Yihowaan Akka Si Gaafatu Ni Heyyamtaa?
Yihowaan Akka Si Gaafatu Ni Heyyamtaa?
MACAAFNI QULQULLUUN, gaaffiiwwan namni tokko garaafi miirasaa gad fageenyaan akka qoru gargaaran hedduu qabateera. Yihowaanis dhugaawwan iddoo guddaa qaban barsiisuuf gaaffiiwwanitti fayyadameera. Fakkeenyaaf, Yihowaan Qaayin karaasaa isa badii geessisurraa akka deebiʼu akeekkachiisuuf, gaaffiiwwan hedduutti fayyadameera. (Uma. 4:6, 7) Yeroo kaanittimmoo, Yihowaan gaaffii tokko qofa gaafachuudhaan nama tokko hojiidhaaf kakaaseera. Isaayaas raajichi Yihowaan, “Eenyunan erga? Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jedhee gaafachuusaa yommuu dhagaʼu, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhee deebiseera.—Isa. 6:8.
Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesusis, gaaffiiwwanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadameera. Wangeelli gaaffiiwwan Yesus gaafate 280 ol taʼan qabateera. Yeroo tokko tokko gaaffiiwwanitti kan fayyadame, mormitootasaa cal jechisiisuuf taʼus, yeroo baayʼee garuu, garaa dhaggeeffattootasaa tuquudhaan haala hafuuraasaanirratti akka yaadan gochuuf ture. (Mat. 22:41-46; Yoh. 14:9, 10) Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos ergamaan inni kitaabota Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii 14 barreesse, karaa nama amansiisuun gaaffiiwwanitti fayyadameera. (Rom. 10:13-15) Fakkeenyaaf, xalayaan inni warra Roomaaf barreesse gaaffiiwwan hedduu qabateera. Gaaffiiwwan Phaawulos, namoonni barreeffamasaa dubbisan, ‘badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam akka guddatu, ogummaan isaafi beekumni isaa hammam akka gad fagaatu’ beekuufi dinqisiifachuuf isaan kakaasu.—Rom. 11:33.
Gaaffiiwwan tokko tokko afaaniin deebii kennuu kan gaafatan taʼus, kaan garuu namni tokko gad fageenyaan akka yaadu gochuuf kan dhihaatanidha. Wangeelonni, Yesus gaaffiiwwanitti kan fayyadame namoonni gad fageenyaan akka yaadan gochuuf akka taʼe galmeessaniiru. Yeroo tokko Yesus, “Ilaalladhaa! Raacitii warra Fariisotaa fi raacitii Herodis irraa of eeggadhaa!” jechuunis, fakkeessaafi barumsa sobaasaaniirraa of eegaa jechuudhaan bartootasaa akeekkachiiseera. (Mar. 8:15; Mat. 16:12) Bartoonni Yesus wanta inni jechuu barbaade waan hin hubanneef, buddeena qabachuu irraanfachuusaaniitti wal falmuutti kaʼan. Yesus kanatti aansuudhaan haasaa gabaabaa dhiheesse keessatti gaaffii meeqa akka kaase hubadhu. “‘Maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessaniitti hiiktanii dudubbattu? Isin amma iyyuu yaadatti hin fudhattanii yookiis hin hubattanii ree? Sammuu keessantu duudee? Ija utuu qabdanii hin argitanii ree? Gurras utuu qabdanii hin dhageessanii ree? . . . Isin amma iyyuu hin hubattanii?’ isaaniin jedhe.” Gaaffiiwwan Yesus, bartoonnisaa wanti inni dubbate dhugumaan hiika maalii akka qabu akka yaadan kan isaan taasisan turan.—Mar. 8:16-21.
“Ani Sin Gaafadha”
Yihowaan ilaalcha Iyoob isa tajaajilaasaa turee sirreessuuf gaaffiiwwanitti fayyadameera. Yihowaan gaaffiiwwan hedduutti fayyadamuudhaan, Iyoob Uumaasaa wajjin yommuu wal bira qabamee ilaalamu wayitti kan hin galle taʼuusaa isa barsiiseera. (Iyoob, boq. 38-41) Yihowaan, Iyoob gaaffiiwwan kana hunda sagaleesaa dhageessisee akka deebisu eegee turee? Kun waan hin fakkaannedha. Gaaffiiwwan akka, “Yommuu ani hundee lafaa kaaʼe, ati eessa turte?” jedhanii, yaadaafi miira Iyoob kakaasuuf akka dhihaatan beekamaadha. Iyoob gaaffiiwwan gadi fageenya qaban muraasa erga gaafatamee booda, waan dubbatu dhabee ture. Kanaaf, “Afaan koo nan qabadha malee, maalan siif deebisa ree?” jedheera. (Iyo. 38:4; 40:4) Iyoob wanti jedhamuu barbaade waan isaa galeef gad of deebiseera. Haataʼu malee, kaayyoon Yihowaa Iyoob akka gad of deebisu barsiisuu qofa hin turre. Ilaalchi Iyoobis sirreeffameera. Karaa kamiin?
Iyoob “hirʼina kan hin qabne, nama qajeelaa” taʼus, al tokko tokko wanti inni dubbatu ilaalcha dogoggoraa akka qabu kan argisiisu ture. Kunis Eliihuun yommuu Iyoob “Waaqayyoon qajeelaa gochuu irra ofii isaa qajeelaa of godhee” Iyo. 1:8; 32:2; 33:8-12) Kanaaf, gaaffiiwwan Yihowaa hubannaa Iyoobis kan sirreessan turan. Waaqayyo bubbee keessaa, “Inni dubbii beekumsa malee dubbatamuun, akeeki koo akka hin mulʼanne godhu kun eenyu? Ati kaʼii, mudhii kee hidhadhuu qophaaʼi! Ani sin gaafadha, ati immoo anaaf deebisi!” jechuudhaan Iyoobitti dubbate. (Iyo. 38:1-3) Yihowaan gaaffiiwwanitti fayyadamee, Iyoob ogummaafi humnasaa hojiiwwansaa dinqisiisaa taʼanirratti mulʼateefi hangana hin jedhamnerratti akka xiyyeeffatu godheera. Hubannaa haaraan Iyoob argate kun, isa kanaan duraa caalaa murtoo Yihowaafi karaa Inni wantoota itti hojjeturratti akka amanamu isa gargaareera. Waaqni Hundumaa Dandaʼuun kallattiidhaan isa gaafachuunsaa, Iyoobiif muuxannoo dinqisiisaa mitii?
ture yeroo isa ifatetti beekameera. (Yihowaan Akka Nu Gaafatu Heyyamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Nuhoo, gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamanirraa faayidaa argachuu dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya! Gaaffiiwwan kun xiyyeeffannaadhaan akka yaannu akka nu godhan heyyamuun keenya, karaa hafuuraa buʼaa hedduu nuu argamsiisuu dandaʼa. Dubbiin Waaqayyoo buʼa qabeessa akka taʼu waan godhe keessaa tokko, gaaffiiwwan miira namaa kakaasan kan qabate taʼuusaati. Dhugumayyuu, “Dubbiin Waaqayyoo . . . humna hojjetus of keessaa qaba, . . . yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in dandaʼa.” (Ibr. 4:12) Gaaffiiwwan kanarraa caalaatti buʼaa argachuuf garuu, akkuma Yihowaan dhuunfaatti nu gaafachaa jiru goonee of gaafachuu nu barbaachisa. (Rom. 15:4) Mee fakkeenyawwan muraasa haa ilaallu.
“Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii taʼu in kenna mitii ree?” (Uma. 18:25) Abraham gaaffii deebii kennuufiin hin barbaachisne kana Yihowaaf kan dhiheesse, yommuu Waaqayyo Sodoomiifi Gomoraa balleessuuf murteessetti ture. Yihowaan qajeelota jalʼootaa wajjin ajjeesuudhaan murtoo jalʼaa raawwata jechuun akka hin dandaʼamne Abrahaam hubatee ture. Gaaffiin Abrahaam, amantii cimaa inni qajeelina Yihowaarratti qabu kan argisiisu ture.
Yeroo harʼaa, namoonni tokko tokko murtoowwan Yihowaan gara fuulduraatti godhu, jechuunis Armaagedoonirraa kan oolan ykn duʼaa kan kaʼan abalufaadha jedhanii tilmaamuu jaallatu taʼa. Yaadawwan akkasii akka nu jeeqan heyyamuu mannaa, gaaffii Abrahaam yaadachuu dandeenya. Yihowaan Abbaa gaarii samiirra jiru taʼuusaa beekuun, akkasumas akkuma Abrahaam murtoo qajeelaafi ooʼasaarratti amanannaa guutuu qabaachuun keenya, dhiphina hin barbaachisne, shakkii nama dadhabsiisuufi falmii gatii hin qabnerratti yeroofi humna keenya balleessuurraa nu eega.
“Isin keessaa namni tokko hammam yaaddaʼu illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa dabalachuu kan dandaʼu jiraa ree?” (Mat. 6:27) Yesus harka Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼee jala of galchuunsaanii barbaachisaa taʼuusaa ibsuuf, bartootasaa dabalatee namoota hedduu walitti qabaman gaaffii kana gaafateera. Sirni hamaan guyyoota gara dhumaa kun, dhiphina hedduu geessisa; haataʼu malee, wantoota kanarratti xiyyeeffachuun umrii keenya nuu hin dabalu ykn jireenya keenya nuu hin fooyyessu.
Waaʼee keenya ykn waaʼee namoota jaallannuu dhiphinni yommuu nutti dhagaʼamu, gaaffii Yesus kana of yaadachiisuun, wanta nu yaaddessuuf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Kana gochuun keenya dhiphinaafi yaadawwan dogoggoraa, sammuu, miiraafi qaamaa keenya dadhabsiisan hambisuuf nu gargaara. Akkuma Yesus nuu mirkaneesse, Abbaan keenya inni samii simbirroota sooruufi biqiloota bakkeetti uwwisu, wanta nu barbaachisu guutummaatti beeka.—Mat. 6:26-34.
“Namni dachaasaa wayyaa isaatii keessa ibidda in kaaʼataa ree? Wayyaan isaas utuu hin gubatin hafuu dandaʼaa ree?” (Fak. 6:27) Boqonnaawwan Fakkeenyaa salgan jalqabaa, haasaa gaggabaabaa abbaan ogummaa hojiirra ooluu dandaʼu ilmasaatiif itti kenne kan qabatanidha. Gaaffiin olitti caqasame miidhaa guddaa ejji geessisu kan argisiisudha. (Fak. 6:29) Kolomsuu kan amaleeffanne ykn saalqunnamtii dogoggora taʼe kamirrattiyyuu kan xiinxaluu taanaan, gaaffiin kun balaa gaʼuu dandaʼuuf nu dammaqsuu qaba. Gaaffiin kun, namni tokko yommuu wanta sirrii hin taane raawwachuuf qoramu hundaatti akka seera buʼuuraatti gaafatamuu dandaʼa. Kun seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu, ‘Waanuma facaafattan galfattu’ jedhu sirriitti kan ibsu mitii?—Gal. 6:7.
“Ati inni hojjetaa biraatti faraddu, eenyu ati?” (Rom. 14:4) Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti, rakkoowwan gumii jaarraa jalqabaa keessatti uumaman ibseera. Kiristiyaanonni tokko tokko aadaa garagaraa keessaa kan dhufan waan taʼaniif, murtoofi gocha namoonni hidhata amantaasaanii taʼan raawwatanirratti faraduu jaallatu turan. Gaaffiin Phaawulos, akka wal simataniifi firdii kennuu Yihowaaf akka dhiisan isaan yaadachiiseera.
Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis, sanyii addaddaa kan qabaniifi haala jireenyaa garagaraa keessaa kan dhufanidha. Taʼus, Yihowaan gara tokkummaa dinqisiisaa taʼeetti nu fideera. Nutoo tokkummaa kanaaf gumaacha ni goonaa? Murtoo obboloonni keenya yaada garaasaaniirratti hundaaʼanii godhan ceephaʼuuf kan ariifannu taanaan, gaaffii Phaawulos olitti kaase of gaafachuun keenya gaarii mitii?
Gaaffiiwwan, Caalaatti Yihowaatti Nu Dhiheessu
Fakkeenyonni muraasni kun, gaaffiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessa jiran nama tokko hangam kakaasuu akka dandaʼan kan argisiisanidha. Yaadawwan naannoo gaaffiiwwan kana hundumaa jiranii qoruun keenya, haala keessa jirruu wajjin walsimsiisnee hojiirra oolchuuf nu gargaaruu dandaʼa. Macaafa Qulqulluu yommuu dubbisnu, gaaffiiwwan nu gargaaran kan biraas akka jiran hubachuu dandeenya.—Saanduqa fuula 14rra jiru ilaali.
Gaaffiiwwan miira namaa kakaasaniifi Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman gad fageenyaan akka nu tuqan heyyamuun keenya, sammuufi yaada garaa keenyaa qajeelina Yihowaa wajjin walsimsiisuuf nu gargaaru. Iyoob erga Yihowaan isa gaafatee booda, “Ani waaʼee kee dur gurraan dhagaʼeera, amma garuu ati anatti mulʼatteetta” jedheera. (Iyo. 42:5) Eeyyee, Iyoob akkuma waan ijasaatiin isa arguutti Yihowaan caalaatti isaaf dhugoomeera. Yaaqoob bartichi yeroo booda, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jedheera. (Yaq. 4:8) Gaaffiiwwanisaa dabalatee, kutaan Dubbii Waaqayyoo hundi, karaa hafuuraa akka guddannuufi Yihowaan caalaatti akka nutti ‘mulʼatu’ akka nu gargaaru haa heyyamnu!
[Saanduqa fuula 14rra jiru]
Gaaffiiwwan kanaa gad jiran of gaafachuunkee, dhimmawwan tokko tokkoof ilaalcha Yihowaa qabaachuuf kan si gargaaru akkamitti?
▪ “ Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhagaʼee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree?”—1 Sam. 15:22.
▪ “ Inni ija tolche ofii isaatii hin arguu ree?”—Far. 94:9.
▪ “ Ati dhibaaʼaa nana, hamma yoomiitti ciifta? Hirriba keessaas yoom kaata?”—Fak. 6:9.
▪ “ Ati aaruun siif in taʼaa ree?”—Yon. 4:4.
▪ “ Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, buʼaan isaa maali ree?”—Mat. 16:26.
▪ “ Eenyutu jaalala Kristosittii gargar nu baasa?”—Rom. 8:35.
▪ “ Waan Waaqayyo siif hin kennin maalfaa qabda ree?”—1 Qor. 4:7.
▪ “ Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree?”—2 Qor. 6:14.
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Iyoob gaaffiiwwan Yihowaarraa maal barateera?