Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wantoota Waaʼee Hin Baasnerraa Ija Keessan Deebisaa!

Wantoota Waaʼee Hin Baasnerraa Ija Keessan Deebisaa!

Wantoota Waaʼee Hin Baasnerraa Ija Keessan Deebisaa!

“Ija koo wanta waaʼee hin baafne ilaaluu irraa jalʼisi, karaa kee irrattis lubbuu anatti deebisi!”—FAR. 119:37.

1. Kennaan dandeettii ilaaluu hammam barbaachisaadha?

DANDEETTIIN ilaaluu kennaa dinqisiisaadha! Dandeettiin kun, wanta naannoo keenyaatti argamu bifasaa, jechuunis dheerina, gadi fageenyaafi balʼinasaa qofa utuu hin taʼin, halluusaas akka gaariitti ilaaluuf nu dandeessisa. Dandeettiin ilaaluu, michoota gaarii ykn balaa irraa fagaachuu qabnu ilaaluuf nu gargaara. Kana malees, bareedina addaan baasnee beekuuf, ajaaʼiba uumamaa hubachuuf, akkasumas ragaawwan Waaqayyo jiraachuusaafi ulfinasaa argisiisan hubachuuf nu gargaara. (Far. 8:3, 4; 19:1, 2; 104:24; Rom. 1:20) Dandeettiin ilaaluu, daandii barbaachisaa sammuu wajjin wal qunnamu waan taʼeef, beekumsa Yihowaa argachuufi amantii isarratti qabnu guddifachuuf nu gargaara.—Iya. 1:8; Far. 1:2, 3.

2. Wanti ilaallu nu yaaddessuu kan qabu maaliifi? Kadhannaa faarfatichi garaadhaa dhiheesserraa maal baranna?

2 Haataʼu malee, wanti ilaallu nu miidhuus ni dandaʼa. Wanti karaa ijaa sammuu keenyatti galu baayʼee cimaa waan taʼeef, hawwii nu keessatti uumuu ykn akka guddatu gochuu dandaʼa. Addunyaa Seexanaa hamaafi of qofa gammachiisuu barbaadu keessa waan jiraannuuf, fakkiiwwaniifi olola liphsuu tokkoofillee yoo ilaallee karaarraa nu jalʼisuu dandaʼaniin marfamneerra. (1 Yoh. 5:19) Kanaaf, faarfatichi “Ija koo wanta waaʼee hin baafne ilaaluu irraa jalʼisi, karaa kee irrattis lubbuu anatti deebisi!” jedhee kadhachuunsaa kan nama hin dinqisiisu miti.—Far. 119:37.

Iji Keenya Nu Dogoggorsuu Kan Dandaʼu Akkamitti?

3-5. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu kamfaatu, iji keenya akka nu gowwoomsu gochuun balaa akka qabu argisiisa?

3 Wanta dubartii jalqabaa kan taate Hewwaanirra gaʼe hubadhaa. Seexanni, “ija mukicha nyaatanii hamaafi gaarii ittiin beekan” sanarraa yoo nyaatte, ijishee “akka banamu” itti hime. Hewwaan, abdiin ijishee akka “banamu” kennameef kun ishee hawwisiisuu hin oolu. Hewwaan, yommuu “iji mukichaa nyaataaf gaarii taʼuu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama gochuudhaafis gomjaasisaa taʼuu isaa argite,” ija mukaa dhowwamerraa nyaachuun caalaatti ishee hawwisiise. Ija mukichaa hawwiidhaan ilaaluunshee, abboommii Waaqayyoo cabsuutti ishee geesseera. Abbaan manaashee Addaamis utuu hin abboomamin kan hafe siʼa taʼu, kunis ilmaan namootaa hundarra badii geessiseera.—Uma. 2:17; 3:2-6; Rom. 5:12; Yaq. 1:14, 15.

4 Bara Nohitti, ergamoonni Waaqayyoo tokko tokkos wanti ilaalan waan gadhee raawwachuuf isaan kakaaseera. Uumamni 6:2 akkas jechuudhaan waaʼeesaanii ibsa: “Warri waaqa irraa ‘Ilmaan Waaqayyoo’ jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka taʼan arganii, isaan keessaa akkuma foʼatanitti fuudhanii haadha manaa godhatan.” Ergamoonni hamoon sun dubartoota namaa hawwiidhaan ilaaluunsaanii, uumamasaaniitiin ala ilmaan namootaa wajjin saalqunnamtii akka raawwatan fedhiisaanii kakaase; achiis, ijoollee baayʼee hamoo taʼan godhatan. Hammeenyi namoota yeroo sanaa, Nohiifi maatiisaarraa kan hafe ilmaan namootaa guutummaatti akka badan godheera.—Uma. 6:4-7, 11, 12.

5 Jaarraawwan booda, nama Israaʼel kan taʼe Aakaan ijisaa boojuu magaalaa Yerikoodhaa argame tokko tokko akka hatu isa kakaaseera. Waaqayyo, wantoota mana kuusaa Yihowaatiif kennamaniin ala, wantoonni magaalaa sana keessa jiran hundi akka balleeffaman ajajee ture. Israaʼelootaaf akeekkachiisni, ‘Wanta raawwatee balleeffamuun irra jiru kana keessaa akka hin fudhanne of eeggadhaa!’ jedhu kennamee ture. Aakaan ajajamuu diduusaatiin, namoonni magaalaa Aayi saba Israaʼel moʼanii isaan keessaa namoonni baayʼeen duʼan. Aakaan hamma saaxilamutti hatuusaa hin amanne. Wantoota sana “argeen hawwee fudhadhe” jedheera. Hawwiin ijaa, “wanta inni qabu hundumaa wajjin” akka balleeffamu isa godheera. (Iya. 6:18, 19; 7:1-26) Aakaan wanta dhowwame raawwachuuf hawwe.

Of Qabuun Barbaachisaadha

6, 7. Seexanni kiyyoo keessa nu galchuuf “akeeka” isa kamitti fayyadama? Beeksisawwan daldalaa akeeka kanatti kan fayyadaman akkamitti?

6 Yeroo harʼaa ilmaan namootaa mala Hewwaan, ergamoonni hamoofi Aakaan itti qoramanii wajjin wal fakkaatuun qoramu. “Akeeka” Seexanni ilmaan namootaa dogoggorsuuf itti fayyadamu hundumaa keessaa, “hawwiin ijaa” humna guddaa qaba. (2 Qor. 2:11; 1 Yoh. 2:16) Namoonni beeksisa daldalaa ammayyaa qopheessan, durii kaasee wanti ijaan argan namoota hawwisiisuu akka dandaʼu beeku. Hayyuun geggeessaa gabaa biyya Awurooppaa tokko, “Ilaaluun waan hunda caalaa miira hawwii akka qabaannu godha. Yeroo baayʼee qaamawwan miiraa keenya kaanirra aanee, namoonni waan sirrii taʼuusaa beekaniin faallaa akka raawwatan godha” jedheera.

7 Beeksisni, fakkiiwwan ijatti tolanii namoonni miʼaafi tajaajilasaanii argachuuf akka hawwan kakaasuuf itti yaadamee qophaaʼan kan qabate taʼuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Qorataan Yunaayitid Isteetis keessa jiraatuufi beeksisni namootarratti dhiibbaa akkamii akka geessisu qoratu tokko, beeksisni “kan qindaaʼu odeeffannoo dabarsuuf qofa utuu hin taʼin, keessumaa namni tokko fedhii guddaa akka qabaatuufi fedhiisaa sana akka guuttatu kakaasuuf” akka taʼe dubbataniiru. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan, wantoota dhimma kanaaf faayidaarra oolan keessaa tokkodha. Kanaafuu, waan ilaallu, akkasumas waan sammuufi garaa keenyatti akka galu heyyamnu daangessuun keenya baayʼee barbaachisaadha!

8. Ija keenya toʼachuun barbaachisaa taʼuunsaa Macaafa Qulqulluu keessatti kan ibsame akkamitti?

8 Hawwiin ijaafi fedhiin foonii, Kiristiyaanota dhugaarrattis dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo waan ilaalluufi hawwinuu wajjin haala wal qabateen akka of qabnu nu jajjabeessa. (1 Qor. 9:25, 27; 1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.) Nama qajeelaa kan ture Iyoob, ilaaluufi hawwuun walitti dhufeenya cimaa akka qabu hubatee ture. Akkas jedhe: “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?” (Iyo. 31:1) Iyoob, dubartii tokko miira addaggummaatiin harkaan tuquu yaa hafuutii, sammuunsaa yaada akkasii akka keessumsiisu hin heyyamne. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan, sammuun nama tokkoo yaada gadheerraa walaba taʼuu akka qabu ibseera.—Mat. 5:28.

Wantoota Waaʼee Hin Baasneefi Irraa Fagaachuu Qabnu

9. (a) Keessattuu intarneetii yeroo fayyadamnu, of eeggachuu kan qabnu maaliifi? (b) Yeroo gabaabaadhaafillee fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu ilaaluun dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa?

9 Yeroo ammaa kanatti, fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu ‘ilaaluun’ keessumaammoo intarneetiidhaan caalaatti waan barame taʼaa dhufeera. Weebsaayitiiwwan kana nuyi barbaaduu hin qabnu; isaan nu barbaadanii dhufu! Akkamitti? Beeksisni fakkii nama hawwisiisu tokkoo wajjin kompiitararratti akka tasaa mulʼachuu dandaʼa. Yookiinimmoo, ergaa miidhaa kan hin qabne fakkaatu yeroo bannu, fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasuufi ilaaluu dhiisuun rakkisaa taʼe qabatee dhufa. Namni tokko fakkii akkasii balleessuusaa dura hamma liphsuu ijaatiifillee yoo ilaale, yeroo sanatti fakkiin sun sammuusaarratti dhiibbaa geessise qaba. Yeroo gabaabaadhaafillee fakkii akkasii ilaaluun, dhiibbaa nama gaddisiisu geessisuu dandaʼa. Namni sun yaada garaa isa ceephaʼu akka qabaatuufi miira addaggummaa sammuusaa keessaa haquuf walʼaansoo akka godhu gochuu dandaʼa. Kana caalaammoo, namni taʼe jedhee fakkii akkasii ‘ilaaluʼ, hawwa gadhee garaasaa keessa jiru akka hin ajjeesne argisiisa.—Efesoon 5:3, 4, 12 dubbisi; Qol. 3:5, 6.

10. Keessumaa ijoolleen fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasaniin miidhamuu kan dandaʼan maaliifi? Ilaaluunsaaniihoo miidhaa maalii isaanirra geessisuu dandaʼa?

10 Ijoolleen hawwii waa beekuuf qabaniin kakaʼanii, fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu ilaaluuf qoramuu dandaʼu. Akkas taanaan, wanti kun ilaalcha saalqunnamtiidhaaf qabanirratti dhiibbaa yeroo dheeraa geessisuu dandaʼa. Gabaasni tokko akka jedhutti, dhiibbaan kun, ijoolleen saalqunnamtiidhaaf ilaalcha dogoggoraa akka qabaatan gochuu malees, “walitti dhufeenya gaarii jaalalarratti hundaaʼe baafachuun rakkisaa akka isaanitti taʼu gochuu dandaʼa; dubartootaaf ilaalcha dogoggoraa akka qabaatan, akkasumas fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun araada akka isaanitti taʼu kan godhu siʼa taʼu, kunimmoo hojii mana barumsaarratti, walitti dhufeenya hiriyootaafi maatiirratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa.” Dhiibbaan geessisu inni guddaanimmoo, booddee gaaʼelarratti kan mulʼatudha.

11. Fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu ilaaluun balaa akkamii akka qabu fakkeenyaan ibsi.

11 Kiristiyaanni obboleessa keenya taʼe tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Araadan Dhugaa Baatuu taʼuukoo dura qabu hunda keessaa, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluurraa fagaachuun baayʼee natti ulfaatee ture. Ammayyuu yeroo tokko tokko, jechuunis yeroon muuziqaa tokko dhagaʼu, yeroon waan tokko ilaalu ykn yeroo yaanni na badu fakkiiwwan kun gara sammuukootti dhufu. Guyyaa hunda miira kanaa wajjinan qabsaaʼa.” Obboleessi kan biraan tokkommoo yeroo mucaa xinnoo turetti, yommuu warrisaa mana hin jirre barruulee fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan qaban ilaala ture. Abbaansaa Kiristiyaana waan hin taaneef, barruuleen kun kansaa turan. Obboleessi kun akkas jedhee barreesseera: “Fakkiiwwan sun, sammuu ijoollummaa koorratti dhiibbaa nama suukanneessu geessisaniiru! Ammallee waggaa 25 booda, fakkiiwwan sana keessaa tokko tokko sammuukoo keessaa baduu hin dandeenye. Irraanfachuuf carraaqqii guddaa godhuyyuu, ammas achuma jiru. Kunimmoo, ani waaʼeesaa yaaduu dhiisuuf carraaquyyuu sammuunkoo akka na ceephaʼu godha.” Wantoota waaʼee hin baasne kana ilaaluurraa fagaachuudhaan, miira gadheerraa of eeguun baayʼee barbaachisaadha! Namni tokko kana gochuu kan dandaʼu akkamitti? ‘Yaadasaa Kiristosiif abboomsisee boojiʼuuf’ carraaqqii gochuu isa barbaachisa.—2 Qor. 10:5.

12, 13. Kiristiyaanonni waan gadhee akkamii ilaaluu hin qaban? Maaliif?

12 ‘Wanti gadheen’ ykn waaʼee hin baasneefi irraa fagaachuu qabnu kan biraanimmoo, bohaartii qabeenya akka jaallannu godhu, hafuura xuraaʼummaa, yakka, ajjeechaafi duʼa jajjabeessudha. (Faarfannaa 101:3 dubbisi.) Warri Kiristiyaana taʼan wanta manasaanii keessatti ilaalamu filachuu ilaalchisee, Yihowaa duratti itti gaafatamummaa qabu. Kiristiyaanni dhugaan kamiyyuu, taʼe jedhee gochawwan hafuura xuraaʼummaa keessa akka hin galle beekamaadha. Taʼuyyuu warri, fiilmiiwwan, sagantaawwan televijiinii, taphawwan viidiyoo, akkasumas qoosaawwaniifi kitaaboliin ijoollee gochawwan hafuura xuraaʼummaa calaqqisan balaa akka qaban hubachuu qabu.—Fak. 22:5.

13 Ijoollees taane gaʼeessota, taphawwan viidiyoo hammeenyaafi ajjeechaa gara jabinaa argisiisan ilaaluutti gammaduu hin qabnu. (Faarfannaa 11:5 dubbisi.) Sammuun keenya sochii Yihowaan balaaleffatu kamirrattiyyuu akka hin xiyyeeffanne gochuu qabna. Seexanni yaada keenyarratti akka xiyyeeffatu hin dagatinaa. (2 Qor. 11:3) Bohaartii fudhatama qabu ilaaluudhaan saʼaatii dheeraa dabarsuunillee, yeroo waaqeffannaa maatii, dubbisa Macaafa Qulqulluufi gumiidhaaf qophaaʼuuf ramadne nu jalaa fudhachuu dandaʼa.—Filp. 1:9, 10.

Fakkeenya Yesus Hordofaa

14, 15. Qorumsa sadaffaa Seexanni Yesusitti fide ilaalchisee wanti xiyyeeffannaa namaa harkisu maalidha? Yesus qorumsa kana moʼuu kan dandaʼe akkamitti?

14 Waan gadhee addunyaa hamaa kana keessa jiru tokko tokko ilaaluurraa fagaachuu kan hin dandeenye taʼuun keenya nama gaddisiisa. Wantoonni akkasii Yesusinillee mudataniiru. Qorumsa sadaffaa Seexanni, Yesus fedha Waaqayyoo raawwachuurraa duubatti akka jedhu itti fiderratti, “Seexanni gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiise.” (Mat. 4:8) Seexanni akkas kan godhe maaliifi? Dhiibbaa cimaa ilaaluun geessisutti dhimma baʼuu barbaadee akka taʼe homaa hin shakkisiisu. Yesus ulfina mootummoota biyya lafaa arguunsaa, hawwii addunyaarratti beekamummaa argachuutiif akka moʼamu gochuu dandaʼa ture. Inni garuu deebii akkamii kenneree?

15 Yesus afeerrii nama qoru kanarratti hin xiyyeeffanne. Garaansaa hawwii dogoggora taʼerratti akka yaadu hin heyyamne. Akkasumas, afeerrii Seexanaa kana diduuf irratti yaaduun isa hin barbaachisne. Kanaa mannaa yeruma sana deebii kenneera. “Seexana nana, argaa koo duraa turi!” jedhee isa ajaje. (Mat. 4:10) Yesus walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaburratti waan xiyyeeffateef, kaayyoo jireenyaasaa, jechuunis fedha Waaqayyoo raawwachuu wajjin haala walsimuun deebii kenneera. (Ibr. 10:7) Kanaan kan kaʼes, Yesus haxxummaa Seexanaa jalaa fashaleessuu dandaʼeera.

16. Fakkeenya Yesus qorumsawwan Seexanaa moʼuudhaan nuu kaaʼerraa, barumsawwan akkamii argachuu dandeenya?

16 Fakkeenya Yesusirraa baayʼee barachuu dandeenya. Tokkoffaa, namni qorumsi Seexanaa irra hin geenye hin jiru. (Mat. 24:24) Lammaffaa, wanti xiyyeeffannaadhaan ilaallu, gadhees taʼu gaarii hawwii garaa keenyaa jabeessuu dandaʼa. Sadaffaa, Seexanni karaa keenyarraa nu jalʼisuuf hamma dandaʼe ‘hawwii ijaatti’ fayyadama. (1 Phe. 5:8) Afuraffaammoo, keessumaa dafnee tarkaanfii yoo fudhanne nuyis Seexana mormuu ni dandeenya.—Yaq. 4:7; 1 Phe. 2:21.

Iji Keessan “Fayyaa” Haa Taʼu

17. Waan gochuu qabnu murteessuu keenya dura wanti waaʼee hin baasne hamma nu mudatutti turuun sirrii kan hin taane maaliifi?

17 Yihowaadhaaf of murteessuun, waan gadhee taʼerraa deebiʼuuf waadaa guddaa galuu kan dabalatudha. Fedha Waaqayyoo raawwachuuf waadaa galuun keenya, akkuma faarfatichaa, “Ani dubbii kee eeguudhaaf, miilla koo karaa hamaa hundumaa irraa nan ittise” jechuuf nu kakaasa. (Far. 119:101) Tarkaanfii fudhannu murteessuu keenya dura, wanti gadheen hamma nu mudatutti eeguun sirrii miti. Wantoonni Caaffanni Qulqullaaʼoon balaaleffatan ifa nuu taʼaniiru. Akeeka Seexanaas beekna. Yesus, dhagaa buddeenitti akka jijjiiru Seexanni kan isa qore yeroo kamitti? Halkaniifi guyyaa 40 soomee erga “beelaʼe” booda ture. (Mat. 4:1-4) Seexanni yeroo itti dadhabnuufi salphaatti qorumsaan kufuu dandeenyu beeka. Kanaaf, yeroon dhimmawwan kanaaf xiyyeeffannaa itti laannu ammadha. Harʼa bor hin jedhinaa! Guyyaa guyyaadhaan murtoo Yihowaadhaaf goone yoo yaadanne, waan waaʼee hin baasnerraa deebiʼuuf murtoo cimaa goona.—Fak. 1:5; 19:20.

18, 19. (a) Garaagarummaa ija “fayyaa” fi ija “dhukkubsataa” gidduu jiru ibsi. (b) Wanta waaʼee baasurratti yaaduun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Filiphisiiyus 4:8 gama kanaan gorsa maalii kenna?

18 Guyyaa guyyaadhaan wantoonni xiyyeeffannaa namaa harkisan hedduun nu mudatu. Kanaaf, gorsa Yesus ija “fayyaa” akka qabaannu nuu kenne hordofuun keenya yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaadha. (Mat. 6:22, 23) Iji ‘fayyaan’ guutummaatti waan tokkorratti jechuunis fedha Waaqayyoo raawwachuurratti xiyyeeffata. Karaa biraammoo, iji “dhukkubsataa” taʼe, gowwoomsaa, sassataafi wantoota waaʼee hin baasneen kan harkifamudha.

19 Wanti ija keenyaan ilaallu sammuu keenyarratti, wanti sammuu keenyatti galchinummoo garaa keenyarratti dhiibbaa akka geessisu hin dagatinaa. Kanaaf, waan dhimma baasurratti yaaduun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Filiphisiiyus 4:8 dubbisi.) Egaa, akkuma faarfatichaa, “Ija koo wanta waaʼee hin baafne ilaaluu irraa jalʼisi” jennee kadhachuu keenya itti haa fufnu. Kadhannaa kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuuf yoo carraaqne, Yihowaan ‘karaasaatti akka nu jiraachisu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 119:37, hiika bara 1899; Ibr. 10:36.

Waaʼee Wantoota Kanaa Gadii Maal Yaadachuu Qabna?

• walitti dhufeenya ija, sammuufi garaa keenyaa

• balaa fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu ilaaluun qabu

• barbaachisummaa ija “fayyaa” qabaachuu

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru

Kiristiyaanonni wantoota waaʼee hin baasne akkamii ilaaluurraa fagaachuu qabu?