Yihowaan “Nagaa” Akka Taatu Barbaada
Yihowaan “Nagaa” Akka Taatu Barbaada
SEENAA keessatti haalli baayʼee sodaachisaa taʼe yommuu akka tasaa jalqabu, Waaqani Hundumaa Dandaʼu warra isa biratti fudhatama argatan hunda “in eega.” (Far. 31:23) Taʼus, Yihowaan yeroo hundumaa namoota miidhaarraa eeguu barbaada. ‘Burqaan jireenya kennu isa bira waan taʼeef’ ilmaan namootaa hundi isa biraatti gati jabeeyyii akka taʼaniifi eegumsa argachuun akka isaaniif malutti ilaala.—Far. 36:9.
Tajaajiltoonni Waaqayyoo duriis, jireenyaaf ilaalchuma akkasaa qabu turan. Akka Uumamni 33:18 jedhutti, Yaaqoobiifi maatiinsaa karaa balaadhaaf nama saaxilu “nagaadhaan” xumuraniiru. Yaaqoob Yihowaan akka isa eegu amantii kan qabu taʼus, gamasaatiin warra isaa wajjin adeeman hunda eeguuf tarkaanfii fudhateera. (Uma. 32:7, 8; 33:14, 15) Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan, nageenyikees taʼe kan warra kaanii akka eegamu gochuu dandeessa. Mee seerri buʼuuraa kun warra Galma Mootummaa ijaaraniifi hojii kanaa wajjin wal fakkaatan hojjetaniif, akkasumas yommuu balaan gaʼu gargaarsa kennaniif akkamitti hojiirra ooluu akka dandaʼu haa ilaallu.
Seera Nageenyaa Seera Musee Keessatti Kenname
Seerri Musee sabni Waaqayyoo seerawwan nageenya eeguu wajjin wal qabatan akka hordofan isaan ajaja. Fakkeenyaaf, Israaʼel keessatti namni mana ijaaru tokko, qarqara bantii manasaatti ittisa ijaaruu qaba. Namoonni bantii manaasaanii isa diriiraarratti yeroo baayʼee waan dabarsaniif ittisni kun akka hin kufne isaan eega. (1 Sam. 9:26; Mat. 24:17) Seerri kun utuu hin eegamin hafee balaan yoo gaʼe garuu, Yihowaan abbaan manichaa akka itti gaafatamu godha.—Kes. 22:8.
Ajajni Seericha keessatti kenname balaa horiin geessisuufis ni hojjeta ture. Qotiyyoon tokko nama waraanee yoo ajjeese, abbaan qotiyyichaa nageenya namoota kaanii eeguuf horii sana ajjeesuu qaba. Foonsaa nyaachuu ykn gurguruu waan hin dandeenyeef, horii sana ajjeesuun kasaaraa guddaadha. Haataʼu malee, namni tokko qotiyyoonsaa erga nama madeessee booda, utuu hin eegin hafe haa jennu. Isa booda maaltu taʼa? Qotiyyoon sun sana boodas, nama tokko yoo ajjeese, qotiyyoon suniifi abbaansaa ni ajjeefamu. Seerri kun horiisaa wajjin haala wal qabateen namni dantaa hin qabne kamiyyuu amalasaa qoruuf kan isa kakaasudha.—Bau. 21:28, 29.
Seerichi miʼa ittiin hojjetan sirriitti itti fayyadamuus ni jajjabeessa. Israaʼeloonni baayʼeen qoraan falaxuuf qottootti fayyadamu turan. Qottoon sun akka tasaa mukasaarraa baʼee, nama achi dhaabbatu tokko ajjeesnaan, namni muka muraa ture sun mandara kooluu itti galanitti baqachuu qaba. Bakka kanas hanga angafni lubootaa duʼutti turuun isarraa eegama; kana jechuun namni utuu hin beekin nama ajjeese sun waggoota dheeraadhaaf maatiifi qeʼeesaarraa addaan baʼuuf dirqama jechuudha. Qophiin kun lubbuun Yihowaa biratti gati jabeessa akka taʼe sabicha kan barsiisu ture. Namni lubbuuf ilaalcha Waaqayyoo qabu tokko, miʼa ittiin hojjetu Lak. 35:25; Kes. 19:4-6.
akka gaariitti supha; of eeggannoodhaanis itti fayyadama.—Yihowaan seerawwan akkasii kennuudhaan, sabnisaa mana keessattis taʼe, manaa alatti balaan akka hin geenye akka of eeggatan akka barbaadu ifa godheera. Namoonni akka tasaa warra kaan ajjeesaniifi madeessanillee isa duratti itti gaafatamu turan. Ilaalchi Yihowaan nageenya eeguurratti qabu hin jijjiiramne. (Mil. 3:6) Ammas namoonni ofiisaaniis taʼe warra kaan akka hin miine barbaada. Kun, keessumaa gamoowwan waaqeffannaa dhugaatiif murtaaʼan yommuu ijaarruufi suphinutti barbaachisaadha.
Bakka Ijaarsaatti Nageenya Eeguu
Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaafi waajjiroota damee ijaaruus taʼe suphuu Lal. 10:9) Dhugumayyuu, of eeggannoodhaan hojjechuu barsiifata godhannaan balaa hambisuu dandeenya.
akka mirga guddaatti ilaalla. Hojii bakka balaan uumamaa gaʼetti gargaarsa kennuuf hojjennuufis ilaalchuma akkasii qabna. Wantoota xixinnoorrattillee wanta sadarkaasaa hin eegne hojjechuun, nurrattis taʼe warra kaanirratti miidhaa geessisuu waan dandaʼuuf hojii keenya ogummaadhaan raawwachuu barbaanna. (Macaafni Qulqulluun, “Surraan dargaggootaa jabina isaanii ti, ulfinni maanguddootaa garuu harrii isaanii ti” jedha. (Fak. 20:29) Hojiiwwan ulfaataa taʼan hojjechuuf humni dargaggummaa barbaachisaadha. Haataʼu malee, hojjettoonni mataansaanii harrii taʼe, jechuunis warri hojii ijaarsaarratti muuxannoo qaban, hojiiwwan xumuraa bareechuuf hojjetaman hedduu harkaafi miʼasaaniitiin hojjetu. Warri yeroo ammaa maanguddoota taʼan, yeroo tokkotti humna dargaggummaatti fayyadamanii hojiiwwan gurguddaa raawwachaa turaniiru. Fedhakeetiin kaffaltii malee kan hojjettuufi hojichaaf haaraa yoo taate, akkaataa hojjettoonni muuxannoo qaban hojiisaanii itti hojjetan hubadhu; qajeelfamasaaniis hordofi. Barachuuf fedhii qabaannaan, obboloonni muuxannoo qaban wantoota baayʼee si barsiisu. Wanti isaanirraa barachuu dandeessu, meeshaawwan balaa geessisuu dandaʼanitti akkamitti akka fayyadamtuufi baʼaawwan ulfaataa akkamitti ol fuudhuu akka dandeessu kan dabalatudha. Akkas taanaan, karaa buʼa qabeessa, miidhaa hin geessisneefi gammachuu sii argamsiisuun hojjechuu dandeessa.
Namoonni bakka hojii ijaarsaatti hojjetan yeroo hundaa dammaqoo taʼuu qabu. Haalawwan hatattamaan jijjiiramuu dandaʼu. Iddoo yeroo tokko homtuu hin jirre amma boolli jiraachuu dandaʼa. Hojjettoonni garee sana keessa jiran kaan yaabbannoo, saanqaa ykn miʼa halluun keessa jiru iddoosaatii fuudhaniiru taʼa. Yaannikee yoo si bade salphaatti miidhamuu dandeessa. Seerawwan, nageenya hojjettoota hojii ijaarsaa eegsisuuf baʼan, yeroo baayʼee meeshaa balaarraa nama eegu akka godhatan ajaju. Qaruuraan ija balaarraa eeguuf godhatan, koofiyyaafi kopheen hojii ijaarsaaf taʼu balaawwan hedduurraa si eeguu dandaʼu. Eegumsa argachuu kan dandeessu garuu, meeshaawwan kana akka gaariitti yoo qabdeefi yoo itti fayyadamte qofadha.
Meeshaawwan hedduun salphaa fakkaatanillee, karaa balaa hin geessisneefi ogummaadhaan itti fayyadamuun leenjiifi muuxannoo gaafata. Meeshaa si barbaachisutti fayyadamuuf muuxannoo hin qabdu taanaan, obboleessa hojicha geggeessutti himi. Innis leenjii si barbaachisu akka argattu qophii godha. Gad of deebisuun ykn humna ofii beekuun barbaachisaadha. Bakka hojii ijaarsaatti sirras taʼe warra kaanirra miidhaan akka hin geenye yoo barbaadde, amalli akkasii barbaachisaadha.—Fak. 11:2.
Bakka hojii ijaarsaatti wanti miidhaa geessisu inni guddaan kufuudha. Yaabbannoorra ykn saanqaa irra dhaabbatanii gamoo ijaaranirra baʼuukee dura, meeshichi balaa kan hin geessisneefi haala gaariirratti kan argamu taʼuusaa mirkaneessi. Saanqaa gamoo ijaaruuf kaaʼamerra ykn bantii manaarra dhaabbattee kan hojjettu yoo taʼe, qajeelfamni hojii ijaarsaa akka of hiitu ykn waan akka hin kufne si eegu akka gootu kan ajaju taʼuu dandaʼa. Bakka ol dheeraarra dhaabbattee hojjechuu ilaalchisee gaaffii yoo qabaatte nama hojichaaf itti gaafatamaa taʼe gaafadhu. *
Lakkoofsi namoota Yihowaa tajaajilanii addunyaa maratti dabalaa yommuu adeemu, barbaachisummaan Galma Mootummaafi gamoowwan waaqeffannaa dhugaa babalʼisan ijaaruus dabalaa adeema. Warri ijaarsa Galma Mootummaafi hojiiwwan walfakkaatan olaantummaadhaan toʼatan, hoolota Yihowaa qajeelfamasaanii jalatti hojjetan eeguuf itti gaafatamummaa qabu. (Isa. 32:1, 2) Hojii ijaarsaarratti obbolootakee qajeelchuuf mirga kan argatte yoo taate, nageenya eeguun barbaachisaa taʼuusaa matumaa hin irraanfatin. Bakki hojiin ijaarsaa itti hojjetamu qulqulluufi wantoota hin barbaachisnerraa walaba taʼuusaa mirkaneessi. Warra gorsi isaan barbaachisu of eeggannoodhaan akka hojjetan gaarummaadhaan jabeessii gorsi. Ijoolleen ykn hojjettoonni muuxannoo hin qabne bakkawwan balaa guddaa geessisuu dandaʼan akka seenan hin heyyamin. Hojjetaa tokko balaan akkamii isa mudachuu akka dandaʼu dursii yaadiitii of eeggannoodhaan akka hojjetu isa qopheessi. Galmi keenya, hojicha miidhaan utuu hin gaʼin xumuruu akka taʼe yaadadhu.
Gaʼee Jaalalli Qabu
Galmawwan Mootummaafi gamoowwan waaqeffannaa dhugaaf gargaaran kaan ijaaruun, hojiiwwan balaa guddaa geessisan hojjechuu dabalata. Kanaaf, warri hojii akkasiirratti hirmaatan of eeggachuu qabu. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hordofuu, qajeelfama hojichaaf kenname hordofuufi hubannoo sirriitti fayyadamuudhaan, balaa hambisuufi hojjettoota hidhatakee taʼan miidhaarraa eeguu dandeessa.
Wanti nageenyaaf bakka guddaa kennuuf nu kakaasu inni duraa maalidha? Jaalaladha. Eeyyee, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, akkumasaa jireenyaaf iddoo guddaa kennuuf nu kakaasa. Jaalalli namootaaf qabnus, wanta warra kaanirratti miidhaa geessisuu dandaʼu kamiyyuu dantaa dhabummaadhaan akka hin hojjenne nu eega. (Mat. 22:37-39) Kanaaf, warri hojii ijaarsaa keenyarratti hirmaatan “nagaadhaan” akka hojjetaniif waan nuu dandaʼame hunda haa goonu.
[Miiljaleewwan]
^ key. 14 Saanduqa fuula 30rra jiruufi “Yaabbannoorra Dhaabbatanii Nagaadhaan Hojjechuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu ilaali.
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Seerri Musee qarqara bantii manaa isa diriiraatti ittisni akka ijaaramu ajaja ture
[Saanduqa/Fakkii fuula 30rra jiru]
Yaabbannoorra Dhaabbatanii Nagaadhaan Hojjechuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
Waggoottan dhihoodhaa asitti Yunaayitid Isteetis keessatti hojjettoonni 160,000 ol taʼan yaabbannoorraa kufanii miidhamaniiru. Sababii kanaanis namoonni gara 150 taʼan duʼaniiru. Kan jiraattuufi kan hojjettu eessayyuu yoo taʼe, qajeelfamni armaan gaditti kenname yaabbannoorraa akka hin kufne si gargaaruu dandaʼa.
◇ Yaabbannoo sosochoʼuufi cabaa taʼetti hin fayyadamin; yaabbannoo akkasii suphuu mannaa gati.
◇ Yaabbannoon hundi hamma baatu ilaalchisee daangaa qaba. Ulfinnikeefi miʼi ati qabatte, humna yaabbannoo ati itti fayyadamuuf jettuu ol akka hin taane mirkaneessi.
◇ Yaabbannookee lafa wal qixxaataafi gogaa taʼerra dhaabi. Wanta sosochoʼu kan akka saanqaa ykn baaldiifi saanduqarra hin dhaabin.
◇ Yeroo ol baatus taʼe gad buutu, fuulakee gara yaabannichatti garagalchi.
◇ Ejjennoo yaabbannoo warra fiixeerra jiran dhumaa lamaanirra hin dhaabbatin ykn hin taaʼin.
◇ Yaabbannoo dheereffamutti kan fayyadamtu yoo taʼe, yoo xinnaate keenyan itti hirkifamerraa meetira tokko dheerachuu qaba. Miilli yaabbannookee akka hin sochoone hidhuudhaan ykn fuuldurasaatti mismaaraan saanqaa rukutuudhaan ittisa itti godhi. Kun hin dandaʼamu taanaan, yommuu ati irra dhaabbattee hojjettu namni tokko akka sii qabu godhi. Akka hin mucucaanneef fiixeesaa jabeessii hidhi.
◇ Ejjennoo yaabbannoorraa saanqaa keessee irra dhaabbattee hojjechuuf itti hin fayyadamin.
◇ Wanta mataakee gararraa jiru hojjechuuf harkakee yeroo hiixattuufi miillakee yeroo diriirsitu, yaabbannicha sochoosuu dandeessa. Kun balaa waan geessisuuf ol hin hiixatiin. Bakka hojjettutti dhihaachuuf, yeroo barbaachisaa taʼe hundatti yaabbannookee butadhu.
◇ Balbala cufamaa duratti yaabbannoodhaan hojjechuu kan qabdu yoo taʼe, qollofiitii mallattoo akeekkachiisaa irratti maxxansi. Kun hin dandaʼamu taanaan, namoota darbuu barbaadan akka eegu nama tokko ramadi.
◇ Nama lamaaf kan qophaaʼe yoo taʼe malee, namni tokkoo ol yaabbannoo sanarra akka yaabbatu hin heyyamin. *
[Miiljaleewwan]
^ key. 35 Ulaagaa yaabbannoon tokko guutuu qabuufi yaadachiisawwan dabalataa, Dammaqaa! Hagayya 1999 fuula 20rraa argachuun ni dandaʼama. (Amaariffa)
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Seerri Musee qarqara bantii manaa isa diriiraatti ittisni akka ijaaramu ajaja ture