Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Utuma Fira Dhukkubsate Kunuunsanii Karaa Hafuuraa Jabaachuu

Utuma Fira Dhukkubsate Kunuunsanii Karaa Hafuuraa Jabaachuu

Utuma Fira Dhukkubsate Kunuunsanii Karaa Hafuuraa Jabaachuu

DHUGAA BAATUU kan taate Kiim, lafee dugdashee biratti xannachi erga argamee booda, dhukkuba kaansariitiin akka qabamte beekame. * Abbaan manaashee Istiiv akkas jedha: “Kiim, xannachi sun yaalii baqaqsanii hodhuutiin erga ba’eefii booda, yaaliin fayyaa raadiyooteeraappiifi keemooteeraappii jedhamu godhameeraaf. Miidhaa yaaliin fayyaa kun geessiseen kan ka’e baay’ee dadhabdi turte. Asiif achi socho’uun baay’ee ishee rakkisa ture.”

Istiiv, haati manaasaa isheen jaallatu kun dhukkuba ishee laaffisu kanaa wajjin yommuu qabsooftu arguun, hammam akka isa dhiphisu tilmaamuu dandeessaa? Tarii, miseensa maatii dhukkuba hammaachaa deemuun ykn rakkoowwan dullumaan dhufaniin rakkatu qabda ta’a. (Lal. 12:1-7) Akkas taanaan, nama jaallattu kana sirriitti kunuunsuuf ofiifis of eeggachuu akka qabdu beekta. Karaa hafuuraa yoo dadhabde, miirriifi qaamnikees miidhamuufi miseensa maatii keetiif gargaarsa barbaachisu gochuun sitti ulfaachuu danda’a. Sochiiwwan hafuuraakee utuu hin dagatin, fira dhukkubsate ykn dulloomeef kunuunsa gochuu kan dandeessu akkamitti? Miseensonni gumii kaanoo, warra dhukkubsataniif akka yaadan argisiisuuf wanti gochuu danda’an jiraa?

Karaa Hafuuraa Utuu Of Hin Dagatin Kunuunsuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Yeroo nama dhukkubsate kunuunsitu fayyaa hafuuraafi qaamakeetii eeguuf, akka haalasaatti yeroofi humnakeetti sirriitti fayyadamuunkee barbaachisaadha. Fakkeenyi 11:2, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. Bakka kanatti jechi ‘gad of deebisuu’ jedhu, humna ofii beekuu jechuudha. Waan humnakeetii ol ta’e gochaa jiraachuufi dhiisuukee beekuuf, sagantaafi itti gaafatamummaa qabdu qoruun si barbaachisa.

Istiiv, itti gaafatamawwan isarra jiran irra deebi’ee qoruudhaan, ogeessa akka ta’eefi humnasaa akka beeku argisiiseera. Hojii qacaramee hojjetu malees, gumii Dhugaa Baatota Yihowaa Ayerlaanditti argamu keessatti qindeessaa qaama jaarsoliifi ilaaltuu olaanaa tajaajilaa ta’ee hojjeta ture. Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessattis miseensa ta’ee naannoosaatiif hojjeta. Istiiv akkas jedha: “Kiim itti gaafatamawwan kanaaf garmalee xiyyeeffannaa kennee akkan ishee dagadhe dubbachuudhaan guungumtee hin beektu. Ani garuu humnakoo ol hojjechaa akkan jiru beekan ture.” Istiiv haala kanaaf furmaata kan kenne akkamitti? Akkas jedha: “Kadhannaadhaan ergan irratti yaadee booda, qindeessaa ta’ee tajaajiluu dhiisuuf nan murteesse. Jaarsa ta’ee tajaajiluukoo kanan itti fufe ta’us, itti gaafatamummaan gumii keessatti qabu tokko tokko warra kaaniif hiruudhaan, Kiimiif yeroofi xiyyeeffannaa ishee barbaachisu kennuu danda’eera.”

Yeroo booda haalli fayyaa Kiim ni fooyya’e. Istiiviifi Kiim haalasaanii irra deebi’anii erga gamaaggamanii booda, Istiiv gargaarsa haadha manaasaatiin itti gaafatamummaa sanaan dura gumii keessatti qabu deebisee argachuu danda’eera. Istiiv akkas jedheera: “Lamaan keenyayyuu, rakkina dhukkubni uumu keessatti hojjechuu baranneerra. Yihowaan waan nu gargaareef baay’een isa galateeffadha; haati manaakoos fayyaa utuu hin qabaatin komii malee waan na deggerteef baay’een ishee galateeffadha.”

Fakkeenya Jeerii isa daawwataa olaanaa ta’eefi haadha manaasaa Maariyaa jedhamtuus ilaali. Warrasaanii dullooman kunuunsuuf, galmasaanii sirreessuun isaan barbaachisee ture. Maariyaan akkas jetteetti: “Aniifi abbaan manaakoo, biyya keenyaa alatti misiyoonota taanee tajaajiluuf galma qabna turre. Haata’u malee, warri Jeerii ijoollee kan biraa kan hin qabne ta’uusaaniirrayyuu, gargaarsi isaan barbaachisa ture. Kanaaf, isaan gargaaruuf Ayerlaandi keessa jiraachuuf murteessine. Kana gochuudhaan, abbaan Jeerii du’uusaa dura yeroo hospitaala ture hundaatti isa gargaaruu dandeenyeerra. Ammammoo haadha Jeerii wajjin guyyaa guyyaatti kan wal arginu ta’uusaarrayyuu, yoo gargaarsi ishee barbaachises isheetti dhihoo jirra. Gumiin haadha Jeerii gargaarsa guddaa kan godhu waan ta’eef, hojii daawwannaa keenya itti fufuu dandeenyeerra.”

Warri Kaan Gargaarsa Gochuu Kan Danda’an Akkamitti?

Phaawulos ergamaan, haadhotii hiyyeessaa maanguddoota ta’aniifi gumii keessatti argamaniif gargaarsa akkamii gochuun akka barbaachisu yeroo ibsu akkas jedheera: “Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti.” Phaawulos, Kiristiyaanonni hidhatasaa ta’an “Waaqayyo duratti fudhatama” argachuu yoo barbaadan, warra, akkoofi akaakayyuusaanii gargaaruu akka qaban isaan yaadachiiseera. (1 Xim. 5:4, 8) Haata’u malee, warri gumii keessa jiran kaanis isaan gargaaruu danda’u; gargaaruus qabu.

Haala Haakaniifi Iingar, haadha manaafi abbaa manaa ta’aniifi maanguddoota Siwiidin keessa jiraataniis ilaali. Haakan akkas jedha: “Yeroo haati manaakoo kaansariidhaan qabamuunshee beekame, lamaan keenyayyuu baay’ee rifanne. Iingar yeroo hunda fayyaafi cimtuu turte. Amma garuu guyyuma guyyaadhaan yaaliidhaaf hospitaala dhaquu qabna; qorichi dhukkuba kanaaf fudhattummoo ishee dadhabsa. Yeroo kanatti Iingar manaa kan hin baane ennaa ta’u, anis ishee wajjin ta’ee kunuunsa gochuufiin qaba.” Gumiinsaaniihoo Haakaniifi Iingariin kan gargaare akkamitti?

Jaarsoliin gumichaa, haati manaafi abbaan manaa kun walga’iiwwan gumii bilbilaan akka hordofan qophii godhaniiru. Kana malees, obboloonni qaamaanis ta’e bilbilaan isaan gaafatu turan. Xalayaafi kaardiis ni erguuf turan. Haakan akkas jedhe: “Gargaarsa Yihowaas ta’e obboloota hundumaa arganneerra. Karaa hafuuraa jabaannee itti fufuuf xiyyeeffannaan akkasii nu barbaachisa ture. Kan nama gammachiisu, Iingar fooyya’iinsa waan argatteef, Galma Mootummaa dhaqnee walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu dandeenyeerra.” Miseensonni gumii, obboloota dhukkubsataniifi maanguddoota gargaaruuf waan danda’an yommuu godhan, ‘michuu bara hundumaa jaallatuufi obboleessa yeroo gidiraatiif dhalate’ ta’uusaanii argisiisu.—Fak. 17:17, hiika bara 1899.

Yihowaan Carraaqqii Keessan Ni Dinqisiifata

Fira dhukkubsate kunuunsuun akka nama dadhabsu beekamaadha. Ta’uyyuu Daawit Mootichi, “Namni isa dadhabaadhaaf” fakkeenyaaf, nama dhukkubaan kan ka’e gargaarsi isa barbaachisuuf “yaadu haa gammadu!” jechuudhaan barreesseera.—Far. 41:1.

Warri nama dhukkubsate ykn dhiphate gargaaran kan gammadan maaliifi? Fakkeenyi 19:17, “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa” jedha. Waaqni inni dhugaan, tajaajiltootasaa amanamoo dhibee qabaniif ni yaada; warra isaan gargaaranis ni eebbisa. Daawit faarfatichi, “Waaqayyo [nama akkasii] siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa in kaasa” jechuudhaan faarfateera. (Far. 41:3) Namni jaalalaan warra kaan kunuunsu sun yoo rakkinni isarra ga’e, Yihowaan akka isa gargaaru mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

Yihowaan wanta fira dhukkubsate gargaaruuf goonu kan hubatuufi kan dinqisiifatu ta’uusaa beekuun, baay’ee nama hin gammachiisuu? Gargaarsa akkasii gochuun carraaqqii guddaa kan gaafatu ta’us, Caaffanni Qulqullaa’oon, “Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada” jechuudhaan nuu mirkaneessu.—Ibr. 13:16.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Karaa hafuuraa of hin dagatinaa; gargaarsa warri kaan isinii godhanis fudhadhaa