Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yihowaan waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu utuu dhowwee jiruu, Aaron dibicha warqee tolchuusaatti utuu isa hin adabin kan hafe maaliifi?

Akka Ba’uun boqonnaa 32 ibsutti, Aaron yommuu dibicha warqee hojjete seera Waaqayyoo isa waaqayyolii tolfamoo ilaalchisee kenname cabseera. (Bau. 20:3-5) Kanaan kan ka’es, “Yommus Waaqayyo baay’isee Aaronitti dheekkame, isa ajjeesuus in barbaade; Museen garuu Aaroniif in kadhate.” (Kes. 9:19, 20) Kadhannaan Museen inni nama qajeelaa ta’e dhiheesse, Aaroniin oolchuuf “humna guddaa” qaba turee? (Yaq. 5:16, hiika bara 1899) Eeyyee. Yihowaan, Aaroniin adabuu kan dhiise, kadhannaa Museen garaadhaa dhiheesseef deebii waan kenneefi yoo xinnaate sababii gara biraa lamaan ta’uu hin oolu.

Sababiin inni tokkoffaan, seenaa amanamummaa Aaron galmeessisee wajjin kan wal qabate ta’uu hin oolu. Museen Fara’oon dura akka dhaabbatuufi Israa’eloota Gibxii akka baasu yeroo ergame, Yihowaan Aaron isa duukaa akka dhaqu, akkasumas isa bakka bu’ee akka dubbatu muudeenii ture. (Bau. 4:10-16) Namoonni lamaan kun aarii Fara’oon isa mata-jabeessa ta’ee danda’anii, abboomamuudhaan mootii Gibxii duratti yeroo baay’ee dhihaataniiru. Kanaaf, Aaron amanamaafi Yihowaa tajaajiluutti cimee kan dhaabatu ta’uusaa kan mirkaneesse, yeruma Gibxiin jirutti ture.—Bau. 4:21.

Wanta Aaron dibicha warqee akka hojjetu isa godhes hubadhaa. Museen guyyaa 40f Tulluu Siinaarra ture. “Sabni sun Museen tulluu irraa gad bu’uun isaa akka ture yommuu argan,” Aaron waaqa tolfamaa tokko akka isaanii tolchu isa amansiisan. Aaron yaadasaaniitti walii galee dibicha warqee tolche. (Bau. 32:1-6) Haata’u malee, tarkaanfiin Aaron itti aansuudhaan fudhate, garaansaa sochii waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuuf godhamu kana duukaa akka hin turre argisiisa. Dhiibbaa isarraan geessisaniif harka kennuu hin oolu. Fakkeenyaaf, Museen dhimma waaqa tolfamaa waaqeffachuu kanaaf tarkaanfii isa dhumaa yommuu fudhatu, Aaroniin dabalatee ijoolleen Lewwii hundi Yihowaa cina dhaabbataniiru. Namoonni waaqa tolfamaa kana waaqeffachuudhaan adda durummaadhaan itti gaafataman kumni sadii garuu ajjeefamaniiru.—Bau. 32:25-29.

Sana booda Museen sabichaan, “Isin cubbuu guddaa hojjettaniittu” jedheera. (Bau. 32:30) Kanaaf, dogoggora raawwatameef kan itti gaafatamu Aaron qofa hin turre. Innis ta’e sabichi araara Yihowaa isa guddaarraa fayyadamaniiru.

Yihowaan, haala dibicha warqee wajjin wal qabateen uumame kana booda, Aaron angafa lubootaa ta’ee akka muudamu ajajeera. Waaqayyo, “Aaron luba ta’ee anaaf akka hojjetuuf uffata qulqullaa’aa itti uffisiitii, dibii isa qulqulleessi” jechuudhaan Museetti himee ture. (Bau. 40:12, 13) Yihowaan dadhabina Aaron argisiiseef dhiifama akka godheef beekamaadha. Aaron, nama garaadhaa waaqeffannaa dhugaa deggeru malee, nama waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuudhaan fincila kaasu hin turre.