Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubartootaa, Seera Matummaatiif Bitamuu Kan Qabdan Maaliifi?

Dubartootaa, Seera Matummaatiif Bitamuu Kan Qabdan Maaliifi?

Dubartootaa, Seera Matummaatiif Bitamuu Kan Qabdan Maaliifi?

“Abbaan manaa mataa haadha manaa[ti].”—1 QOR. 11:3.

1, 2. (a) Phaawulos ergamaan waa’ee qophii Yihowaan seera matummaafi bitamuuf godhe ilaalchisee maal barreesse? (b) Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan warra kamtu ibsama?

YIHOWAAN seera matummaa Phaawulos ergamaan, “Kristos mataa warra dhiiraa,” “Waaqayyo mataa Kristos” akka ta’an ibse hundeesseera. (1 Qor. 11:3) Mataduree darberratti, Yesus Yihowaa isa Mataasaa ta’eef bitamuu akka mirga guddaatti akka ilaaluufi akka itti gammadu, akkasumas mataan dhiirota Kiristiyaana ta’anii Kiristos akka ta’e ibsamee ture. Kiristos namoota kan qabu gaarummaadhaan, kabajaan, gara laafinaafi karaa ofittummaarraa walaba ta’een ture. Dhiironni gumii keessa jiranis warra kaan keessumaa haadha manaasaaniitti amalawwan akkasii argisiisuu qabu.

2 Dubartoonnoo maal gochuu qabu? Mataansaanii eenyu? Phaawulos, “Abbaan manaa mataa haadha manaa[ti]” jechuudhaan barreesseera. Dubartoonni yaada geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana akkamitti ilaaluu qabu? Abbaan manaa hidhata amantiishee yeroo hin taanettis seerri bu’uuraa kun ni hojjetaa? Haati manaa matummaa dhiiraatiif bitamti jechuun, hiriyaa gaa’elaa callistuu ta’uu qabdi ykn yommuu murtoon godhamu yaada tokkoyyuu kennuu hin dandeessu jechuudhaa? Dubartiin tokko ofiisheetiif kabaja kan argamsiistu karaa kamiin?

“Kan Isa Gargaartu, Ani Isaaf Nan Tolcha”

3, 4. Gaa’ela keessatti qophiin matummaa faayidaa kan qabu maaliifi?

3 Maatii keessatti mataan eenyu ta’uu akka qabu kan murteesse Waaqayyodha. Addaam erga uumamee booda Yihowaan, “Namichi kophaa isaa ta’uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jedhe. Hewwaan erga uumamtee booda, Addaam hiriyaafi gargaartuu argachuusaatti gammachuu guddaa isatti dhaga’ame, “Isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame” jechuudhaan ibseera. (Uma. 2:18-24) Addaamiifi Hewwaan, sanyii ilmaan namootaa cubbuurraa walaba ta’aniifi lafa jannata taaturra gammachuudhaan barabaraaf jiraataniif, haadhaafi abbaa ta’uuf abdii dinqisiisaa qabu turan.

4 Hammeenya warra keenya jalqabaatiin kan ka’e, haalli mudaa hin qabneefi Eeden keessa ture ni bade. (Roomaa 5:12 dubbisi.) Seerri matummaa garuu akkuma jirutti itti fufeera. Qophiin kun sirriitti kan hordofamu taanaan, gaa’ela keessatti bu’aafi gammachuu guddaa argamsiisa. Akkuma Yesus Yihowaa Isa Mataasaa ta’eef bitamuun isa gammachiisu, seera kanaaf bitamuun gammachuu argamsiisa. Yesus gara lafaa dhufuusaa dura, “yeroo hundumaa fuula [Yihowaa] duratti gammadaa” ture. (Fak. 8:30) Cubbuu waan dhaalaniif, dhiironni mataa mudaa hin qabne ta’uu, dubartoonnis haala mudaa hin qabneen seera matummaatiif bitamuu hin danda’an. Haata’u malee, abbaan manaafi haati manaa waan danda’an hunda gochuusaanii yoo itti fufan, yeroo ammaallee qophiin kun gaa’ela keessatti gammachuu guddaan akka jiraatu godha.

5. Hiriyoonni gaa’elaa gorsa Roomaa 12:10⁠rra jiru qalbeeffachuu kan qaban maaliifi?

5 Gaa’elli milkaa’ina akka argatu yoo barbaadame, hiriyoonni gaa’elaa gorsa Caaffanni Qulqullaa’oon Kiristiyaanota hundaaf akkas jechuudhaan kennan hojiirra oolchuunsaanii barbaachisaadha: “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa.” (Rom. 12:10) Kana malees, abbaan manaas ta’e haati manaa gorsa, “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” jedhu hojiirra oolchuuf jabaatanii hojjechuu qabu.—Efe. 4:32.

Hiriyaan Gaa’elaa Yommuu Hidhata Amantii Hin Taanetti

6, 7. Haati manaa Kiristiyaana taate tokko abbaa manaashee hin amanneef bitamuunshee bu’aa maalii argamsiisuu danda’a?

6 Hiriyaan gaa’elaakee Yihowaa kan hin tajaajille yoo ta’e maal goota? Yeroo baay’ee nama hin amanne kan ta’u abbaa manaati. Haala akkasii keessatti haati manaa akkamitti isa qabuu qabdi? Macaafni Qulqulluun deebii akkas jedhu kenna: “Isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta’an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo’amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaa’aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.”—1 Phe. 3:1, 2.

7 Dubbiin Waaqayyoo haati manaa abbaa manaashee hin amanneef bitamuushee akka itti fuftu ajaja. Amallishee inni gaariin, abbaan manaashee amala akkasii akka argisiistu kan godhe maal akka ta’e akka qoru isa kakaasuu danda’a. Kanaan kan ka’es, abbaan manichaa amantii haadha manaasaa qoruufi dhumarrattis dhugaa fudhachuu danda’a.

8, 9. Haati manaa Kiristiyaana taate, amala gaarii argisiistus abbaan manaashee hin amanne jijjiirama gochuu yoo baate maal gochuu dandeessi?

8 Abbaan manaa hin amanne jijjiirama yoo gochuu baatehoo? Caaffanni Qulqullaa’oon, kana gochuun rakkisaa yoo ta’eyyuu, haati manaa yeroo hunda amalawwan Kiristiyaanaa akka argisiistu ishee jajjabeessa. Fakkeenyaaf, 1 Qorontos 13:4, “Jaalalli danda’aa dha” jedha. Kanaaf, haati manaa Kiristiyaana taate, haala sana jaalalaan danda’uudhaan amala ‘gad of deebisuu, garraamummaafi obsa’ argisiisuu itti fufuunshee barbaachisaadha. (Efe. 4:2) Gargaarsa humna Waaqayyoo isa hojiirra jiruun, jechuunis hafuura qulqulluutiin, haala rakkisaa ta’e keessattillee amalawwan Kiristiyaanaa argisiisuun ni danda’ama.

9 Phaawulos, “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda’a” jechuudhaan barreesseera. (Filp. 4:13) Hafuurri Waaqayyoo, hiriyaan gaa’elaa Kiristiyaana ta’e wantoota hedduu karaa gara biraa kamiiniyyuu raawwachuu hin dandeenye akka hojjetu isa gargaaruu danda’a. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaa’elaa tokko gochi gara jabinaa irratti raawwatamuunsaa haaloo akka ba’u isa qoruu danda’a. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanota hundaan akkas jedha: “Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa. . . . Caaffata qulqullaa’aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera.” (Rom. 12:17-19) Haaluma wal fakkaatuun, 1 Tasaloniiqee 5:15, “Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaalladhaa” jedha. Gargaarsa hafuura Yihowaatiin, wanta humna keenyaan hin dandeenye raawwachuu dandeenya. Kanaaf, hafuurri Waaqayyoo wanta nutti hir’ate akka nuu guutu kadhachuun keenya sirrii mitiiree?

10. Yesus gochaafi dubbii gadhee warra kaaniitiif deebii akkamii kenne?

10 Yesus akkaataa warra wanta nama hin gammachiisne itti dubbatan ykn isarratti raawwataniif deebii kenneen fakkeenya gaarii ta’eera. Kana ilaalchisee 1 Phexros 2:23 akkas jedha: “Inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; yommuu dhiphates Waaqayyo isa firdii qajeelaa faradutti kennate malee, warra isa dhiphisan hin doorsifne.” Nuyis fakkeenyasaa isa gaarii akka hordofnu jajjabeeffamneerra. Amala gadhee warri kaan argisiisaniin hin dheekkaminaa. Akkuma Kiristiyaanonni hundi gorfaman, ‘kan gara-laaftan, gad of deebistan, hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan kan hin deebisne ta’aa.’—1 Phe. 3:8, 9.

Dubartoonni Yaada Kennuu Hin Danda’anii?

11. Dubartoonni Kiristiyaana ta’an tokko tokko mirga guddaa akkamii argatu?

11 Matummaa abbaa manaatiif bitamuu jechuun, dubartoonni gaa’ela keessatti homaa hin dubbatan, dhimmaawwan maatii ilaallatan ykn gara biraarratti yaada hin kennan jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Yihowaan dubartootaafis ta’e dhiirotaaf mirga hedduu kenneera. Namoonni 144,000 yommuu Kiristos lafa kanarratti bulchu samiirratti isa jalatti moototaafi luboota ta’an, ulfina guddaa akkamii akka argatan mee yaadaa. Lakkoofsi kun dubartootas ni dabalata. (Gal. 3:26-29) Yihowaan qophiisaa keessatti dubartootaaf ga’ee guddaa akka kenne homaa hin shakkisiisu.

12, 13. Fakkeenya dubartoonni raajii akka dubbatan argisiisu caqasi.

12 Fakkeenyaaf, bara duriitti dubartoonni raajii dubbatu turan. Yo’el 2:28, 29 akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Bara booddeetti ani hafuura koo nama hundumaa irratti nan dhangalaasa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu . . . Bara sanatti, ani hojjetoota koo warra dhiirotaa fi warra dubartootaa irratti iyyuu hafuura koo nan dhangalaasa.”

13 Bartoonni Yesus gara 120 ta’aniifi Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, kutaa mana manarraa keessatti Yerusaalemitti walitti qabaman dubartootaafi dhiirota turan. Hafuurri Waaqayyoo kan dhangala’e guutummaa tuuta kanaarratti ture. Kanaaf, Phexros raajii Yo’el dubbate caqasuudhaan, dhiirotaafi dubartoota kanarratti akka raawwatame dubbachuu danda’eera. Phexros akkas jedhe: “Inni asitti ta’e kun garuu, waan Waaqayyo afaan raajicha Yo’eliin dubbatee dha. ‘Guyyaa gara dhumaatti akkana in ta’a jedha Waaqayyo, foon-qabeessa hundumaaf hafuura koo nan kenna, ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu; . . . eyyee, guyyoota sanatti hojjetoota koo warra dhiiraa fi dubartiidhaaf hafuura koo nan kenna, raajiis in dubbatu.’”—HoE. 2:16-18.

14. Dubartoonni Kiristiyaanummaa jaarraa jalqabaa babal’isurratti ga’ee maalii qabu turan?

14 Jaarraa jalqabaatti dubartoonni Kiristiyaanummaa babal’isuurratti ga’ee guddaa qabu turan. Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti lallabaniiru; wantoota hojii lallabaa wajjin wal qabatanis hojjetaniiru. (Luq. 8:1-3) Fakkeenyaaf, Phaawulos Feebeen “Waldaa Kristiyaanaa Kanchre’aaf gargaartuu” akka turte dubbateera. Phaawulos nagaa tajaajiltoota hidhatasaa ta’aniif ergerratti, “Triifeenee fi Triifaasee warra hojii gooftaatti dadhaba[n]” dabaltee dubartoota amanamoo hedduu caqaseera. Kana malees, “Pharsiis jaallatamtuu ishee hojii gooftaatti baay’ee dadhabde” caqaseera.—Rom. 16:1, 12.

15. Yeroo keenyatti Kiristiyaanummaa babal’isuurratti dubartoonni ga’ee maalii qabu?

15 Yeroo keenyatti, namoota miliyoona torbaa ol ta’aniifi misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti labsan keessaa baay’eensaanii, dubartoota umrii gara garaa qabanidha. (Mat. 24:14) Baay’eensaanii tajaajiltoota yeroo guutuu, misiyoonotaafi miseensota maatii Bet’elidha. Daawit faarfatichi, “Waaqayyo dubbii isaa in dhageessisa, dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaa turan” jedhee faarfateera. (Far. 68:11) Jechoonni kun dhugaa mitii? Yihowaan, ga’ee dubartoonni misiraachicha labsuufi kaayyoosaa raawwachuurratti qabaniif bakka guddaa kenna. Dubartoonni Kiristiyaana ta’an akka bitaman ajajuunsaa, waan tokko utuu hin dubbatin callisanii bitamu jechuusaa akka hin taane beekamaadha.

Dubartoota Yaada Kennan Lama

16, 17. Fakkeenyi Saaraa, dubartoonni gaa’ela keessatti yaada kennuu akka danda’an kan argisiisu akkamitti?

16 Yihowaan dubartootaaf mirgawwan hedduu erga kennee, abbootiin manaa murtoo guddaa gochuusaanii dura haadhotii manaasaanii mariisisuu hin qabanii? Kana gochuunsaanii sirriidha. Caaffanni Qulqullaa’oon, haadhotiin manaa yeroon yaada itti kennan ykn utuu abbaa manaasaanii hin mariisisin murtoo itti godhan hedduun akka jiru ibsu. Fakkeenya lama ilaalaa.

17 Haadha manaa Abrahaam isa abbaa amantii kan taate Saaraan, haati manaasaa isheen lammaffaafi mucaanshee utuu kabaja hin argisiisin waan hafaniif akka isaan ari’u itti himtee turte. Kun ‘Abrahaamiin baay’ee kan rakkise’ ta’us, Waaqayyoo akkas isatti hin dhaga’amne. Yihowaan Abrahaamiin, “Waa’een mucichaafi waa’een xomboree keetii si hin rakkisin! . . . waanuma Saaraan sitti himtu dhaga’i” jedhe. (Uma. 21:8-12) Abrahaam Yihowaaf ajajamuudhaan Saaraa dhaggeeffatee, waan isheen isa gaafatte raawwateera.

18. Abigaayil ofiisheetiin kakaatee tarkaanfii akkamii fudhatte?

18 Waa’ee Abigaayil ishee haadha manaa Naabaal turtees yaadaa. Daawit, Saa’ol Mooticha isa hinaafaa jalaa yommuu baqate, naannoo hoolonni Naabaal jiran buufatee ture. Daawitiifi namoonnisaa qabeenya hedduu nama sooressa ta’e kanaa keessaa kamiyyuu fudhachuu mannaa isaaf eeganiiru. Naabaal garuu “nama hamaa baanaa hin tolle” waan tureef namoota Daawititti “ori’e.” Inni nama “waa’ee hin baafne,” akkasumas “gowwummaan isa biraa hin hafne” ture. Namoonni Daawit waan isaan barbaachisu akka isaanii kennu kabajaan yommuu gaafatan Naabaal ni dide. Abigaayil wanta raawwatame yommuu dhageessu maal goote? Naabaalitti utuu hin himin, “Ariitiidhaan buddeena dhibba lama, daadhii waynii huubboo lama, hoolota qalamanii qopheeffaman shan, akaayii akka kiilo soddomii torbaa, bixxillee ija waynii dhibba tokkoo fi bixxillee harbuu dhibba lama fuutee” Daawitiifi namootasaatiif kennite. Wanti Abigaayil goote sirrii turee? Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo Naabaalin in rukute, innis in du’e” jedha. Yeroo boodas Daawit Abigaayiliin fuudheera.—1 Sam. 25:3, 14-19, 23-25, 38-42.

‘Dubartii Jajamtu’

19, 20. Dubartiin tokko garaadhaa akka jajamtu kan godhu maalidha?

19 Caaffanni Qulqullaa’oon, haadha manaa waan hundumaa karaa Yihowaan barbaaduun raawwattu ni galateeffata. Macaafni Fakkeenyaa, “haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu” yeroo jaju akkas jedha: “Eenyutu argachuu danda’a ree? Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti; abbaan manaa ishee ishee in amanata; qabeenyis isatti hin hir’atu. Bara jireenya ishee hundumaatti, wanta gaarii gootiif malee, wanta hamaa isa irratti hin hojjettu.” Kana malees, “ogummaadhaan in dubbatti, barsiifni gaariinis afaan ishee keessaa in ba’a. Isheen yeroo hundumaa jireenya maatii isheetii in eegdi, utuu hin hojjetinis akkasumaan buddeena hin nyaattu. Ijoolleen ishee lafaa ka’anii ‘Eebbifamtuu!’ jedhanii ishee in waamu, abbaan manaa ishee immoo ishee jajat[a].”—Fak. 31:10-12, 26-28.

20 Dubartiin tokko garaadhaa akka jajamtu kan godhu maalidha? Fakkeenyi 31:30, “Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti” jedha. Yihowaa sodaachuun, seera matummaa inni baaseef fedhiidhaan bitamuu dabalta. Akkuma “Kristos mataa warra dhiiraa” akkasumas “Waaqayyo mataa Kristos” ta’e, “abbaan manaa mataa haadha manaa[ti].”—1 Qor. 11:3.

Kennaasaatiif Waaqayyoon Galateeffadhaa

21, 22. (a) Kiristiyaanonni kennaa gaa’elaa Waaqayyoo biraa argataniif galateeffachuuf sababiiwwan akkamii qabu? (b) Qophii Yihowaan aboofi matummaadhaaf godheef kabaja argisiisuu kan qabnu maaliif? (Saanduqa fuula 17⁠rra jiru ilaali.)

21 Kiristiyaanonni gaa’ela godhatan Waaqayyoon galateeffachuuf sababii hedduu qabu! Hiriyoota gaa’elaa gammachuu qaban ta’uudhaan jiraachuu danda’u. Keessumaa jireenyasaanii tokko godhanii Waaqayyoo wajjin deemuuf carraa waan isaanii baneef, kennaa gaa’elaa isa eebba Waaqayyoo ta’eef galateeffachuu danda’u. (Rut. 1:9; Mik. 6:8) Gaa’ela kan hundeesse isa waan ta’eef, gaa’elli gammachiisaa akka ta’uuf maaltu akka barbaachisu sirriitti beeka. Waan hundumaa karaa inni barbaaduun raawwadhaa; addunyaa jeeqamaa kana keessattillee ‘gammachuun Waaqayyo isiniif kennu jabina keessan in ta’a.’—Nah. 8:10.

22 Kiristiyaanni haadha manaasaa akka ofiisaatti jaallatu tokko, gara laafinaafi haala akka isheef yaadu argisiisuun matummaasaatti fayyadama. Haati manaasaa nama Waaqayyoo taate, waan isa gargaartuufi ulfina guddaa waan isaaf kennituuf dhugumaan jaallatamtuudha. Hunda caalaammoo gaa’ellisaanii inni fakkeenya ta’e, Yihowaa isa galanni isaaf maluuf ulfina argamsiisa.

Ni Yaadattaa?

• Qophiin Yihowaan aboofi matummaadhaaf godhe maalidha?

• Hiriyoonni gaa’elaa wal kabajuu kan qaban maaliifi?

• Haati manaa Kiristiyaana taate tokko, abbaa manaashee Kiristiyaana hin taane akkamitti qabuu qabdi?

• Abbootiin manaa murtoo cimaa gochuusaanii dura haadhotii manaasaanii mariisisuu kan qaban maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 17rra jiru]

Aboo Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?

Yihowaan uumamawwansaa yaaduu danda’an gidduutti qophiin aboofi matummaa akka jiraatu godheera. Kunis, uumamawwan hafuuraafi ilmaan namootaatiif faayidaa kan argamsiisudha. Qophiin kun, mirga filannaasaaniitti fayyadamuudhaan walta’iinsaan Waaqayyoon akka tajaajilan carraa isaanii bana.—Far. 133:1.

Gumiin Kiristiyaanota dibamoo aboofi matummaa Kiristos ni fudhata. (Efe. 1:22, 23) Dhumarratti aboo Yihowaatiif bitamuudhaan, “Ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta’a.” (1 Qor. 15:27, 28) Kanaaf, namoonni Waaqayyoof of murteessan, qophii matummaa gumiifi maatii keessa jiruu wajjin walsimuunsaanii barbaachisaa mitii? (1 Qor. 11:3; Ibr. 13:17) Kana gochuudhaan, Yihowaa biratti fudhatamaafi eebba argachuu dandeenya.—Isa. 48:17.

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Kadhannaan, haati manaa Kiristiyaana taate tokko amalawwan gaarii akka argisiistu ishee gargaaruu danda’a

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Yihowaan ga’ee dubartoonni dhimmawwan Mootummicha babal’isuu wajjin wal qabatanirratti raawwataniif bakka guddaa kenna