Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuura Yihowaa Isa Qulqulluu Hin Gaddisiisinaa!

Hafuura Yihowaa Isa Qulqulluu Hin Gaddisiisinaa!

Hafuura Yihowaa Isa Qulqulluu Hin Gaddisiisinaa!

“Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!”—EFE. 4:30.

1. Yihowaan namoota miliyoonaan lakkaa’amaniif maal godheera? Dirqamni isaanirra jiruhoo maalidha?

YIHOWAAN namoota miliyoonaan lakkaa’amaniifi addunyaa jeequmsaan guutame keessa jiraataniif, wanta adda ta’e raawwateera. Karaa tokkicha Ilmasaa Yesus Kiristos, garasaatti dhihaachuu akka danda’an godheera. (Yoh. 6:44) Atis, Waaqayyoof of murteessitee yoo cuuphamteefi haala kanaa wajjin walsimuun jiraachaa jirta yoo ta’e, namoota kana keessaa tokkodha. Maqaa hafuura qulqulluutiin waan cuuphamteef, haala hafuurichaa wajjin walsimuun jiraachuuf dirqamni sirra jira.—Mat. 28:19.

2. Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

2 Nuyi warri ‘akka yaada hafuuraatti facaasne,’ namummaa haaraa uffanneerra. (Gal. 6:8; Efe. 4:17-24) Haata’u malee, Phaawulos ergamaan hafuura Waaqayyoo akka hin gaddisiisneef, gorsaafi akeekkachiisa nu kenneera. (Efesoon 4:25-32 dubbisi.) Gorsa Phaawulos ergamaan kenne kana mee gadi fageenyaan haa qorru. Phaawulos waa’ee hafuura Waaqayyoo gaddisiisuu yeroo dubbatu maal jechuusaa ture? Namni Yihowaaf of murteesse tokko hafuura Yihowaa kan gaddisiisu akkamitti? Hafuura Yihowaa gaddisiisuurraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

Phaawulos Maal Jechuusaa Ture?

3. Yaanni Efesoon 4:30⁠rra jiru hiika maalii qaba?

3 Jalqaba, mee wanta Phaawulos Efesoon 4:30⁠rratti barreesse qalbeeffadhaa. “Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!” jedheera. Phaawulos, namoonni hidhata amantiisaa ta’an hariiroon Waaqayyoo wajjin qaban balaarra akka bu’u hin barbaadu ture. ‘Guyyaa fayyinaatiif kan mallatteeffaman’ hafuura Yihowaatiin ture. Hafuurri qulqulluun, mallatteeffama ykn “qabsiisa” dibamtoota amanamummaasaanii eeganiif dursee kennamu ture; ammas akkasuma. (2 Qor. 1:22) Mallatteeffamuunsaanii, kan Waaqayyoo ta’uusaaniifi gara fuulduraatti jireenya samii akka argatan kan argisiisudha. Warri mallatteeffaman dhumarratti lakkoofsisaanii 144,000 ta’a.—Mul. 7:2-4.

4. Hafuura Waaqayyoo gaddisiisuurraa of qusachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

4 Hafuura qulqulluu gaddisiisuun, tarkaanfii jalqabaa humni Waaqayyoo inni hojiirra jiru jireenya Kiristiyaana tokkoorratti guutummaatti akka hin hojjenne godhudha. Kun kan danda’amu ta’uunsaa, wanta Daawit Baat-Sheebaa wajjin cubbuu erga hojjetee booda dubbaterraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Daawit balleessaa raawwatetti gaabbee, “Fuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin” jedhee Yihowaa kadhatee ture. (Far. 51:11) Dibamtoota “hamma du’aatti amanamaa” ta’uusaanii mirkaneessan qofatu, samiirratti “gonfoo” jireenya du’arraa walaba ta’ee argata. (Mul. 2:10; 1 Qor. 15:53) Kiristiyaanonni lafarra jiraachuuf abdii qabanis, Waaqayyoof amanamoo ta’anii jiraachuufi kennaa jireenyaa aarsaa furii Kiristosirratti amanuudhaan argamu argachuu yoo barbaadan hafuurri qulqulluun isaan barbaachisa. (Yoh. 3:36; Rom. 5:8; 6:23) Kanaaf, hundi keenya hafuura Yihowaa gaddisiisuurraa of qusachuu qabna.

Kiristiyaanni Tokko Hafuura Qulqulluu Gaddisiisuu Kan Danda’u Akkamitti?

5, 6. Kiristiyaanni tokko hafuura Yihowaa gaddisiisuu kan danda’u akkamitti?

5 Kiristiyaanota Yihowaaf of murteessine waan taaneef, hafuurasaa gaddisiisuurraa of qusachuu dandeenya. ‘Hafuuraan geggeeffamaa kan jiraannu’ yoo ta’e, fedhiiwwan foonii dogoggora ta’an kan moonu ta’uu keenyarrayyuu, amalawwan gadhee ta’an waan hin argisiisneef hafuuricha gaddisiisuurraa of qusachuu dandeenya. (Gal. 5:16, 25, 26) Haata’u malee haalli kun jijjiiramuu danda’a. Tarii utuu nutti hin beekamin, suutuma suuta amalawwan gadhee Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessatti dhowwaman horachuudhaan hamma tokko hafuura Waaqayyoo gaddisiisuu dandeenya.

6 Karaa hafuura qulqulluurraa faallaa ta’een adeemuu keenya yoo itti fufne, hafuurichaafi Yihowaa isa Madda hafuurichaa ta’e gaddisiisuu dandeenya. Efesoon 4:25-32 qoruun keenya, amala gaarii akka argisiisnuufi hafuura Waaqayyoo gaddisiisuurraa akka of qusannu nu gargaaruu danda’a.

Hafuura Yihowaa Gaddisiisuurraa Of Qusachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

7, 8. Dhugaa dubbachuu kan qabnu maaliif akka ta’e ibsi.

7 Dhugaa dubbachuu qabna. Phaawulos Efesoon 4:25⁠rratti akkas jedhee barreesseera: “Namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi bu’aa dhagna walii ti.” “Bu’aa dhagna walii” waan taaneef, obboloota hidhata amantii keenya ta’an gowwoomsinu ykn ta’e jennee isaan dogoggorsuu hin qabnu; akka goonaan isaan sobaa jirra jechuudha. Namni gocha akkasiitti itti fufu, oolee bulee hariiroo Yihowaa wajjin qabu dhaba.—Fakkeenya 3:32 dubbisi.

8 Jechoonniifi gochawwan gowwoomsaa, tokkummaa gumii diiguu danda’u. Kanaaf, akkuma Daani’el raajicha amanamaa isa namoonni balleessaa tokkollee isarratti hin argannee ta’uu qabna. (Dan. 6:4) Kana malees, gorsa Phaawulos Kiristiyaanota samiirra jiraachuuf abdii qabaniif kenne yaadachuu qabna. Inni, warri kutaa “dhagna Kristos” ta’an hundi, kutaawwan qaama tokkoo akka ta’aniifi dibamtoota Yesus amanamoo warra hidhatasaanii ta’anii wajjin tokkummaa akka qabaatan isaan gorsee ture. (Efe. 4:11, 12) Abdiin keenya lafa Jannata taaturra barabaraaf jiraachuu yoo ta’es, dhugaa dubbachuudhaan tokkummaa obboloota addunyaa maraatiif gumaacha gochuu qabna.

9. Gorsa Efesoon 4:26, 27⁠rra jiru hojiirra oolchuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

9 Seexanni karaa hafuuraa nu miidhuuf carraa akka hin arganne gochuudhaan isa mormuu qabna. (Yaq. 4:7) Hafuurri qulqulluun Seexana mormuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, garmalee dheekkamuurraa of qusachuudhaan akkas gochuu dandeenya. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” (Efe. 4:26, 27) Wanti nu aarsu yoo jiraatellee, ‘akka hin banbanne’ of qabuuf, yeruma sana utuu sagalee hin dhageessisin kadhannaa gochuudhaan, waan hafuura qulqulluu gaddisiisu raawwachuurraa of qusachuu dandeenya. (Fak. 17:27) Kanaaf, akka aarretti turuudhaan Seexanni wanta hamaa akka nu raawwachiisu carraa banuufii hin qabnu. (Far. 37:8, 9) Karaan itti isa ofirraa ittisnu tokko, haala gorsa Yesus kennee wajjin walsimuun walitti bu’iinsa uumame yerooma sana hiikuudha.—Mat. 5:23, 24; 18:15-17.

10, 11. Hatuu ykn amanamummaa keenya hir’isuu kan hin qabne maaliifi?

10 Wanta hatuuf ykn amanamummaa keenya hir’isuuf nu qoru kamirraayyuu fagaachuu qabna. Hanna ilaalchisee Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Inni hatu deebi’ee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka danda’utti hojii waa’ee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.” (Efe. 4:28) Kiristiyaanni Yihowaaf of murteesse tokko yoo hate, maqaa Waaqayyoo arrabsiisuudhaan ‘isa salphisa.’ (Fak. 30:7-9) Hiyyummaanillee hatuuf sababii hin ta’u. Warri Waaqayyoonis ta’e namoota jaallatan, yeroon hanni sirrii itti ta’u akka hin jirre beeku.—Mar. 12:28-31.

11 Phaawulos wanta gochuu hin qabne qofa utuu hin ta’in, wanta gochuu qabnus caqaseera. Hafuura qulqulluudhaan kan jiraannuufi kan geggeeffamnu taanaan, wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuufi ‘warra dhaban gargaaruu akka dandeenyutti’ jabaanne hojjenna. (1 Xim. 5:8) Yesusiifi ergamoonnisaa namoota hiyyeessa ta’an gargaaruuf qarshii kan ramadan ta’uyyuu, Yihudaa gantichi inni biyya Keriyot qarshii sanarraa fudhata ture. (Yoh. 12:4-6) Inni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaa akka hin turre ifadha. Nuyi warri hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaa jiraannu, akkuma Phaawulos ‘karaa hundumaa haqaan jiraanna.’ (Ibr. 13:18, NW) Karaa kanaan, hafuura Yihowaa gaddisiisuurraa of qusachuu dandeenya.

Karaawwan Hafuura Qulqulluu Gaddisiisuurraa Itti Of Qusannu Kan Biraa

12, 13. (a) Akkuma Efesoon 4:29⁠rratti ibsame, dubbii akkamiirraa fagaachuu qabna? (b) Dubbiin afaan keenya keessaa ba’u kan akkamii ta’uu qaba?

12 Wanta dubbannuuf of eeggachuu qabna. Phaawulos akkas jedheera: “Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga’uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan [“tortoraan,” NW] afaan keessan keessaa hin ba’in!” (Efe. 4:29) Asirrattis, Phaawulos wanta gochuu hin qabne qofa utuu hin ta’in, wanta gochuu qabnus dubbateera. Gargaarsa hafuura qulqulluutiin, ‘dubbii gargaaru yeroo barbaachisutti cimsu warra dhaga’uufis ayyaana kennu’ dubbachuuf kakaana. Kana malees, “dubbiin tortoraan” afaan keenya keessaa akka ba’u heyyamuu hin qabnu. Jechi afaan Giriikii “tortoraa” jedhu fuduraa, qurxummii ykn foon ajaa’e argisiisuuf itti hojjetamaa tureera. Akkuma nyaatawwan akkasii balfinu, dubbii Yihowaan akka gadheetti ilaalus jibbuu qabna.

13 Dubbiin keenya qulqulluu, gaariifi “akka soogiddaas miyaa’aa” ta’uu qaba. (Qol. 3:8-10; 4:6) Namoonni dubbii keenya yeroo dhaga’an adda ta’uu keenya hubachuu qabu. Kanaaf ‘dubbii gargaaruufi cimsu’ dubbachuudhaan warra kaan haa gargaarru. Akkuma faarfaticha akkas jedhee nutti dhaga’amuu qaba: “Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta’u!”—Far. 19:14.

14. Akka Efesoon 4:30, 31 jedhutti maalirraa fagaachuu qabna?

14 Hadhaa’ummaa, dheekkamsa, arrabsoofi hammeenya hundumaa ofirraa fageessuu qabna. Phaawulos hafuura Waaqayyoo gaddisiisuu ilaalchisee yeroo akeekkachiisa kennu akkas jedhee barreesseera: “Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa! Hadhaa’ummaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!” (Efe. 4:30, 31) Hundumti keenya namoota cubbuu dhaalle waan taaneef, yaadaafi gocha keenya to’achuuf carraaqqii guddaa gochuu qabna. “Hadhaa’ummaan, dheekkamsi, aariin” akka nurratti mo’u yoo heyyamne hafuura Waaqayyoo gaddisiisna. Akkasumas nama nu miidherratti haaloo yoo qabanne, yoo mufanneefi nama nu aarse sanaa wajjin araaramuu yoo dinne hafuura Waaqayyoo gaddisiisuu dandeenya. Gorsa Macaafa Qulqulluu tuffachuu yoo jalqabne, amalawwan hafuuricharratti cubbuu raawwachuutti nu geessan argisiisuu dandeenya; kunis dhumarratti miidhaa guddaa nurraan geessisa.

15. Namni tokko yoo nu miidhe maal gochuu qabna?

15 Gaarii, namootaaf kan garaa laafnuufi dhiifama kan goonu ta’uu nu barbaachisa. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” (Efe. 4:32) Wanta namni tokko godheen baay’ee kan miidhamne ta’ullee, akkuma Yihowaa dhiifama haa goonu. (Luq. 11:4) Namni hidhata amantii keenya ta’e tokko, waa’ee keenya waan gadhee dubbate haa jennu. Yeroo kanatti nama sana bira dhaqnee rakkoo sana hiikuuf carraaqqii goona. Innis garaasaatii gadduudhaan dhiifama gaafata. Nuyis dhiifama isaaf gochuu malees wanti gochuu qabnu kan biraan jira. Lewwoonni 19:18 akkas jedha: “Ani Waaqayyoo dha; ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin!”

Dammaqinaan Jiraachuun Barbaachisaadha

16. Fakkeenya hafuura Yihowaa akka hin gaddisiisneef sirreeffama gochuun akka nu barbaachisu ibsu dubbadhu.

16 Yeroo qofaa keenya taanullee, wanta Waaqayyoon gaddisiisu raawwachuuf qoramuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko muuziqaa Kiristiyaanota biratti fudhatama hin qabne dhaggeeffata ta’a. Oolee bulee, gorsa Macaafa Qulqulluu “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” barreeffamootarratti kennu waan hojiirra hin oolchineef yaanni garaasaa isa ceepha’uu danda’a. (Mat. 24:45) Rakkina kana ilaalchisee kadhannaa dhiheessa ta’a; wanta Phaawulos Efesoon 4:30⁠rratti dubbates ni yaadata ta’a. Wanta hafuura Waaqayyoo gaddisiisu tokkoyyuu akka hin goone murteessuudhaan, ammaa kaasee muuziqaa gadhee kana hin dhaggeeffadhu jedhee waadaa gala. Yihowaanis murtoo obboleessa kanaa ni eebbisaaf. Kanaaf, yeroo hundumaa hafuura Waaqayyoo akka hin gaddisiisneef of haa eeggannu.

17. Dammaqinaan kan hin jiraanneefi garaadhaa kan hin kadhanne taanaan maaltu nurra ga’uu danda’a?

17 Dammaqinaan kan hin jiraanneefi garaadhaa kan hin kadhanne taanaan, gochawwan qulqulluu hin taane ykn dogoggora ta’aniifi hafuuricha gaddisiisan raawwachuuf qoramuu dandeenya. Waaqayyo hafuura qulqulluutti kan fayyadamu haala amalasaa wajjin walsimuun waan ta’eef, gochi keenya hafuura kana gaddisiisuu danda’a; nutimmoo matumaa hafuura kana gaddisiisuu akka hin barbaanne beekamaadha. (Efe. 4:30) Yihudoonni jaarraa jalqabaatti barsiisota seeraa turan, Yesus dinqii kan hojjete humna Seexanaatiin akka ta’e dubbachuusaaniitiin cubbuu hojjetaniiru. (Maarqos 3:22-30 dubbisi.) Diinonni Kiristos ‘hafuura qulqulluu waan arrabsaniif,’ [hiika bara 1899] cubbuu dhiifama hin qabne raawwataniiru. Nuyi garuu matumaa akkas gochuu hin barbaannu!

18. Cubbuu dhiifama hin qabne akka raawwanne beekuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Wanta cubbuu dhiifama hin qabne raawwachuutti nu geessu kamiyyuu gochuu waan hin barbaanneef, wanta Phaawulos hafuura qulqulluu akka hin gaddisiisne ilaalchisee dubbate yaadachuu nu barbaachisa. Haata’u malee, yoo cubbuu cimaa raawwanne maal goona? Yaada garaa yoo geddaranneefi gargaarsa jaarsolii yoo arganne, Waaqayyoo dhiifama akka nuu godheefi hafuura qulqulluurratti cubbuu akka hin raawwanne mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Gargaarsa Waaqayyootiin, karaa kamiiniyyuu lammata hafuura qulqulluu gaddisiisuurraa of qusachuu dandeenya.

19, 20. (a) Wantoonni irraa fagaachuu qabnu tokko tokko maalfa’i? (b) Maal gochuuf murteessuu qabna?

19 Waaqayyo hafuura qulqulluutti fayyadamee, jaalalli, gammachuufi tokkummaan sabasaa gidduu akka jiraatu godha. (Far. 133:1-3) Kanaaf, tiksitoota hafuuraan muudaman ilaalchisee hamii gadhee babal’isuu ykn wanta ulfinasaanii hir’isu dubbachuudhaan hafuura qulqulluu gaddisiisuurraa of qusachuu qabna. (HoE. 20:28; Yih. 8) Kanaa mannaa, gumii keessatti tokkummaaniifi ulfina walii kennuun akka jiraatu gochuu nu barbaachisa. Saba Waaqayyoo gidduutti gareen akka uumamu jajjabeessuu akka hin qabne beekamaadha. Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Obboloota ko, isin hundumti keessan waan dubbattanitti akka walii galtan, yaada tokkoon akeekkattanii, tokkummaadhaanis raawwachuudhaaf akka qophooftan malee, isin gidduutti gargar ba’uun akka hin jiraanne, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isinan gorsa.”—1 Qor. 1:10.

20 Yihowaan, hafuurasaa akka hin gaddisiisne nu gargaaruuf fedhas ta’e humnasaa qaba. Hafuura qulqulluu akka nuu kennu kadhachuu keenya itti haa fufnu; hafuura kana akka hin gaddisiisnes murtoo haa goonu. ‘Akka yaada hafuuraatti facaasuu’ keenya itti fufuudhaan, ammas ta’e barabaraaf garaa keenya guutuu qajeelfamasaa haa barbaannu.

Maal Jettee Deebista?

• Hafuura qulqulluu gaddisiisuu jechuun maal jechuudha?

• Namni Yihowaadhaaf of murteesse tokko hafuurasaa gaddisiisuu kan danda’u akkamitti?

• Hafuura qulqulluu gaddisiisuurraa of qusachuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Walitti bu’iinsa uumame yeruma sana hiikaa

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Fuduraa isa kamtu dubbii afaankee keessaa ba’u argisiisa?