Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbiin Gurratti Tolu Walitti Dhufeenya Cimsa

Dubbiin Gurratti Tolu Walitti Dhufeenya Cimsa

Dubbiin Gurratti Tolu Walitti Dhufeenya Cimsa

“Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu . . . haa taʼu.”—QOL. 4:6.

1, 2. Obboleessi tokko dubbii gurratti tolu dubbachuunsaa buʼaa maalii argamsiise?

OBBOLEESSI tokko akkas jechuudhaan gabaaseera: “Manaa gara manaa utuun lallabuu, nama baayʼee aaruusaatiin kan kaʼe hidhiinsaa sirbuufi guutummaan qaamasaa hurgufamu tokkon argadhe. Caaffata Qulqullaaʼoorraa sababii dhiheessee isatti himuuf kanan yaale taʼus, aariinsaa ittuma caalaa dhufe. Haati manaafi ijoolleensaas narratti kaʼan; yeroo kanatti deemuu akkan qabun hubadhe. Nagaadhaan akkan dhufeefi nagaadhaan deemuu akkan barbaadun isaanitti hime. Galaatiyaa 5:22, 23 baasee bakka jaalalli, garraamummaan, of dhowwuufi nagaan itti ibsamanan isaanitti argisiise. Sana booda nan deeme.

2 “Booddee, manneen karaarra jiranitti yeroon tajaajilu, maatiin sun balbalasaanii dura taaʼaniin arge; isaanis na waaman. ‘Maaliif na waaman laata?’ jedheen yaade. Namichi joogiitti bishaan diilallaaʼaa qabatee akkan dhugu na afeere. Balleessaasaatiif dhiifama gaafatee, amantii jabaa qabaachuu kootiif na galateeffate. Achiis, nagaadhaan gargar baane.”

3. Warri kaan akka nu aarsan heyyamuu kan hin qabne maaliifi?

3 Addunyaa dhiphinaan guutame kana keessatti, yeroo baayʼee tajaajilarrattis taʼe bakka biraatti namoota aaranii wajjin wal arguun waan hin oolledha. Yeroo kanatti, “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” deebisuu qabna. (1 Phe. 3:16) Obboleessi olitti ibsame kun, aariifi hamminni namichaa akka isa aarsu utuu heyyameera taʼee, ilaalchi namichaa akka kanaan hin jijjiiramu ture; sana caalaayyuu aaruu dandaʼa ture. Obboleessi kun of toʼatee dubbii tolu dubbachuunsaa buʼaa gaarii argamsiiseera.

Haasaan Gurratti Kan Tolu Akka Taʼu Kan Godhu Maalidha?

4. Dubbii gurratti tolu dubbachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

4 Warra gumiidhaa alas taʼe gumii keessa jiranii wajjin ykn maatii keenyaa wajjinillee yommuu haasofnu, gorsa Phaawulos ergamaan “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaaʼaa haa taʼu” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Qol. 4:6) Haasaa miʼaawaafi sirriin akkasii, walitti dhufeenya gaariifi nagaa qabaachuuf barbaachisaadha.

5. Akka gaariitti waliin haasaʼuu jechuun maal jechuu miti? Fakkeenyaan ibsi.

5 Akka gaariitti waliin haasofna jechuun, keessumaa yeroo aarrutti waan yaanneefi nutti dhagaʼame hunda dubbanna jechuu miti. Caaffanni Qulqullaaʼoon, toʼannaa tokko malee aarii ofii ibsuun, jabina utuu hin taʼin dadhabina namaa kan argisiisu akka taʼe ibsu. (Fakkeenya 25:28; 29:11 dubbisi.) Museen inni namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa “guddaa obsaqabeessa” ture, yeroo tokko hamminni saba Israaʼel aariisaa toʼachuu akka dadhabuufi Waaqayyoof ulfina akka hin laanne akka isa godhu heyyamee ture. Museen wanta isatti dhagaʼame ifatti kan dubbate taʼus, Yihowaan isatti hin gammanne. Museen waggoota 40f Israaʼeloota erga geggeessee booda, Biyyattii Abdachiifamtetti isaan galchuuf mirga hin arganne.—Lak. 12:3, hiika bara 1899; 20:10, 12; Far. 106:32.

6. Hubannaadhaan dubbachuu jechuun maal jechuudha?

6 Caaffanni Qulqullaaʼoon, yeroo dubbannu akka of qabnuufi hubannaa akka qabaannu nu jajjabeessu. “Yommuu dubbiin baayʼatu cubbuun hin hafu, namni arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha.” (Fak. 10:19; 17:27) Hubannaa qabaachuu jechuun garuu, matumaa miira ofii ibsuu dhiisuu jechuu miti. Kanaa mannaa, haasaa keenya kan nama miidhu utuu hin taʼin kan nama fayyisu, jechuunis “gurratti kan tolu” gochuu jechuudha.Fakkeenya 12:18; 18:21 dubbisi.

“Calluma Jechuun Yeroo Qaba, Dubbachuunis Yeroo Qaba”

7. Wanta akkamii dubbachuu hin qabnu? Maaliif?

7 Namoota wajjin hojjennuufi namoota keessummaa taʼanii wajjin dubbii gurratti tolu of eggannoodhaan akkuma dubbannu, gumii keessattiifi manattis akkasuma gochuu qabna. Rakkina inni uumu utuu tilmaama keessa hin galchin aarii ofii ofirraa galchuuf dheekkamsaan dubbachuun, fayyaa hafuuraa, miiraafi qaamaa keenyas taʼe kan warra kaanii miidhuu dandaʼa. (Fak. 18:6, 7) Miirawwan gadheen cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya argisiisan toʼatamuu qabu. Dheekkamsi, nama qaanessuun, tuffiiniifi jibbi dogoggoradha. (Qol. 3:8; Yaq. 1:20) Wantoonni kun, walitti dhufeenya namootaafi Yihowaa wajjin qabnu balleessuu dandaʼu. Yesus akkas jechuudhaan barsiiseera: “Eenyu illee obboleessa isaatti yoo dheekkame abboota firdii duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ‘Doofaa’ yoo jedhe yaaʼii biyya seerratu duratti itti in faradama; obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ yoo jedhe ibidda qililleetti itti in faradama.”—Mat. 5:22.

8. Miira keenya yeroo akkamiitti ibsuu qabna? Garuu haala akkamiitiin?

8 Taʼuyyuu, dhimmawwan irratti haasaʼuun gaarii akka taʼe murteessinu tokko tokko jiraachuu dandaʼu. Wanti obboleessi tokko jedhe ykn godhe salphaatti bira darbuu hamma hin dandeenyetti yoo si jeeqe, jibbi garaakee keessatti akka guddatu hin heyyamin. (Fak. 19:11) Namni tokko yoo si aarse, miirakee toʼachuudhaan dhimma sanaaf furmaata argachuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhadhu. Phaawulos, “Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin!” jechuudhaan barreesseera. Rakkinni uumame si jeequusaa waan itti fufuuf, yeroo mijaaʼaa taʼetti dhimmasaarratti gaarummaadhaan mariʼadhaa. (Efesoon 4:26, 27, 31, 32 dubbisi.) Walitti dhufeenya sanaan dura qabdan deebisuuf yaaduudhaan, dhimmasaarratti obboleessakee wajjin ifatti gaarummaadhaan haasaʼi.—Lew. 19:17; Mat. 18:15.

9. Warra kaan haasofsiisuu keenya dura, miira keenya toʼachuu kan qabnu maaliifi?

9 Yeroo gaarii taʼe filachuu akka qabdu beekamaadha. “Calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba.” (Lal. 3:1, 7) Kana malees, “namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada.” (Fak. 15:28) Kunimmoo, rakkoo sana baasanii dubbachuu dura xinnoo irratti yaaduu dabalata. Yeroo namni tokko baayʼee aaree jirutti isa haasofsiisuun caalaatti dubbii balleessuu dandaʼa; yeroo dheeraa turuunisimmoo gaarii miti.

Gochi Gaarummaa Walitti Dhufeenya Gaarii Cimsa

10. Gochi gaarummaa, walitti dhufeenya fooyyessuu kan dandaʼu akkamitti?

10 Dubbiin gaarummaadhaan dubbatamuufi akka gaariitti waliin haasaʼuun, walitti dhufeenyi nagaa qabu akka itti fufu godha. Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu fooyyessuuf waan dandeenye gochuun keenya, qunnamtii isaanii wajjin qabnu nuu fooyyessa. Garaadhaa kakaanee warra kaaniif waan gaarii gochuun, isaan gargaaruuf carraa barbaaduun, garaadhaa kakaanee kennaa isaanii kennuufi keessummummaa isaan simachuun, akka gaariitti waliin haasaʼuuf carraa banuu dandaʼa. Kana gochuun keenya nama tokkorratti ‘giimii walitti qabuufi’ amalawwan gaarii inni qabu baasuudhaan isa haasofsiisuun akka nutti salphatu gochuu dandaʼa.—Rom. 12:20, 21, hiika bara 1899.

11. Yaaqoob, walitti dhufeenya obboleessasaa wajjin qabu fooyyessuuf dursa kan fudhate akkamitti? Buʼaansaahoo maal ture?

11 Abbaa amantii kan taʼe Yaaqoob kana hubatee ture. Esaawu inni lakkuusaa taʼe baayʼee isatti aaree waan tureef, Yaaqoob Esaawu na ajjeesa jedhee sodaachuudhaan baqatee ture. Waggoota hedduu booda Yaaqoob ni deebiʼe. Esaawu namoota 400 fudhatee isaa wajjin wal arguu dhufe. Yeroo kanatti Yaaqoob, Yihowaan akka isa gargaaru kadhate. Achiis, Esaawuuf kennaa horii baayʼee of dura erge. Kennaan sun kaayyoosaa galmaan gaʼeera. Yeroo wal argan, garaan Esaawu laafee waan tureef Yaaqoobitti fiigee isa hammate.—Uma. 27:41-44; 32:6, 11, 13-15; 33:4, 10.

Dubbii Gaariidhaan Warra Kaan Jajjabeessaa

12. Obboloota keenyatti dubbii gaarii dubbachuu kan qabnu maaliifi?

12 Kiristiyaanonni, nama utuu hin taʼin Waaqayyoon tajaajilu. Taʼuyyuu, warra kaan biratti fudhatama argachuu barbaaduun keenya waanuma jirudha. Dubbiin gaarummaadhaan dubbannu, obboloota keenyarraa baʼaa salphisuu dandaʼa. Isaan ceephaʼuun garuu, baʼaansaanii caalaatti akka isaanitti ulfaatu gochuufi obboloonni tokko tokkommoo Yihowaa biratti fudhatama qabaachuusaanii akka shakkan gochuu dandaʼa. Kanaaf, warra kaanitti garaadhaa wantoota nama jajjabeessan jechuunis, “dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhagaʼuufis ayyaana kan kennu” haa dubbannu.—Efe. 4:29.

13. Jaarsoliin (a) yeroo gorsa kennan, (b) yeroo xalayaa barreessan maal yaadachuu qabu?

13 Keessumaammoo jaarsoliin, “garraamii” taʼanii karra hoolotaa gara laafinaan kunuunsuu qabu. (1 Tas. 2:7, 8) Jaarsoliin gorsa kennuun yommuu isaan barbaachisu, “warra ittiin morman” wajjinillee yeroo haasaʼan, galmisaanii “hafuura gara-laafinaatiin” isaan gorsuudha. (2 Xim. 2:24, 25) Jaarsoliin gumii, qaama jaarsolii kan biraa ykn waajjira damee wajjin xalayaa walii barreessuun ennaa isaan barbaachisuttis, yaadasaanii garraamummaadhaan ibsuu qabu. Maatewos 7:12 wajjin haala walsimuun gaariifi mala qabeeyyii taʼuu qabu.

Maatii Keessatti Dubbii Gaarii Dubbachuu

14. Phaawulos abbootii manaatiif gorsa maal jedhu kenne? Maaliif?

14 Wanti dubbannu, miirri fuula keenyarratti mulʼatuufi sochiin qaama keenyaa, dhiibbaa warra kaanirratti geessisu salphisnee ilaalla taʼa. Fakkeenyaaf, dhiironni tokko tokko dubbiinsaanii dubartootarratti dhiibbaa guddaa akkamii akka geessisu guutummaatti hin hubatan taʼa. Obboleettiin tokko, “Abbaan manaakoo aariidhaan sagaleesaa ol kaasee yommuu dubbatu na sodaachisa” jetteetti. Jechi cimaan, dhiira caalaa dubartiitti ulfaachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, yeroo dheeraadhaaf kan hin irraanfatamne taʼuu dandaʼa. (Luq. 2:19) Keessumaa nama isheen jaallattuufi kabajuu barbaadduu wajjin haala wal qabateen kun dhugaadha. Phaawulos, “Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!” jechuudhaan abbootii manaa gorseera.—Qol. 3:19.

15. Abbaan manaa haadha manaasaa garraamummaadhaan qabuun kan isarra jiru maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

15 Kana ilaalchisee, obboleessi gaaʼela godhateefi muuxannoo qabu tokko, abbaan manaa haadha manaasaa akka “qodaa cabu” tokkootti garraamummaadhaan kan qabu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibseera. Akkas jedhe: “Qodaa suphee gati jabeessa taʼeefi of eeggannoo barbaadu tokko jabeessitee qabuu hin qabdu, taʼuu baannaan ni caba. Yoo suphamellee cabaansaa ni mulʼata. Abbaan manaa haadha manaasaatti jecha baayʼee ulfaataa taʼe yoo dubbate, ishee miidhuu dandaʼa. Kun, walitti dhufeenyasaaniirratti baqaqaa hin badne uumuu dandaʼa.”—1 Phexros 3:7 akka hiika addunyaa haaraatti dubbisi. *

16. Haati manaa tokko maatiishee ijaaruu kan dandeessu akkamitti?

16 Dhiironnis, haadha manaasaanii dabalatee dubbiin warra kaanii isaan jajjabeessuu ykn isaan miidhuu dandaʼa. “Haati manaa hubattuun” isheen abbaan manaashee ‘ishee amanatu,’ akkuma isheen isarraa barbaaddu, miira abbaa manaashee tilmaama keessa galchiti. (Fak. 19:14; 31:11) Eeyyee, haati manaa, maatii keessatti dhiibbaa gaarii ykn gadhee geessisuu dandeessi. “Dubartoonni ogeeyyiin hundinuu mana isaanii in ijaaru, warri gowwoonni garuu, harka isaaniitiin mana ofii isaanii in diigu.”—Fak. 14:1.

17. (a) Ijoolleen warrasaanii haala akkamiitiin haasofsiisuu qabu? (b) Warri gurguddaan ijoollee akkamitti haasofsiisuu qabu? Maaliif?

17 Warriifi ijoolleenis gaarummaadhaan walitti dubbachuu qabu. (Mat. 15:4) Ijoolleedhaaf kan yaannu taʼuun keenya, yeroo isaan haasofsiisnu ‘tuttuqnee isaan aarsuurraa’ of qusachuuf nu kakaasa. (Qol. 3:21; Efe. 6:4.) Ijoolleen adabamuu kan qaban taʼullee, warris taʼan jaarsoliin kabajaan isaan haasofsiisuu qabu. Warri gurguddaan akkas gochuudhaan, ijoolleen amalasaanii sirreessuufi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban jabeessuun salphaa akka isaaniif taʼu godhu. Isaanitti akka abdii kutanne akka itti dhagaʼamuufi isaanis ofitti akka abdii kutatan gochuu mannaa, karaa kanaan isaan gargaaruu keenya wayya. Ijoolleen, gorsa isaanii kenname hunda hin yaadatan taʼa; haala warri kaan isaanitti itti dubbatan garuu hin irraanfatan.

Waan Gaarii Garaadhaa Dubbachuu

18. Yaadaafi miira nama miidhurraa walaba taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Aarii toʼachuu jechuun, fuularratti akka hin beekamne gochuu qofa miti. Kaayyoon keenya aarii keenya ukkaamsuurra kan darbe taʼuu qaba. Keessi keenya aaree utuu jiruu of tasgabbeessuun, dhiphina nutti fida. Akkas gochuun, konkolaataa yommuu oofan peedaalii fireeniifi peedaalii bobaʼaarra al takkaatti ejjechuu wajjin wal fakkaata. Kana gochuun, konkolaatichatti rakkina dabaluudhaan balaa geessisuu dandaʼa. Kanaaf, aariikee ukkaamsuudhaan booda akka tokkaʼu hin godhin. Yihowaan miira si miidhu garaakee keessaa balleessuuf akka si gargaaru kadhadhu. Hafuurri Yihowaa sammuufi garaakee jijjiiruudhaan, fedhasaa wajjin akka wal sii simsiisu heyyami.—Roomaa 12:2; Efesoon 4:23, 24 dubbisi.

19. Aariidhaan walitti dubbachuurraa akka of qusannu kan nu gargaaru maalidha?

19 Tarkaanfii miirakee toʼachuuf si gargaaru fudhadhu. Haala nama dhiphisu keessa kan jirtuufi aariin si keessatti guddachaa kan jiru yoo taʼe, dhimmasaa yeroodhaaf guutummaatti dhiisuudhaan miirrikee akka tasgabbaaʼu yeroo kenniif. (Fak. 17:14) Namni ati haasofsiisaa jirtu aaruu yoo jalqabe, gaarummaadhaan dubbachuuf carraaqqii dabalataa godhi. Kana yaadadhu: “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.” (Fak. 15:1) Dubbiin nama miidhu ykn nama aarsu, sagalee gaariidhaan dubbatamullee ibiddatti bobaʼaa naquu wajjin tokkodha. (Fak. 26:21) Kanaaf, haalli of qabuun akka sitti ulfaatu godhu yoo uumame, “dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa” taʼi. Waan gaarii malee waan gadheen afaankee keessaa akka hin baane akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu.—Yaq. 1:19.

Garaadhaa Dhiifama Gochuu

20, 21. Warra kaaniif dhiifama gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Dhiifama gochuu kan qabnuhoo maaliifi?

20 Eenyuyyuu arrabasaa guutummaatti toʼachuu kan hin dandeenye taʼuunsaa nama gaddisiisa. (Yaq. 3:2) Miseensonni maatii keenyaafi obboloonni hafuuraa keenya jaallatamoo taʼan, carraaqqii guddaa godhaniyyuu al tokko tokko waan miira keenya miidhu dubbachuu dandaʼu. Daftee aaruu mannaa, wanta sana kan dubbatan maaliif akka taʼe hubachuuf obsaan qori. (Lallaba 7:8, 9 dubbisi.) Dhiibbaan isaanitti godhamee, sodaatanii, miirri gaariin utuu itti hin dhagaʼamin hafee ykn rakkina alaa ykn keessaa wajjin qabsaaʼaa turanii laata?

21 Haalawwan akkasii kun garuu, aarii keenya ibsuuf sababii nuuf hin taʼan. Kanaa mannaa, wantoota kana hubachuun keenya namoonni wanta dubbachuu ykn gochuu hin qabne maaliif akka dubbatan ykn godhan hubannee, dhiifama akka isaaniif goonu nu kakaasuu qaba. Hundi keenya wanta warra kaan miidhu dubbanneerra, gooneerras; isaanis gaarummaadhaan dhiifama akka nuu godhan ni abdanna. (Lal. 7:21, 22) Yesus, dhiifama Waaqayyoo argachuuf namootaaf dhiifama gochuu akka qabnu dubbateera. (Mat. 6:14, 15; 18:21, 22, 35) Kanaafuu, maatii keenya keessattis taʼe gumii keessatti jaalala isa “wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu” qabaannee itti fufuuf, dafnee dhiifama gaafachuufi dhiifama gochuu qabna.—Qol. 3:14.

22. Dubbii gaarii dubbachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

22 Sirni dheekkamsaan guutame kun badiisnisaa yeroo dhihaachaa deemu, gammachuufi tokkummaa keenya qabannee itti fufuun caalaatti ulfaataa taʼa. Seerawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman hojiirra oolchuun keenya, arraba keenyatti karaa gadhee utuu hin taʼin, karaa gaariidhaan akka itti fayyadamnu nu gargaara. Gumii keessattis taʼe maatii keessatti walitti dhufeenya gaarii qabaanna; karaa kanaan fakkeenya taʼuun keenyas, waaʼee ‘Waaqa keenya isa gammadaa’ warra kaaniif akka gaariitti dhugaa baʼa.—1 Xim. 1:11, NW.

[Miiljaleewwan]

^ key. 15 “Abbootii manaa nana, isinis isaanii wajjin kennaa jireenyaa kan dhaaltan waan taataniif, kadhannaan keessan akka hin ittifamneef dubartoota warra isin caalaa qodaa cabu taʼaniif ulfina kennuudhaan, akkuma kanaan beekumsaan isaanii wajjin jiraachuu keessan itti fufaa.”

Ibsuu Dandeessaa?

• Walitti buʼiinsa hiikuuf yeroo mijaaʼaa filachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Miseensonni maatii yeroo hunda ‘haasaa gurratti tolu’ walitti dubbachuu kan qaban maaliifi?

• Waan nama miidhu dubbachuurraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Dhiifama walii gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Miirakee tasgabbeessuudhaan dubbachuuf yeroo mijaaʼaa barbaaddadhu

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Namni tokko yeroo hundumaa haadha manaasaatti gaarummaadhaan dubbachuu qaba