Karra Tokko, Tiksee Tokko
Karra Tokko, Tiksee Tokko
“Isin warri na duukaa buutan immoo, teessota kudha lamaan irra teessanii, gosa Israa’el kudha lamaan keessatti firdii in kennitu.” —MAT. 19:28.
1. Yihowaan sanyii Abrahaamii wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba ture? Kana jechuun, saba kaan hundumaa dhiiseera jechuu kan hin taane maaliifi?
YIHOWAAN Abrahaamiin waan jaallateef, sanyiisaatti jaalala dhugaa argisiiseera. Jaarraawwan 15 caalaniif saba Israa’el isa sanyii Abrahaam ta’e, akka saba filatamaa kan “dhuunfaa isaa” ta’etti ilaala ture. (Keessa Deebii 7:6 dubbisi.) Kana jechuun garuu Yihowaan saba Israa’eloota hin taane kaan guutummaatti dhiisee ture jechuudhaa? Lakki. Yeroo sanatti, namoonni Israa’eloota hin taaneefi Yihowaa waaqeffachuu barbaadan, saba kan dhuunfaasaa ta’e kanatti makamuun isaaniif heyyamama ture. Namoonni amantiisaanii gara Yihudiitti jijjiiran kun akka kutaa sabichaatti ilaalamu turan. Akka obboloota ofiittis qabamuu qabu turan. (Lew. 19:33, 34) Isaanis abboommiiwwan Yihowaa hundaaf ajajamuun isaanirraa eegama ture.—Lew. 24:22.
2. Yesus wanta nama naasisu akkamii dubbate? Kunoo gaaffiiwwan akkamii kaasa?
2 Haata’u malee Yesus, “Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima” jechuudhaan Yihudootatti waan nama naasisu dubbatee ture. (Mat. 21:43) Saba haaraa kana kan ta’an eenyudha? Jijjiiramni kun yeroo har’aa nurratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?
Saba Haaraa
3, 4. (a) Phexros ergamaan eenyummaa saba haaraa ifa kan godhe akkamitti? (b) Sabni haaraan kun eenyuun gurmaa’e?
3 Phexros ergamaan eenyummaa saba kanaa ifa godheera. Kiristiyaanota hidhatasaa ta’aniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin garuu qomoo fo’amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa’aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta’anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.” (1 Phe. 2:9) Akkuma raajiidhaan dubbatamee ture, namoonni dhalootaan Yihudoota ta’aniifi Yesus Masiihii ta’uusaa amanan, kutaa saba haaraa kanaa isa jalqabaa ta’aniiru. (Dan. 9:27a; Mat. 10:6) Phexros, “Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu” jedhee waan tureef, booddee namoonni Israa’eloota hin taane hedduun kutaa saba kanaa ta’uu danda’aniiru.—1 Phe. 2:10.
4 Asirratti Phexros eenyuun jechaa ture? Jalqaba xalayaasaarratti akkas jedheera: “Yesus Kristos warra du’an keessaa ka’uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi’aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.” (1 Phe. 1:3, 4) Kanaaf, sabni haaraan kun, Kiristiyaanota dibamoo samiirra jiraachuuf abdii qabaniin kan gurmaa’edha. Isaan “Israa’el Waaqayyooti.” (Gal. 6:16) Yohannis ergamaan, namoonni kun 144,000 akka ta’an mul’ataan argeera. Isaan “luboota” ta’anii tajaajiluufi “[Yesusii] wajjin waggaa kuma tokkoof mo’uuf” “warra sanyii namaa keessaa Waaqayyoo fi hoolichaaf furaman[idha].”—Mul. 5:10; 7:4; 14:1, 4; 20:6; Yaq. 1:18.
Warra Kaanis Ni Dabalataa?
5. (a) “Israa’el Waaqayyoo” kan jedhaman eenyufaadha? (b) Jechi “Israa’el” jedhu hiika tokkoo ol qaba kan jennu maaliifi?
5 Yaanni Galaatiyaa 6:16rratti “Israa’el Waaqayyoo” jedhu, Kiristiyaanota dibamoo qofa akka argisiisu ifadha. Haata’u malee, Yihowaan warra dibaman malees Kiristiyaanota kaan akka argisiisu ibsuuf saba Israa’elitti akka fakkeenyaatti yeroon itti fayyadame jiraa? Deebiinsaa wanta Yesus ergamootasaa warra amanamoo ta’anitti akkas jechuudhaan dubbaterraa argama: “Abbaan koo mootummaa akka anaaf kaa’e, anis immoo akkasuma isiniif nan kaa’a. Mootummaa kootti maaddii koo irraa in nyaattu, in dhugdu, teessota irra teessanii gosa Israa’el kudha lamaan keessatti firdii in kennitus.” (Luq. 22:28-30) Kun kan ta’u Bulchiinsa Barkumee Kiristositti, jechuunis “biyya lafaa ishee haaraatti” ykn yeroo wanti hundi haaraa ta’uttidha.—Maatewos 19:28 dubbisi.
6, 7. Akka yaada naannoo Maatewos 19:28fi Luqaas 22:30rra jiruutti, ibsi “gosa Israa’el kudha lamaan” jedhu eenyuun argisiisa?
6 Namoonni 144,000 Bulchiinsa Waggaa Kumaatti samiirratti mootota, lubootaafi abboota firdii ta’anii tajaajilu. (Mul. 20:4) Kan faradaniifi kan bulchan eenyurratti? Maatewos 19:28fi Luqaas 22:30rratti, “gosa Israa’el kudha lamaan” keessatti firdii akka kennan nutti himameera. Caqasa kanarratti “gosa Israa’el kudha lamaan” kan jedhaman eenyufa’i? Warra barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qabaniifi aarsaa Yesusirratti amantii kan qaban ta’aniyyuu kutaa luboota mootummaa hin taane hundadha. (Gosti Lewwii, namoota dhalootaan gosoota Israa’el kudha lamaan ta’an keessatti hin galmeeffamne.) Caqasa kanarratti gosoota Israa’el kudha lamaanitti kan fakkeeffaman, warra tajaajila lubummaa namoonni 144,000 raawwatanirraa karaa hafuuraa fayyadamanidha. Namoonni luboota utuu hin ta’in faayidaa argatan kunis saba Waaqayyooti; innis isaan jaallata, isaan simatas. Namoonni kun sabasaa durii wajjin wal fakkeeffamuunsaanii sirriidha.
7 Yohannis ergamaan rakkinni guddaan dhufuusaa dura Israa’eloota hafuuraa 144,000rratti mallattoon dhumaa yommuu godhamu erga argee booda, “tuuta sonaan baay’ee, saba hundumaa keessaa” dhufaniifi hammana hin jedhamne arguunsaa sirrii ture. (Mul. 7:9) Jarri kun rakkina guddaarraa oolanii Bulchiinsa Barkumee Kiristositti galu. Achi keessatti namoota biliyoonaan lakkaa’amaniifi du’aa ka’aniin wal argu. (Yoh. 5:28, 29; Mul. 20:13) Hundisaanii walumatti fakkeenyaan “gosa Israa’el kudha lamaan” ta’u. Isaanis Yesusiifi namoota 144,000 isaa wajjin samiirratti bulchaniin firdiin kennamaaf.—HoE. 17:31; 24:15; Mul. 20:12.
8. Haalawwan yeroo Aarsaan waggaa dhihaatutti turan, walitti dhufeenya namoota 144,000fi ilmaan namootaa kaan gidduu jiruuf gaaddidduu kan ta’an akkamitti?
8 Wantoonni waggaa waggaadhaan guyyaa araaraatti raawwataman, walitti dhufeenya namoota 144,000fi ilmaan namootaa kaan gidduu jiru kanaaf gaaddidduu turan. (Lew. 16:6-10) Hangafni lubootaa dura “ofii isaatiif maatii isaatiifis” tuntunoo aarsaa godhee dhiheessuun isarraa eegama ture. Haaluma walfakkaatuun, aarsaan Yesus dura maatiisaatiif, jechuunis luboota isaa wajjin samiirratti tajaajilaniif faayidaarra oola. Kana malees, dur Guyyaa Araaraatti re’oonni lama cubbuu Israa’eloota kaaniitiif dhiheeffamu turan. Iddoo kanatti, gosti lubootaa namoota 144,000 kan argisiisu si’a ta’u, Israa’eloonni kaanimmoo, warra lafarra jiraachuuf abdii qaban argisiisu. Yaanni Maatewos 19:28rratti “gosa Israaˈel kudha lamaan“ jedhu karaa kanaan yeroo itti hojjetamu, luboota Yesus jala jiran warra hafuuraan dibaman utuu hin taˈin namoota aarsaa Yesusirratti amantii qaban hunda argisiisa. *
9. Mul’ata Hisqi’el mana qulqullummaa ilaalchisee argerratti, luboonni eenyuun argisiisu? Israa’eloonni luboota hin taanehoo?
His., boq. 40-48) Mul’ata sanarratti, luboonni ni barsiisu, akkasumas gorsaafi sirreeffama Yihowaa fudhachuudhaan, mana qulqullummaa keessatti hojjetu turan. (His. 44:23-31) Mul’atuma sana keessatti, namoonni gosoota addaddaa keessaa walitti qabaman waaqeffachuufi aarsaa dhiheessuuf gara mana qulqullummaa dhufaniiru. (His. 45:16, 17) Akka yaada kanaatti, luboonni Kiristiyaanota dibamoo kan argisiisan ennaa ta’u, Israa’eloonni gosa lubootaa hin taanemmoo, namoota barabaraan lafarra jiraachuuf abdii qaban argisiisu jechuudha. Mul’anni kun, jarri lamaanuu walta’iinsaan akka waliin hojjetaniifi isaan keessaa luboota kan ta’an, waaqeffannaa dhugaa keessatti geggeessitoota ta’uusaanii ibsa.
9 Fakkeenya kan biraa ilaalaa. Hisqi’el raajichi, waa’ee mana qulqullummaa Yihowaa mul’ata dheeraa argee ture. (10, 11. (a) Wanti Yesus dubbateefi raawwii argachuusaatiin amantiin keenya cime isa kami? (b) Hoolota kan biraa ilaalchisee gaaffii maaliitu ka’a?
10 Yesus waa’ee “hoolota kan biraa” duuka buutotasaa warra “karra xinnayyoo” ta’anii wajjin “gola” tokko keessa hin jirree dubbateera. (Yoh. 10:16; Luq. 12:32) Akkas jedhe: “Isaan immoo yaasuun [“fiduun” hiika bara 1899] anaaf in ta’a, sagalee koos in dhaga’u; walitti karra tokko in ta’u, tikseen isaaniis tokko in ta’a.” Kun yeroo raawwatamu arguun amantii kan namaaf jabeessu mitii? Namoonni kutaa lama ta’an, jechuunis warri dibamoon xinnoo ta’aniifi hoolonni kan biraan tuuta sonaan baay’een tokko ta’aniiru. (Zakaariyaas 8:23 dubbisi.) Hoolonni kan biraan fakkeenyaan oobdii mana qulqullummaa hafuuraa isa gara keessaatti tajaajiluu baatanis, oobdii mana qulqullummaa isa alaatti ni tajaajilu.
11 Haata’u malee, Yihowaan al tokko tokko waa’ee hoolota kan biraa ibsuuf Israa’eloota durii luboota hin taanetti fayyadamuunsaa, namoonni lafarra jiraachuuf abdii qaban maxinoofi wayinicharraa hirmaachuu akka qaban argisiisaa? Amma deebii gaaffii kanaa ilaalla.
Kakuu Haaraa
12. Yihowaan waa’ee qophii haaraa akkamii raajii dubbate?
12 Yihowaan qophii haaraa sabasaatiif godhe akkas jechuudhaan ibseera: “Kakuun inni ani bara sana Israa’eliif galuuf jiru kanatti fufee jira; ani seera koo yaada isaanii keessa nan kaa’a, garaa isaanii keessattis nan caafa; ani Waaqayyo isaanii nan ta’a, isaanis saba koo in ta’u.” (Er. 31:31-33) Abdiin Yihowaan Abrahaamiif kenne, sababii kakuu kanaatiin karaa ulfina qabeessaafi itti fufaa ta’een raawwatameera.—Uumama 22:18 dubbisi.
13, 14. (a) Kakuu haaraa keessatti hirmaattota kan ta’an warra kami? (b) Fayyadamtoonnihoo eenyufa’i? Isaanoo kakuu haaraa kanatti kan “jabaatan” akkamitti?
13 Yesus galgala du’uusaa dura turetti, waa’ee kakuu haaraa kanaa akkas jechuudhaan dubbateera: “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala’uun dhaabatuu dha.” (Luq. 22:20; 1 Qor. 11:25) Kiristiyaanonni hundi kakuu kana keessaa qooda qabuu? Lakki. Namoonni akka ergamoota Yesus warra galgala sanatti xoofoo sana keessaa dhuganii jiran tokko tokko hirmaattota kakichaati. * Yesus Mootummaasaarratti akka isaa wajjin bulchan kakuu kan biraa isaaniif galee ture. (Luq. 22:28-30) Isaanis Yesusii wajjin Mootummaasaarratti ni hirmaatu.—Luq. 22:15, 16.
14 Warri bulchiinsa Mootummichaa jala lafarra jiraatanoo? Isaan fayyadamtoota kakuu haaraati. (Gal. 3:8, 9) Hirmaattota kakichaa ta’uu baatanis, ulaagaawwan kakichaa eeguudhaan akkuma Isaayaas raajii dubbate kakuu kanatti ‘jabaatu.’ Isaayaas wanta Yihowaan dubbate akkas jechuudhaan barreesseera: “Warra orma anaaf hojjechuudhaaf, na jaallachuudhaaf, anaaf sagaduudhaafis ana Waaqayyotti maxxanan, warra Sanbata koo utuu hin xureessin eegan, kakuu koottis jabaatan hundumaa immoo, ani gara tulluu koo isa qulqullaa’aatti ol nan baasa; mana kadhataa isa kan kootii keessattis isaan nan gammachiisa.” Ittaansuudhaan Yihowaan, ‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhataa ni jedhama’ jedheera.—Isa. 56:6, 7.
Hirmaachuu Kan Qabu Eenyu?
15, 16. (a) Phaawulos ergamaan kakuu haaraa maalii wajjin wal qabsiise? (b) Namoonni barabaraan lafarra jiraachuuf abdii qaban, maxinoofi wayinicharraa hirmaachuu kan hin qabne maaliifi?
15 Warri kutaa kakuu haaraa ta’an, “gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qab[u].” (Ibroota 10:15-20 dubbisi.) ‘Mootummaa raafamuu hin dandeenye kan fudhatan’ isaan kanadha. (Ibr. 12:28) Kanaaf, namoota Yesus Kiristosii wajjin samiirratti moototaafi luboota ta’an qofatu, “xoofoo” kakuu haaraa bakka bu’u sanarraa dhuguu qaba. Namoonni kakuu haaraa keessatti hirmaatan kun, Hoolichaaf kaadhimamaniiru. (2 Qor. 11:2; Mul. 21:2, 9) Namoonni Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajamurratti argaman kaan, ayyaanicharratti argamuudhaan kabajaan kan hordofan si’a ta’u, maxinoofi wayinicharraa hin hirmaatan.
16 Phaawulosis, warri barabaraan lafarra jiraachuuf abdatan maxinoofi wayinii Ayyaana Yaadannoorraa akka hin hirmaanne akka hubannu nu gargaara. Kiristiyaanota dibamoodhaan akkas jedheera: “Yeroodhuma buddeena kana nyaattanitti, yeroodhuma xoofoo kana keessaa dhugdanitti, hamma gooftaan deebi’ee dhufutti akka inni namootaaf du’e in labsitu.” (1 Qor. 11:26) Gooftaan ‘kan dhufu’ yoomi? Yeroo kutaa misirroosaa dibamtoota ta’an warra dhumaa gara samiitti fudhachuuf dhufuttidha. (Yoh. 14:2, 3) Irbaanni Gooftaa waggaa waggaadhaan kabajamuunsaa, yeroo hundumaaf akka itti hin fufne beekamaadha. ‘Sanyiin dubartittii warri kaan’ lafarra jiran garuu, hundisaanii badhaasa samii hamma argatanitti maxinoofi wayinicharraa hirmaachuusaanii itti fufu. (Mul. 12:17) Haata’u malee, warri barabaraan lafarra jiraachuuf abdatan, maxinoofi wayinicharraa kan hirmaatan utuu ta’ee, Ayyaanni Yaadannoo kun barabaraaf itti fufuu qaba ture.
“Saba Isaa In Ta’u”
17, 18. Raajiin Hisqi’el 37:26, 27rratti galmeeffame kan raawwatame akkamitti?
17 Yihowaan tokkummaa sabasaa gidduu jiraatu ilaalchisee akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Ani kakuu nagaa isaaniif nan gala, innis kakuu bara baraa isaaniif in ta’a; ani isaan nan dhaaba nan baay’isas, iddoo qulqullaa’aa isa kan kootiis bara baraan isaan gidduu nan dhaaba; godoon koos isaan bira in ta’a, ani Waaqayyo isaanii nan ta’aaf, isaanis saba koo in ta’u.”—His. 37:26, 27.
18 Sabni Yihowaa hundumtuu, abdiin dinqisiisaan jechuunis kakuun tokkummaa Kiristiyaanotaa kun yeroo raawwatamu faayidaa argachuu danda’u. Eeyyee, Yihowaan tajaajiltootasaa ajajamoo ta’aniif nagaa kennuuf waadaa galeera. Iji hojii hafuurasaa isaan gidduutti ni mul’ata. Godoonsaa inni qulqullaa’aan asirratti waaqeffannaa qulqulluu bakka bu’u isaan gidduu jira. Waaqayyolii sobaa hundarraa fagaatanii Yihowaa qofa waan waaqeffataniif, dhugumaan sabasaa ta’aniiru.
19, 20. Warri Yihowaan “saba isaa” akka ta’an dubbate eenyufaa dabalata? Kakuu haaraan maaltu akka danda’amu godheera?
19 Yeroo keenya kanatti tokkummaa gareewwan lamaan kun qaban arguu danda’uun baay’ee nama gammachiisa! Tuutni sonaan baay’een lakkoofsisaanii dabalaa jiru, samiirra jiraachuuf abdii kan hin qabne ta’anis, michoota warra samii dhaqanii ta’uusaaniitti baay’ee gammadu. Israa’el Waaqayyootti maxxananiiru. Kana gochuusaaniitiin, warra Yihowaan “saba isaa” akka ta’an dubbate keessaa tokko ta’aniiru. Raajiin akkas jedhu kun isaanirratti raawwatama: “Guyyaa sanatti sabni baay’een gara Waaqayyoo dhufanii saba isaa in ta’u; innis isaan gidduu in jiraata.”—Zak. 2:11; 8:21; Isaayaas 65:22; Mul’ata 21:3, 4 dubbisi.
20 Yihowaan kakuusaa isa haaraadhaan kun hundumtuu akka danda’amu godheera. Namoonni miliyoona hedduudhaan lakkaa’amaniifi karaa hafuuraa orma ta’an, kutaa saba Yihowaa duratti fudhatama argatee ta’aniiru. (Mik. 4:1-5) Qophiiwwan kakichaa wajjin wal qabatan fudhachuufi ulaagaalee kakichaatiif abboomamuudhaan, kakichatti jabaachuusaanii itti fufuuf murtoo godhaniiru. (Isa. 56:6, 7) Israa’el Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akkasii qabaachuudhaan, nagaa itti fufiinsa qabu argatu. Ammas ta’e gara fuulduraatti nagaa akkasii kan argattan isin haa godhu!
[Miiljaleewwan]
^ key. 8 Haaluma wal fakkaatuun, warri dibaman adda durummaadhaan “waldaa” akka ta’an dubbatameera. (Ibr. 12:23) Haata’u malee, jechi “waldaa” jedhus abdiinsaanii eessayyuu yoo ta’e Kiristiyaanota hunda waan argisiisuuf hiika dabalataa qabaachuu danda’a.—Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 2007, ful. 4-7 ilaali.
^ key. 13 Yesus Giddu Galeessa kakuu haaraati malee kakuu kanarraa hin hirmaatu. Giddu Galeessa waan ta’eef, maxinoofi wayinicharraa akka hin hirmaanne haalasaarraa hubachuu dandeenya.
Ni Yaadattaa?
• “Gosti Israa’el kudha lamaan” namoonni 144,000 bulchan eenyudha?
• Kiristiyaanonni dibamooniifi hoolonni kan biraan kakuu haaraa wajjin walitti dhufeenya maalii qabu?
• Kiristiyaanonni hundumtuu maxinoofi wayinii Ayyaana Yaadannoorraa hirmaachuu qabuu?
• Bara keenyatti tokkummaan akkamii akka jiraatu raajiidhaan dubbatame?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Giraafii/Fakkii fuula 25rra jiru]
(For fully formatted text, see publication)
Namoonni hedduun Israa’el Waaqayyoo wajjin tajaajilaa jiru
7,313,173
4,017,213
1,483,430
373,430
1950 1970 1990 2009