Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maanguddoota Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?

Maanguddoota Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?

Maanguddoota Kabajuu Kan Qabnu Maaliifi?

QARQARA galaana Kaalifoorniyaa, Ameerikaa, mukti namoonni addunyaa hedduun suuraa kaasan tokko jira. Loon Saayipiras (gaattiraa kophaa dhaabatu) jedhama. Mukti kun umriinsaa waggaa 250 ol akka ta’e dubbatama. Mukti bareedaan kun jabinasaatiin waan beekamuuf, karaa baay’eedhaan xiyyeeffannaa argateera. Fakkeenyaaf, jallisaa shiboofi dhagaa isa deggeruun jabeeffameera.

Mukti Loon Saayipiras jedhamu kun, Kiristiyaanota maanguddoo nu gidduutti argamaniifi jabina guddaa qaban nu yaadachiisa. Karaa jabina itti argisiisan keessaa inni guddaan misiraachicha lallabuudha. Yo’el raajichi, “maanguddoonni” ergaa Macaafa Qulqulluu akka lallaban raajii dubbateera. (Yoe. 2:28-32; HoE. 2:16-21) Obboloonni kun, warri kaan waa’ee ‘wangeela mootummaa’ akka baratan dhimmanii gargaaruudhaan sa’aatii hedduu dabarsan yaadaa! (Mat. 24:14) Labsitoota Mootummaa maanguddoota ta’an kana keessaa tokko tokko, waggoota hedduudhaaf ari’atamaafi qorumsa kan biraa jabinaan dabarsaniiru. Mukti gaattiraa tokko jabinaan kan beekamuufi dhagaafi shiboodhaan kan jabeeffamu erga ta’ee, maanguddoonni nu gidduutti argaman caalaatti xiyyeeffannaafi ulfinni kennamuufii hin qabuu?

Yihowaan sabasaa durii, “Ati nama mataa harrii yommuu argitu ka’iif! Nama dulloomaaf ulfina kenni!” jechuudhaan ajajee ture. (Lew. 19:32) Yeroo har’aa, Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti namoota amanamoo fakkeenya ta’aniifi waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif ‘Waaqayyoo wajjin deddeebi’aa turan’ arganna. (Mik. 6:8) Seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo hojiirra oolchuusaanii hamma itti fufanitti, harriinsaanii dhugumaan “gonfoo ulfinaa ti.”—Fak. 16:31.

Phaawulos ergamaan Ximotewos isa dargaggeessa tureen, “Nama jaarsa . . . hin ifatin” jedheera. Kanaa mannaa Ximotewos, ‘nama jaarsa akka abbaatti’ akkasumas “dubartoota maanguddoota akka haadhotaatti” ilaaluu qaba ture. (1 Xim. 5:1, 2) Ximotewos maanguddoota haala kanaan qabuunsaa nama mataa harriif akka ‘ka’etti’ ilaalama ture. Kanaaf, Yihowaan akkaataan itti dubbannu ulfina akkasii kan argisiisu akka ta’u kan barbaadu ta’uunsaa ifadha.

Roomaan 12:10, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jedha. Ilaaltonni olaanaa gumii, Kiristiyaanota maanguddoota ta’aniif ulfina akka kennan beekamaadha. Haata’u malee, hundi keenya ulfina walii kennuuf dursa fudhachuu qabna.

Dhugaadha, miseensonni maatii warrasaanii, akkoofi akaakayyuusaaniitiif itti gaafatamummaa adda ta’e qabu. Namoonni, muka Loon Saayipiras jedhamu sana tursuuf karaa ni barbaadu; kana gochuusaaniis ittuma fufu. Nuyis ulfina warra, akkoofi akaakayyuu keenya warra dulloomanii eeguuf waan dandeenyu hunda gochuu qabna. Fakkeenyaaf, sirriitti kan isaan dhaggeeffannu yoo ta’e, wantoota tokko tokko miirasaanii xiyyeeffannaa keessa utuu hin galchin, karaa mataa keenyaa raawwachuurraa nu eega.—Fak. 23:22; 1 Xim. 5:4.

Maanguddoonni nu gidduutti argaman, Yihowaa biratti bakka guddaa qabu. Inni yoomiyyuu isaan hin gatu. (Far. 71:18) Waaqni inni dhugaan, amanamummaadhaan isa tajaajiluusaanii akka itti fufan humna isaanii kenna. Nuyis maanguddoota deggeruufi ulfina isaanii kennuu keenya itti haa fufnu.

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Akkuma mukti Loon Saayipiras jedhamu deggersa barbaadu, maanguddoonnis ulfinaan qabamuu qabu

[Madda]

American Spirit Images/age fotostock