Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Masiihiichi duʼuu kan qabu maaliif ture?

Namni cubbuurraa walaba taʼe tokko, qorumsi cimaan isarra gaʼullee hamma duʼaatti amanamaa taʼuu akka dandaʼu mirkaneessuufidha. Akkasumas cubbuu Addaamirraa dhaalameef gatii baasuudhaan, jireenya barabaraatiif karaa banuuf jedheeti.—12/15, ful. 22-23.

• Namni tokko dhugaatii alkooliif ilaalcha sirrii akka qabaatu kan isa gargaaruu dandaʼu maalidha?

Kadhannaafi Macaafa Qulqulluu qayyabachuun isa gargaaruu dandaʼa. Of qabuun, murtoo godhanitti cichuufi michoota gaarii filachuun baayʼee barbaachisaadha. Namni tokko dhuguuf yoo filate hamma dhugu daangessuufi lakki jechuu barachuu qaba.—Ado-Fulb. ful. 6-9.

• Ijoollee wajjin yaadaan wal qunnamuun maal dabalata?

Isaanii wajjin haasaʼuu qofa utuu hin taʼin, gaaffii isaan gaafachuufi deebii isaan kennan obsaan dhaggeeffachuu dabalata. Namoonni baayʼeen yeroon nyaataa haasaʼuuf carraa gaarii kan banu taʼuusaa hubataniiru.—1/15, ful 18-19.

• Namni tokko waaʼee lammata cuuphamuu akka yaadu kan isa godhu maal taʼuu dandaʼa?

Waaʼee lammata cuuphamuu yaaduu kan dandaʼu, yeroo cuuphametti akkaataan jireenyaasaa ykn gochi inni dhoksaadhaan raawwachaa ture, utuu sanaan dura cuuphameera taʼee gumiidhaa kan isa baasisu yoo taʼe taʼuu dandaʼa.—2/15, ful. 22.

• Sababiin dogoggoraa namoonni tokko tokko amanamummaa hirʼisuun sirrii akka taʼe ibsuuf dhiheessan sadan maalidha?

Tokko tokko hiyyeessa waan taʼaniif hatuun sirrii akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Kaanimmoo “Namuma hundumaatu godha” jedhu. Tokko tokkos wanta gati jabeessa argatan kan fudhatan taʼuusaarrayyuu, yaada “argannaan hin kennin” jedhutti amanu. Macaafni Qulqulluun garuu sababiiwwan kana sadan hin deggeru.—Ado-Fulb. ful. 28-30.

• Fakkeenya Yesus waaʼee qamadiifi inkirdaadaa dubbate keessatti, sanyii gaarii facaasuun maal kan argisiisudha?

Yesus inni Ilma namaa taʼe, yeroo lafarratti tajaajilaa turetti, qotiisicha sanyii facaasuuf qopheesseera. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Kiristiyaanonni ilmaan Mootummichaa taʼan, ilmaan Waaqayyoo taʼanii yeroo dibamanii kaasee sanyii gaariin sun facaasamaa tureera.—3/15, ful. 20.

• Qamadiin fakkeenya Yesus keessatti caqasame gara gombisaa Yihowaatti galaa kan jiru akkamitti? (Mat. 13:30)

Raawwiin kanaa dhuma sirna wantootaa kana keessatti yeroo dheeraaf itti fufeera. Ilmaan Mootummichaa dibamaniifi qamadiitti fakkeeffaman, gumii Kiristiyaanaa deebiʼee dhaabbatetti yeroo dhufan ykn yeroo jireenya samiirraa argatan gombisaa Yihowaatti galchamaniiru jechuun ni dandaʼama.—3/15, ful. 22.