Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Hiriyaa Gaaʼelaatiin Ganamuun Geessisu Dandaʼuu

Rakkina Hiriyaa Gaaʼelaatiin Ganamuun Geessisu Dandaʼuu

Rakkina Hiriyaa Gaaʼelaatiin Ganamuun Geessisu Dandaʼuu

MAARGAARITAAFI abbaan manaashee Raawul, tajaajiltoota yeroo guutuu taʼanii waggoota dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaniiru. * Haataʼu malee, Raawul erga mucaansaanii inni jalqabaa dhalatee booda, Yihowaarraa fagaachuu jalqabe. Dhumarrattis jireenya addaggummaa jiraachuu waan jalqabeef, gumii Kiristiyaanaa keessaa baafame. Maargaaritaan akkas jetteetti: “Wanti kun hundi yommuu raawwatamu, waanan duʼu natti fakkaate. Baayʼee waanan gaddeef, maal akkan godhu hin beekun ture.”

Jeenimmoo heerumtee utuma baayʼee hin turin haala adda taʼeen ganamteetti; abbaan manaashee amantuufi jaallattu akka isheen eegde taʼee hin arganne. Ishee reebuutti kaʼe. Jeen, “Jalqaba yommuu inni na aboote, nan naʼe, nan qaanaʼe, akkan salphadhes natti dhagaʼame” jetteetti. Yeroo hunda erga na rukutee booda dhiifama na gaafata. Kiristiyaana waanan taʼeef, yeroo hunda dhiifama isaa gochuufi irraanfachuuf dirqamni akka narra jiru natti dhagaʼama ture. Rakkina keenya jaarsolii gumii dabalatee nama kamittiyyuu himuunis amanamummaa hirʼisuu natti fakkaata ture. Miidhaan akkasii narra gaʼuufi dhiifama gochuunkoo waggoota dheeraadhaaf itti fufe. Yeroo kana hundaatti, abbaan manaakoo akka na jaallatuuf wantin gochuu qabu jira jedheen yaada ture. Dhumarratti yommuu inni anaafi intala keenya dhiisee deemu, gaaʼelli keenya akka itti fufu kana caalaa wantin gochuu ykn jechuu qabu akka tureefi animmoo kana gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼame.”

Akkuma Maargaaritaafi Jeen, atis abbaan manaakee si dhiisee deemuusaatiin kan kaʼe, rakkina miiraa, qarshiifi hafuuraa keessa jirta taʼa. Yookiin, abbaa manaa haati manaakee si ganuusheetiin dhiphina miiraafi rakkina keessa jirtu taʼuu dandeessa. Akkuma Macaafni Qulqulluun dursee dubbate, ‘guyyoota gara dhumaa sodaachisaa’ taʼan keessa akka jiraannu beekamaadha. Raajiin kun, “guyyoota gara dhumaatti” yeroo baayʼee jaalalli guutummaatti waan baduuf, walitti dhufeenya maatiirra miidhaan akka gaʼu argisiisa. Namoonni tokko tokko Waaqayyoon tajaajilla jedhanis, kun soba taʼuunsaa mirkanaaʼeera. (2 Xim. 3:1-5) Kiristiyaanonni dhugaanis rakkina akkasiirraa walaba miti; hiriyaan gaaʼelaakee si ganeera yoo taʼe, maaltu si gargaaruu dandaʼaree?

Akka Yihowaan Si Ilaalutti Of Ilaali

Jalqaba, namni ati jaallattu tokko miidhaa guddaa sirraan gaʼuu akka dandaʼu amanuun sitti ulfaata taʼa. Gocha hammeenyaa inni ykn isheen raawwataniifillee of ceephaʼuu dandeessa.

Yesus inni cubbuu hin qabnellee, nama jaallatuufi amanu tokkoon akka ganame yaadadhu. Yesus, michootasaa warra isatti dhihaatan jechuunis, ergamoota kan filate kadhannaa hedduu erga godhee boodadha. Yeroo sanatti, warri 12n hundi tajaajiltoota Yihowaa amanamoo turan. Kanaaf, Yesus yommuu Yihudaan “dabarsee isa kenne” baayʼee akka gadde homaa hin shakkisiisu. (Luq. 6:12-16) Haataʼu malee, Yihowaan gocha Yihudaan raawwateef Yesus akka itti gaafatamu hin goone.

Yeroo ammaatti, hiriyaan gaaʼelaa mudaa hin qabne tokkoyyuu akka hin jirre beekamaadha. Hiriyoonni gaaʼelaa lamaanuu ni dogoggoru. Faarfatichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?” jechuudhaan dhugaasaa barreesseera. (Far. 130:3) Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan, hiriyoonni gaaʼelaa lamaanuu hirʼina walii irra walii darbuuf fedhii qabaachuu qabu.—1 Phe. 4:8.

Haataʼu malee, “nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.” (Rom. 14:12) Hiriyaan gaaʼelaa tokko, dubbii nama miidhu dubbachuu ykn gocha nama miidhu raawwachuusaa yoo itti fufe, Yihowaaf deebii kennuu kan qabu isadha. Yihowaan hammeenyaafi dubbii nama miidhu ni balaaleffata. Kanaaf hiriyaa gaaʼelaarratti gocha gara jabinaafi kabaja hin qabne akkasii raawwachuuf sababii quubsaan jiraachuu hin dandaʼu. (Far. 11:5; Efe. 5:33; Qol. 3:6-8) Kiristiyaanni tokko, utuu yaada garaa hin geddaratin irra deddeebiʼee kan dheekkamuufi kan hin jijjiiramne taanaan, gumiidhaa baafamuu qaba. (Gal. 5:19-21; 2 Yoh. 9, 10) Hiriyaan gaaʼelaa tokko, amala Kiristiyaana tokkorraa hin eegamne akkasii jaarsoliitti himuun dogoggora akka taʼe isatti dhagaʼamuu hin qabu. Yihowaan nama miidhaan akkasii irra gaʼeef garaa akka laafu beekamaadha.

Hiriyaan gaaʼelaa tokko ejja yommuu raawwatu, nama balleessaa hin qabne sanarratti qofa utuu hin taʼin, Yihowaarrattis cubbuu raawwata. (Mat. 19:4-9; Ibr. 13:4) Hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eegee jiraachuuf kan carraaqu taanaan, hiriyaan gaaʼelaa gantuu taʼe sun ejja raawwachuusaatiif sababiinsaa isa akka taʼe itti dhagaʼamuu hin qabu.

Yihowaan wanta sitti dhagaʼamu akka beeku yaadadhu. Yihowaan saba Israaʼeliif abbaa manaa akka taʼe kan ibse siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun, sabichi karaa hafuuraa ejjaa raawwachuusaatti Yihowaan hangam akka gadde jechoota garaa namaa tuqan hedduudhaan ibseera. (Isa. 54:5, 6; Er. 3:1, 6-10) Hiriyaan gaaʼelaakee karaa taʼe tokkoon si ganeera taanaan, Yihowaan imimmaan ati dhangalaastu akka gaariitti akka ilaalu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Mil. 2:13, 14) Jajjabinni akka si barbaachisu beeka.

Yihowaan Jajjabina Kan Kennu Akkamitti?

Gumiin Kiristiyaanaa karaa Yihowaan jajjabina itti kennu keessaa tokkodha. Jeen, gargaarsa akkasii argatteetti. Akkas jechuudhaan waan yaadattu dubbatti: “Daawwataan olaanaa aanaa, yeroon baayʼee gaddetti dhufe. Abbaan manaakoo na hiikuuf iyyata galfachuunsaa hangam akka na gaddisiise beeka ture. Yeroo fudhatee, caqasoota akka 1 Qorontos 7:15⁠rra jiranirratti akkan yaadu na gargaareera. Caqasawwan Macaafa Qulqulluufi yaanni gaariin inni naa kenne, akkan of hin ceephaaneefi hamma tokko sammuunkoo nagaa akka argatu na gargaareera.” *

Maargaaritaan isheen olitti ibsamtes, Yihowaan karaa gumii gargaarsa guddaa akka kennu hubatteetti. Maargaaritaan akkas jetteetti: “Abbaan manakoo yaada garaasaa akka hin geddaranne yommuu ifa taʼu, ijoolleekoo fudhadheen magaalaa gara biraatti gale. Yommuun achi gaʼu, mana kutaa lama qabun kireeffadhe. Guyyaa itti aanutti, gadda guddaadhaan shaanxaa keenya banee miʼa babaasaa utuun jiruu balballi rurrukutame. Dubartii mana naa kireessiteefi kutaa itti aanu keessa jiraattudha jedheen yaade. Kan nama ajaaʼibsiisu garuu, obboleettii haadhakoo Macaafa Qulqulluu qayyabsiisteefi maatiin keenya dhugaa akka baratu gargaarte turte. Gara mana kanaa kan dhufte akka na argattu yaaddee utuu hin taʼin, dubartii mana naa kireessite sana Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf ture. Gammachuu guddaan waan natti dhagaʼameef, miirakoo toʼachuu hin dandeenye. Haalan keessa jiru ergan isheedhaa ibsee booda waliin taanee boonye. Walgaʼii guyyaa sana godhamurratti akka argamnuuf yeruma sana qophii nuu goote. Gumichi kan nu simate siʼa taʼu, jaarsoliinis maatiikoo karaa hafuuraa akkan kunuunsu na gargaaruuf qophii barbaachisaa taʼe naa godhan.”

Warri Kaan Gargaarsa Gochuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

Miseensonni gumii Kiristiyaanaa, fedhii buʼuuraa nama tokkoo guutuuf karaawwan hedduu gargaarsa gochuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, yeroo kanatti Maargaaritaan hojii argachuun ishee barbaachisa ture. Maatiin gumii keessa jiru tokko, yeroo barbaachisutti saʼaatii barumsaa booda ijoolleeshee kunuunsuudhaan ishee gargaaruuf yaada dhiheesse.

Maargaaritaan, “Obboloonni gumii keessa jiran, anaafi ijoolleekoo wajjin tajaajila baʼuuf na afeeruusaanii baayʼeen dinqisiifadha” jetteetti. Miseensonni gumii, gargaarsa akkasii gochuudhaan, ‘baʼa walii baatu;’ karaa kanaan “seera Kristos” raawwatu.—Gal. 6:2.

Namoonni cubbuu warri kaan raawwataniin dhiphatan, gargaarsa akkasii argachuusaanii garaadhaa ni dinqisiifatu. Mooniik isheen abbaan manaashee, liqii doolaara Ameerikaa 15,000fi ijoollee afur akka guddistu isheerratti dhiisee deeme akkas jetti: “Obboloonnikoo hafuuraa baayʼee na jaallatu. Gargaarsasaanii utuun hin arganne taʼee akkamitti akkan jiraadhu hin beeku. Yihowaan obboloota baayʼee gaarii taʼaniifi ijoolleekoo gargaaran akka naa kenne natti dhagaʼama. Ijoolleenkoo gargaarsa akkasiitiin karaa hafuuraa gaʼeessota yommuu taʼan arguudhaan gammachuu argadheera. Yeroo gorsi na barbaachisetti jaarsoliin na gargaaraniiru. Yoon isaan haasofsiisuu barbaade na dhaggeeffatu.”—Mar. 10:29, 30.

Dhugaadha, michuun jaalala qabeessa taʼe seenaa gadhee namni tokko kanaan dura dabarse dubbachuun yeroo gaarii itti hin taane akka jiru ni hubata. (Lal. 3:7) Maargaaritaan akkas jetteetti: “Yeroo baayʼee obboleettota gumiikoo haaraa keessa jiranii wajjin, rakkina koorraa kan hafe waaʼee hojii lallabaa, waaʼee namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuufi waaʼee ijoollee keenyaa haasaʼuu nan jaalladha. Wanta darbe irraanfadhee jireenya haaraa akkan jalqabu waan na gargaaraniif isaanan dinqisiifadha.”

Fedhii Haaloo Baʼuuf Qabdan Moʼaa

Yeroo tokko tokko, cubbuu hiriyaan gaaʼelaa keessan raawwateef kan itti gaafatamu isin akka taʼe yaaduu mannaa, rakkinni guddaan kan isinirra gaʼe, dogoggora inni ykn isheen raawwataniin akka taʼe yaaduudhaan haaloo qabachuu dandeessu. Haaloo qabattanii itti fufuun keessan, murtoo Yihowaaf amanamaa taatanii jiraachuuf gootan isin jalaa laaffisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, karaa itti hiriyaa gaaʼelaa isin ganerratti haaloo baatan barbaaduuf qoramuu dandeessu.

Miirri akkasii isin keessatti guddachaa akka jiru yoo hubattan, fakkeenya Iyaasuufi Kaalebirratti xiinxaluu dandeessu. Namoonni amanamoon kun, Biyyattii Abdachiifamte gaaduuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Gaaddonni warri kaan, amantii dhabuudhaan sabichi Yihowaadhaaf akka hin ajajamne godhaniiru. Israaʼeloonni tokko tokko, yommuu Iyaasuufi Kaaleb sabichi amanamoo akka taʼu jajjabeessuu yaalan, dhagaadhaan isaan rukutuullee barbaadanii turan. (Lak. 13:25–14:10) Iyaasuufi Kaaleb gocha Israaʼelootaatiin kan kaʼe, jechuunis dogoggorasaaniitiin utuu hin taʼin dogoggora warra kaaniitiin, waggaa 40 lafa onaa keessa jooraniiru.

Iyaasuufi Kaaleb utuu hin aariin kan hin hafne taʼus, cubbuun obboloonnisaanii isaanirratti raawwatan haaloo akka qabatan akka isaan godhu hin heyyamne. Yihowaa tajaajiluurratti xiyyeeffataniiru. Dhuma waggaa 40 lafa onaa keessaatti dabarsanirratti, isaaniifi Lewwoonni kaan dhaloota sana keessaa oolanii Biyyattii Abdachiifamtetti galuudhaan badhaafamaniiru.—Lak. 14:28-30; Iya. 14:6-12.

Gochi gantummaa hiriyaan gaaʼelaakee raawwate, yeroo dheeraadhaaf akka dhiphattu si gochuu dandaʼa. Gaaʼelli keessan yoo diigames, sana booda dhiphinniifi rakkinni qarshii isin mudachuu dandaʼa. Haataʼu malee, yaada abdii nama kutachiisuun moʼamuu mannaa, Yihowaan akkuma Israaʼeloota gantoota taʼan lafa onaa keessatti godhe, warra taʼe jedhanii seerasaa cabsan akkamitti akka adabu kan beeku taʼuusaa yaadadhaa.—Ibr. 10:30, 31; 13:4.

Moʼuu Ni Dandeessa!

Yaadawwan nama dhiphisan baʼaa akka isinitti taʼan heyyamuu mannaa, sammuu keessan yaada Yihowaatiin guutaa. Jeen akkas jetteetti: “Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! sagaleedhaan waraabaman dhaggeeffachuunkoo, rakkina narra gaʼe dandaʼuuf na gargaareera. Walgaʼiiwwanis madda jajjabinaa guddaa naa taʼaniiru. Walgaʼiiwwanirratti dammaqinaan hirmaachuunkoo, rakkina koorratti akkan hin xiyyeeffanne na gargaareera. Hojiin lallabaas na gargaareera. Warri kaan Yihowaarratti amantaa akka qabaatan gargaaruudhaan, amantiikoo jabeeffadheera. Namootan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu gargaaruunis, sammuunkoo wantoota caalaatti barbaachisaa taʼanirratti akka xiyyeeffatu gochuuf na dandeessiseera.”

Mooniik isheen olitti ibsamte akkas jetti: “Walgaʼiiwwanirratti walitti aansee argamuufi tajaajilarratti hamma naa dandaʼame yeroo hunda hirmaachuudhaan, jabaadhee dhaabachuu dandaʼeera. Maatiin keenya walittis taʼe gumiitti dhihaachuu dandaʼeera. Rakkinni ani dabarse, dadhabinakoo akkan hubadhu na gargaareera. Qoramsi narra gaʼus, gargaarsa Yihowaatiin moʼuu dandaʼeera.”

Atis qorumsa akkasii keessatti jabaattee dhaabachuu ni dandeessa. Ganamuunkee si dhiphisuu dandaʼus, gorsa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee akkas jechuudhaan barreesse hordofuuf carraaqi: “Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii taʼe gochuutti hin laafnu.”—Gal. 6:9.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 13 Gargar baʼuufi wal hiikuu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ibsa dabalataa argachuuf, kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhu fuula 125-130, 219-221 ilaali.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Hiriyoonni gaaʼelaa ganaman warra tajaajilarratti isaan gargaaran ni dinqisiifatu