Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Jechi Hisqi’el 18:20rratti “Ilmi yakka abbaa hin baatin” jedhu Ba’uu 20:5 isa ‘Cubbuu abbootaa harka ijoollee keessaa nan barbaada’ jedhuu wajjin kan wal faallessudhaa?

Kan wal faallessu miti. Caqasni inni tokko itti gaafatamummaa namoonni dhuunfaatti qabanirratti kan xiyyeeffatu si’a ta’u, inni kaanimmoo dogoggorri namni tokko raawwatu sanyiisaarratti dhiibbaa geessisuu akka danda’u dhugaa jiru kan ibsudha.

Yaanni Hisqi’el boqonnaa 18 keessaa jiru, caqasichi waa’ee itti gaafatamummaa dhuunfaa akka dubbatu ifa godha. Lakkoofsi 4, “Lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du’u” jedha. “Namni qajeelaan, wanta dhugaa fi wanta qajeelaa ta’e hojjetu” hoo maal ta’a? Inni “in jiraata.” (His. 18:5, 9) Kanaaf, namni hundi umrii itti gaafatamummaa fudhaturra yommuu ga’u, ‘akka hojiisaatti’ itti faradama.—His. 18:30.

Seerri bu’uuraa kun seenaa Qoraahi isa nama Lewwii turerratti ifatti mul’ateera. Israa’eloonni lafa onaa keessa yommuu deemaa turanitti, Qoraahi mirga tajaajilaa argatetti utuu hin gammadin hafe. Qoraahiifi namoonni tokko tokko hojii lubootaa fudhachuuf jecha bakka bu’oota Yihowaa kan ta’an Museefi Aaronirratti ka’an. Oftuulummaadhaan kaka’anii iddoo, jechuunis mirga isaaniif hin malle kana argachuu waan yaalaniif, Yihowaan Qoraahiifi namoonni isaa wajjin fincila kaasan akka du’an godheera. (Lak. 16:8-11, 31-33) Ilmaan Qoraahi garuu mormii kanarratti hin hirmaanne. Waaqayyo cubbuu abbaansaanii raawwateef isaan hin adabne. Yihowaaf amanamoo ta’uunsaanii lubbuunsaanii akka oolu godheera.—Lak. 26:10, 11.

Haata’u malee, akeekkachiisni Ba’uu 20:5⁠rra jiruufi kutaa Abboommii Kurnanii ta’ehoo maal argisiisa? Kanas yaada naannoosaa jiru ilaalaa. Yihowaan kakuu Seerichaa saba Israa’elii wajjin gale ifa godheera. Israa’eloonni kakuu sana erga dhaga’anii booda, “Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jedhanii turan. (Bau. 19:5-8) Kanaan kan ka’es, guutummaan sabichaa Yihowaa wajjin walitti dhufeenya adda ta’e keessa gale. Kanaaf, jechoonni Ba’uu 20:5⁠rra jiran adda durummaadhaan kan kennaman guutummaa sabichaatiif ture.

Israa’eloonni Yihowaadhaaf yommuu amanamoo ta’an, sabichi faayidaafi eebbawwan hedduu argata ture. (Lew. 26:3-8) Amanamoo ta’uu baanaan garuu faallaa kanaatu isaanirra ga’a ture. Sabni Israa’el Yihowaa dhiisanii yommuu waaqayyolii sobaa duukaa bu’an, inni eebbaafi eegumsasaa waan isaan dhowwatuuf sabichi balaadhaaf saaxilama. (Abo. 2:11-18) Sabichi waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuusaa kan itti fufe ta’us, namoonni amanamoo ta’aniifi abboommiiwwan Waaqayyoo eegan tokko tokko jiru turan. (1 Mot. 19:14, 18) Sabichi cubbuu hojjechuusaatiin kan ka’e, namoonni amanamoo ta’an rakkinaaf utuu hin saaxilamin kan hin hafne ta’us, Yihowaan gaarummaa isaanitti argisiiseera.

Israa’eloonni seerawwan bu’uuraa Yihowaa ifatti cabsuudhaan maqaansaa saboota gidduutti akka arrabsamu yommuu godhan, Yihowaan Baabilonitti akka booji’aman gochuudhaan isaan adabuuf murteesse. Kunis sabicha dhuunfaattis ta’e akka tuutaatti adabuu kan dabalatu ture. (Er. 52:3-11, 27) Dhugumayyuu cubbuun Israa’eloonni akka tuutaatti raawwatan baay’ee cimaa waan tureef, akkuma Ba’uu 20:5⁠rratti ibsame dogoggora abbootiitiin, dhaloonni sadii, afur ykn isaa ol utuu hin tuqamiin akka hin hafne Macaafni Qulqulluun ni ibsa.

Dubbiin Waaqayyoo, amala gadhee warri argisiisaniin, maatiiwwan dhuunfaatti rakkinarra bu’uusaanii seenaa argisiisus qabateera. Hangafa Lubootaa kan ta’e Eliin, ijoolleensaa warri addaggeefi namoota “waa’ee hin baafne” ta’an luboota ta’anii akka itti fufan heyyamuudhaan Yihowaa gaddisiisee ture. (1 Sam. 2:12-16, 22-25) Eliin Yihowaa caalaa ijoolleesaatiif ulfina waan kenneef, Waaqayyo sanyiin Elii hangafa lubootaa akka hin taane kan murteesse si’a ta’u, kunis ilma ilma ilmasaa kan ta’e Abiyaataarii kaasee raawwatameera. (1 Sam. 2:29-36; 1 Mot. 2:27) Seerri bu’uuraa Ba’uu 20:5⁠rra jiru seenaa Gehaazirrattis mul’ateera. Gehaaz, Na’amaan Jenaraala Sooriyaa isa fayyerraa faayidaa argachuuf, aboo hojjetaa Elsaa’i ta’uudhaan argatetti karaa sirrii hin taaneen fayyadameera. Yihowaan karaa Elsaa’i, “Lamxiin Na’amaan bara baraan sitti, sanyii keettis in qabata” jechuudhaan itti murteessee ture. (2 Mot. 5:20-27) Kanaaf, sanyiin Gehaaz cubbuu inni raawwateen rakkoorra bu’aniiru.

Yihowaan Uumaafi jireenya kan kenne waan ta’eef, adabni sirrii ta’e kan akkamii akka ta’e murteessuuf mirga guutuu qaba. Haalli olitti ibsame, ijoolleen cubbuu warrasaaniitiin rakkinarra bu’uu akka danda’an argisiisa. Haata’u malee, Yihowaan ‘boo’icha warra rakkatoo in dhaga’a;’ namoonni dhugumaan garasaatti deebi’anis isa duratti fudhatama argachuu qofa utuu hin ta’in, hamma tokko boqonnaa ni argatu.—Iyo. 34:28.

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Qoraahiifi namoonnisaa gocha raawwataniif itti gaafatamanii turan