Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gumii Cimsuu Keessan Itti Fufaa

Gumii Cimsuu Keessan Itti Fufaa

Gumii Cimsuu Keessan Itti Fufaa

“Wal jajjabeessaa, wal cimsaas!”—1 TAS. 5:11.

1. Gumii Kiristiyaanaa keessatti argamuun eebba akkamii argamsiisa? Taʼus rakkoowwan akkamiitu jira?

MISEENSA gumii Kiristiyaanaa taʼuun eebba guddaadha. Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabda. Dubbiisaa akka qajeelfamaatti hordofuunkee, miidhaa jireenya Kiristiyaanaa jiraachuu dhiisuun geessisurraa si eega. Michoota dhugaa waan gaarii siif yaadaniin marfamteetta. Eeyyee, eebbi argatte hedduudha. Kiristiyaanonni hedduun garuu, rakkoowwan addaddaa wajjin qabsaaʼaa jiru. Isaan keessaa tokko tokkommoo barumsawwan gad fagoo Dubbii Waaqayyoo keessa jiran hubachuuf gargaarsi isaan barbaachisa taʼa. Kaanis ni dhukkubsatu ykn ni dhiphatu, yookiinimmoo miidhaa murtoo dogoggoraa gochuudhaan isaanitti dhufeen rakkachaa jiru taʼa. Kana malees, hundi keenya biyya lafaa Waaqayyoorraa fagaate keessa jiraanna.

2. Obboloonni keenya yeroo rakkinni isaan mudatu maal gochuu qabna? Maaliif?

2 Eenyuun keenyayyuu taanaan, namoonni hidhata keenya taʼan yeroo dhiphatan ykn yeroo rakkatan arguu hin barbaannu. Phaawulos ergamaan, gumiin dhagna tokko akka taʼe kan ibse siʼa taʼu, “Buʼaa dhagnaa kana keessaa inni tokko yoo dhiphate, hundinuu isaa wajjin in dhiphatu” jedheera. (1 Qor. 12:12, 26) Haalawwan akkasii keessatti, obboloota keenya gargaaruuf carraaquu qabna. Seenaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo, miseensonni gumii, warri kaan rakkina isaanirra gaʼe akka dandaʼaniifi akka moʼan gargaaruusaanii ibsan hedduutu jira. Amma seenaawwan sana tokko tokkoon yeroo qorru, namoota gargaarsa akka kennan ibsamanii wajjin haala wal fakkaatuun akkamitti gargaarsa gochuu akka dandeessan yaadaa. Obboloota keessan karaa hafuuraa gargaaruudhaan, gumii Yihowaa cimsuu kan dandeessan akkamitti?

‘Ofitti Isa Fudhatan’

3, 4. Aqiilaafi Phrisqiilaan Apholosin kan gargaaran akkamitti?

3 Apholos yeroo Efesooniin jiraachaa tures hinaaffaadhaan Wangeela lallabaa ture. Seenaan Hojii Ergamootaarra jiru akkas jedha: “Inni cuuphaa Yohannis duwwaa beeke, dubbii gooftaas waa barsiifame, hafuura gubaadhaan waaʼee Yesus qajeeltootti in lallaba, in barsiisas ture.” Apholos “maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis” cuuphamuun maal jechuu akka taʼe hin beeku jechuun, bartoota Yohannis Cuuphaa ykn duuka buutota Yesus Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee dura turantu isaaf lallabe jechuu taʼuu dandaʼa. Apholos hinaaffaa kan qabu taʼuyyuu, barumsawwan barbaachisaa hin hubanne qaba ture. Namoota hidhata amantiisaa taʼanii wajjin michuu taʼuunsaa kan isa gargaare akkamitti?—HoE. 1:4, 5; 18:25; Mat. 28:19.

4 Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼaniifi Aqiilaafi Phrisqiilaa jedhaman, Apholos mana sagadaa keessatti ija jabinaan lallabuusaa yeroo dhagaʼan, ofitti isa fudhatanii beekumsa dabalataa isaaf kennan. (Hojii Ergamootaa 18:24-26 dubbisi.) Kun wanta jaalalasaanii argisiisudha. Aqiilaafi Phrisqiilaan, Apholositti kan dhihaatan malaan, akkasumas isa gargaaruuf fedhii akka qaban karaa argisiisuun malee, isa ceephaʼuudhaan hin turre. Beekumsisaa xinnoo kan taʼe, seenaa gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa waan hin beekneef taʼuu dandaʼa. Apholos michoota odeeffannoo dabalataa barbaachisaa taʼe kana isaa kennan argachuusaatti baayʼee gammadee akka ture beekamaadha. Apholos beekumsa argate kanaan, obbolootasaa Akaayyaa jiran ‘baayʼee kan gargaare’ taʼuusaarrayyuu, akka gaariitti lallabeera.—HoE. 18:27, 28.

5. Babalʼistoonni Mootummichaa kumaan lakkaaʼaman gargaarsa jaalalarratti hundaaʼe akkamii kennu? Kunoo buʼaa maalii argamsiisa?

5 Warri yeroo harʼaatti gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hedduunis, namoota Macaafa Qulqulluu akka hubatan isaan gargaaran baayʼee galateeffatu. Barattootaafi barsiistotasaanii danuu gidduutti michummaa cimaan uumameera. Yeroo baayʼee, namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruun, isaanii wajjin jiʼoota hedduudhaaf maree gochuu kan gaafatudha. Haataʼu malee, kana gochuun jireenya namootaa wajjin kallattiidhaan kan wal qabate waan taʼeef, babalʼistoonni Mootummichaa aarsaa gochuuf of qopheessaniiru. (Yoh. 17:3) Namoonni dhugaa yeroo hubatan, haala isaa wajjin walsimuun yeroo jiraataniifi jireenyasaaniitti fedha Yihowaa raawwachuuf yeroo itti fayyadaman arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru!

“Maqaa Gaarii Qaba Ture”

6, 7. (a) Phaawulos, Ximotewos isaa wajjin akka deemu kan isa filate maaliifi? (b) Ximotewos guddina akkamii akka godhu gargaarsa argateera?

6 Phaawulosiifi Siilaas adeemsa misiyoonummaasaanii isa lammaffaarratti yeroo Lisxiraa dhaqanitti, dargaggeessa Ximotewos jedhamuufi tarii umrii dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba digdammanii keessa ture tokko argatanii turan. “Ximotewos amantoota Lisxiraadhaa fi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qaba ture.” Haati Ximotewos Ewuniiqeefi akkoonsaa Loʼis Kiristiyaanota yeroo taʼan, abbaansaa garuu nama amanu hin turre. (2 Xim. 1:5) Phaawulos maatii kanaa wajjin kan wal bare, waggaa lama dura yeroo jalqabaatiif naannoo sana ennaa dhaqetti taʼuu hin oolu. Haataʼu malee, yeroo kanatti Ximotewos dargaggoota kaanirraa adda waan tureef, Phaawulos dinqisiifannaa isaaf qabu ibseera. Kanaaf, Ximotewos heyyama qaama jaarsolii naannoo sanaatiin, hojii misiyoonummaarratti gargaaraa Phaawulos taʼeera.—Hojii Ergamootaa 16:1-3 dubbisi.

7 Ximotewos michuusaa isa umriidhaan isa caalurraa waan baratu baayʼee qaba ture. Innis guddina waan argisiiseef, Phaawulos yeroo booda Ximotewos gumiiwwan akka daawwatuufi bakka buʼaasaa akka taʼu isatti amanamee hamma isa erguutti gaʼeera. Gara waggaa 15f Phaawulosii wajjin kan tajaajile siʼa taʼu, dargaggeessi muuxannoo hin qabne tariimmoo ija laafessa ture kun, guddina argisiisee ilaaltuu olaanaa gaarii taʼeera.—Filp. 2:19-22; 1 Xim. 1:3.

8, 9. Miseensonni gumii dargaggoota jajjabeessuuf maal gochuu dandaʼu? Fakkeenya kenni.

8 Dargaggoonniifi shamarran yeroo harʼaatti gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hedduun, dandeettii guddachuu dandaʼu qabu. Michoonnisaanii warri muuxannoo qaban dargaggoota kana yoo jajjabeessaniifi yoo gargaaran, saba Yihowaa gidduutti itti gaafatamummaa gurguddaa fudhachuuf carraaquu dandaʼu. Mee warra gumii keessan keessa jiran ilaalaa! Dargaggoonni akkuma Ximotewos of dhiheessan isinitti mulʼatuu? Gargaarsaafi jajjabina isaanii kennitaniin, qajeelchitoota, miseensa maatii Betʼel, misiyoonota ykn ilaaltoota olaanaa taʼuu dandaʼu. Galmawwan kanarra gaʼuuf akka carraaqan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

9 Maartiin, inni waggoota 20f miseensa maatii Betʼel taʼe, waggaa 30 dura yeroo inniifi ilaaltuun olaanaa aanaa tokko waliin tajaajilan jaalala inni isatti argisiisee ture yeroo yaadatu ni galateeffata. Ilaaltuun olaanaa kun, tajaajila yeroo dargaggummaasaa Betʼelitti raawwachaa ture ilaalchisee miira hoʼaadhaan dubbata ture. Karaa taʼe tokkoon jaarmiyaa Yihowaatiif of dhiheessuuf akka yaadu Maartiiniin jajjabeesse. Maartiin mareen hin irraanfatamne sun, filannoo inni boodarratti godheef guddaa akka isa gargaare itti dhagaʼama. Atis waaʼee galmawwan tiʼookraasii, dargaggoota michootakee taʼanitti dubbachuudhaan tarkaanfii akka fudhatan gochuu dandeessa taʼa.

“Warra Dhiphatan Jajjabeessaa”

10. Ephafrodixositti maaltu dhagaʼamee ture? Maaliif?

10 Ephafrodixos Filiphisiiyusii kaʼee karaa dheeraafi dadhabsiisaa taʼe adeemee, Phaawulos isa sababii amantiisaatiif hidhame gaafachuuf Roomaa dhaqe. Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif ergamee dhaqeera. Kennaa obboloonni Phaawulosiif ergan geessuu qofa utuu hin taʼin, haala rakkisaa taʼe sana keessatti isa gargaaruuf isaa wajjin turuu barbaadee ture. Haataʼu malee, Ephafrodixos utuu Roomaa jiruu dhukkubsatee “duʼee oole.” Yeroo kanatti, dhimma itti ergameef utuu hin raawwatin akka hafe waan isatti dhagaʼameef dhiphatee ture.—Filp. 2:25-27.

11. (a) Namni gumii keessa jiru tokko yoo dhiphate nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Phaawulos Ephafrodixosiin ilaalchisee yaada akkamii kenneera?

11 Dhiibbaawwan garagaraa yeroo harʼaa jiran namoonni akka dhiphatan godhu. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka gabaasetti, namoota 5 keessaa 1 jireenyasaa keessatti yeroo taʼe tokkotti ni dhiphata. Tajaajiltoonni Yihowaas kanarraa walaba miti. Wanta maatiif barbaachisu dhiheessuu dadhabuun, dhukkubni, cubbuu hojjetaniin kan kaʼe abdii kutachuun ykn wkf namni tokko akka dhiphatu gochuu dandaʼu. Warri Filiphisiiyus Ephafrodixosiin gargaaruuf maal gochuu dandaʼu turan? Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Maqaa gooftaatti gammachuu guutuudhaan isa simaa, namoota akkasiifis ulfina kennaa! Inni sababii hojii Kristosiif duʼatti dhiʼaate, isa isin anaaf akka hojjetuuf ergitan raawwachuufis jireenya isaa fittee irraan gaʼe.”—Filp. 2:29, 30.

12. Wanti namoota dhiphataniif madda jajjabinaa taʼuu dandaʼu maalidha?

12 Nuyis obboloota abdii kutatan ykn dhiphatan jajjabeessuu qabna. Tajaajila Yihowaa keessatti waan raawwatan ilaalchisee, wanti gaariin dubbachuu dandeenyu akka jiru homaa hin shakkisiisu. Kiristiyaanota taʼuuf ykn tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf, tarii jireenyasaanii keessatti jijjiirama guddaa godhaniiru taʼa. Carraaqqii isaan godhan dinqisiifachuufi Yihowaanis akka isaan dinqisiifatu mirkaneessuufii dandeenya. Kiristiyaanota amanamoo tokko tokko dullumni ykn haalli fayyaasaanii hamma kanaan duraa akka hin raawwanne yoo isaan dhowwe, tajaajila waggoota hedduudhaaf raawwataniif isaan kabajuun keenya barbaachisaadha. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, Yihowaan namoota amanamoo hunda, ‘Warra garaan isaanii sodaate toosisaa [“warra dhiphatan jajjabeessaa,” NW] warra dadhabaniif yaadaa, namoota hundumaafis dandaʼaa’ jechuudhaan gorsa.—1 Tas. 5:14.

“Yakka Isaa Dhiiftaniifii Isa Jajjabeessuun Isiniif Taʼa”

13, 14. (a) Gumiin Qorontos tarkaanfii cimaa akkamii fudhatee ture? Maaliif? (b) Nama cubbuu hojjete sana gumiidhaa baasuunsaanii buʼaa akkamii argamsiise?

13 Gumii Qorontos isa jaarraa jalqabaatti ture keessa, namni ittuma fufee ejja raawwatu jira ture. Gochisaa kun gumii kan xureessuu siʼa taʼu, namoota hin amannellee kan rifaasisu ture. Kanaaf, Phaawulos namichi gumii keessaa akka baafamu ajajuunsaa sirriidha.—1 Qor. 5:1, 7, 11-13.

14 Adabni sun buʼaa gaarii argamsiiseera. Gumiin sun akka hin mancaane kan eege taʼuusaarrayyuu, namni cubbuu raawwate sun qalbiisaa jijjiirratee gochasaarraa akka deebiʼu isa gargaareera. Namichi sun wanta qalbii jijjiirrachuusaa argisiisu waan raawwateef, Phaawulos ergaasaa isa lammaffaarratti gara gumiitti deebiʼuu akka qabu ibseera. Wanti barbaadamu garuu kana qofa hin turre. Phaawulos gumichas akkas jedhee ajajeera: “Namichi gadda baayʼee guddaadhaan liqimfamuu isaa irra, isin yakka isaa dhiiftaniifii isa jajjabeessuun isiniif taʼa.”—2 Qorontos 2:5-8 dubbisi.

15. Namoota cubbuu hojjetanitti gaabbanii gara gumiitti deebiʼan akkamitti ilaaluu qabna?

15 Seenaa kanarraa maal baranna? Namni tokko gumiidhaa baafamuunsaa baayʼee nu gaddisiisa. Maqaa Yihowaa arrabsiisee, akkasumas maqaa gumiichaa balleessee taʼuu dandaʼa. Tarii dhuunfaatti nuunis nu miidhee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, jaarsoliin haala qajeelfama Yihowaa wajjin walsimuun dhimma sana qoranii, namni cubbuu hojjetetti gaabbe sun deebiʼee miseensa gumii taʼuu akka qabu murteessuunsaanii, Yihowaan dhiifama akka isaaf godhe argisiisa. (Mat. 18:17-20) Nuhoo fakkeenya Yihowaa hordofuu hin qabnuu? Dhugumayyuu, hamaa taʼuufi dhiifama gochuu diduun Yihowaa mormuudha. Gumiin Waaqayyoo, nagaafi tokkummaa, akkasumas Yihowaa duratti fudhatama akka qabaatu gochuuf, namoota yaada garaa geddarachuudhaan gara gumiitti deebiʼan akka ‘isaan jaallannu argisiisuu’ hin qabnuuree?—Mat. 6:14, 15; Luq. 15:7.

“Waaʼee Anaaf In Baasa”

16. Phaawulos Maarqositti kan aare maaliifi?

16 Seenaan Caaffata Qulqullaaʼaa kan biraanimmoo, nama nu aarserratti haaloo qabachuu akka hin qabne ibsa. Fakkeenyaaf, Yohannis inni Maarqos jedhamu, Phaawulosiin baayʼee aarsee ture. Akkamitti? Phaawulosiifi Barnaabaas adeemsa misiyoonummaasaanii isa jalqabaa yeroo godhanitti, Maarqos isaan gargaaruuf wajjin adeemee ture. Haataʼu malee, utuu karaa adeemaa jiranii sababii hin beekamneen, Yohannis Maarqos isaan dhiisee gara manasaatti deebiʼe. Phaawulos murtoo inni godhe kanaan baayʼee mufatee waan tureef, adeemsa misiyoonummaa lammaffaa gochuuf yeroo karoorfatanitti, yaada Maarqos nu wajjin deemuu qaba jedhurratti Barnaabaasii wajjin walitti buʼanii turan. Phaawulos adeemsasaanii isa jalqabaarratti wanta uumame waan yaadatuuf, Maarqos isaanii wajjin akka adeemu hin barbaanne.—Hojii Ergamootaa 13:1-5, 13; 15:37, 38 dubbisi.

17, 18. Walitti buʼinsi Phaawulosiifi Maarqos gidduu ture hiikamuusaa akkamitti beekna? Nuhoo kanarraa maal baranna?

17 Maarqos, Barnaabaasii wajjin biyya kan biraatti sochii misiyoonummaa raawwachuusaa waan itti fufeef, Phaawulos biratti fudhatama dhabuunsaa abdii akka isa kutachiisu akka hin heyyamne beekamaadha. (HoE. 15:39) Wanti Phaawulos waggoota muraasa booda waaʼeesaa barreesse, nama amanamaa taʼuusaa kan mirkaneessudha. Phaawulos inni amma Roomaatti hidhamee jiru, Ximotewosiin ergaa isaaf barreessuudhaan isa waameera. Ergaa sanarratti Phaawulos, “Maarqosin of duukaa fidii kottu! Inni anaaf ergamuudhaan waaʼee anaaf in baasa” jedheera. (2 Xim. 4:11) Eeyyee, akka ilaalcha Phaawulositti Maarqos jijjiirama godheera.

18 Kanarraa wanta barannu qabna. Maarqos amala misiyoonii gaarii horateera. Jalqabarratti Phaawulos biratti fudhatama dhabuunsaa isa hin gufachiisne. Innis taʼe Phaawulos Yihowaa wajjin hariiroo cimaa kan qaban waan turaniif, jibbi gidduusaanii ture yeroo dheeraaf akka itti fufu hin heyyamne. Kanaa mannaa, Phaawulos, Maarqos yeroo booda gargaaraa dhimma isaaf baasu taʼuusaa hubateera. Kanaaf, obboloota gidduutti walitti buʼinsi uumamee rakkoonsaa yeroo darbutti, wanti sirriin godhamuu qabu namoonni kun karaa hafuuraa guddina akka godhan gargaaruu keenya itti fufuudha. Amala gaarii warri kaan qabanirratti xiyyeeffachuun gumiin akka cimu godha.

Gaʼee Gumiinis Taʼe Isin Qabdan

19. Miseensonni gumii Kiristiyaanaa hundi gargaarsa akkamii walii gochuu dandaʼu?

19 ‘Guyyoota gara dhumaa sodaachisaa’ taʼan kanatti, gargaarsi obboloota gumii keessa jiranii si barbaachisa; isaanis gargaarsakee ni barbaadu. (2 Xim. 3:1) Kiristiyaanonni tokko tokko haala isaan mudate karaa sirrii taʼeen akkamitti hiikuu akka dandaʼan hin beekan taʼa; Yihowaan garuu beeka. Warri kaan karaa sirrii taʼerra akka adeeman gargaaruuf, siinis dabalatee miseensota gumii addaddaatiin fayyadamuu dandaʼa. (Isa. 30:20, 21; 32:1, 2) Kanaaf, yeroo hundumaa gorsa Phaawulos ergamaan kenne hojiirra oolchuuf carraaqi! “Akkuma amma gochaa jirtan, wal jajjabeessaa, wal cimsaas!”—1 Tas. 5:11.

Maal Jettee Deebista?

• Namoota gumii Kiristiyaanaa keessa jiran cimsuun kan nu barbaachisu maaliifi?

• Warri kaan rakkoowwan akkamii akka moʼan gargaaruu dandeessu?

• Gumii keenya keessatti gargaarsi warra kaanii kan nu barbaachisu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe tokko, yeroo haalli rakkisaan isa mudatu isa gargaaruu dandeenya

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Dargaggoonniifi shamarran yeroo harʼaatti gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hedduun dandeettii guddachuu dandaʼu qabu