Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorumsa Dandaʼuun Amanannaa Yihowaarratti Qabnu Nuu Cimseera

Qorumsa Dandaʼuun Amanannaa Yihowaarratti Qabnu Nuu Cimseera

Qorumsa Dandaʼuun Amanannaa Yihowaarratti Qabnu Nuu Cimseera

Aadaa Deloo Istiriitoon akka dubbattetti

Caqasa guyyaa yaadannoo koorratti barreessee reefuu xumuruu kooti. Umriinkoo waggaa 36 taʼus, toorawwan muraasa sana barreessuun saʼaatii lama natti fudhateera. Hamma kana kan na turse maaliifi? Haatikoo isinii ibsiti.—Jooʼel

ANIIFI abbaan manaakoo cuuphamnee Dhugaa Baatota Yihowaa kan taane bara 1968⁠ttidha. Jooʼel ilmakoo isa sadaffaa kanan daʼe, ijoollee fayyaa lama Deevidiifi Maarkiin ergan godhadhee booda ture. Jooʼel bara 1973, hospitaala magaalaa Beeniish Beeljiyam keessa jiruufi Biraasilsirraa kiilomeetira 60 fagaatee argamutti utuu yeroonsaa hin gaʼin dhalate. Yeroo kanatti kiilogiraamii 1.7 qofa ulfaata ture. Ani yommuun hospitaalaa baʼu, Jooʼel garuu hamma kiiloonsaa dabalutti achuma turuu qaba ture.

Torban hedduu boodas haallisaa waan fooyyaʼuu dideef, aniifi abbaan manaakoo Luwiijiin ilma keenya gara doktoora ijoolleetti geessine. Doktoorichi haala Jooʼel qoree erga xumuree booda akkas jedhe: “Baayʼeen gadda. Jooʼel rakkoowwan obboloonnisaa hin qabne hunda kan qabu fakkaata.” Nutis yeroo dheeraadhaaf callisne. Mucaan keenya inni xinnaan dhibee fayyaa cimaa akka qabu kanan hubadhe yeroo kanattidha. Achiis doktoorichi abbaa manaakoo achi butee, “Mucaankee tiriisoomii 21 qaba” jedheen; dhukkubni kun Daawun siindiram jedhamees ni beekama. *

Buʼaa qorannaa doktoorri ijoollee sun godheen argametti waan gaddineef, doktoora yaalii fayyaatti dandeettii addaa qabu gara biraa mariisisuuf murteessine. Innis utuu waan tokko hin dubbatin gara saʼaatii tokkootiif haala fayyaa Jooʼel qore. Nuuf garuu yeroonsaa baayʼee nutti dheerate. Dhumarratti doktoorichi gara keenya ilaalee, “Mucaa keessaniif gargaarsi keessan baayʼee isa barbaachisa” nuun jedhe. Achiis sagalee gaarummaa argisiisuun, “Taʼus Jooʼel warra isa jallatan waan qabuuf nama gammachuu qabu taʼa” jedhe. Miirrikoo baayʼee waan na jeeqameef Jooʼeliin kaasuutti baadheen gara manaatti geessine. Yeroo kanatti umriinsaa jiʼa lama ture.

Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaafi Tajaajilarraa Jajjabina Argachuu

Qorannaan dabalataa godhame, Jooʼel onneensaa sirriitti akka hin teenyeefi dhukkuba cimaa lafee namaa laaffisu akka qabu ifa godhe. Onneensaa baayʼee guddaa waan taʼeef, sombasaarra ciisee salphaatti dhukkubaaf akka saaxilamu isa godha. Baayʼee utuu hin turin yommuu umriinsaa jiʼa afur taʼu, Jooʼel dhukkuba sombaatiin waan qabameef, hospitaalatti deebiʼee namarraa adda baafamee ciisuu qaba ture. Yeroo isaa gamtu ilaaluun baayʼee nu dhiphisa ture. Kaasuu keenyatti baannee isa kunuunsina jennee hawwinee kan turre taʼus, torban nama dhiphisan kudhaniif akka isatti buunu guutummaatti nuu hin heyyamamne. Luwiijiifi ani wal qabannee isa ilaaluufi kadhachuurraa kan hafe homaa gochuu hin dandeenye.

Yeroo rakkisaa sanatti, Deevidiifi Maarki warra yeroo sana waggaa 6fi 3 turanii wajjin walgaʼiiwwan gumiirratti argamuu keenya itti fufnee turre. Nuuf Galma Mootummaatti argamuun harka Yihowaa keessatti kunuunsa argachuu wajjin tokko ture. Yeroo achitti argamnee obboloonniifi obboleettonni keenya nu marsan, baʼaa keenya Yihowaarra kaaʼachuu akka dandeenyeefi hamma tokko keessa keenyatti tasgabbii akka arganne nutti dhagaʼama. (Far. 55:22) Narsoonni Jooʼeliin kunuunsanillee, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuun keenya garmalee akka hin dhiphanne akkamitti akka nu gargaare hubachuusaanii dubbataniiru.

Yeroo sanatti tajaajila baʼuuf Yihowaan akka jabina naa kennu baayʼiseen kadhadha ture. Mana taaʼee booʼuu mannaa, warra kaanitti dubbachuufi abdiin ani addunyaa dhukkubarraa walaba taʼerratti qabu maaliif jabina akka naa kenne isaanitti himuun barbaade. Yeroon tajaajila baʼu hundaatti, Yihowaan kadhannaa kootiif deebii akka naa kenne natti dhagaʼama ture.

“Kun Ajaaʼibadha!”

Dhumarratti guyyaan Jooʼeliin hospitaalaa gara manaatti fudhannee itti galuu dandeenye baayʼee gammachiisaa ture! Haataʼu malee, guyyaa itti aanutti gammachuun keenya gaddatti jijjiirame. Haalli Jooʼel yeruma sana ittuma caalaa waan adeemeef, dafnee hospitaalatti deebisuu qabna turre. Doktooronni erga isa qoranii booda, “Jooʼel jiraachuu kan dandaʼu jiʼa jaʼa qofadha” nuun jedhan. Jiʼa lama booddee yommuu umriinsaa gara jiʼa saddeetii taʼu, haalli Jooʼel itti caalaa waan adeemeef wanti doktooronni dubbatan waan raawwatame fakkaate. Doktoorri tokko nu wajjin taaʼee, “Baayʼeen gadda. Kana caalaa wanti isaa gochuu dandeenyu hin jiru. Yeroo kanatti isa gargaaruu kan dandaʼu Yihowaa qofadha” nuun jedhe.

Anis gara kutaa hospitaalaa Jooʼel ciisettan deebiʼe. Miirrikoo kan jeeqameefi qaamnikoo kan butute taʼus, sireesaa biraa akkan hin sochoone murteesseen ture. Yommuu Luwiijiin ijoollee keenya warra angafaa lamaan kunuunsu, obboleettonni hedduun dabaree galanii na bira taʼu turan. Torban tokko ni darbe. Achiis Jooʼel akkuma tasaa onneensaa ni dadhabe. Narsonni fiiganii gara kutichaa kan dhufan taʼus, isa gargaaruuf homaa gochuu hin dandeenye. Daqiiqaawwan muraasa booda isaan keessaa tokko suuta jedhee, “Mucaan dadhabeera . . . ” jedhe. Anis humnikoo na keessaa dhumee booʼaan kuticha gadhiisee baʼe. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kanan barbaade taʼus, jechan ittiin dhiphinakoo ibsu argachuu hin dandeenye. Gara daqiiqaa 15 booda narsiin tokko na waamtee, “Jooʼelitti lubbuun deebiʼeera” jette. Harkakoo qabdee na geessuudhaan, “Kottu, amma ilaaluu dandeessa” naan jette. Yommuun gara Jooʼelitti deebiʼu onneensaa rukutuu jalqabeera! Oduun kunis utuma hin turin babalʼate. Narsonniifi doktooronni isa ilaaluu kan dhufan siʼa taʼu, baayʼeensaaniis dinqisiifannaadhaan, “Kun ajaaʼibadha!” jedhan.

Umrii Waggaa Afuriitti Jijjiirama Nama Dinqisiisu

Yeroo Jooʼel umrii waggoota jalqabaa keessa turetti doktoorri ijoollee sun yeroo baayʼee, “Jooʼel jaalala hedduu barbaada” nuun jedha ture. Luwiijiifi ani keessumaa erga Jooʼel dhalatee booda, Yihowaarraa kunuunsa jaalalaa waan arganneef, nuyis ilma keenya jaalalaan kunuunsuu barbaanna turre. Wanta hojjetu hundarratti gargaarsi keenya waan isa barbaachisuuf, kana gochuuf carraa hedduu qabna turre.

Waggoota torban jalqabaa umrii Jooʼelitti, waggaa waggaadhaan waanuma wal fakkaataa irra deddeebiʼee raawwatamu wajjin qabsoofna turre. Jiʼa Onkoloolessaafi Bitootessaa gidduu dhibeen fayyaa tokko yommuu isa gadhiisu inni kaan waan isa qabuuf, hospitaalatti isa deddeebisna turre. Ijoollee keenya Deevidiifi Maarkiifis hamma naa dandaʼame yeroo baayʼee kennuufan carraaqa. Isaanis gamasaaniitiin Jooʼel fooyyaʼiinsaa akka godhu gargaaruurratti hirmaachuunsaanii buʼaa dinqisiisaa argamsiiseera. Fakkeenyaaf, doktooronni hedduun Jooʼel tasumaa lafaa kaʼuu akka hin dandeenye nutti himanii turan. Haataʼu malee, Jooʼel yommuu waggaa afur taʼu gaaf tokko, ilmi keenya Maark “Jooʼel kottu, adeemuu akka dandeessu Harmeetti argisiisi!” jedhe. Jooʼel yeroo jalqabaatiif miilla fuudhuunsaa na ajaaʼibsiise! Baayʼee gammannee waan turreef, maatiidhaan garaadhaa Yihowaa galateeffachuuf kadhannaa dhiheessine. Yeroo kaanittimmoo, yommuu Jooʼel gama tokkoon ykn kan biraatiin fooyyaʼiinsa xinnoo argisiisuttillee, yeroo hundaa hoʼisnee isa galateeffanna.

Leenjiin Ijoollummaadhaa Kaasee Kenname Buʼaa Argamsiise

Yeroo hunda hamma nuu dandaʼametti, Jooʼel walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurratti akka nuu wajjin argamu goona turre. Jarmoota salphaatti isa dhukkubsachiisanirraa isa eeguuf, meeshaa addaa ijoollee keessa ciibsanii ittiin oofaniifi laastikii mulʼisuun uwwifame keessa ciibsina. Taʼus, laastikii sana keessa ciiseellee gumii wajjin taʼuusaatti ni gammada ture.

Obboloonni keenya jaalalaan nu marsuufi gargaarsa barbaachisaa taʼe nuu kennuudhaan madda jajjabinaa nuu taʼaniiru. Obboleessi tokko yeroo hundaa jechoota, “Kunoo, harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhagaʼuu hin dhabne” jedhaniifi Isaayaas 59:1⁠rratti argaman nu yaadachiisa ture. Jechoonni nama jajjabeessan kun Yihowaatti akka amanamnu nu gargaaraniiru.

Jooʼel yommuu guddaachaa adeemu, Yihowaa tajaajiluu kutaa jireenyasaa isa guddaa akka godhatu gargaaruuf carraaqna turre. Carraa arganne hundatti, Jooʼel jaalala Abbaasaa isa samii wajjin qabu akka cimsatu karaa godhuun waaʼee Yihowaa itti dubbanna. Yihowaan carraaqqii keenya akka nuu eebbisuufi leenjiin waaʼee Waaqayyoo isaaf kennine buʼaa gaarii akka argamsiisu cimsinee isa kadhanna turre.

Jooʼel jalqaba umrii kurnanii keessa yommuu galu, dhugaawwan Macaafa Qulqulluu namoota argatetti himuu akka jaallatu yeroo hubannu baayʼee gammanne. Baqaqsanii hodhuu cimaa umriisaa waggaa 14⁠tti isaa godhamerraa bayyanachaa yommuu turetti Jooʼel, “Harmee, kitaaba Lafa Jannata Taaterra Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa jedhamu doktoorichaaf kennuu?” yommuu naan jedhu dhagaʼuunkoo baayʼee na gammachiise. Waggoota muraasa boodas, Jooʼel yaalii fayyaa baqaqsanii hodhuu dabalataa gochuun isa barbaachisee ture. Irraa hin ooluu dandaʼu jennee yaaddofnee turre. Jooʼel yaaliin kun isaa godhamuusaa dura, xalayaa isaa wajjin taʼuudhaan qopheessine doktoorasaatti kenne. Xalayichi ejjennoo inni dhiigatti fayyadamuuf qabu kan ibsudha. Doktoorichi, “Kanarratti waliigaltaa?” jedhee yommuu isa gaafatu, Jooʼel “Eeyyee Doktoor!” jechuudhaan garaa guutuudhaan deebiseef. Amanannaa ilmi keenya Uumaasaarratti qabuufi murtoo inni Isa gammachiisuuf godhetti koorri guddaan nutti dhagaʼamee ture. Deggersa guddaa hojjettoonni hospitaalichaa nuu godhaniif guddaa isaan dinqisiifanna.

Jooʼel Karaa Hafuuraa Guddina Argisiise

Jooʼel umriisaa waggaa 17⁠tti bishaaniin cuuphamuudhaan Waaqayyoof of murteessuusaa argisiise. Guyyaan sun matumaa kan irraanfatamu miti! Karaa hafuuraa guddachuusaa arguun keenya, gammachuu guddaan akka nutti dhagaʼamu godhe. Yeroo sanaa kaasee, jaalalli inni Yihowaaf qabuufi hinaaffaan inni dhugaadhaaf qabu hin qabbanoofne. Jooʼel nama argu hundumaan, “Dhugaan jireenya kooti” jechuu jaallata.

Jooʼel dhuma umrii kurnaniitti dubbisuufi barreessuu barate. Kun carraaqqii cimaa gochuu isa gaafateera. Jecha xinnoo barreessuu dandaʼuunsaa qofti akka injifannoo guddaatti kan ilaalamu ture. Yeroo sanaa kaasee ganama ganama buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu ni dubbisa. Sana booda, caqasicha of eeggannoodhaan yaadannoosaa isa tokkorratti kan barreessu siʼa taʼu kunis yeroo ammaa kuusaa guddaa taʼeera.

Jooʼel guyyaa walgaʼiitti yeroodhaan achi gaʼee warra gara walgaʼii dhufan hunda miira hoʼaadhaan simachuu waan jaallatuuf, dursinee Galma Mootummaa akka geenyu barbaada. Walgaʼiirratti yaada kennuufi hojiin argisiisarratti hirmaachuun isa gammachiisa. Maaykiroofoonii naannessuufi hojiiwwan kaanirrattis ni hirmaata. Haalli fayyaasaa kan isaa heyyamu taanaan torban torbaniin nu wajjin tajaajila baʼa. Bara 2007 beeksisni Jooʼel tajaajilaa gumii taʼee muudamuusaa ibsu gumiidhaaf dubbifame. Nuyis imimmaan gammachuu dhangalaasne. Kun eebba gaarummaa Yihowaa argisiisudha!

Gargaarsa Yihowaa Akka Arganne Nutti Dhagaʼama

Bara 1999 qorumsi gara biraan nu mudate. Konkolaachisaan dantaa malee oofu tokko konkolaataa keenya kan rukute siʼa taʼu, Luwiijiinis garmalee miidhame. Miillisaa tokko muramuufi lafee dugdasaarrattimmoo baqaqsanii hodhuu hedduun isaa godhamuu qaba ture. Yeroo kanattis, Yihowaatti amanamuudhaan jabina inni tajaajiltootasaa warra rakkataniif kennu akka arganne nutti dhagaʼameera. (Filp. 4:13) Luwiijiin qaamnisaa hirʼuu yoo taʼeyyuu, wanta gaarii qabnurratti xiyyeeffachuuf carraaqna. Inni hojii alaa hojjechuu waan hin dandeenyeef, Jooʼeliin kunuunsuuf yeroo dheeraa qaba. Kunis sochiiwwan hafuuraatiif yeroo dabalataa akkan ramadu carraa naa baneera. Luwiijiin fedhiiwwan hafuuraa maatii keenyaafi obboloota gumii keessa jiraniif xiyyeeffannaa dabalataa kennuu kan dandaʼe siʼa taʼu, qindeessaa qaama jaarsolii taʼee tajaajiluusaas itti fufeera.

Haalli keenya adda waan taʼeef, maatiin keenya yeroo dheeraa waliin dabarsu qaba. Yeroon yommuu darbaa adeemu, ilaalcha sirrii qabaachuufi hanga dandaʼamu caalaa eeguu dhiisuu baranneerra. Yeroo abdii kutannutti, miira keenya kadhannaadhaan Yihowaadhaaf ibsina. Kan nama gaddisiisu garuu, Deevidiifi Maarki guddatanii yommuu manaa baʼan suutuma suuta Yihowaa tajaajiluusaanii dhiisan. Taʼus gaaf tokko gara Yihowaatti deebiʼu jennee abdanna.—Luq. 15:17-24.

Waggoota hedduu darban keessatti Yihowaan akka nu gargaare nutti dhagaʼameera; rakkina nu mudatu keessattis isatti amanamuu baranneerra. Keessumaa jechoota Isaayaas 41:13⁠rratti akkas jedhan ni jaallanna: “Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaaraʼo’ siin jedhuu dha.” Yihowaan jabeessee akka harka nu qabu beekuun keenya madda jajjabinaa nuu taʼeera. Dhugumayyuu, qorumsa dandaʼuun amanannaa Yihowaa Abbaa keenya isa samiirratti qabnu nuu jabeesseera jechuu dandeenya.

[Miiljaleewwan]

^ key. 5 Tiriisoomiin 21 dhukkuba yeroo dhalatanii kaasee sammuun boodatti akka hafu godhudha. Kiromoozomoonni fayyaan cimdiidhaan argamu; ijoolleen dhukkuba tiriisoomii wajjin dhalatan garuu, cimdii isa tokkorratti kiromoozomii dabalataa tokko qabu. Tiriisoomiin 21 kiromoozomii 21⁠rratti miidhaa geessisa.

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Jooʼel haadhasaa Aadaa wajjin

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Aadaa, Jooʼeliifi Luwiijii

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Jooʼel Galma Mootummaatti obboloota simachuu jaallata