Kaaraan—magaalaa Durii Sochii Guddaan Itti Godhamaa Ture
Kaaraan—magaalaa Durii Sochii Guddaan Itti Godhamaa Ture
NAMOOTA Macaafa Qulqulluu beekaniif, maqaan Kaaraan jedhu yeroo caqasamu yerooma sana gara sammuusaaniitti kan dhufu Abrahaam isa abbaa amantii turedha. Urii ka’ee gara Kana’aan yeroo adeemu, inniifi haati manaasaa Saaraan, abbaansaa Taaraan, akkasumas mucaan obboleessasaa Loox Kaaraaniin buufatanii turan. Achitti Abrahaam qabeenya hedduu horatee ture. Erga abbaansaa du’ee booda Abrahaam gara biyya Waaqayyo isa abdachiisetti adeemuusaa itti fufeera. (Uma. 11:31, 32; 12:4, 5; HoE. 7:2-4) Boodas, Abrahaam hojjetaasaa isa jaarsa Kaaraanitti ykn naannoo dhihoo jiru tokkotti ergee Yisihaqiif haadha manaa akka fidu ajajeera. Ilma ilma Abrahaam kan ta’e Yaaqoobis waggoota hedduudhaaf achi jiraateera.—Uma. 24:1-4, 10; 27:42-45; 28:1, 2, 10.
Mootii Asorotaa kan ta’e Senaaheriib, akeekkachiisa isa dhumaa Hisqiyaas Mootii Yihudaaf kennerratti, Kaaraan “saba” mootota Asorotaatiin injifataman keessaa tokko akka taate caqaseera. Bakka kanatti maqaan “Kaaraan” jedhu magaalaa sana qofa utuu hin ta’in, biyyoota naannoo sana jiranis kan argisiisudha. (2 Mot. 19:11, 12) Raajiin Hisqi’el, Kaaraan shariika daldalaa Xiiroos warra gurguddaa keessaa tokko akka taate ibsuudhaan, ga’ee isheen handhuura daldalaa ta’uudhaan qabdu mirkaneessa.—His. 27:1, 2, 23.
Yeroo ammaatti Kaaraan, magaalaa xinnoo Saanlii’uurfaatti dhihoo jirtuufi Turki bahaatti argamtudha. Haata’u malee, magaalaan Kaaraan durii, magaalaa yeroo tokko sochiin guddaan itti godhamu turte. Kaaraan magaalaawwan durii maqaa Macaafa Qulqulluu keessatti ittiin waamaman qabatanii hafan muraasa keessaa tokkodha. Jechi Asorotaa Karaanuu jedhu “Karaa” ykn “Karaa Daldalaa” jedhamee hiikamuu kan danda’u si’a ta’u, kunis Kaaraan, magaalaa daldalaa karaa magaalaawwan gurguddaa walitti fiddurra jirtu akka turte argisiisa. Akka ragaan arki’ooloojii Kaaraanii qotamee argame ibsutti, haati Naabooniidas Mootii Baabilon, angafa lubootaa mana qulqullummaa Siin, waaqa addeessaa Kaaraan keessa jiruu turte. Warri tokko tokko, Naabooniidas mana qulqullummaa kana deebisee akka ijaare dubbatu. Sana booda, mootummoonni hedduun Kaaraanitti mo’anii darbaniiru.
Yeroo har’aatti, Kaaraan ishee duriirraa baay’ee addadha. Kaaraan isheen durii, yeroo tokkotti magaalaa baay’ee qaroomteefi bakki guddaan kennamuuf turte. Isheen yeroo har’aatti jirtu garuu, manneen baaxiinsaanii roggee ta’e kan qabdudha. Naannoo magaalattiitti kan argamu, gamoowwan diigamoo qaroomina bara duriitti ture argisiisan qofadha. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti Abrahaam, Saaraafi Looxiin dabalatee namoonni yeroo tokkootti magaalaa Kaaraan keessa jiraachaa turan hedduun du’aa ni ka’u. Yeroo sanatti, waa’ee Kaaraan, magaalaa durii ishee sochii guddaan itti godhamaa ture kanaa waa hedduu akka nutti himan hin shakkisiisu.
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Magaalaa Kaaraan isa jijjige
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Manneen baaxiinsaanii roggee ta’e
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Yeroo har’aa Kaaraan guutummaatti yeroo ilaalamtu