Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa—Fedhii Yihowaa Tajaajiluuf Qabdan Guddifadhaa

Dargaggootaa—Fedhii Yihowaa Tajaajiluuf Qabdan Guddifadhaa

Dargaggootaa—Fedhii Yihowaa Tajaajiluuf Qabdan Guddifadhaa

“Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!”—LAL. 12:1.

1. Ijoolleen Israaʼel durii maal akka godhan afeeramanii turan?

RAAJII Yihowaa kan ture Museen naannoo waggaa 3,500 dura lubootaafi maanguddoota Israaʼeliin, “Saba sana, dhiirotaa fi dubartoota, ijoollotas, . . . Waaqayyo gooftaa keessaniif dhagaʼuu fi isa sodaachuu akka baranii fi dubbii abboommii isaa kana hundumaas gaarii godhanii akka eeganiif walitti sassaabaa!” jedhee ajajee ture. (Kes. 31:12) Dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen, waaqeffannaadhaaf akka walitti qabaman ajajamuusaanii qalbeeffadhu. Ijoolleenillee akka dhagaʼan, akka barataniifi qajeelfama Yihowaa akka hordofan ajajamaniiru.

2. Yihowaan dargaggoota gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turaniif akka yaadu kan argisiise akkamitti?

2 Yihowaan jaarraa jalqabaattis, dargaggoota isa waaqeffataniif yaaduu hin dhiisne. Fakkeenyaaf, Phaawulos qajeelfama dargaggootaaf taʼu tokko tokko ergaawwan gumii addaddaatiif erge keessatti dabalee akka barreessu Yihowaan hafuurasaatiin isa kakaaseera. (Efesoon 6:1; Qolosaayis 3:20 dubbisi.) Dargaggoonni gorsa kana hojiirra oolchan, dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qaban kan guddifatan siʼa taʼu, kunimmoo eebba isaaniif argamsiiseera.

3. Dargaggoonni Waaqayyoon tajaajiluu akka barbaadan kan argisiisan akkamitti?

3 Dargaggoonni yeroo ammaatti argamanoo Yihowaa waaqeffachuuf akka walitti qabaman afeeramaniiruu? Eeyyee afeeramaniiru. Kanaaf sabni Waaqayyoo, dargaggoonni Waaqayyoon tajaajilaniifi addunyaa maratti argaman hedduun gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne hojiirra yommuu oolchan arguusaaniitti ni gammadu: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala taʼe, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhiʼaachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.” (Ibr. 10:24, 25) Kana malees, ijoollee hedduun warrasaanii wajjin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootaaf lallabaa jiru. (Mat. 24:14) Waggaa waggaadhaan dargaggoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman jaalala Yihowaadhaaf qaban argisiisuuf jecha cuuphamuudhaan, eebba duuka buutota Kiristos taʼuudhaan argamu argachaa jiru.—Mat. 16:24; Mar. 10:29, 30.

Afeerrii Kana Ammuma Fudhadhu

4. Dargaggoonni afeerrii Waaqayyo akka isa tajaajilaniif dhiheesse fudhachuu kan dandaʼan yoomi?

4 Lallabni 12:1, “Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” jedha. Dargaggootaa, Yihowaa akka waaqeffattaniifi akka isa tajaajiltan afeerrii jaalalaan isinii dhihaate fudhachuuf umriin keessan meeqa taʼuu qaba? Umrii ilaalchisee wanti Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ibsame hin jiru. Kanaaf, xinnoo waanan taʼeef Yihowaa dhaggeeffachuufi isa tajaajiluu hin dandaʼu jettanii yaaduudhaan tarkaanfii fudhachuurraa duubatti hin jedhinaa. Umriin keessan meeqayyuu yoo taʼe, daftanii afeerrii kana akka fudhattan isin jajjabeessina.

5. Warri, ijoolleensaanii karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

5 Baayʼeen keessan, abbaafi haati keessan ykn tokkoonsaanii karaa hafuuraa akka guddattan isin gargaaraniiru taanaan, haalli keessan haala Ximotewos isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin wal fakkaata jechuudha. Yommuu daaʼima turetti haatisaa Ewuniiqeefi akkoonsaa Looyis Caaffata Qulqullaaʼoo isa barsiisaniiru. (2 Xim. 3:14, 15) Warri keessan, Macaafa Qulqulluu isin qayyabsiisuudhaan, isinii wajjin kadhachuudhaan, gara walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaatti isin geessuufi isinii wajjin tajaajiluudhaan isin leenjisaa jiru taʼa. Yihowaan warri keessan, akka isin barsiisan itti gaafatamummaa guddaa isaanii kenneera. Jaalala warri keessan isinii qabaniifi kunuunsa isaan isinii godhan ni dinqisiifattuu?—Fak. 23:22.

6. (a) Akka Faarfannaan 110:3 jedhutti, waaqeffannaan Yihowaa gammachiisu kan akkamiiti? (b) Amma waaʼee maalii qoranna?

6 Haataʼu malee, dargaggoonni yommuu guddachaa adeemtan, Yihowaan akkuma Ximotewos, ‘jaalala Waaqayyoo isa gaarii, isa isa duratti fudhatamaa taʼeefi akeekasaa fiixaan baasus akka hubattan’ isinirraa barbaada. (Rom. 12:2) Kana yoo gootan, sochiiwwan gumiirratti kan hirmaattan warri keessan waan isinirraa eeganiif utuu hin taʼin, jaalala Waaqayyoo raawwachuu waan barbaadaniifidha. Fedhiidhaan kakaatanii Yihowaa tajaajiluun keessan isa gammachiisa. (Far. 110:3) Maarree, Yihowaa dhaggeeffachuufi qajeelfamasaa hordofuuf fedhii qabdan guddisuu akka barbaaddan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Karaa kana gochuu itti dandeessan sadii haa ilaallu. Isaanis qayyabannaa, kadhannaafi amala argisiistan kan ilaallatanidha. Mee wantoota kana tokko tokkoon haa qorru.

Yihowaa Akka Gaariitti Beeki

7. Yesus Caaffata Qulqullaaʼoo barachuudhaan fakkeenya kan sii taʼu akkamitti? Kana gochuuf kan isa gargaare maalidha?

7 Yihowaa tajaajiluuf fedhii qabdu guddisuu akka barbaaddu karaan itti argisiistu inni jalqabaa, Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudha. Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda dubbisuudhaan, karaa hafuuraa wanta si barbaachisu guuttachuufi beekumsa gati jabeessa achi keessa jiru argachuu dandeessa. (Mat. 5:3) Gama kanaan Yesus fakkeenya gaarii sii taʼa. Yeroo umriinsaa waggaa 12 ture, mana qulqullummaa keessatti warrisaa, “barsiisota gidduu taaʼee isaan utuu dhaggeeffatuu gaaffiis utuu isaan gaafatuu, argatan.” (Luq. 2:44-46) Yesus yeroo ijoollee turetti, Caaffata Qulqullaaʼoo akka jaallatuufi yaada achi keessa jiru hubachuuf fedhii guddaa akka qabu argisiiseera. Fedhii akkasii akka qabaatu kan isa gargaare maalidha? Haatisaa Maariyaamiifi abbaan isa guddise Yoseef, gama kanaan akka isa gargaaran hin shakkisiisu. Tajaajiltoota Waaqayyoo waan turaniif, xinnummaasaatii kaasanii waaʼee Waaqayyoo isa barsiisaniiru.—Mat. 1:18-20; Luq. 2:41, 51.

8. (a) Warri, ijoolleensaanii yoomii jalqabanii Dubbii Waaqayyoo akka jaallatan irra deddeebiʼanii barsiisuu qabu? (b) Muuxannoo xinnummaasaaniitii jalqabee ijoollee leenjisuun barbaachisaa akka taʼe argisiisu dubbadhu.

8 Harʼas warri Waaqayyoon sodaatan, ijoolleensaanii xinnummaasaaniitii kaasanii dhugaa Macaafa Qulqulluutiif jaalala akka qabaatan irra deddeebiʼanii barsiisuun faayidaa inni qabu ni hubatu. (Kes. 6:6-9) Obboleettiin Ruubii jedhamtu, ilma Yoseef jedhamu akkuma godhatteen gorsa kana hojiirra oolchiteetti. Macaafa, Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu guyyaa guyyaadhaan dubbistiif turte. Yommuu guddachaa dhufummoo, caqasoota addaddaa sammuutti akka qabatu isa gargaaruu jalqabde. Yoseef leenjii kanarraa faayidaa argateeraa? Eeyyee argateera. Akkuma afaan hiikkateen, seenaa Macaafa Qulqulluu hedduu jecha mataasaatiin dubbachuu jalqabe. Waggaa shanaffaasaattimmoo, yeroo jalqabaatiif Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa dhiheesse.

9. Macaafa Qulqulluu dubbisuufi wanta dubbisterratti xiinxaluunkee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

9 Dargaggoonni karaa hafuuraa caalaatti guddachuu yoo barbaaddan, barsiifata dubbisa Macaafa Qulqulluu umrii waggoota kurnaniitii kaasee qabdan hanga gaʼeessota taatanitti itti fufaa. (Far. 71:17) Macaafa Qulqulluu dubbisuun karaa hafuuraa guddachuuf si gargaara kan jennu maaliifi? Yesus kadhannaa Abbaasaatiif dhiheesserratti, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, . . . beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedhee akka ture qalbeeffadhu. (Yoh. 17:3) Waaʼee Yihowaa beekumsa argachaa yommuu dhuftu, inni caalaatti dhugaa taʼee sitti mulʼata, jaalalli isaaf qabdus ni guddata. (Ibr. 11:27) Kanaaf, yeroo kutaa Macaafa Qulqulluu tokko dubbistu, carraa sanatti fayyadamiitii waaʼee Yihowaa caalaatti beekuuf carraaqi. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Seenaan kun eenyummaa Yihowaa ilaalchisee maal na barsiisa? Kutaan kun, Yihowaan akka na jaallatus taʼe akka naaf yaadu kan argisiisu akkamitti? Yeroo ramaddee gaaffiiwwan akkasiirratti xiinxaluunkee, Yihowaan waaʼee dhimma tokkoo akkamitti akka yaaduufi maaltu akka itti dhagaʼamu, akkasumas wanta inni sirraa barbaadu beekuuf si gargaara. (Fakkeenya 2:1-5 dubbisi.) Kana yoo goote, atis akkuma Ximotewos wanta Caaffata Qulqullaaʼoorraa barattetti ‘cimsitee amanuu’ dandeessa; fedhiidhaan kakaatees Yihowaa waaqeffatta.—2 Xim. 3:14.

Kadhannaan Jaalala Yihowaadhaaf Qabdu Kan Sii Guddisu Akkamitti?

10, 11. Kadhannaan, fedhii Waaqayyoon tajaajiluuf qabdu guddisuuf kan si gargaaru akkamitti?

10 Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf fedhii qabdu guddisuuf wanti si gargaaru inni lammaffaanimmoo kadhannaadha. Faarfannaan 65:2, “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa” jedha. Waaqayyo saba Israaʼelii wajjin yommuu kakuu galee turettillee, namoonni saba Waaqayyoo hin taane gara mana qulqullummaa dhufanii kadhannaadhaan isatti dhihaachuu dandaʼu turan. (1 Mot. 8:41, 42) Inni namoota wal hin caalchisu. Abboommiisaa yoo eegan kadhannaasaanii akka dhagaʼu isaanii mirkaneesseera. (Fak. 15:8) Yihowaan kadhannaa keessa dabalatee, kadhannaa ‘nama foon uffate hundumaa’ akka dhagaʼu beekamaadha.

11 Walitti dhufeenya gaarii qabaachuun, michooma gaarii uumuuf murteessaa akka taʼe beekamaadha. Hiriyaa keetiif yaadakee, wanta si dhiphisuufi miirakee ibsuun akka si gammachiisu beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, garaadhaa kadhannaa dhiheessuudhaan Uumaakee Isa Guddaa wajjin dubbatta. (Filp. 4:6, 7) Wanta sitti dhagaʼamu hunda warra keetti ykn hiriyaa keetti akkuma himtu, Yihowaatti himi. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu qabiyyee kadhannaa keerraa beekuun ni dandaʼama. Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii yommuu qabaattu, kadhannaankees caalaatti gadi fageenya kan qabu taʼuusaa hubatta.

12. (a) Kadhannaa gaarii dhiheessuu jechuun, dubbachuu caalaa gaafata kan jennu maaliifi? (b) Yihowaan sitti dhihoo taʼuusaa akka hubattu maaltu si gargaaruu dandaʼa?

12 Kadhannaa gaarii jechuun, dubbachuu jechuu qofa akka hin taane yaadadhu. Kadhannaan keessa keetii kan dhufu taʼuu qaba. Kadhannaa keerratti Yihowaadhaaf jaalala hoʼaa akka qabduufi ulfina guddaa akka kennitu ibsi; akkasumas guutummaatti akka isatti amanamtu argisiisi. Yihowaan kadhannaa keetiif akkamitti deebii akka sii kenne yommuu argitu, inni ‘warra isa waammatan hundumaatti dhihoo taʼuusaa’ yeroo kamiyyuu caalaatti hubatta. (Far. 145:18) Eeyyee Yihowaan sitti dhihaata, Seexana akka mormituuf humna sii kenna; filannoo sirrii akka gootus si gargaara.—Yaaqoob 4:7, 8 dubbisi.

13. (a) Obboleettiin tokko Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuunshee kan ishee gargaare akkamitti? (b) Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaachuun, dhiibbaa hiriyootaa moʼuuf kan si gargaaru akkamitti?

13 Cheeriin Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuudhaan akkamitti jajjabina akka argatte ilaali. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti barumsasheetti qabxii guddaa waan fiddeef, akkasumas ispoortiidhaan warra kaanirra waan caalteef badhaafamtee turte. Kanaan kan kaʼes, barumsashee yommuu xumurtu, barumsa dabalataa tolaan akka barattu afeeramte. Cheeriin, “Afeerriin kun kan nama hawwisiisu ture. Barsiisonni ispoortiifi hiriyoonnikoo mana barumsaa afeerrii kana akkan fudhadhu dhiibbaa guddaa narraan gaʼanii turan” jetteetti. Haataʼu malee, barumsa dabalataa hordofuun qayyabannaafi shaakala ispoortiitiif saʼaatii dheeraa akka ramaddu waan ishee dirqisiisuuf, yeroo itti Yihowaa tajaajiltu akka ishee dhabsiisu hubatte. Cheeriin maal gooteree? “Yihowaa ergan kadhadhee booda, barumsa tolaatiif carraa naa kenname dhiiseen qajeelchaa taʼe” jetteetti. Sana booda waggaa shaniif qajeelchaa taateetti. “Waanan itti gaabbu hin qabu. Murtoo Yihowaa gammachiisu akkan godhe beekuunkoo na gammachiisa. Isinis Mootummaa Waaqayyootiif dursa yoo kennitan, wanti isin barbaachisu hundi isinii kennama” jetteetti.—Mat. 6:33.

Amala Gaarii Qabaachuun ‘Garaankee Qulqulluu’ Taʼuusaa Argisiisa

14. Amala gaarii qabaachuun Yihowaa biratti fudhatama kan siif argamsiisu akkamitti?

14 Fedhiidhaan kakaatee Yihowaa tajaajilaa akka jirtu karaan itti argisiisuu dandeessu inni sadaffaan amala ati argisiistudha. Yihowaan dargaggoota amala qulqulluu qaban ni eebbisa. (Faarfannaa 24:3-5 dubbisi.) Saamuʼel xinnummaasaatii jalqabee amala gadhee ilmaan Eelii isa Angafa Lubootaa taʼee hordofuurraa fagaateera. Namoonni amala gaarii Saamuʼel qabu arguu dandaʼaniiru. Macaafni Qulqulluun, “Saamuʼel mucichi Waaqayyoof namoota irraa ayyaana argachaa, namummaadhaan guddachaa in adeeme” jedha.—1 Sam. 2:26.

15. Amala gaarii qabaachuu kan qabdu maaliifi?

15 Akkuma Phaawulos jedhe, biyya lafaa isa namoonni ofittoo, afuufamoo, abboota isaaniifi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra dabarsanii nama kennan, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallataniin guutame keessa jiraanna. (2 Xim. 3:1-5) Kanaaf, haala gadhee akkasiitiin marfamtee utuu jirtuu amala gaarii qabaachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, wanta sirrii taʼe gochuufi amala gadheerratti hirmaachuurraa yommuu fagaattu, mormii olaantummaa Yihowaarratti kaʼe ilaalchisee isa cina akka dhaabatte argisiista. (Iyo. 2:3, 4) Afeerrii Yihowaan, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!” jechuudhaan dhiheesseefis deebii akka kennite beekuudhaan gammadda. (Fak. 27:11) Kana malees, Yihowaa biratti fudhatama akka argatte beekuunkee, fedhii isa tajaajiluuf qabdu sii guddisa.

16. Obboleettiin tokko garaa Yihowaa kan ciibsite akkamitti?

16 Obboleettiin umrii waggoota kurnanii keessa turteefi Kaarol jedhamtu yommuu barachaa turte, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu waan hordoftuuf, namoonni amala gaarii isheen qabdu hubachuu dandaʼanii turan. Amallishee kun faayidaa akkamii argamsiise? Kaarol Macaafa Qulqulluu barachuusheetiin ayyaanota waggaafi sirnawwan sabboonummaa argisiisanirratti hirmaachuu waan diddeef barattoonni kutaashee itti gaʼisan. Yeroo kanatti carraa argatteetti fayyadamtee waaʼee amantiishee namootaaf ibsiti turte. Waggoota hedduu booda, hiriyaanshee mana barumsaa tokko kaardii, “Yeroo hunda si argadhee si galateeffachuun hawwa ture. Kiristiyaana taʼuudhaan amalliifi fakkeenyikee, akkasumas guyyoota ayyaanaa ilaalchisee ejjennoo ati qabdu ifatti kan argamu ture. Dhugaa Baatuun Yihowaa yeroo jalqabaatiif beeke sidha” jedhu ergiteef. Fakkeenyi Kaarol intala daree tokko wajjin barachaa turanirratti dhiibbaa gaarii waan geessiseef, yeroo booda Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Dubartiin kun waggaa 40f Dhugaa Baatuu taatee jiraachuushee barreessiteef. Yeroo harʼaattis dargaggoonni akkuma Kaarol seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eeguuf ejjennoo cimaa qaban, namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaa akka beekan kakaasuu dandaʼu.

Dargaggoota Yihowaa Jajatan

17, 18. (a) Waaʼee dargaggoota gumiikee jiranii maaltu sitti dhagaʼama? (b) Dargaggoonni Waaqayyoon sodaatan gara fuulduraatti eebba akkamii argatu?

17 Jaarmiyaa Yihowaa addunyaa maratti argamu keessa kan jirru hundi, dargaggoota kuma hedduutti lakkaaʼamaniifi hinaaffaadhaan waaqeffannaa dhugaarratti hirmaatan arguun keenya baayʼee nu gammachiisa. Dargaggoonni kun, guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, kadhachuufi amala fedha Waaqayyoo wajjin walsimu qabaachuudhaan hawwii Yihowaa waaqeffachuuf qaban ni cimsatu. Dargaggoonni fakkeenya taʼan kun, warrasaaniis taʼe saba Yihowaa ni gammachiisu.—Fak. 23:24, 25.

18 Gara fuulduraatti, dargaggoonni amanamoo taʼan baayʼeen badiisarraa oolanii addunyaa haaraa Waaqayyo fidutti galu. (Mul. 7:9, 14) Achi keessatti dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qaban guddisaa waan adeemaniif, akkasumas barabaraaf waan isa jajataniif, eebba hangana hin jedhamne argatu.—Far. 148:12, 13.

Ibsuu Dandeessaa?

• Yeroo harʼaatti dargaggoonni waaqeffannaa dhugaarratti hirmaachuu kan dandaʼan akkamitti?

• Dubbisa Macaafa Qulqulluurraa faayidaa argachuuf xiinxaluun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Kadhannaan Yihowaatti dhihaachuuf kan si gargaaru akkamitti?

• Kiristiyaanonni amala gaarii qabaachuunsaanii maal argisiisa? Kunoo faayidaa akkamii qaba?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu amaleeffatteettaa?