Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Aarii Keessan Toʼachuudhaan ‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa moʼaa’

Aarii Keessan Toʼachuudhaan ‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa moʼaa’

Aarii Keessan Toʼachuudhaan ‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa moʼaa’

‘Michoota ko! Ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Waan gaariidhaan isa hamaa moʼaa.ʼ—ROM. 12:19, 21.

1, 2. Imaltoonni Dhugaa Baatota taʼan fakkeenya gaarii akkamii taʼaniiru?

DHUGAA BAATONNI 34 yeroo waajjirri damee murteeffamu argamuuf jecha xiyyaarri ittiin deemaa turan rakkinni isa mudate. Xiyyaarichi bobaʼaa guuttachuuf saʼaatii tokkoof qofa akka dhaabatu yaadamee kan ture taʼus, saʼaatii 44f nyaata, bishaan ykn wantoota qulqullina ofii ittiin eegan utuu hin argatin buufata xiyyaaraa fagoo jiru tokko keessa turuuf dirqame. Imaltoonni hedduun baayʼee aaranii hojjettoota buufata sanaatti roorrisan. Obboloonni garuu calluma jedhan.

2 Dhumarratti, Dhugaa Baatonni bakka yaadan yommuu gaʼan, kutaa sagantichaa isa xumuraatu geggeeffamaa ture. Dadhabanii kan turan taʼus, sana booda obboloota achi turanii wajjin yeroo dabarsuusaaniitti gammadaniiru. Booddee, obsuufi of qabuunsaanii utuu hin hubatamin akka hin hafne beekan. Imaltoota kaan keessaa tokko hojjettoota daandii xiyyaaraatiin, “Xiyyaaricharra Kiristiyaanonni 34an sun utuu jiraachuu baatanii, buufata xiyyaaraatti lolli ni kaʼa ture” jedheera.

Biyya Lafaa Dheekkamsaan Guutame Keessa Jiraanna

3, 4. (a) Garmalee aaruun ilmaan namootaa kan miidhe akkamitti? Yoomii kaasee? (b) Qaayin aariisaa toʼachuu ni dandaʼa turee? Ibsi.

3 Biyya lafaa hamaa kana keessatti, rakkinni jireenya keessatti isaan mudatu namoonni akka dheekkaman gochuu dandaʼa. (Lal. 7:7) Yeroo baayʼee, dheekkamsi kun gara jibbaafi hammeenyaatti nama geessa. Waraanni, biyyoota gidduuttis taʼe keessatti kan uumamu siʼa taʼu, maatii hedduu keessattis wal dhabiinsi ni uumama. Dheekkamsiifi hammeenyi akkasii seenaa yeroo dheeraa qaba. Ilma angafaa Addaamiifi Hewwaan kan ture Qaayin, hinaaffaadhaan kakaʼee waan aareef obboleessasaa Abeeliin ajjeeseera. Qaayin, Yihowaan miirasaa akka toʼatu kan isa gorseefi akka isa eebbisu waadaa kan galeef taʼus, gocha nama suukanneessu kana raawwateera.—Uumama 4:6-8 dubbisi.

4 Qaayin cubbuu kan dhaale taʼus, dhimma kanarratti filannaa gochuu dandaʼa ture. Aariisaa toʼachuu ni dandaʼa ture. Gocha hammeenyaa raawwateef kan itti gaafatame kanaafi. Haaluma wal fakkaatuun, cubbuu kan dhaale taʼuun keenya aariifi gocha aariidhaan raawwatamurraa fagaachuun akka nutti ulfaatu godha. “Guyyoota gara dhumaatti” rakkoowwan gurguddaan kaanis dhiphina dabalataa geessisu. (2 Xim. 3:1) Fakkeenyaaf, rakkinni dinagdee miira keenyarratti dhiphina fiduu dandaʼa. Poolisiifi dhaabbileen maatii gargaaran, aariifi hammeenyi mana keessatti raawwatamu babalʼachuunsaa rakkina dinagdee wajjin kan wal qabate akka taʼe ibsu.

5, 6. Ilaalcha biyyi lafaa aariidhaaf qabu isa kamtu dhiibbaa nurraan gaʼa?

5 Kana malees, namoota wajjin oollu keessaa baayʼeensaanii, “ofittoo,” “afuufamoo” akkasumas “warra namatti hin madaqne[dha].” Amalawwan gadheen akkasii salphaatti nutti darbuu, akkasumas nu aarsuu dandaʼu. (2 Xim. 3:2-5) Yeroo baayʼee fiilmiiwwaniifi sagantaawwan televijiinii, haaloo baafachuu akka waan gaariitti, hammeenyas waan baramaa akka taʼeefi waan gaarii rakkoo hiikuuf gargaaru akka taʼetti dhiheessu. Sagantaawwan televijiinii baraman, namoonni ilaalan namni hamaan seenicha keessa jiru yommuu “gatiisaa argatu” arguuf hawwu; kana jechuunimmoo yeroo baayʼee dhumni nama akkasii nama seenicha keessatti goota taʼe tokkoon ajjeefamuudha.

6 Ololli akkasii, ilaalcha Waaqayyoo utuu hin taʼin, ilaalcha “hafuura biyya lafa kanaa” akkasumas ilaalcha Seexanaa bulchaasaa isa dheekkamaa taʼee kan babalʼisudha. (1 Qor. 2:12; Efe. 2:2; Mul. 12:12) Hafuurri kun, fedhii foon keenya isa cubbamaa kan guddisu taʼuusaarrayyuu, hafuura qulqulluufi ija hojiisaa wajjin wal faallessa. Dhugumayyuu, barumsi buʼuuraa Kiristiyaanummaa haaloo baʼuu hin jajjabeessu. (Maatewos 5:39, 44, 45 dubbisi.) Barumsawwan Yesus caalaatti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamittiree?

Fakkeenyawwan Gaariifi Gadhee

7. Simooniifi Lewwiin aariisaanii toʼachuu dhiisuunsaanii maal geessise?

7 Macaafni Qulqulluun aarii toʼachuu ilaalchisee gorsa baayʼee kenna; kana malees, fakkeenyawwan aarii toʼachuun buʼaa maalii akka argamsiisuufi toʼachuu dhiisuun miidhaa maalii akka geessisu argisiisan qabateera. Ilmaan Yaaqoob Simooniifi Lewwiin, Sheekem isa obboleettiisaanii Dhinee gudeedeerratti haaloo yeroo baʼanitti waan raawwatame ilaalaa. “Garaan isaanii in gubate, aaraniis in bobaʼan.” (Uma. 34:7) Achiis, ilmaan Yaaqoob warri kaan magaalaa Sheekem weeraranii, saamanii, dubartootaafi ijoolleesaanii boojiʼan. Kana kan godhan sababii Dhineetiin qofa utuu hin taʼin, of tuulummaadhaan akkasumas salphinni akka isaanirra gaʼe yaaduudhaan ture. Sheekem isaaniinis taʼe abbaasaanii Yaaqoobiin akka aarse isaanitti dhagaʼameera. Yaaqoob garuu gochasaanii kana akkamitti ilaale?

8. Seenaan Simooniifi Lewwii, haaloo baʼuu ilaalchisee maal argisiisa?

8 Wanti gadheen Dhineerra gaʼe, Yaaqoobiin baayʼee akka gaddisiise beekamaadha; taʼuyyuu, ilmaansaa haaloo baʼuusaaniitiin isaan balaaleffateera. Simooniifi Lewwiin garuu, “Yoos akkuma gaalamootaatti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?” jechuudhaan gochisaanii sirrii taʼuusaa dubbataniiru. (Uma. 34:31) Haataʼu malee, Yihowaan waan isaanitti hin gammanneef, dhimmisaa kanumaan hin xumuramne. Waggoota hedduu booda Yaaqoob, Simooniifi Lewwiin hammeenyaafi gocha aarii waan raawwataniif, sanyiinsaanii gosoota Israaʼel gidduutti akka bittinnaaʼu raajii dubbateera. (Uumama 49:5-7 dubbisi.) Eeyyee, aariinsaanii inni toʼannaadhaan ala ture, Waaqayyoofi abbaasaanii duratti fudhatama isaan dhabsiiseera.

9. Daawit hamma xinnoodhaaf aariidhaaf moʼamee kan oole yoomi?

9 Haalli Daawit Mootichaa garuu kanarraa adda ture. Carraa hedduu kan qabu taʼus, haaloo baʼuuf tarkaanfii hin fudhanne. (1 Sam. 24:3-7) Yeroo tokko garuu, hamma xinnoodhaaf aariidhaaf moʼamee oole. Namni dureessi Naabaal jedhamu tokko, Daawitiifi namoonnisaa hoolotasaa kan eeganiif taʼus, isaan arrabse. Tarii Daawit keessumaa namootasaarra goree, haaloo baʼuuf qophaaʼee ture. Daawitiifi namoonnisaa Naabaaliifi maatiisaa balleessuuf deemaa utuu jiranii, dargaggeessi tokko waan taʼaa jiru haadha manaa Naabaal ishee hubattuu turte Abigaayilitti himee, tarkaanfii akka fudhattu ishee gorse. Isheenis yeruma sana kennaa hedduu qabattee gara Daawit dhaqxe. Tuffii Naabaal argisiiseef gad of deebisuudhaan dhiifama gaafattee, Daawit Yihowaa akka sodaatu isa kadhatte. Daawit gara yaadasaatti deebiʼee, “Harʼa dhiiga dhangalaasuu irraa, harka kootiinis ijaa baafachuu irraa waan na oolchiteef sin jajadha!” jedheen.—1 Sam. 25:2-35.

Ilaalcha Kiristiyaanaa

10. Kiristiyaanonni, haaloo baʼuudhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

10 Wanti Simooniifi Lewwiin raawwatan, akkasumas Daawitiifi Abigaayil gidduutti raawwatame, Yihowaan aarii gara hin qabneefi hammeenya akka jibbu, akkasumas carraaqqii nagaa uumuuf godhamu akka eebbisu ifa godha. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta dandaʼamu hundumaa godhaa! Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaaʼaa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera. Iddoo tokkotti immoo, ‘Diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeellaʼu in goota, [“giimii mataasaarratti walittinqabdaʼoo” hiika bara 1899]’ jedhamee caafameera. Waan gaariidhaan isa hamaa moʼi malee, hamaan si hin moʼin!”—Rom. 12:18-21. *

11. Obboleettiin tokko aariishee toʼachuu kan baratte akkamitti?

11 Gorsa kana hojiirra oolchuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko waaʼee hoggantuushee ishee haaraa jaarsa gumii tokkotti himatti. Waan sirrii taʼe akka hin gooneefi hamtuu akka taate itti himti. Dubartii sanatti baayʼee waan aarteef, hojicha dhaabuu barbaadde. Jaarsi kun garuu, jarjartee tarkaanfii akka hin fudhanne ishee gorse. Obboleettiin kun wanta hoggantuunshee isheerratti raawwatteef aariidhaan tarkaanfii yoo fudhatte, haallisaa akka itti caalu hubate. (Tit. 3:1-3) Obboleessi kun, yeroo booda hojii kan biraa yoo argattellee, hammeenya isheerratti raawwatamuuf deebii kenniturratti jijjiirama gochuun akka ishee barbaachisu itti hime. Hoggantuushee sana, akkuma Yesus nu barsiise karaa isheen qabamuu barbaadduun akka ishee qabdu itti hime. (Luqaas 6:31 dubbisi.) Obboleettiin kun kana gochuuf walii galte. Buʼaansaa maal ture? Yeroo muraasa booda, hoggantuunshee ilaalchisee kan fooyyaʼe yommuu taʼu, obboleettii kana hojiisheetiif galateeffatteetti.

12. Keessumaa walitti buʼiinsi Kiristiyaanota gidduutti uumamu, miira namaa miidhuu kan dandaʼu maaliifi?

12 Nama gumii Kiristiyaanaatii ala taʼee wajjin wanti akkasii yommuu uumamu nu hin dinqisiisu taʼa. Sirna Seexanni seerratu kana keessatti yeroo baayʼee jireenyi rakkisaa akka taʼeefi namoonni hamoon akka nu hin aarsine of eeggachuu akka qabnu beekna. (Far. 37:1-11; Lal. 8:12, 13; 12:13, 14) Haataʼu malee, namoota karaa hafuuraa obboloota keenya taʼanii wajjin rakkinni yeroo uumamu, baayʼee miidhamuu dandeenya. Dhugaa Baatuun tokko akkas jechuudhaan waan yaadattu ibsiti: “Yeroon dhugaa fudhadhu wanti na rakkise inni guddaan, sabni Yihowaa cubbuu kan dhaalan taʼuusaanii amanuu ture.” Namoonni gumii keessa jiran hundi gaarummaa akka walitti argisiisan abdachuudhaan, addunyaa jaalala hin qabneefi namaa hin yaanne keessaa dhufneerra. Kanaaf, keessumaammoo Kiristiyaanni gumii keessatti itti gaafatamummaa qabu tokko, kan namaaf hin yaadne yoo taʼe ykn waan Kiristiyaana tokkorraa hin eegamne yoo godhe, nu miidhuu ykn nu aarsuu dandaʼa. ‘Wanti akkasii Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu akkamitti jiraata?’ jennee gaafanna taʼa. Dhugaasaa dubbachuuf, Kiristiyaanota dibamoo bara ergamoota Yesus turan gidduuttillee wanti akkasii uumamee ture. (Gal. 2:11-14; 5:15; Yaq. 3:14, 15) Yeroo miidhamnu maal gochuu qabna?

13. Walitti buʼiinsa moʼuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? Kana kan goonuhoo akkamitti?

13 Obboleettiin olitti ibsamte, “Nama na miidhe hundaaf kadhachuun baradhe. Kun yeroo hunda na gargaara” jetteetti. Akkuma armaan olitti dubbisne, Yesus warra nu ariʼataniif akka kadhannu nu barsiiseera. (Mat. 5:44) Warra karaa hafuuraa obboloota keenya taʼaniifimmoo, kana caalaa kadhachuu hin qabnuuree? Akkuma abbaan tokko ijoolleensaa akka wal jaallatan barbaadu, Yihowaanis tajaajiltoonnisaa lafarra jiran akka wal jaallatan barbaada. Nagaafi gammachuudhaan barabaraan yeroo itti waliin jiraannu hawwiidhaan eegganna; Yihowaan ammas akkasitti akka jiraannu nu barsiisaa jira. Tokkummaadhaan hojiisaa isa guddaa akka hojjennu barbaada. Kanaafuu, walitti buʼiinsa uumame hiikuu ykn balleessaa ‘irra namaaf darbuudhaan’ tokkummaadhaan itti haa fufunu. (Fakkeenya 19:11 dubbisi.) Yeroo rakkinni uumamu obboloota keenyarraa fagaachuu mannaa, saba Waaqayyoo gidduu jiraachuufi ‘irreesaa isa barabaraa’ jalatti eegumsa argachuuf wal gargaaruu qabna.—Kes. 33:27.

Nama Hundumaaf Garraamii Taʼuun Buʼaa Gaarii Argamsiisa

14. Dhiibbaa Seexanni nu qoqqooduuf nurratti geessisu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Seexanniifi hafuuronni hamoon misiraachicha lallabuurraa duubatti akka jennu gochuuf, maatiiwwaniifi gumiiwwan gammachuu qaban jeequuf yaalii guddaa gochaa jiru. Maatii keessattis taʼe gumii keessatti tokkummaa dhabuun balaa guddaa akka qabu waan beekaniif, nu qoqqooduuf yaalu. (Mat. 12:25) Dhiibbaa gadhee isaan geessisan ofirraa dhowwuuf, gorsa Phaawulos, “Hojjetaan gooftichaa nama hundumaatti gaarummaa argisiisuun, . . . isaaf in taʼa malee, nama qoccoluun isaaf hin taʼu” jechuudhaan kenne fudhachuun keenya barbaachisaadha. (2 Xim. 2:24) Walʼaansoon keenya ‘namoota foon uffatanii wajjin utuu hin taʼin, macca hafuurota hamminaa’ wajjin taʼuusaa hin dagatinaa. Walʼaansoo kanarratti moʼuuf, “wangeela nagaa” dabalatee miʼa lola hafuuraa hidhachuu qabna.—Efe. 6:12-18.

15. Namoonni gumiidhaa ala jiran yeroo miidhaa nurra geessisan maal gochuu qabna?

15 Diinonni Yihowaa gumiidhaa ala jiran, sabasaa warra nagaa qabanirratti lola guddaa banu. Diinota kana keessaa tokko tokko, Dhugaa Baatota Yihowaarratti miidhaa qaamaa ni geessisu. Kaanimmoo karaa sabqunnamtii ykn mana murtiitti maqaa keenya balleessu. Yesus bartoonnisaa kun akka isaanirra gaʼu akka eegan itti himee ture. (Mat. 5:11, 12) Yeroo akkasiitti maal gochuu qabna? Jechaanis taʼe gochaan ‘deebifnee hamaa irratti hojjechuu hin qabnu.ʼ—Rom. 12:17; 1 Phexros 3:16 dubbisi.

16, 17. Gumii tokko qorumsa akkamiitu isa mudate?

16 Seexanni waanuma barbaade yoo nurraan gaʼeyyuu, ‘waan gaariidhaan isa hamaa moʼuudhaan’ akka gaariitti dhugaa baʼuu dandeenya. Fakkeenyaaf, gumiin odoola Paasifiik tokko, galma Ayyaana Yaadannoo itti kabaju kireeffate. Abbootiin taayitaa amantii, kana yeroo dhagaʼan, saʼaatii nuyi galmicha itti qabannetti miseensonnisaanii sagantaa amantichi geggeessuuf galma sanatti akka walitti qabaman itti himan. Ajajjuun poolisii garuu, abbootiin taayitaa amantii sun galmicha Dhugaa Baatota Yihowaatiif akka dhiisan isaan ajaje. Taʼus, yommuu yeroonsaa gaʼu miseensonni amantii sanaa galmicha guutanii sagantaasaanii jalqaban.

17 Poolisoonni humnaan galmicha keessaa isaan baasuuf qophaaʼaa utuu jiranii, pireezidaantiin amantichaa gara jaarsa gumii tokkoo dhufee, “Galgala kana sagantaa adda taʼe qabduu?” jedhee isa gaafate. Obboleessi keenya waaʼee Ayyaana Yaadannoo erga itti himee booda, namichi, “Ani hin beekun ture!” jedheen. Yeroo kana poolisiin tokko, “Harʼa ganama isinitti himnee turre!” jedhee itti iyye. Namni amantii sun jaarsa gumichaatti siqee irra keessa seeqaa akkas jedhe: “Amma maal gochuufiree? Namoonni keenya galmicha guutaniiru. Poolisiin akka nu ariʼu gochuuf jettuu?” Dhugaa Baatonni waan isaan ariʼatan fakkeessuuf haxxummaadhaan dubbachuusaa ture! Obboloonni keenya maal godhu laata?

18. Obboloonni, wanti nama aarsu yeroo isaan mudatu maal godhan? Buʼaansaahoo maal ture?

18 Dhugaa Baatonni Yihowaa, miseensonni amantii sun saʼaatii walakkaadhaaf tajaajilasaanii akka raawwataniifi sana booda isaan Ayyaana Yaadannoo akka kabajan godhan. Tajaajilli jaraa saʼaatii heyyamameefirra darbe; taʼus erga miseensonnisaanii baʼanii booda Ayyaanichi kabajame. Borumtaasaa, mootummaan koree dhimma sana qoratu hundeesse. Koreen sun dhimmasaa erga qoree booda, manni sagadaa sun rakkina kan uume pireezidaantii amantichaa malee Dhugaa Baatota akka hin taane akka beeksisu dirqisiise. Kana malees, koreen sun Dhugaa Baatonni Yihowaa haala rakkisaa sana keessatti obsa argisiisuusaaniitiin isaan galateeffate. Carraaqqiin Dhugaa Baatonni kun, “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf” godhan buʼaa gaarii argamsiiseera.

19. Wanti warra kaanii wajjin nagaa akka qabaannu godhu kan biraan maalidha?

19 Warra kaanii wajjin nagaa qabaachuuf wanti gargaaru kan biraanimmoo, dubbii gurratti tolu dubbachuudha. Matadureen ittaanu, dubbiin gurratti tolu maal akka taʼeefi akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu ibsa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 10 Bara duriitti namoonni sibiila baqsuuf, irraafi jalasaatti “giimii” naquudhaan xuriisaa irraa baasu turan. Namoota gaarii hin taanetti gaarummaa argisiisuun keenya, ilaalchasaanii jijjiiruudhaan amalasaanii isa gaarii baasuu dandaʼa.

Ibsuu Dandeessaa?

• Yeroo harʼaa namoonni biyya lafaa baayʼee kan aaran maaliifi?

• Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu aarii toʼachuun buʼaa maalii akka argamsiisu ykn toʼachuu dhiisuun miidhaa maalii akka geessisu ibsan kamfaʼi?

• Hidhanni amantii keenya yoo nu miidhe maal gochuu qabna?

• Namni gumiidhaa ala jiru tokko yoo nu miidhe maal gochuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Simooniifi Lewwiin, aariinsaanii kan irraa gale erga aariidhaaf moʼamanii booda ture

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Gaarummaa argisiisuun ilaalcha namootaa jijjiiruu dandaʼa