru, ilma isaatii fi warra ilmi isaa itti mul’isuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaa kan beekus tokko illee hin jiru.” (Mat. 11:27) Karaa gaariin Yihowaan Abbaa akkamii akka ta’e beekuu itti dandeenyu, wanta Yesus Waaqa dhugaa ilaalchisee dubbaterratti yaaduudha. Maarree Yesus waa’ee Abbaasaa maal barsiise?

Yesus, “Ani immoo sababii abbaatiif akkuman jiraadhu” jechuudhaan, Maddi jireenyasaa Yihowaa akka ta’e amanee fudhateera. (Yoh. 6:57) Nutis Abbaarraa jireenya arganne. (Far. 36:9; HoE. 17:28) Yihowaan warra kaaniif jireenya akka kennu kan isa kakaase maalidha? Jaalala mitii? Kennaa akkasii waan nuu kenneef, nutis Abbaa keenya isa samii jaallachuu qabna.

Waaqayyo, Yesusiin aarsa furii godhee dhiheessuudhaan jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabu argisiiseera. Furiin kunis, ilmaan namootaa cubbamoo ta’an karaa Ilmasaa isa jaallatamaa, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaataniif carraa baneera. (Rom. 5:12; 1 Yoh. 4:9, 10) Abbaan keenya inni samii waadaa gale kan raawwatu waan ta’eef, namoonni isa jaallataniifi isaaf abboomaman hundi suuta suuta, “gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti” akka geeffaman mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Rom. 8:21.

Kana malees, Abbaan keenya inni samii guyyaa guyyaan ‘aduusaa nuu baasa.’ (Mat. 5:45) Ifa aduu argachuuf kadhachuun barbaachisaa akka ta’e nutti hin dhaga’amu. Haata’u malee, ifaafi ho’i aduurraa argannu baay’ee kan nu barbaachisu ta’uusaarryyuu, nu gammachiisa! Akkasumas, Abbaan keenya wantoota jireenyaaf nu barbaachisan kan beeku yommuu ta’u, utuu nuti isa hin gaafatin baay’inaan nuu kenna. Kanaaf, kunuunsa Abbaan keenya inni samii uumamawwansaatiif godhuuf, yeroo fudhannee dinqisiifannaadhaan irratti yaaduu hin qabnuu?—Mat. 6:8, 26.

Abbaa Keenya Isa ‘Gara Laafinaan Nu Eegu’

Raajiin Isaayaas saba Waaqayyoo warra duriitiif abdii amansiisaa akkas jedhu kennee ture: “Tulloonni yoo raafaman iyyuu, gaaronnis yoo socho’an iyyuu, araarri koo si biraa hin mittiqu, kakuun nagaa koos si biraa hin socho’u jedha; Waaqayyo inni siif oo’u [“gara laafinaan si eegu,” Za Baayibil Iin Liiviingi Ingilish] kana dubbateera.” (Isa. 54:10) Dhugumayyuu, kadhannaan Yesus galgala du’asaa dura turetti dhiheesse Yihowaan ‘gara laafinaan kan eegu’ waan ta’eef, yaanni armaan olii dhugaa ta’uusaa mirkaneessa. Yesus bartootasaa ilaalchisee akkas jedhee kadhateera: “Isaan . . . biyya lafaa keessa jiru; ani immoo gara kee nan dhufa. Yaa abbaa qulqulluu, . . . maqaa keetiin isaan eegi!” (Yoh. 17:11, 14) Yihowaanis duuka buutota Yesusiif eegumsa godheera.

Karaa Yihowaan yeroo ammaatti kiyyoo Seexanaarraa itti nu eegu keessaa inni tokko, karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ nyaata hafuuraa yeroosaatti barbaachisu nuu qopheessuudhaanidha. (Mat. 24:45) Nyaata nama jabeessu kana soorachuun keenya ‘mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuuf’ baay’ee barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, yaada “xiyya isa hamaa sanaa, warra boba’aa adeeman dhaamsuu[f]” “amantii akka gaachanaatti fudhadhaa!” jedhu haa ilaallu. (Efe. 6:11, 16) Amantiin Abbaa keenya isa samiirratti qabnu miidhaa karaa hafuuraa nurra ga’urraa kan nu eegu ta’uusaarrayyuu, Abbaan keenya eegumsa akka nuuf godhu amannee fudhachuu keenya kan mirkaneessudha.

Kana malees, Ilmi Waaqayyoo yeroo lafarra ture jireenya akkamii akka dabarse gadi fageenyaan qoruun keenya, Abbaan keenya inni samii baay’ee gara laafessa ta’uusaa caalaatti akka hubannu nu gargaara. Seenaa Maarqos 10:13-16⁠rra jiru qalbeeffadhu. Achirratti Yesus bartootasaatiin, “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan” akka jedhe ibsameera. Yesus mucoolii isa biratti walitti sassaabamanii turan sana, gara laafinaan kan hammate ta’uusaarrayyuu, isaan eebbiseera. Fuullisaanii gammachuudhaan ifee akka ture homaa hin shakkisiisu! Yesus, “Namni ana arge abbaa arge” jedhee waan dubbateef, Waaqni dhugaa garasaatti akka dhihaannu akka barbaadu beekuu dandeenya.—Yoh. 14:9.

Yihowaan, Waaqa Madda jaalalaa isa dhuma hin qabneeti. Kennuudhaan kan isaan qixxaatu kan hin jirre ta’uusaarrayyuu, akka isatti dhihaannu barbaada; eegumsa gochuudhaanis kan isaan walgitu hin jiru. (Yaq. 4:8) Kanaaf, Yihowaan Abbaa hundarra caalu ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu!

Faayidaa Guddaa Arganna!

Yihowaa, akka Abbaa keenya isa samii, isa jaalala qabeessaafi gara laafessaatti ilaaluudhaan isatti kan amanamnu taanaan, faayidaa guddaa arganna. (Fak. 3:5, 6) Yesus guutummaatti Abbaasaatti amanamuusaatiin faayidaa argateera. Kiristos bartootasaatiin, “Anoo kophaa koo miti, isa ana erge abbaatu anaa wajjin jira” jedheera. (Yoh. 8:16) Yesus yeroo hundaa eegumsa Yihowaa akka argatu mirkanaa’aa ture. Fakkeenyaaf yeroo cuuphame Abbaansaa, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jechuudhaan jaalala isaaf qabu mirkaneesseeraaf. (Mat. 3:15-17) Yesus du’uusaa yeroo muraasa dura, “Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!” jedhee kadhateera. (Luq. 23:46) Yeroo kanattis, Yesus akkuma yeroo hundaa godhu, guutummaatti akka Abbaasaatti amanamu argisiiseera.

Nutis akkasuma Yihowaatti amanamuu dandeenya. Yihowaan gara keenya erga ta’ee maaliif sodaanna? (Far. 118:6) Atisuukoon isheen olitti ibsamte, yommuu rakkoon ishee mudatu jabina mataasheetti amanamuu barsiifata godhattee turte. Haata’u malee, yeroo booda jireenyaafi tajaajila Yesus, keessumaammoo, hariiroo cimaa inni Abbaasaa isa samii wajjin qaburratti xiyyeeffachuudhaan qayyabachuu jalqabde. Kunoo bu’aa maalii argamsiiseef? Atisuukoon, “Abbaa jechuun maal jechuu akka ta’eefi isarratti amantii qabaachuu jechuun maal jechuu akka ta’e naa gale” jetteetti. Itti dabaluudhaanis: “Nagaafi gammachuu dhugaan argadhe. Dhugumayyuu, sababii wanta tokkottiyyuu dhiphannuuf hin qabnu” jetteetti.

Yihowaa akka Abbaa keenyaatti ilaaluu keenyaan, eebba dabalataa akkamii argachuu dandeenya? Yeroo baay’ee ijoolleen warrasaanii akka jaallataniifi isaan gammachiisuu akka barbaadan beekamaadha. Ilmi Waaqayyoos jaalalaan kaka’ee, ‘yeroo hundumaa wanta Abbaasaa gammachiisu hojjeta’ ture. (Yoh. 8:29) Haaluma wal fakkaatuunis, jaalalli Abbaa keenya isa samiitiif qabnu tarkaanfii ogummaarratti hundaa’een kakaanee saba duratti akka isa ‘jajanu’ nu kakaasuu danda’a.—Mat. 11:25; Yoh. 5:19.

Abbaan Keenya ‘Harka Keenya Isa Mirgaa Nu Qaba’

Kana malees, Abbaan keenya inni samii hafuurasaa isa nu ‘jajjabeessu,’ [hiika bara 1899] nuu kenna. Yesus hafuurri kun “gara dhugaa hundumaa keessatti isin in geessa” jedheera. (Yoh. 14:15-17; 16:12, 13) Hafuurri Waaqayyoo, Abbaa keenya isa samii caalaatti akka beeknu nu gargaaruu danda’a. “Da’oo jajjabaa” jigsuuf, jechuunis yaada hundee hin qabne, yaada dogoggoraa ykn ilaalcha sirrii hin taane diiguudhaan ‘yaada namootaa Kiristosiif abboomsisuudhaaf akka boojinu’ nu gargaaruu danda’a. (2 Qor. 10:4, 5) Kanaaf, ‘Abbaan inni waaqarraa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu’ amantii guutuu qabaachuudhaan, hafuurasaa isa nu ‘jajjabeessu’ akka nuu kennu Yihowaa haa kadhannu. (Luq. 11:13) Akkasumas hafuurri qulqulluun yeroo kamiyyuu caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu akka nu gargaaru kadhachuun keenya barbaachisaadha.

Mucaa xinnoon tokko, harka abbaasaa qabatee yommuu adeemu sodaan tokkollee isatti hin dhaga’amu; kanaa mannaa tasgabbiitu itti dhaga’ama. Atis Yihowaa akka Abbaakeetti yoo ilaalte, yaada nama jajjabeessu kanarratti amantaa guutuu qabaachuu dandeessa: “Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o siin jedhuu dha.’” (Isa. 41:13) Mirga addaa Waaqayyoo wajjin barabaraan ‘deddeebi’uuf’ si dandeessisu argachuu dandeessa. (Mik. 6:8) Fedhasaa raawwachuukee itti fufuudhaan, jaalala, gammachuufi tasgabbii Yihowaa akka Abbaakeetti ilaaluudhaan argamu dhamdhamuu dandeessa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Maqaanshee jijjiirameera.