Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalalaan Tokko Taʼuu—Gabaasa Walgaʼii Waggaa

Jaalalaan Tokko Taʼuu—Gabaasa Walgaʼii Waggaa

Jaalalaan Tokko Taʼuu⁠—⁠Gabaasa Walgaʼii Waggaa

WARRI Galma Walgaʼii Guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Magaalaa Jeersii, Niwuu Jeersii Yuu.Ees.Ee. jirutti walgaʼan, bakka kanatti argamuun baayʼee isaan gammachiisee ture. Onkoloolessa 3, 2009, ganama namoonni 5,000 ol taʼan, walgaʼii waggaa, 125⁠ffaa Waldaa Masaraa Eegumsaa Pensilvaaniyaa gochuuf walgaʼanii turan. Namoonni kumaan lakkaaʼaman kaanimmoo, sagalee ykn viidiyoo gamoowwan Betʼel Yuunaayitid Isteetisiifi Kaanaadaatti argaman sadii wajjin wal qabsiifameen saganticha hordofaniiru. Dimshaashumatti, namoonni 13,235 jaalala Yihowaaf qabaniin tokko taʼan, walgaʼii saʼaatii sadiif ture kanarratti argamaniiru.

Dura taaʼaan walgaʼii kanaa miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Jeefrii Jaaksan ture. Innis garee obboloota maatii Betʼel faarfannaawwan kitaaba faarfannaa keenya isa haaraarraa fudhataman faarfatan beeksisuudhaan saganticha jalqabe. Garee faarfattoota kanaa kan geggeesse miseensa Qaama Olaanaa Deevid Ispileen siʼa taʼu, innis barbaachisummaa muuziqaan waaqeffannaa dhugaa keessatti qabu gabaabaatti ibseera. Dhaggeeffattoonni faarfannaawwan haaraa sadii akka faarfatan afeeramanii turan; dura gareen faarfattootaa kan faarfatan siʼa taʼu, achiis gareen kuniifi dhaggeeffattoonni waliin faarfataniiru. Gareen faarfattootaa akka faarfatan kan godhame walgaʼii adda taʼe kanaaf malee, walgaʼiiwwan gumii, aanaa ykn koonyaarratti haala kanaan akka faarfatamuuf miti.

Gabaasa Waajjiroota Damee

Miseensonni Koree Waajjiroota Damee walgaʼicharratti argaman, gabaasa waajjiroota damee shanii dhiheessaniiru. Keneez Liitil, waajjirri damee Kaanaadaa hojii maxxansaa dachaa kudhaniin guddisuudhaan, yeroo dhihootti Yuunaayitid Isteetisiifi Kaanaadaadhaaf barreeffamoota baayʼee maxxansuu akka jalqabu ibseera. Kana galmaan gaʼuuf, maashiniin maxxansaa inni haaraan, guyyaatti dabaree lama jechuunis saʼaatii 16 akka hojjetu godhama.

Ranar Toomsan hojii Mootummichaa Dominikaan Rippablikitti geggeeffamu ilaalchisee gabaasa kan dhiheesse yommuu taʼu, Albarti Ooliinimmoo sochii Mootummichaa Naayijeeriyaa keessatti godhamu ibseera. Eemiil Kiritisiingar Dhugaa Baatonni Yihowaa Moozaambiik keessa jiran, ariʼatama waggoottan kudhaniin lakkaaʼamaniif ture booda, bara 1992 seeraan akka galmeeffaman ibseera. Dhiheenya kana biyyoottan sadan kanatti lakkoofsi babalʼistootaa baayʼee dabaleera. Waajjira damee Awustiraaliyaarraa kan dhufe Viiv Mooritiiz, guddina Tiimoor Bahaa ishee waajjira damee Awustiraaliyaa jala jirtuu dubbateera.

Koreewwan Qaama Olaanaa

Bara 1976⁠tti, sochiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hundi, koreewwan Qaama Olaanaa jaʼa jala akka galan godhame. Booda garuu, miseensonni hoolota kan biraa gargaartota taʼanii muudamaniiru. Yeroo ammaa obboloonni 23 hojii hojjetamaa jirurratti gargaartota taʼanii tajaajilaa jiru. Isaan keessaa obboloota jaʼaaf gaafannoon godhameera. Obboloonni kun tajaajila yeroo guutuu keessatti walumatti qabaatti waggaa 341 kan turan yommuu taʼu, tokkoon tokkoonsaanii giddu galeessaan waggaa 57 tajaajilaniiru.

Doon Adamsi inni bara 1943⁠tti Betʼel gale, Koreen Qindeessitootaa, koreewwan shanan hafanirraa kan walitti qindaaʼe akka taʼeefi shananuu rakkoo tokko malee waltaʼiinsaan akka hojjetan kan gargaaru taʼuusaa ibseera. Koreen kun, haalawwan akka tasaa uumaman, ariʼatama, dhimmawwan mana murtii, balaawwaniifi dhimmawwan ariifachiisaan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa mara jiranirra yommuu gaʼan tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhata.

Daan Moolkaan, Koreen Parsoneelii nageenya hafuuraafi qaamaa miseensota maatii Betʼel addunyaa maraa 19,851 taʼan toʼatu hojiinsaa maal akka taʼe ibseera. Deevid Siinkiler, Koreen Maxxansaa bittaa meeshaawwan waajjiroota dameetiif bitaman hunda akkamitti akka toʼatu dubbateera. Itti aansuudhaan, Roobarti Woolan inni Betʼel keessatti gara waggaa 60 tajaajile, Koreen Taajilaa sochii sabni Yihowaa tajaajilarrattiifi gumii keessatti godhan akkamitti akka toʼatu ibseera. Wiiliyaam Maaleenfoonti, hojii cimaa Koreen Barumsaa sagantaawwan walgaʼii koonyaa qopheessuuf hojjetu ibse. Dhumarratti Joon Wiischak Koreen Barreeffamaa, qophiifi hojii barreeffamoota keenya qopheessuu of eeggannoodhaan akkamitti akka toʼatu ibse. *

Caqasni Waggaa 2010 Jaalalarratti Xiyyeeffata

Haasaawwan sadan itti aanan miseensota Qaama Olaanaatiin dhihaatan. Geerit Loosh gaaffii, “Warri kaan akka isin jaallatan ni barbaadduu?” jedhu gaafachuudhaan jalqabe. Jaalalli fedhii ilmaan namootaa isa buʼuuraa waan taʼeef, hundi keenya jaalala yommuu argannu akka lalisnu ibseera. Yihowaan kan nu uume jaalala ofittummaarraa walaba taʼeen kakaʼee waan taʼeef, jiraachuu kan dandeenye jaalalasaatiini. Wanti akka lallabnuufi akka barsiisnu nu kakaasu inni guddaan jaalala Yihowaaf qabnudha.

Jaalala isa seera buʼuuraatiin geggeeffamu fira keenya qofatti utuu hin taʼin, diinota keenyattis argisiisuu qabna. (Mat. 5:43-45) Geerit Loosh, dhaggeeffattoonni, Yesus nuuf jecha reebamuu, arrabsamuu, itti tufamuufi waraanamuusaa akka hubatan isaan jajjabeesseera. Kun hundi isarra gaʼuyyuu, loltoota isa fannisaniif kadhateera. Kun caalaatti isa jaallachuuf nu hin kakaasuu? Sana booda, caqasa waggaa 2010 isa 1 Qorontos 13:7, 8⁠rratti hundaaʼeefi ‘Jaalalli hundumaa obsa. Jaalalli yoomiyyuu hin badu’ jedhu beeksise. Barabaraaf jiraachuu qofa utuu hin taʼin, barabaraaf jaallachuufi jaallatamuufis abdii qabna.

Bobaʼaa Dhumaa Jiruun Deemaa Jirtaa?

Saamuʼel Hardi, fakkeenya tokko dubbachuudhaan haasaasaa jalqabe. Michuun keessan karaa kiilomeetira 50 taʼu akka adeemtan konkolaataasaa isin yaabbachiise haa jennu. Iddoo keessan teessanii bobaʼaan akka dhume lakkooftuu bobaʼaarraa hubattan. Konkolaatichi bobaʼaa akka fixe michuu keessanitti himtu. Inni garuu, akka hin yaaddofneefi bobaʼaan akka liitrii afurii akka jiru isinitti hima. Haataʼu malee, utuma hin turin bobaʼaan ni dhume. ‘Bobaʼaan yoo dhumee’ konkolaatichi karaatti akka dhaabatu utuu beekanii oofuun sirriidhaa? Kanaa mannaa bobaʼaa guuttachuun baayʼee gaarii mitii? Nuyis, bobaʼaan keenya inni beekumsa Yihowaatti fakkeeffame yoomiyyuu guutuu taʼuu qaba.

Kanaaf, bobaʼaa gaʼaa qabachuuf yeroo hundaa guuttachuu nu barbaachisa. Karaawwan afuriin kana gochuu dandeenya. Tokkoffaa, qayyabannaa dhuunfaa gochuu, jechuunis Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuufi akka gaariitti hubachuudha. Dubbisuu qofa utuu hin taʼin wanta dubbisne hubachuu qabna. Lammaffaa, Waaqeffannaa Maatii galgalaatti akka gaariitti fayyadamuudha. Torban torbaniin bobaʼaa keenya guuttannamoo, bobaʼaa xinnoo qofa naqanna? Sadaffaa, walgaʼiiwwan gumiirratti argamuudha. Afuraffaa, bakka jeequmsi hin jirretti karaawwan Yihowaarratti yaaduudhaan xiinxaluudha. Faarfannaan 143:5, “Guyyoota bara durii nan yaadadha, wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira” jedha.

“Warri Qajeeltonni . . . In Ifu”

Joon Baar haasaa sadaffaafi isa dhumaa, fakkeenya Yesus waaʼee qamadiifi inkirdaadaa dubbate ibsu kenneera. (Mat. 13:24-30, 38, 43) Fakkeenyi sun, ‘yeroo midhaan sassaabbii’ isa “ilmaan mootummaa” itti walitti qabamaniifi inkirdaanni gubamuuf adda itti baafamu kan ibsudha.

Obboleessi keenya Baar, hojiin sassaabbii kun barabaraaf akka itti hin fufne ibseera. Maatewos 24:34 isa, “Wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni siʼanaa kun hin darbu” jedhu caqaseera. Yaada akkas jedhu siʼa lama dubbise: “Yesus, dibamtoonni bara 1914 yommuu milikkitichi jalqabe argan, dibamtoota kaan yommuu rakkinni guddaan jalqabu arganii wajjin yeroo tokko keessa akka jiraatan dubbachuusaa akka ture beekamaadha.” “Dhaloonni siʼanaa” umrii hangamii akka qabu sirriitti beekuu baannus, garee yeroo tokko keessa waliin jiraatan lamaan kana kan dabalatudha. Dibamtoonni kun umrii gara garaa kan qaban taʼus, warri garee lamaan kana keessa jiraniifi dhalooticha jedhaman, kutaa guyyoota gara dhumaatti yeroo tokko keessa waliin jiraatu. Dibamtoonni, dibamtoota bara 1914 yommuu milikkitichi jalqabe arganii wajjin yeroo tokko keessa jiraataniifi umriinsaanii warra kaanirra xinnoo taʼe, utuu rakkinni guddaan hin jalqabin akka hin duune beekuun baayʼee kan nama jajjabeessudha!

“Ilmaan mootummaa” badhaasasaanii isa samii hawwii guddaadhaan eeggatu; taʼus hundi keenya amanamoo taanee itti fufuudhaan hanga dhumaatti akka gaariitti ifuu qabna. Yeroo keenyatti ‘qamadiin’ yommuu sassaabamu arguun mirga guddaa mitii?

Faarfannaan xumuraa erga faarfatamee booda, miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Tewoodor Jaaraaz kadhannaa isa dhumaa dhiheesse. Sagantaan walgaʼii waggaa kun baayʼee kan nama jajjabeessu ture.

[Miiljaleewwan]

^ key. 10 Hojiiwwan koreen Qaama Olaanaa jaʼan hojjetan ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2008, fuula 29 ilaali.

[Saanduqa fuula 5rra jiru]

MANA BARUMSAA JAARSOLII

Walgaʼii waggaa kanarratti, miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe Antoonii Mooris, jaarsoliidhaaf leenjiin kennamuusaa akka itti fufu beeksise. Jaarsolii Yuunaayitid Isteetis keessatti argamaniif leenjii kennuun, jalqaba 2008⁠tti wiirtuu barumsaa Niwuu Yoork Paatarsanitti eegale. Kutaan 72⁠ffaan dhiheenya kana kan xumurame siʼa taʼu, hamma yoonaatti jaarsoliin 6,720 taʼan leenjifamaniiru. Haataʼu malee, hojii hojjetamuu qabu baayʼeetu hafa. Yuunaayitid Isteetis keessa qofa, jaarsolii 86,000 ol taʼantu jira. Kanaaf, Qaamni Olaanaan, Muddee 7, 2009 kaasee manni barumsaa dabalataa Biruukiliin Niwuu Yoorkitti akka geggeeffamu heyyameera.

Daawwattoonni olaanaa afur barsiisota taʼuuf Paatarsanitti jiʼa lamaaf leenjifamu. Isaanimmoo warra kaan leenjisuuf gara Biruukiliiniitti kan ergaman siʼa taʼu, obboloonni afuris dabalataan leenjifamu. Sana booda isaan kun mana barumsaa Biruukiliiniitti kan barsiisan siʼa taʼu, warri jalqabaa arfanimmoo Galmawwan Walgaʼii Gurguddaafi Galma Mootummaatti barsiisu. Haalli kun, hanga barsiisonni Yuunaayitid Isteetis keessatti torban torbaniin Ingiliffaadhaan kutaa jaʼa barsiisan 12 guutanitti itti fufa. Achiis, afaan Ispaanishiitiin akka barsiisaniif barsiisonni afur ni leenjifamu. Manni barumsaa kun, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa yeroo ammaatti jiru kan bakka buʼu miti; kaayyoon mana barumsaa haaraa kanaa, jaarsoliin karaa hafuuraa guddachuusaanii akka itti fufan gargaaruudha. Waajjiroonni damee addunyaa maratti argaman, waggaa tajaajilaa 2011 kaasee Galma Walgaʼii Gurguddaafi Galma Mootummaatti mana barumsaa kana geggeessuu jalqabu.

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Walgaʼiin waggaa kan baname, kitaaba faarfannaa keenya isa haaraa “Yihowaa Faarfadhaa” jedhurraa faarfachuudhaan ture