Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Kaayyoosaa Galmaan Gaʼuuf Hafuura Qulqulluutti Kan Fayyadamu Akkamitti?

Yihowaan Kaayyoosaa Galmaan Gaʼuuf Hafuura Qulqulluutti Kan Fayyadamu Akkamitti?

Yihowaan Kaayyoosaa Galmaan Gaʼuuf Hafuura Qulqulluutti Kan Fayyadamu Akkamitti?

“Dubbiin afaan koo keessaa baʼu, . . . wanta ani itti erges in raawwata.”—ISA. 55:11.

1. Garaagarummaa karooraafi kaayyoo gidduu jiru fakkeenyaan ibsi.

NAMOONNI lama konkolaataadhaan karaa adeemuuf qophaaʼaa akka jiran godhaa yaadaa. Inni tokko karaa bakka barbaade sana itti dhaqu waraqaarratti tokko tokkoon barreeffateera. Inni kaanimmoo bakka dhaqu sana yaadasaatti kan qabate taʼuyyuu, karaawwan akka filannaatti gargaaran hedduu beeka. Akkuma barbaachisummaasaatti karaasaa jijjiiruuf qophaaʼaadha. Malawwan namoonni kun lamaan itti fayyadaman, hamma tokko taʼus garaagarummaa karooraafi kaayyoo gidduu jiru ibsu. Karoorri, karaa deemnu ilaalchisee waan hunda tokko tokkoon barreessuu wajjin walfakkaata; kaayyoon garuu, galma tokko sammuutti qabachuu kan dabalatu taʼus, bakka barbaanne sana gaʼuuf dirqama karaa murtaaʼe tokkorra deemuuf yaaduu kan dabalatu taʼuu dhiisuu dandaʼa.

2, 3. (a) Kaayyoon Yihowaa maal dabalata? Yeroo Addaamiifi Hewwaan cubbuu raawwatan haalasaa sirreessuuf tarkaanfii akkamii fudhate? (b) Karaa Waaqayyo kaayyoosaa itti raawwatu beekuufi haala kaayyoosaa wajjin walsimuun jiraachuu kan qabnu maaliifi?

2 Yihowaan fedhasaa raawwachuuf karoora murtaaʼe utuu hin taʼin, kaayyoo yeroo booda raawwatamuunsaa hin oolle qaba. (Efe. 3:11) Kaayyoon kun jalqabarratti, yaada Inni ilmaan namootaafi lafaaf qabu, jechuunis lafti kun gara jannataatti jijjiiramtee bakka jireenyaa namoonni cubbuurraa walaba taʼan nagaafi gammachuudhaan barabaraaf keessa jiraatan akka taatu gochuuf qabu kan dabalatudha. (Uma. 1:28) Yeroo Addaamiifi Hewwaan cubbuu raawwatan, Yihowaan haala sana sirreessuuf yeruma sana tarkaanfii kan fudhate taʼuusaarrayyuu, qophiiwwan kaayyoosaa raawwachuuf isa dandeessisan godheera. (Uumama 3:15 dubbisi.) Yihowaan dubartiinisaa fakkeenyaan ibsamte “sanyii” ykn Ilma, yeroo booda Seexanaafi miidhaa inni geessise hundumaa balleessu akka argamsiistu murteesse.—Ibr. 2:14; 1 Yoh. 3:8.

3 Humni samiirras taʼe lafarra jiru kamiyyuu, Waaqayyo kaayyoosaa akka hin raawwanne dhowwuu hin dandaʼu. (Isa. 46:9-11) Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan hafuurasaatti waan fayyadamuufidha. Humni baayʼee guddaa taʼe kun, kaayyoon Waaqayyoo akka ‘raawwatamu’ godha. (Isa. 55:10, 11) Karaa Waaqayyo kaayyoosaa itti raawwatu xiyyeeffannaadhaan hordofuufi haala kaayyoosaa wajjin walsimuun jiraachuu qabna. Jireenyi keenya gara fuulduraa, kaayyoon kun raawwatamuusaarratti kan hundaaʼedha. Kana malees, Yihowaan hafuuraa qulqulluutti akkamitti akka fayyadamu beekuun amantii namaa jabeessa. Kanaaf, gaʼee hafuurri qulqulluun kaayyoo Yihowaa raawwachiisuurratti bara duriitti, yeroo ammaafi gara fuulduraatti qabu haa ilaallu.

Gaʼee Hafuurri Qulqulluun Bara Duriitti Qabu

4. Yihowaan kaayyoosaa irraa jalaan kan ibse akkamitti?

4 Bara duriitti, Yihowaan kaayyoosaa irraa jalaan ibseera. Jalqabarratti, eenyummaan Sanyii abdachiifamee “dhoksaa” ture. (1 Qor. 2:7) Yihowaan waaʼee sanyii kanaa irra deebiʼee kan caqase gara waggaa 2,000 boodadha. (Uumama 12:7; 22:15-18 dubbisi.) Yihowaan Abrahaamiif abdii raawwii guddaa qabu kennee ture. Jechoonni “sanyii keetiin” jedhan, Sanyiin sun nama taʼee karaa Abrahaam akka dhufu argisiisu. Seexanni wanta ibsame kana xiyyeeffannaa guddaadhaan hordofaa akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Diinni kun sanyii Abrahaam balleessuudhaan ykn mancaasuudhaan kaayyoon Waaqayyoo akka fashalaaʼu gochuu caalaa wanti barbaadu akka hin jirre beekamaadha. Taʼuyyuu, hafuurri Waaqayyoo inni ijaan hin mulʼanne hojiirra waan jiruuf, fedhiin Seexanaa kun matumaa hin milkaaʼu. Haataʼu malee, hafuurri Waaqayyoo karaa kamiin hojjeta?

5, 6. Yihowaan namoota hidda dhalootaa Sanyichi ittiin dhufu taʼan eeguuf hafuurasaatti kan fayyadame akkamitti?

5 Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee namoota toora hidda dhalootaa Sanyichi ittiin dhufu keessa jiran eegeera. Yihowaan Abraamiin (Abrahaamiin), “Ani gaachana kee ti” jedhee ture. (Uma. 15:1) Jechoonni kun akkasumaan kan dubbataman hin turre. Fakkeenyaaf, Dh.K.D. bara 1919 yommuu Abrahaamiifi Saaraan bakka yeroof keessa jiraatan, jechuunis Geraar dhaqanitti wanta raawwatame ilaalaa. Mootiin Geraar Abiimelek, Saaraan haadha manaa Abrahaam taʼuushee utuu hin beekin haadha manaasaa godhachuuf fudhatee ture. Seexanni utuu isaan hin beekin haallisaa akka jijjiiramu gochuudhaan, Saaraan Abrahaamiif sanyii akka hin godhanne dhowwuuf yaalii gochaa turee laata? Kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun wanta ibsu hin qabu. Yihowaan dhimma kana gidduu galuusaa garuu ni ibsa. Abiimelek Saaraatti akka hin buune abjuudhaan isa akeekkachiise.—Uma. 20:1-18.

6 Yihowaan kan isaan eege yeroo kana qofa miti. Yeroo baayʼee Abrahaamiifi miseensota maatiisaa eegeera. (Uma. 12:14-20; 14:13-20; 26:26-29) Faarfatichi Abrahaamiifi namoota hidda dhalootaa sanyichi ittiin dhufu ilaalchisee akkas jedheera: “Waaqayyo, namni tokko illee akka isaan cunqursu hin goone, inni isaaniif jedhee mootota iyyuu ifatee, ‘Warra ani dibee moosise hin tuqinaa, raajota koo irrattis hamaa hin hojjetinaa!’ jedhe.”—Far. 105:14, 15.

7. Yihowaan karaawwan kamiin saba Israaʼel eegee ture?

7 Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee, saba Israaʼel durii isa Sanyichi abdachiifame keessaa dhalatu eegeera. Hafuurasaatti fayyadamee, Seerasaa isa waaqeffannaa dhugaa eeguufi Yihudoonni karaa hafuuraa, amalaafi qaamaa akka hin mancaane eegu isaaniif kenneera. (Bau. 31:18; 2 Qor. 3:3) Bara Abboota Firdiitti, dhiironni tokko tokko Israaʼeloota diinotasaanii jalaa akka oolchaniif hafuurri Yihowaa humna isaanii kennee ture. (Abo. 3:9, 10) Yesus, inni kutaa sanyii Abrahaam keessaa isa duraa taʼe dhalachuusaa dura jaarraawwan turanitti, hafuurri qulqulluun, Yerusaalemiin, Betlihemiifi mana qulqullummaadhaaf eegumsa godhee taʼuu qaba; iddoowwan kun hundi raajiiwwan waaʼee Yesus dubbataman akka raawwataman gochuurratti gaʼee qabu turan.

8. Hafuurri qulqulluun jireenyaafi tajaajila Ilma Waaqayyoorratti, kallattiidhaan gaʼee guddaa akka qabu kan argisiisu maalidha?

8 Hafuurri qulqulluun jireenyaafi tajaajila Yesusirratti kallattiidhaan gaʼee guddaa qaba ture. Gadameessa Maariyaam ishee durba turte keessatti wanta sana duras taʼe sana booda hin raawwatamne tokko raawwateera. Dubartiin cubbuu dhaalte tokko akka ulfooftuufi Ilma cubbuurraa walaba taʼe, akkasumas duuti isarratti hin moone akka deessu godheera. (Luq. 1:26-31, 34, 35) Hafuurichi, Yesus inni daaʼima ture, dhimma itti ergameef utuu hin raawwatin akka hin duune isa eegeera. (Mat. 2:7, 8, 12, 13) Yesus umriinsaa gara waggaa 30 yeroo taʼu, Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan dibee teessoo Daawit akka dhaalu isa muudeera; akka lallabus isa ergeera. (Luq. 1:32, 33; 4:16-21) Hafuurri qulqulluun, Yesus warra dhukkubsatan fayyisuu, namoota baayʼee nyaachisuufi warra duʼan kaasuu dabalatee dinqiiwwan akka raawwatu humna kenneeraaf. Gochawwan gurguddaan akkasii kun, eebbawwan bulchiinsa Yesus jalatti eeggachuu dandeenyu keessaa muraasasaaniiti.

9, 10. (a) Hafuurri qulqulluun bartoota jaarraa jalqabaarratti hojjechaa akka ture ragaan argisiisu maalidha? (b) Karaa Yihowaan kaayyoosaa itti raawwatu ilaalchisee wanti haaraan Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ibsame maalidha?

9 Dh.K.B. bara 33 kaasee, Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee namoota kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam taʼan dibeera; isaanis hedduunsaanii hidda dhalootaa Abrahaamirraa kan dhufan miti. (Rom. 8:15-17; Gal. 3:29) Hafuurri qulqulluun bartoota Yesus jaarraa jalqabaarra akka ture ifadha; hafuurri kun, hinaaffaadhaan akka lallabaniifi dinqiiwwan gurguddaa akka raawwatan humna isaanii kenneera. (HoE. 1:8; 2:1-4; 1 Qor. 12:7-11) Hafuurri qulqulluun kennaawwan dinqii kanaan, karaa Yihowaan kaayyoosaa itti raawwatu ilaalchisee wanta haaraa ibseera. Yihowaan, qophii waaqeffannaa jaarraawwan hedduudhaaf tureefi mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti raawwatamaa ture dhiiseera. Amma isa duratti fudhatama kan qabu gumii Kiristiyaanaa isa haaraa hundeeffamedha. Yeroo sanaa kaasee, Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf gumii dibamtootaa sanatti fayyadamaa jira.

10 Eegumsa gochuu, humna kennuu, dibuu; wantoonni kun karaa Yihowaan bara duriitti kaayyoosaa galmaan gaʼuuf hafuura qulqulluutti fayyadame keessaa muraasasaaniiti. Waaʼee bara keenyaahoo maal jechuutu dandaʼama? Yeroo ammaatti Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf hafuurasaatti fayyadamaa kan jiru akkamitti? Haala hafuurasaa wajjin walsimuun jiraachuu waan barbaannuuf, kana beekuu nu barbaachisa. Kanaaf, amma karaawwan yeroo ammaatti Yihowaan hafuurasaatti itti fayyadamu afur haa ilaallu.

Gaʼee Hafuurri Qulqulluun Yeroo Ammaatti Qabu

11. Hafuurri qulqulluun humna sabni Waaqayyoo qulqulluu akka taʼan gargaaru taʼuusaa wanti argisiisu maalidha? Haala isaa wajjin walsimuun akka jiraattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

11 Tokkoffaa, hafuurri qulqulluun humna sabni Waaqayyoo qulqulluu akka taʼan gargaarudha. Namoonni akka fedhasaatti isa tajaajiluufi kaayyoosaarraa fayyadamuu barbaadan karaa amalaa qulqulluu taʼuu qabu. (1 Qorontos 6:9-11 dubbisi.) Namoonni Kiristiyaanota dhugaa taʼan tokko tokko, sana dura amalawwan addaggummaa kan akka halalummaa, ejjaafi nama gadhoomsuu jiran raawwatu turan. Fedhiiwwan cubbuu akka raawwatan isaan kakaasan isaan keessatti hundee gad fageeffatanii taʼuu dandaʼa. (Yaq. 1:14, 15) Taʼus, namoonni akkasii Waaqayyoon gammachiisuuf jecha, jireenyasaaniirratti jijjiirama barbaachisu gochuudhaan ‘dhiqataniiru.’ Namni Waaqayyoon jaallatu tokko fedhii dogoggora raawwachuuf isa kakaasu guutummaatti mooʼuuf kan isa dandeessisu maalidha? Qorontos Inni Duraa 6:11, “hafuura Waaqayyo” akka taʼe ibsa. Karaa amalaa qulqulluu taanee jiraachuudhaan, hafuurri kun jireenya keenya keessatti gufannaa tokko malee akka hojjetu heyyamuu akka barbaannu argisiisna.

12. (a) Akka mulʼanni Hisqiʼel argisiisutti, Yihowaan jaarmiyaasaa kan geggeessu akkamitti? (b) Haala hafuura qulqulluu wajjin walsimuun jiraachaa akka jirtu argisiisu kan dandeessu akkamitti?

12 Lammaffaa, Yihowaan jaarmiyaansaa kallattii inni barbaaderra akka adeemu geggeessuuf hafuurasaatti fayyadama. Mulʼata Hisqiʼel argerratti jaarmiyaan Yihowaa inni samii, konkolaataa samiirraa jirutti fakkeeffame, kaayyoo Yihowaa raawwachiisuuf dhowwaa tokko malee gara fuulduraatti akka adeemu ibsameera. Konkolaataan kun kallattii tokkoon akka adeemu kan isa godhu maalidha? Hafuura qulqulluuti. (His. 1:20, 21) Jaarmiyaan Yihowaa kutaa lama akka qabu dagachuu hin qabnu; innis kutaa isa samiifi kutaa isa lafarraati. Kutaan inni samiirraa hafuuraan kan geggeeffamu erga taʼee, inni lafarraas hafuuraan kan geggeeffamu taʼuu qaba. Qajeelfama jaarmiyaan Waaqayyoo inni lafarraa kennuuf abbomamuufi amanamaa taʼuudhaan, konkolaataa Yihowaa isa samii wajjin qixxee adeemaa akka jirtuufi haala hafuura qulqulluu wajjin walsimuun jiraachaa akka jirtu argisiisuu dandeessa.—Ibr. 13:17.

13, 14. (a) Yesus “dhaloonni siʼanaa kun” jedhee kan ibse eenyufaʼi? (b) Fakkeenya hafuurri qulqulluun dhugaa Macaafa Qulqulluu ibsuurratti gaʼee akka qabu argisiisu dubbadhu. (Saanduqa “Ifa Dabalaa Jiruu Wajjin Qixxee Adeemaa Jirtaa?” jedhu ilaali.)

13 Sadaffaa, Yihowaan dhugaawwan Macaafa Qulqulluu akka hubannu nu gargaaruuf hafuura qulqulluutti fayyadama. (Fak. 4:18) “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” dhugaawwan Macaafa qulqulluu irraa jalaan ibsuuf, yeroo dheeraadhaaf adda durummaadhaan barruu kanatti fayyadamaa tureera. (Mat. 24:45) Warri Yesus “dhaloonni siʼanaa kun” jedhe eenyufaa akka taʼan ilaalchisee hubannaa arganne akka fakkeenyaatti fudhadhaa. (Maatewos 24:32-34 dubbisi.) Yesus waaʼee dhaloota isa kamii dubbachuusaa ture? Matadureen “Argamuun Kiristos Hiika Maalii Siif Qaba?” jedhu, Yesus waaʼee namoota hamoo yeroo sana turanii utuu hin taʼin, waaʼee bartootasaa yeroo muraasa booda hafuura qulqulluudhaan dibamanii dubbachuusaa akka taʼe ibsee ture. * Duuka buutonni Yesus warri hafuuraan dibamaniifi jaarraa jalqabaattis taʼe yeroo ammaatti jiran, milikkiticha arguu qofa utuu hin taʼin, hiikasaa, jechuunis “akka [Yesus] balbalatti dhiʼaate” hubataniiru.

14 Ibsi kun nuuf hiika maalii qaba? “Dhaloonni siʼanaa kun” yeroo hangamiitiif akka turu shallaguu kan hin dandeenye taʼus, jechi ‘dhaloota’ jedhu yeroo baayʼee namoota umrii addaddaa qabaniifi yeroo taʼe tokko keessa jiraatan argisiisa; fakkeenyaaf abbaan utuma lubbuudhaan jiru ilma yoo godhate ykn akaakayyuun utuma jiruu ilmi ilmaa yoo dhalate hundumtisaanii dhaloota tokko jedhamu. Umriin dhaloota tokkoo baayʼee dheeraa miti; dhuma kan qabudha. (Bau. 1:6) Maarree jecha Yesus “dhaloonni siʼanaa kun” jedhe akkamitti hubachuu qabna? Dibamtoonni bara 1914 yommuu milikkitichi raawwatamuu jalqabe argan, dibamtoota warra yeroo rakkinni guddaan jalqabu arganii wajjin yeroo tokko keessa akka jiraatan ibsuusaa argisiisa. Dhaloonni sun yeroo itti jalqabe qaba; yeroo itti xumuramu akka qabaatus beekamaadha. Milikkitoonni addaddaa raawwatamaa jiraachuunsaanii, rakkinni guddaan dhiheenyatti akka dhufu argisiisa. Miira ariifannaa keessan eeguufi dammaqinaan jiraachuudhaan, sirreeffama hubannaa Macaafa Qulqulluurratti godhamuu wajjin qixxee akka deemtaniifi qajeelfama hafuurri qulqulluun isinii kennu akka hordoftan argisiisuu dandeessu.—Mar. 13:37.

15. Misraachoo lallabuuf humna kan nuuf kennu hafuura qulqulluu akka taʼe kan argisiisu maalidha?

15 Afuraffaa, hafuurri qulqulluun misraachoo lallabuuf humna nuu kenna. (HoE. 1:8) Misraachoon addunyaa maratti akkamitti akka lallabamu wanti argisiisu kan biraan maalidha? Mee kana yaadaa. Namoota yeroo tokkotti baayʼee ija laafeyyii turan ykn beekumsa hin qabu jedhanii sodaachuudhaan, ‘Matumaa manaa gara manaatti lallabuu hin dandaʼu!’ jedhanii yaadan keessaa tokko turte taʼa. Taʼus amma hinaaffaadhaan hojii kanarratti hirmaachaa jirta. * Dhugaa Baatonni Yihowaa amanamoo taʼan hedduun, utuma mormiin ykn ariʼatamni isaanirra gaʼuu lallabuusaanii itti fufaniiru. Gufuu sodaachisaa akka moonuufi wanta humna keenyaan raawwachuun ulfaataa taʼe akka raawwannu humna nuuf kennuu kan dandaʼu hafuura qulqulluu qofadha. (Mik. 3:8; Mat. 17:20) Hojii lallabaarratti guutuumaatti hirmaachuudhaan, hafuura qulqulluu wajjin haala walsimuun akka jiraattu argisiisuu dandeessa.

Gaʼee Hafuurri Qulqulluun Gara Fulduraatti Qabu

16. Yihowaan yeroo rakkina isa guddaatti sabasaa ni eega jennee amanamuu kan dandeenyu maaliifi?

16 Yihowaan gara fuulduraatti kaayyoosaa galmaan gaʼuuf, hafuura qulqulluutti karaawwan dinqisiisaa taʼaniin fayyadama. Jalqaba haala eegumsaa wajjin wal qabateen haa ilaallu. Akkuma armaan olitti ilaalle, Yihowaan dhuunfaattis taʼe walumatti qabaatti saba Israaʼel eeguuf hafuurasaatti fayyadameera. Kanaaf, yeroo rakkinni guddaan dhihaachaa jiru dhufuttis hafuura humna guddaa qabu kanatti ni fayyadama jennee amanuuf sababii gaʼaa qabna. Yeroo sanatti Yihowaan akkamitti nu oolcha jennee yaaddaʼuu nu hin barbaachisu. Kanaa mannaa, namoonni Yihowaa jallatan argaasaa jalaa akka hin dhokanne ykn bakki hafuurrisaa gaʼuu hin dandeenye akka hin jirre beekuudhaan, yeroo gara fuulduraa amantiidhaan eeggachuu dandeenya.—2 Sen. 16:9; Far. 139:7-12.

17. Yihowaan addunyaa haaraa keessatti hafuura qulqulluutti kan fayyadamu akkamitti?

17 Yihowaan addunyaa haaraa keessatti hafuura qulqulluutti akkamitti fayyadama? Hafuurri qulqulluun, yeroo sanatti macaafonni maramoo haaraan akka banaman godha. (Mul. 20:12) Macaafonni kun maal kan qabatanidha? Ulaagaalee Yihowaan waggaa kuma sanatti nurraa barbaadu balʼinaan kan ibsan akka taʼan ifadha. Wanta macaafonni kun qabatan qoruuf hawwaa jirtaa? Addunyaa haaraa sana hawwii guddaadhaan eeggachaa jirra. Yeroo Yihowaan, kaayyoo lafaafi ilmaan namootaa achirra jiraataniif qabu raawwachuuf hafuurasaatti fayyadamutti jiraachuun hangam gammachiisaa akka taʼe tilmaamuun ulfaataadha.

18. Murtoonkee maalidha?

18 Yihowaan hafuura qulqulluu isa uumama cufa keessatti humna guddaa qabutti waan fayyadamuuf, kaayyoosaa galmaan gaʼuu akka dandaʼu matumaa irraanfachuu hin qabnu. Kaayyoonsaa kun siinis kan ilaallatudha. Kanaaf, Yihowaan hafuurasaa akka sii kennu kadhachuufi haala hafuura kanaa wajjin walsimuun jiraachuuf murtoo cimaa godhi. (Luq. 11:13) Akkas gochuudhaan, akkuma kaayyoo Yihowaatti lafa Jannata taaturra barabaraaf jiraachuu dandeessa.

[Footnotes]

^ key. 15 Nama ija laafina guddaa qabu moʼuudhaan tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuu jalqabe tokko ilaalchisee, Masaraa Eegumsaa, Fulbaanaa 15, 1993, fuula 19 ilaali. (Amaariffa)

Ni Yaadattaa?

• Yihowaan bara duriitti kaayyoosaa raawwachuuf hafuura qulqulluutti kan fayyadame karaawwan kamiini?

• Yihowaan yeroo ammaatti hafuurasaatti fayyadamaa kan jiru akkamitti?

• Yihowaan gara fuulduraatti kaayyoosaa galmaan gaʼuuf hafuura qulqulluutti kan fayyadamu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 10rra jiru]

Ifa Dabalaa Jiruu Wajjin Qixxee Adeemaa Jirtaa?

Yihowaan dhugaa Macaafa Qulqulluu sabasaatiif ibsuusaa itti fufeera. Barumsawwan sirreeffamanii Masaraa Eegumsaarratti baʼan tokko tokko maalfaʼi?

▪ Fakkeenyi Yesus waaʼee raacitii dubbate, duuka buutuu Kiristos taʼuu wajjin haala walqabateen barumsa gaarii akkamii kenna? (Mat. 13:33)—Adoolessa 15, 2008, ful. 19.

▪ Kiristiyaanonni samiirra jiraachuuf waamamuunsaanii yoom dhaabata?—Caamsaa 1, 2007, ful. 30-31. (Amaariffa)

▪ ‘Hafuuraan’ Yihowaa waaqeffachuu jechuun maal jechuudha? (Yoh. 4:24)—Adoolessa 15, 2002, ful. 15. (Amaariffa)

▪ Tuutni sonaan baayʼeen oobdii isa kam keessatti tajaajilu? (Mul. 7:15)—Caamsaa 1, 2002, ful. 30-31. (Amaariffa)

▪ Hojiin hoolotaafi reʼoota gargar foʼuu yoom raawwatama? (Mat. 25:31-33)—Onkoloolessa  15, 1995, ful. 18-28. (Amaariffa)