Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristiyaanummaa Duriifi Waaqayyolii Warra Roomaa

Kiristiyaanummaa Duriifi Waaqayyolii Warra Roomaa

Kiristiyaanummaa Duriifi Waaqayyolii Warra Roomaa

XALAYAAN dargaggeessi Piliinii jedhamuufi bulchaa Bitaaniyaa ta’e, Mootii Roomaa Tiraajaaniif barreesse akkas jedha: “Namoota Kiristiyaanota jedhamanii himatamanirratti tarkaanfii fudhadheera. Kiristiyaana ta’uufi dhiisuusaanii nan gaafadhe; ta’uusaanii yoo amanan al lamaafi sadi doorsisuufi adabuudhaan irra deebi’een isaan gaafadhe. Yommuu isaan Kiristiyaanota akka ta’an dubbachuu itti fufan akka ajjeefamanan ajaje.” Namoota Kiristosiin arrabsuudhaan Kiristiyaanummaa ganan, akkasumas siidaa mootichaafi bifa fakkeenyaa waaqayyolii Piliiniin gara mana murtiitti fideef sagadan, “Hiikuun sirrii akka ta’e natti dhaga’ame” jechuudhaan barreesseera.

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa mootichaafi bifawwan fakkeenyaa waaqayyolii addaddaa waaqeffachuu diduusaaniitiin ari’atamaniiru. Amantiiwwan Bulchiinsa Roomaa keessa turan kaanoo ari’atamaniiruu? Waaqayyolii warra kamtu waaqeffatama ture? Warri Roomaa waaqayyolii kanaaf ilaalcha akkamii qabu turan? Kiristiyaanonni waaqayyolii warra Roomaatiif aarsaa dhiheessuu diduusaaniitiin kan ari’ataman maaliifi? Deebiin gaaffiiwwan kanaa, amanamummaa Yihowaadhaaf qabnuu wajjin haala wal qabateen qorumsa yeroo har’aa nu mudatuuf deebii kennuuf nu gargaara.

Amantiiwwan Bulchiinsa Roomaa Keessa Turan

Waaqayyoliin Bulchiinsa Roomaa keessatti waaqeffatamaa turan, akkuma qooqaafi aadaa biyyichaa baay’ee turan. Amantiin Yihudii warra Roomaa biratti akka adda ta’etti kan ilaalamu ta’us, riiliijiyoo likitaa ykn amantii beekamummaa argate akka ta’etti ilaaluudhaan eegumsa godhuuf turan. Mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti guyyaatti si’a lama, ilmooleen hoolaa lamaafi sangaan tokko mootii Roomaafi sabasheetiif aarsaa godhamu turan. Aarsaawwan kun waaqa tolfamaa tokkoofis ta’e hedduudhaaf yoo dhihaatan, warra Roomaatiif jijjiirama hin qabu. Wanti isaan bakka guddaa kennaniif, gochi kun Yihudoonni warra Roomaatiif amanamoo ta’uusaanii kan argisiisu ta’uusaa qofadha.

Amantiiwwan namoonni Roomaa keessa jiraatan hordofan keessatti, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuun babal’atee ture. Afoolli biyya Giriikii bal’inaan fudhatama kan argate si’a ta’u, hooda dubbachuunis babal’atee ture. Amantiin warra Bahaa inni iccitiidha jedhamu, warri guutummaatti isaaf of kennan akka hin duune, kallattiidhaan mul’ata akka arganiifi sirna waaqeffannaa iccitii ta’een waaqayyoliitti dhihaachuu akka danda’an abdii kenna. Amantiiwwan kun bulchiinsa sana keessatti babal’atanii turan. Waaqeffannaawwan jaarraa jalqabaatti beekamaa ta’an keessaa tokko tokko warra armaan gadii turan: waaqeffannaa waaqa Gibxii Seraapiisiifi waaqayyittii Aaysiis jedhamtuu, waaqayyittii qurxummii Asorotaa kan taate Ataargaatis, akkasumas waaqa aduu Faarsotaa kan ta’e Miitraa ture.

Macaafni Hojii Ergamootaa, bara Kiristiyaanummaan jalqabetti waaqeffannaan sobaa babal’atee akka ture ibsa. Fakkeenyaaf, namichi Roomaa bulchaa Qophros ta’e, nama Yihudaa hooda dubbatuu wajjin walitti dhufeenya qaba ture. (HoE. 13:6, 7) Namoonni biyya Lisxiraa, Phaawulosiifi Baarnaabaas waaqayyolii Giriikii Hermeesiifi Zeos isaanitti fakkaatanii turan. (HoE. 14:11-13) Phaawulos yommuu Filiphisiiyus ture, dubartii hooda dubbattu tokkoo wajjin wal argee ture. (HoE. 16:16-18) Phaawulos namoonni biyya Ateenaa, ‘karaa hundumaa warra amantii akka ta’an’ ibseera. Magaalattii keessatti iddoo aarsaa “Waaqayyo isa hin beekamneef” jedhamee irratti caafame tokko argeera. (HoE. 17:22, 23) Namoonni biyya Efesoon, waaqayyittii Arxemiis jedhamtu waaqeffatu turan. (HoE. 19:1, 23, 24, 34) Phaawulos bofaan iddamee utuu hin du’in hafuusaatti, namoonni odoola Malaaxiyaa jedhamtu jiraatan inni waaqadha jedhaniiru. (HoE. 28:3-6) Haala akkasii keessatti, Kiristiyaanonni waaqeffannaansaanii inni qulqulluun akka hin mancaane of eeggannoo gochuun isaan barbaachisa ture.

Amantii Warra Roomaa

Warri Roomaa yommuu bulchiinsisaanii bal’achaa dhufu, waaqayyolii addaddaa wajjin kan wal baran si’a ta’u, waaqayyolii kanaan dura beekan keessaa isa tokkotu bifa kanaan mul’ate jedhanii amanu turan. Warri Roomaa yommuu biyya tokko mo’an, waaqeffannaa sobaa biyya sanaa balleessuu mannaa, ni hordofu turan. Biyya Roomaa keessatti amantiin akkuma aadaasaanii kan baay’ate kanaafi. Biyya sana keessatti amantii tokkoof bakka adda ta’e kennuun barbaachisaa hin turre. Namoonni waaqayyolii addaddaatiif waaqeffannaa dhiheessuu danda’u turan.

Waaqayyolii warra Roomaa keessaa inni hundarra caalaa kabajamaa ta’e Juppiitar si’a ta’u, innis Optiimas Maaksiimas, jechuunis hunda caalaa gaariifi guddaa jedhama ture. Juuppiitar qilleensa, bokkaa, balaqqeessaafi qaqawweessaan eenyummaasaa ibsa jedhamee yaadama. Obboleettiifi niitiisaa kan taate Juunoon, addeessaa wajjin walitti dhufeenya akka qabdu kan dubbatamu si’a ta’u, jireenya dubartootaa hunda ni to’atti jedhamee yaadama. Intallisaa Mineervaanimmoo waaqayyittii ogummaa harkaa, beekumsaa, ogummaa addaddaafi waraanaati jedhamti turte.

Waaqayyoliin warra Roomaa lakkoofsisaanii dhuma hin qabu. Laaresiifi Penaatas waaqayyolii maatii turan. Veestaanimmoo waaqayyittii bakka ibiddaati. Jaanus waaqayyichi fuula lama qabummoo, waaqa wantoota jalqabarra jiran hundaati. Ogummaan hundumtuu waaqa mataasaa qaba. Warri Roomaa wanti harkaan qabamuufi ijaan argamuu hin dandeenyes waaqa akka qabu amanu turan. Paaksi waaqayyittii nagaa, Saalus waaqayyittii fayyaa, Pudkiityaan waaqayyittii gad of deebisuufi qulqullinaa, Fiidas waaqayyittii amanamummaa, Viirtas waaqa ija jabinaa, Vooluptasimmoo waaqayyittii gammachuu akka ta’an amanama ture. Sochiifi jireenyi warra Roomaa dhuunfaattis ta’e tuutaan to’annaa waaqayyolii jala akka jiru amanama. Kanaaf carraaqqii godhan hundaan milkaa’ina argachuuf, waaqa dhimma kanaa kadhannaadhaan, aarsaafi ayyaana kabajuudhaan gammachiisuu qabu turan.

Karaan fedha waaqayyoliisaanii itti beekan keessaa inni tokko, mallattoo waa’ee gara fuulduraa ittiin beekan fayyadamuudha. Karaa ayyaana itti hedatan keessaa inni guddaanimmoo, mi’a garaa horii aarsaa godhamanii ilaaluudha. Haalliifi bifti mi’a garaa, waaqayyoliin sun wanta godhamuuf jedhu tokko jibbuu ykn deggeruusaanii argisiisa jedhamee yaadama ture.

Dh.K.D. gara dhuma jaarraa lammaffaatti, warri Roomaa, waaqayyoliinshee warri gurguddaan waaqayyolii Giriikotaa tokko tokkoo wajjin tokko akka ta’an, jechuunis Juuppiitar Zeos akka ta’e, Juunoonimmoo Heeraa akka taate amanu turan. Warri Roomaa afoola waaqayyolii Giriikotaa wajjin wal qabates ni amanu turan. Afoolawwan waa’ee waaqayyolii akkuma ilmaan namootaa dadhabinaafi hir’ina qabanii dubbataman kun, kan isaan jajan utuu hin ta’in kan isaan salphisanidha. Fakkeenyaaf, Zeos warra gurguddaas ta’e daa’imman akka gudeedu, akkasumas qaamota du’anis ta’e hin du’an jedhamanii wajjin saalqunnamtii akka raawwatu dubbatama ture. Gochi yeellaasisaan waaqayyoliin kun raawwatan, mana tiyaatirii durii keessatti yeroo baay’ee dinqisiifannaa namoota hedduu kan argatu ta’uunsaa, waaqeffattoonnisaaniis gochawwan nama salphisan akkasiirratti akka hirmaatan isaan kakaaseera.

Namoota barumsa qaban keessaa afoolawwan kana kallattiidhaan kan fudhatan muraasadha. Namoonni tokko tokko mammaaksa akka ta’an dubbatu. Phonxos Philaaxos gaaffii beekamaa “Dhugaan maal inni?” jedhu kan gaafate kanaaf ta’uu hin oolu. (Yoh. 18:38) Kana jechuun, “wanti tokko dhugaa ta’uusaa guutummaatti mirkaneessuun akka hin danda’amne argisiisa” jedhamee yaadama.

Mootii Moototaa Waaqeffachuu

Bulchiinsi Awugusxos (Dh.K.D. 27 hanga Dh.K.B. 14) mootii moototaa waaqeffachuun akka jalqabe argisiiseera. Keessumaa kutaawwan biyyattii gara Bahaa afaan Giriikii dubbatamutti, namoonni baay’een Awugusxos waraana yeroo dheeraa booda badhaadhummaafi nagaa waan isaanii argamsiiseef garaadhaa isa galateeffatu turan. Namoonni, qaama ijaan argan tokko jalatti eegumsa itti fufiinsa qabu argachuu barbaadu turan. Dhaabbata garaa garummaa amantii hambisu, biyya ofii akka jaallatan godhuufi biyyi lafaa “fayyisaa” isaa jalatti tokko akka ta’u godhu hundeessuu barbaadu turan. Kanaan kan ka’e, mootiin moototaa akka waaqaatti ilaalamuu jalqabe.

Awugusxos yeroo lubbuudhaan ture, namoonni waaqa jedhanii akka isa waaman kan hin heyyamne ta’us, Roomaan isheen Roomaa De’aa jedhamtuufi akka waaqaatti ilaalamtu akka waaqeffatamtu godheera. Awugusxos kan waaqeffatame erga du’ee boodadha. Kanaaf, ilaalchi namoonni biyya sanaa amantiidhaaf qabaniifi jaalalli biyyaaf qaban, biyya handhuura bulchiinsichaa ta’eefi bulchaasaarratti kan xiyyeeffate ture. Waaqeffannaan mootii moototaa inni haaraan guutummaa biyyichaa keessatti babal’ate kun, karaa kabajaafi amanamummaa mootummichaaf qaban itti argisiisanidha.

Doomiishiyaan, inni Dh.K.B. bara 81 hanga 96⁠tti mootii moototaa ture, bulchaa Roomaa akka waaqaatti waaqeffatamuu barbaadu isa jalqabaa ture. Yeroo inni bulchaa turetti warri Roomaa, Kiristiyaanotaafi Yihudoota gargar kan baasan yommuu ta’u, amantii akka haaraa ta’e yaadamu ni mormu turan. Yohannis ergamaan ‘wanta Yesus dhugaa ba’e duukaa bu’uusaatiin’ odoola xinnoo Phaaximoo jedhamtutti boojuudhaan kan geeffame, yeroo Doomiishiyaan bulchaa turetti ta’uu hin oolu.—Mul. 1:9.

Macaafni Mul’ataa kan barreeffame, yeroo Yohannis hidhamee turettidha. Achirratti Yohannis, waa’ee Antiiphaas, Kiristiyaana Phergamoon ishee handhuura waaqeffannaa mootii moototaa taatetti ajjeefamee caqaseera. (Mul. 2:12, 13) Yeroo sana, bulchiinsi mootiidhaan geggeeffamu Kiristiyaanonni sun waaqeffannaa mootii moototaarratti hirmaachuu akka jalqaban dirqisiisuu hin oolu. Kun dhugaa ta’us ta’uu baatus, xalayaa Tiraajaan isa seensarratti caqasameef ergamerratti akkuma ibsame, Dh.K.B. bara 112⁠tti, Piliiniin Kiristiyaanonni Bitaaniyaa jiran sirna waaqeffannaa akkasii akka raawwatan irraa eega ture.

Tiraajaan, akkaataa Piliiniin dhimma isa duratti dhihaate itti qabuun kan isa jaje ta’uusaarrayyuu, Kiristiyaanonni waaqayyolii warra Roomaa waaqeffachuu didan akka ajjeefaman ajaja dabarse. Tiraajaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Haata’u malee, namni tokko Kiristiyaana ta’uusaa yoo ganeefi ta’uu dhiisuusaatiif ragaa yoo dhiheesse, akkasumas waaqayyolii keenya kadhachuudhaan qalbii geddarachuusaa yoo argisiise (kanaan dura ta’uusaatiif shakkiin yoo jiraatellee) dhiifamni haa godhamuuf.”

Warra Roomaatiif, amantiin tokko hordoftoonnisaa guutummaatti akka isaaf bulan irraa barbaada yaanni jedhu hin liqimfamuuf. Waaqayyoliin warra Roomaa kana waan hin eegneef, Waaqni Kiristiyaanotaa maaliif kana eega? Waaqayyolii biyyichaa waaqeffachuun, sirna siyaasaa bulchiinsa sanaa deggeruu kan argisiisu qofa akka ta’e yaadama ture. Kanaaf, isaan waaqeffachuu diduun akka biyya ganuutti ilaalama. Akkuma Piliiniin jedhe, Kiristiyaanota hedduu seera kana akka eegan karaa kamiiniyyuu dirqisiisuun hin danda’amne. Isaaniif gochi akkasii, Yihowaadhaaf amanamoo akka hin taane kan argisiisudha; Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hedduun mootii moototaa waaqeffachuu mannaa du’uu filataniiru.

Kun yeroo har’aa xiyyeeffannaa keenya harkisuu kan qabu maaliifi? Biyyoota tokko tokkotti, lammiiwwan biyyichaa mallattoowwan biyyaatiif ulfina addaa akka kennan irraa eegama. Kiristiyaanota waan taaneef, aangoo mootummootaa ni kabajna. (Rom. 13:1) Haata’u malee, haala sirna alaabaa wajjin wal qabateen, fedhii Yihowaan guutummaatti akka isaaf bullu qabuufi gorsa Dubbiinsaa, “Waaqayyolii tolfamaniif sagaduu irraa fagaadhaa” akkasumas, “Waaqayyolii tolfamoo irraa of eeggadhaa!” jechuudhaan nuu kennu hordofna. (1 Qor. 10:14; 1 Yoh. 5:21; Naho. 1:2) Yesus, “‘Waaqayyo gooftaa keetiif jilbeenfattee sagadi, isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera” jedheera. (Luq. 4:8) Kanaafuu, Waaqa waaqeffannuuf amanamoo taanee itti haa fufunu.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]

Kiristiyaanonni dhugaan Yihowaadhaaf guutummaatti kan bulanidha

[Fakkii fuula 3rra jiru]

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, mootii moototaafi fakkiiwwan waaqayyolii waaqeffachuu didaniiru

Mootii moototaa Doomiishiyaan

Zeos

[Madda]

Emperor Domitian: Todd Bolen/Bible Places.com; Zeus: Photograph by Todd Bolen/Bible Places.com, taken at Archaeological Museum of Istanbul

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Kiristiyaanonni Efesoon waaqayyittii Arxemiis jedhamtu waaqeffachuu didaniiru—HoE. 19:23-41