Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuuraan Geggeeffamuudhaan Murtoo Keessanii Wajjin Walsimaa Jiraadhaa

Hafuuraan Geggeeffamuudhaan Murtoo Keessanii Wajjin Walsimaa Jiraadhaa

Hafuuraan Geggeeffamuudhaan Murtoo Keessanii Wajjin Walsimaa Jiraadhaa

“Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!”—GAL. 5:16.

1. Guyyaa Phenxeqosteetti cuuphaa akkamiitu raawwatame?

DUUKA BUUTONNI Yesus Dh.K.B bara 33 guyyaa Phenxeqostee afaan duraan hin beekneen kan dubbatan, hafuura qulqulluudhaan erga cuuphamanii booda ture. Yeroo kanatti dinqiidhaan kennaa hafuuraa akka argatan mul’isaniiru. (1 Qor. 12:4-10) Kennaan kuniifi haasaan Phexros ergamaan dhiheesse bu’aa maalii argamsiisee ture? Namoonni baay’een “garaan isaanii baqaqe.” Jajjabina Phexros kenneen yaada garaasaanii geddarachuudhaan cuuphamaniiru. Seenaansaa akkas jedha: “Warri dubbii isaa fudhatan in cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu kuma sadii isaanitti in dabalaman.” (HoE. 2:22, 36-41) Akkuma Yesus ajaje, maqaa Abbaa, Ilmaafi hafuura qulqulluutiin bishaaniin cuuphamaniiru.—Mat. 28:19.

2, 3. (a) Garaa garummaa hafuura qulqulluudhaan cuuphamuufi maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu gidduu jiru ibsi. (b) Yeroo har’aa Kiristiyaanonni dhugaa hundi bishaaniin cuuphamuun kan isaanirra jiru maaliifi?

2 Haata’u malee, hafuura qulqulluudhaan cuuphamuufi maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu gidduu garaa garummaan jiraa? Eeyyee. Warri hafuura qulqulluudhaan cuuphaman ijoollee Waaqayyoo ta’anii lammata dhalataniiru. (Yoh. 3:3) Namoonni kun Mootummaa Waaqayyoo isa samii keessaatti Yesusii wajjin moototaafi luboota ta’uuf dibamu; akkasumas kutaa qaama hafuuraa Kiristos ta’u. (1 Qor. 12:13; Gal. 3:27; Mul. 20:6) Kanaaf, Yihowaan cuuphaa kana jechuunis hafuura qulqulluutiin cuuphuu kan raawwate, guyyaa Phenxeqosteefi isa booda yommuu namoota Kiristosii wajjin dhaalan filatuttidha. (Rom. 8:15-17) Haata’u malee, maqaa hafuura qulqulluutiin bishaaniin cuuphuun yeroo baay’ee walga’iiwwan addaa, aanaafi koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaarratti raawwatamuhoo maal argisiisa?

3 Bishaaniin cuuphamuun, tarkaanfii Kiristiyaanonni dhugaan Yihowaadhaaf guutummaatti of murteessuusaanii argisiisuuf fudhatanidha. Warri waamicha isa samiitti afeeramanis kana gochuu qabu. Haata’u malee, namoonni yeroo keenyaa miliyoonaan lakkaa’amaniifi barabaraan lafarra jiraachuuf abdatanis, bishaaniin cuuphamuun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qabanidha. Namni tokko abdiinsaa eessayyuu yoo ta’e, maqaa abbaatiifi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis bishaaniin cuuphamuunsaa, Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’edha. Kanaaf, Kiristiyaanonni cuuphaman hundi ‘hafuuraan akka geggeeffaman’ isaanirraa eegama. (Galaatiyaa 5:16 dubbisi.) Hafuuraan geggeeffamuudhaan murtookee wajjin walsimtee jiraachaa jirtaa?

“Hafuuraan Geggeeffamaa” Jechuun Maal Jechuudha?

4. “Hafuuraan geggeeffamaa” jechuun maal jechuudha?

4 ‘Hafuuraan geggeeffamuun,’ hafuurri qulqulluun dhiibbaa akka isinirratti godhu heyyamuudhaan jijjirama inni isinirratti raawwatu fudhachuu dabalata. Kana jechuun sochiiwwan guyyaa guyyaan goonurratti hafuura qulqulluudhaan qajeelfamuu jechuudha jettu ta’a. Galaatiyaan boqonnaa 5, garaa garummaa dhiibbaa hafuura qulqulluu jala ta’uufi dhiibbaa foonii jala ta’uu gidduu jiru ifa godha.—Galaatiyaa 5:17, 18 dubbisi.

5. Dhiibbaa hafuura qulqulluu jala ta’uun hojiiwwan kamirraa fagaachuu dabalata?

5 Dhiibbaa hafuura qulqulluu jala kan jirtan yoo ta’e, hojii fooniirraa fagaachuu barbaaddu. Hojiiwwan foonii “halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gad-dhiisii, waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba’uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa” kan dabalatanidha. (Gal. 5:19-21) Hojii fooniirraa fagaattu jechuun, ‘hafuuraan hojii namummaa keessan isa foonii ajjeestu’ jechuudha. (Rom. 8:5, 13) Kana gochuun keessan, fedhiin foonii akka isin to’atu heyyamuu mannaa, sammuu keessan wantoota hafuuraarra akka kaa’attaniifi qajeelfama hafuura qulqulluu wajjin akka walii galtan isin gargaara.

6. Ija hojii hafuuraa argisiisuuf maaltu akka barbaachisu fakkeenyaan ibsi.

6 Hafuurri qulqulluun yommuu isinirratti hojjetu, amalawwan Waaqayyoo jechuunis ‘ija hojii hafuuraa’ argisiistu. (Gal. 5:22, 23) Haata’u malee, kun gama keessaniin carraaqqii gochuu akka gaafatu hubachuu hin ooltan. Kana fakkeenyaan ibsuuf, qonnaan bulaan tokko maasiisaa qotee midhaan facaasa. Aduufi bishaan barbaachisaa akka ta’an beekamaadha; wantoonni kun hin jiran taanaan oomisha argachuu hin danda’u. Hafuura qulqulluu aduu wajjin wal fakkeessuu dandeenya. Ija hojii hafuuraa argisiisuuf hafuurri qulqulluun nu barbaachisa. Haata’u malee, qonnaan bulaan sun jabaatee hin hojjetu taanaan maal galfachuu danda’a? (Fak. 10:4) Eeyyee, akki isin biyyoo garaa keessanii itti qottan, qulqullinaafi baay’ina ija hojii hafuura qulqulluu isin keessatti oomishamurratti jijjiirama fida. Kanaaf, akkas jedhaa of gaafadhaa, ‘Hafuura qulqulluu wajjin walsimee hojjechuudhaan, na keessatti ijasaa akka godhatu nan heyyamaa?’

7. Ija hojii hafuura qulqulluu horachuu yoo barbaanne, qayyabachuufi xiinxaluun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

7 Qonnaan bultoonni oomisha gaarii argachuuf biqiltuusaanii bishaan obaasuun isaan barbaachisa. Ija hojii hafuuraa horachuufis, bishaan dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuufi yeroo har’aa karaa gumii Kiristiyaanaa dhihaatu argachuu isin barbaachisa. (Isa. 55:1) Caaffanni Qulqullaa’oon bu’aa hafuura qulqulluu akka ta’an namoota baay’eetti himuu hin ooltan. (2 Xim. 3:16) Kana malees, kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa, bishaan qulqulluu dhugaa Macaafa Qulqulluu ilaalchisee hubannaa baay’ee barbaachisaa ta’e ni kenna. (Mat. 24:45-47) Ergaansaa ifadha. Dhiibbaa hafuura qulqulluu jala ta’uuf, Dubbii Waaqayyoo dubbisuufi irratti xiinxaluu qabna. Akkas gochaa jirtu taanaan, fakkeenya raajota warra odeeffannoo argatan ilaalchisee “barbaadanii waa’ee isaa qoratan” hordofaa jirtu jechuudha. Ergamoonni samiillee waa’ee Sanyii abdachiifameefi gumii Kiristiyaanota dibamoo, dhugaasaa beekuuf fedhii guddaa argisiisuunsaanii xiyyeeffannaa namaa kan hawwatudha.—1 Phexros 1:10-12 dubbisi.

Dhiibbaa Hafuuraa Jala Ta’uun Kan Danda’amu Akkamitti?

8. Yihowaan hafuurasaa akka sii kennu gaafachuunkee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

8 Dhiibbaa hafuuraa jala ta’uun jechuun, Caaffata Qulqullaa’oo qayyabachuufi irratti xiinxaluu jechuu qofa miti. Gargaarsaafi qajeelfama Yihowaa gaafachuu keessan itti fufuu isin barbaachisa. Inni “wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu in danda’a.” (Efe. 3:20; Luq. 11:13) Haata’u malee, namni tokko “Waaqayyo ‘utuman hin himatiniyyuu waan naaf barbaachisu beeka erga ta’ee,’ kadhachuu itti fufuun kan na barbaachisu maaliifi” jedhee yoo isin gaafate maal jettanii deebistu? (Mat. 6:8) Tokkoffaa, hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuun keessan Yihowaatti akka amanamtan argisiisa. Fakkeenyaaf, namni tokko akka isa gargaartan yoo isin gaafate, kana kan godhe isinitti amanamee waan ta’eef isa gargaaruuf wanta isinii danda’ame hunda ni gootu. (Fakkeenya 3:27 waliin ilaali.) Haaluma walfakkaatuun, Yihowaan hafuura qulqulluu gaafachuu keessanitti kan gammadu ta’uusaarrayyuu isinii kenna.—Fak. 15:8.

9. Walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuun dhiibbaa hafuura Waaqayyoo jala galuuf kan si gargaaru akkamitti?

9 Karaan dhiibbaa hafuura Waaqayyoo jala ta’uu itti dandeenyu inni garabiraanimmoo, walga’iiwwan gumii, addaa, aanaafi koonyaa kan dabalatu akka ta’e beekamaadha. Walga’iiwwan kanarratti argamuuf carraaqqii gochuufi xiyyeeffannaadhaan hordofuun baay’ee barbaachisaadha. Kana gochuun, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuuf isin gargaara. (1 Qor. 2:10) Yeroo hundaa yaada kennuurraas faayidaa argachuun ni danda’ama. Walga’iiwwan torban arfan darbaniif irratti argamte gara booddeetti deebi’ii yaadadhu. Deebii deebisuudhaan amantiikee ibsuuf, harkakee yeroo meeqa baaste? Gama kanaan wanti fooyya’iinsa irratti gootu jiraa? Jira taanaan, torban si fuuldura jiranitti wanta gootu murteessi. Yihowaan fedhii ati hirmaannaa gochuuf qabdu ilaaluudhaan hafuurasaa sii kenna; kunimmoo walga’iiwwanirraa faayidaa guddaa argachuuf si gargaara.

10. Hafuuraan geggeeffamuun warra kaaniif afeerrii maal jedhu dhiheessuu dabalata?

10 Hafuuraan geggeeffamuun afeerrii Mul’ata 22:17⁠rratti dhihaate fudhachuu dabalata. Akkas jedha: “Hafuurichii fi misirrottiin, ‘Kottu’ in jedhuun; Namni kana dhaga’us, ‘Kottu’ haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!” Hafuurichi karaa kutaa misirroo hojjetu, bishaan jireenya kennu ilaalchisuudhaan afeerrii kana dhiheessaa jira. Afeerrii “Kottu” jedhu fudhatteetta taanaan, “Kottu” jechuuf murteessiteettaa? Hojii lubbu baraarsaa ta’e kanarratti hirmaachuun mirga guddaa mitii?

11, 12. Hafuurri qulqulluun hojii lallabaarratti gargaarsa kan godhu akkamitti?

11 Hojiin iddoo guddaa qabu kun yeroo ammaa qajeelfama hafuura qulqulluutiin raawwatamaa jira. Jaarraa jalqabaatti hafuurri qulqulluun misiyoonotaaf naannoo tajaajilaa haaraa banuuf akkamitti akka gargaare galmeeffameera. Phaawulosiifi hiriyootasaa ‘hafuurri qulqulluun kutaa biyya Asiyaatti dubbicha lallabuu isaan dhowwe;’ biyya Bitiiniyaa akka dhaqanis isaanii hin heyyamne. Iddoowwan kana akka hin dhaqne hafuurichi akkamitti akka isaan dhowwe sirriitti hin beeknu; haata’u malee, hafuurichi Phaawulosiin naannoo tajaajilaa Awurooppaa bal’aa ta’etti akka isa geesse ifadha. Phaawulos, namni Maqedooniyaa tokko gargaarsaaf yommuu kadhatu mul’ataan argee ture.—HoE. 16:6-10.

12 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo har’aas hafuurri Yihowaa addunyaa maratti hojii lallabaa geggeessaa jira. Yihowaan mul’ata argisiisuudhaan qajeelfama kennuu mannaa, dibamtoota hafuura qulqulluudhaan qajeelcha. Hafuurichi, obboloonni lallabuufi barsiisuuf wanta isaanii danda’ame hunda akka godhanis isaan kakaasa. Hojii barbaachisaa ta’e kanarratti hirmaachaa akka jirtu homaa hin shakkisiisu. Hirmaannaa sochii gammachiisaa ta’e kanarratti gootu guddisuu ni dandeessaa?

13. Qajeelfama hafuurri qulqulluun kennuuf ajajamuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

13 Barumsa saba Waaqayyootiif dhihaatu hojiirra oolchuudhaan, qajeelfama hafuura qulqulluutiif ajajamuu dandeessu. Fakkeenya Mihookoo ishee Jaappaan keessa jiraattuu ilaalaa. Qajeelchituu haaraa waan taateef, deddeebii gaaffii gochuuf ga’eessa akka hin taaneefi karaa xiyyeeffannaa namootaa harkisuun akkamitti akka dubbattu akka hin beekne isheetti dhaga’ama ture. Utuma baay’ee hin turin, yaanni deddeebii gaaffii gabaabaa gochuun akkamitti akka danda’amu ibsu Tajaajila Mootummaarratti ba’e. Achiis birooshurri E Saatisfaayiing Laayif—Haawu tuu Atteeyin It jedhamu ni maxxanfame. Birooshurri kun keessumaa naannoo tajaajilaa Jaappaanitti bu’a qabeessa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Mihookoon keessuumaa deddeebii gaaffii gabaabaa gochuuf birooshurichatti akkamitti fayyadamuun akka danda’amu yaada kenname hojiirra oolchite. Utuma hin turin warra duraan qayyabachuu didan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiiste. “Qayyabattoota hedduu, jechuunis 12 ta’an waanan qabuuf isaan keessaa tokko tokko dabaree akka eeggatan gochuun na barbaachiseera!” jetteetti. Dhugumayyuu, qajeelfama tajaajiltoota Yihowaatiif kenname hojiirra oolchuudhaan hafuuraan yommuu geggeeffamtan hedduu galfachuu dandeessu.

Hafuura Waaqayyootti Amanamaa

14, 15. (a) Ilmaan namootaa cubbuu dhaalan haala murtoosaanii wajjin walsimuun jiraachuu kan danda’an akkamitti? (b) Michoota baay’ee gaarii ta’an baafachuu kan dandeessan akkamitti?

14 Tajaajilaa muudamte waan taateef, hojii raawwattu qabda. (Rom. 10:14) Itti gaafatamummaa akkasii raawwachuuf guutummaatti ga’eessa akka hin taane sitti dhaga’amuu danda’a. Haata’u malee, Waaqayyo akkuma dibamtoota gargaare, siinis ga’eessa akka taatu si gargaara. (2 Qorontos 3:5 dubbisi.) Hamma dandeesse hojjechuufi hafuura Waaqayyootti amanamuudhaan, murtookee wajjin haala walsimuun jiraachuu dandeessa.

15 Cubbuu waan dhaalleef, Yihowaa isa mudaa hin qabneef akka of murteessinetti jiraachuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Rakkina isin mudatu keessaa tokko, akkaataa jireenyaa haaraa jalqabuu keessanitti namoonni michoota keessan turan tokko tokko isinitti qoosuufi ‘maqaa keessan balleessuusaaniiti.’ (1 Phe. 4:4) Ta’us, qaamota hunda caalan Yihowaafi Yesus Kiristosii wajjin michummaa adda ta’e uumuu keessan akka salphaatti hin ilaalinaa. (Yaaqoob 2:21-23 dubbisi.) Obboloota gumii keessanii kutaa “obbolummaa amantootaa” addunyaa maraa ta’anii wajjin wal baruun keessanis baay’ee barbaachisaadha. (1 Phe. 2:17; Fak. 17:17, hiika bara 1899) Yihowaan karaa hafuurasaa michoota dhiibbaa gaarii isinirratti gochuusaanii itti fufan akka baafattan isin gargaaruu danda’a.

16. Akkuma Phaawulos, ‘dadhabbiitti sitti toluu’ kan danda’u maaliifi?

16 Gumii keessa namoonni isin gargaaran baay’een jiraatanillee, rakkina guyyaa guyyaan isin mudatu mo’uun isin rakkisuu danda’a. Yeroo tokko tokko wanti wajjin qabsooftan ulfaataa ta’uusaarraa kan ka’e, akka gatamtan isinitti dhaga’amuu danda’a. Yeroo kanatti Yihowaan hafuura qulqulluu akka isinii kennu gaafachuun keessan barbaachisaadha. Phaawulos ergamaan, “Yeroon dadhabutti nan jabaadha” jechuudhaan barreesseera. (2 Qorontos 4:7-10; 12:10 dubbisi.) Phaawulos uumamnisaanii kan akkamiiyyuu yoo ta’e, hafuurri Waaqayyoo dadhabina namootaa gargaaruu akka danda’u hubatee ture. Kanaaf, yommuu akka dadhabdaniifi gargaarsi akka isin barbaachisu isinitti dhaga’amu, humni Waaqayyoo inni hojiirra jiru isin gargaaruu danda’a. Phaawulos ‘dadhabbiitti isatti toluu’ akka danda’u barreesseera. Hafuurri qulqulluun akka isa gargaare kan isatti dhaga’ame yommuu dadhabetti ture. Isinis akkasuma isinitti dhaga’amuu danda’a!—Rom. 15:13.

17. Gara galmakeetti yommuu adeemtu, hafuurri qulqulluun si gargaaruu kan danda’u akkamitti?

17 Jireenya Yihowaadhaaf qofa murtaa’e jiraachuuf hafuurri Waaqayyoo nu barbaachisa. Ajajaa doonii qilleensaan adeemu tokkoo akka taate godhii yaadi. Galmikee barabaraan Yihowaa tajaajiluudha. Nagaafi rakkoo malee bakka barbaade sana ga’uuf akkuma qilleensichaa hafuura qulqulluu argachuu barbaadda. Hafuura biyya lafaa isa kan Seexanaatiin asiifi achi oofamuu hin barbaaddu. (1 Qor. 2:12) Qilleensa isa sirrii ta’e addaan baafachuufi qabachuu qabda. Innis hafuura qulqulluudha. Hafuurri qulqulluun, karaa Dubbii Waaqayyoofi jaarmiyaasaa isa hafuuraan geggeeffamuu kallattii sirrii ta’een si qajeelcha.

18. Amma murtoonkee maalidha? Maaliifi?

18 Dhuga Baatota Yihowaa wajjin kan qayyabattuufi walga’iisaaniirratti kan argamtu ta’us, of murteessitee cuuphamuudhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e kana kan hin fudhanne yoo ta’e, ‘Gara boodaatti kanan jedhu maaliifi?’ jedhii of gaafadhu.’ Fedha Yihowaa raawwachuurratti ga’ee hafuurri qulqulluun yeroo har’aa qabu kan hubatteefi wanta inni raawwatu kan argite taanaan, tarkaanfiiwwan sirrii ta’uusaanii amante fudhadhu. Yihowaan baay’ee si eebbisa. Hafuura qulqulluu arjummaadhaan sii kenna. Waggoota hedduu ykn kudhaniin lakkaa’aman dura kan cuuphamte yoo ta’e, dhiibbaa hafuurri qulqulluun sirratti geessise akka argite hin shakkisiisu. Waaqayyo hafuurasaatiin akkamitti jabina sii kennuu akka danda’u argiteetta, akkasumas hubatteetta. Eeyyee, hamma barabaraatti kana argachuukee itti fufuu dandeessa. Kanaaf, hafuura qulqulluutiin geggeeffamuuf murteessi.

Ni Yaadattaa?

• ‘Hafuuraan geggeeffamuu’ jechuun maal jechuudha?

• ‘Hafuuraan geggeeffamtee jiraachuuf’ maaltu si gargaaruu danda’a?

• Murtookee wajjin haala walsimuun jiraachuu kan dandeessu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Biyyoo garaakee qotuun carraaqqii gochuu gaafata

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Hafuurri Waaqayyoo dhiibbaa sirra geessiseeraa?