Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sammuu Keessan Leenjisuu Itti Fufaa

Sammuu Keessan Leenjisuu Itti Fufaa

Sammuu Keessan Leenjisuu Itti Fufaa

NAMA dandeettii jimnaastikii qabuufi saffisaan sochii gaarii godhu tokko ilaaluun baay’ee nama gammachiisa! Akkuma namni jimnaastikii hojjetu tokko shaakalu, Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanonni dandeettii yaaduusaanii akka leenjisan jajjabeessa.

Phaawulos ergaa Ibrootaaf barreesserratti akkas jedheera: “Nyaanni jabaan garuu kan warra ga’anii ti; warri kun sammuun isaanii [Jechaa jechatti, ‘qaamni miiraasaanii.’] [akka nama jimnaastikii hojjetuu] hojiidhaan itti bare [‘leenji’ee,’ NW] hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda’u.” (Ibr. 5:14) Phaawulos, Kiristiyaanonni Ibroota ta’an, akkuma namni dandeettii jimnaastikii qabullee irreesaa hojjechiisutti, dandeettii yaaduusaanii akka hojjechiisan kan isaan gorse maaliifi? Sammuu keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

“Barsiisota Ta’uuf Kan Maltan Turtan”

Phaawulos, ga’ee Yesus “akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ‘Angafa lubaa’” ta’uudhaan qabu ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “Waa’ee isa dubbatame kanaaf [Yesusiif] waan jennu baay’ee qabna; garuu wanta dhageessan hubachuutti daagii waan taataniif, ibsuun rakkisaa dha. Isin yeroo kana barsiisota ta’uuf kan maltan turtan; amma garuu dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu in barbaachise; qooda nyaata jabaa nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu.”—Ibr. 5:10-12.

Haalasaarraa akka ilaallutti, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Yihudoota turan tokko tokko, hubannaa qabaachuufi karaa hafuuraa guddina gochuurraa duubatti jedhanii turan. Fakkeenyaaf, Seerichaafi dhagna qabaa ilaalchisee ifa dabalaa deemu fudhachuun isaanitti ulfaatee ture. (HoE. 15:1, 2, 27-29; Gal. 2:11-14; 6:12, 13) Kiristiyaanonni tokko tokko, gochawwan baramaa Sanbataafi Guyyaa Araaraa waggaatti kabajamuu wajjin wal qabatanii raawwataman dhiisuun isaanitti ulfaatee ture. (Qol. 2:16, 17; Ibr. 9:1-14) Kanaaf, Phaawulos waan sirriifi dogoggora ta’e addaan baasanii beekuuf sammuusaanii akka leenjisan kan isaan gorse yommuu ta’u, ‘barsiisa isa warra ga’aniif kennamutti akka darban’ isaanitti hime. (Ibr. 6:1, 2) Gorsisaa kun, baay’eensaanii akkaataa dandeettii yaaduusaaniitti itti fayyadamaa turan akka qoran kan isaan kakaase ta’uusaarrayyuu, karaa hafuuraa guddina akka godhan isaan gargaaruu hin oolu. Nuhoo?

Sammuu Keessan Leenjisaa

Karaa hafuuraa ga’eessota ta’uuf, dandeettii yaaduu keenya leenjisuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos, ‘hojjechiisuudhaan’ akka ta’e ibseera. Akkuma namoota ogummaa jimnaastikii qabaniifi sochiiwwan ulfaataa nama gammachiisan hojjechuuf irreesaaniifi qaamasaanii shaakalaan leenjisanii, nuyis dandeettiin yaaduu keenya waan gaariifi gadhee gargar akka baasuuf leenjisuu qabna.

Mana Barumsaa Fayyaa Haarvaardi keessatti gargaaraa piroofeesara sammuu kan ta’an Joon Reetiin, “hojjechiisuun, waan sammuu keetiif gochuu dandeessu keessaa waan gaarii tokkodha” jedhaniiru. Yunivarsiitii Joorji Waashingitan keessa jirutti wiirtuu waa’ee dullumaa, waa’ee fayyaafi waa’ee ilmaan namootaa qoratu keessatti hogganaa kan ta’an Jiin Koohan akka jedhanitti, “sammuun keenya akka hojii ulfaataa akka hojjetu yeroo goonu, seelonni sammuu dameewwan haaraa oomishuu jalqabu; kunimmoo fiixeewwan seelii narvii tokkorraa isa kaanitti odeeffannoo dabarsan akka baay’atan godha.”

Erga akkas ta’ee, dandeettii yaaduu keenya hojjechiisuufi beekumsa Dubbii Waaqayyoo guddifachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Kana gochuudhaan, ‘jaalala Waaqayyoo’ raawwachuuf caalaatti kan qophoofne taana.—Rom. 12:1, 2.

Fedhii ‘Nyaata Jabaadhaaf’ Qabdan Guddifadhaa

‘Barsiisa isa warra ga’aniif kennamutti darbuu’ yoo barbaanne, akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Hubannaan dhugaa Macaafa Qulqulluurratti qabu dabalaa jiraa? Warri kaan karaa hafuuraa ga’eessa akkan ta’e isaanitti dhaga’amaa?’ Haati tokko, yeroo mucaanshee daa’ima ta’ee jiru aannaniifi nyaata daa’immanii isaa kennuusheetti ni gammaddi. Haata’u malee, waggoonni darbaa deemanis mucaanshee nyaata jabaa yoo nyaachuu baate hammam akka yaaddoftu yaadi. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu guddina gochuudhaan of murteessee ennaa cuuphamu arguun nu gammachiisa. Garuu, namni sun sana booda karaa hafuuraa guddina gochuu yoo dhaabehoo? Kun abdii kan nama kutachiisu mitii? (1 Qor. 3:1-4) Barsiisaan Macaafa Qulqulluu tokko, namni baratu sunis yeroo booda barsiisaa akka ta’u abdata.

Sammuu keenyatti fayyadamnee dhimma tokkorratti yaaduuf, xiinxaluun barbaachisaadha; kunimmoo carraaqqii gaafata. (Far. 1:1-3) Wantoonni akka televijiinii ykn wanti yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallannu, yaada waan hihhiraniifi sammuun baay’ee akka yaadu waan hin gooneef, wantoota barbaachisaa ta’anirratti akka hin xiyyeeffanne akka nu godhan heyyamuu hin qabnu. Dandeettii yaaduu keenya guddisuuf, fedhii Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessu qayyabachuuf qabnu guddisuu, akkasumas guutuu qabna. (Mat. 24:45-47) Sagantaa dhaabbataa dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu dubbisuuf baasneen alas, Waaqeffannaa Maatiitiif akkasumas, barumsa Macaafa Qulqulluu tokko gadi fageenyaan qayyabachuuf yeroo ramaduu qabna.

Meksikoo keessatti daawwataa olaanaa kan ta’e Jeronimoon, Masaraa Eegumsaa hundumaa akkuma isa ga’een akka qayyabatu dubbateera. Haadha manaasaa wajjin qayyabachuufis yeroo ni ramada. Jeronimoon akkas jedheera: “Haadha manaakoo wajjin guyyaa hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuu amaleeffanneerra; yeroo kanatti barreeffamoota akka birooshura ‘Biyyattii Abdachiifamte Ilaalaa’ (Ingiliffa) jedhamu jiranitti fayyadamna.” Kiristiyaanni Roonaaldi jedhamummoo, dubbisa Macaafa Qulqulluu torbanii yeroo hundumaa akka dubbisu ibseera. Akkasumas, qayyabannaa dhuunfaa yeroo dheeraa gidduutti xumuramu tokko ykn lama qaba. Roonaaldi, “Qayyabannaawwan kun, sagantaa qayyabannaa itti aanu hawwiidhaan akkan eeggadhu na godhu” jedheera.

Nuhoo? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluutiif akkasumas Dubbii Waaqayyoorratti xiinxaluuf yeroo ga’aa ramanneerraa? Dandeettii yaaduu keenya hojjechiisaa, akkasumas murtoowwan seera bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an gochuuf muuxannoo argachaa jirraa? (Fak. 2:1-7) Karaa hafuuraa ga’eessota ta’uuf, beekumsaafi ogummaa namoonni waan sirriifi dogoggora ta’e gargar baasuuf sammuusaanii leenjisan argatan argachuuf galma haa baafannu!

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Dandeettii yaaduu keenya ‘hojjechiisuudhaan’ ni leenjisna