Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Saba Waaqayyoo Gidduu Jiraachuudhaan Eegumsa Argadhu

Saba Waaqayyoo Gidduu Jiraachuudhaan Eegumsa Argadhu

Saba Waaqayyoo Gidduu Jiraachuudhaan Eegumsa Argadhu

“Waldaa guddaa keessatti sin galateeffadha.”—FAR. 35:18.

1-3. (a) Kiristiyaanonni tokko tokko hariiroo Yihowaa wajjin qaban balaarra buusuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Sabni Waaqayyoo eessaa eegumsa argachuu dandaʼa?

JOOFI haati manaasaa manaxxirii ittiin bishaan daakan kaaʼatanii galaana dhagaa babbareedaa qabu, akkasumas qurxummiiwwan bifaafi guddina addaddaa galaana keessa jiraniin marfamanii qilleensa ooʼaa keessatti bishaan daaku turan. Dhagaa babbareedaa bishaan jala jiru ilaaluuf daakuusaanii itti fufan. Bakka bishaansaa baayʼee gadi fagaatu yeroo gaʼan, haati manaa Joo, “Waan baayʼee fagaannee natti fakkaata” jetteen. Joon garuu “Hin sodaatin, waanan gochaa jiru beeka” jedhee deebiseef. Joon yerooma sana, ‘Qurxummiiwwan sun hundi eessa buʼan?’ jedhee akka ishee gaafate ni yaadata. Sababiisaa yeroo hubatu sodaa guddaatu isatti dhagaʼame. Bishaan isa gadi fagoo keessaa qurxummii guddaan tokko isatti dhufe. Isa harkaa baʼuun matumaa waan hin dandaʼamne ture. Haataʼu malee, qurxummiin sun gara meetira tokkoo erga isatti dhihaatee booda, ofirra garagalee sokke.

2 Kiristiyaanni tokko, bishaan balaa geessisu keessa gadi fagaachaa akka jiru utuu hin hubatin, wantoota sirna Seexanaa kana keessatti nama hawwisiisan, jechuunis bohaartii, hojiifi qabeenyaan gowwoomfamuu dandaʼa. Joon inni jaarsa gumii taʼe akkas jedha: “Wanti narra gaʼe eenyuun michuu godhachuu akkan qabu yaaduuf na gargaareera. Bakka gaariifi gammachiisaa taʼe, jechuunis gumii Kiristiyaanaa keessa daakaa!” Bishaan gadi fagoo karaa hafuuraa qofaa keessan isin taasisuufi balaarra isin buusu keessa hin daakinaa. Bakka akkasii daakaa akka jirtan yoo isinitti dhagaʼame, dafaatii gara ‘bakka balaa hin geessisnetti’ deebiʼaa. Taʼuu baannaan, hariiroon Yihowaa wajjin qabdan balaarra buʼuu dandaʼa.

3 Yeroo ammaatti, biyyi lafaa Kiristiyaanotaaf bakka balaa geessisudha. (2 Xim. 3:1-5) Seexanni baduuf yeroo muraasni akka isa hafe waan beekuuf, namoota dammaqoo hin taane liqimsuuf naannaʼaa jira. (1 Phe. 5:8; Mul. 12:12, 17) Haataʼu malee, eegumsa qabna. Yihowaan, gumii Kiristiyaanaa ofis taʼe hariiroo isaa wajjin qabnu eeguuf nu gargaaru nuu qopheesseera.

4, 5. Namoonni hedduun waan gara fuulduraatti isaan eeggatu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Maaliif?

4 Eegumsi qaamaa ykn miiraa dhaabbanni biyya lafaa gochuu dandaʼu baayʼee muraasadha. Namoonni hedduun nageenyi qaamaasaanii yakkaan, hammeenyaan, yaaddoo jireenyaafi dhimmawwan qilleensa naannoo wajjin wal qabataniin balaarra akka buʼe isaanitti dhagaʼama. Namni hundi, rakkinni dullumaafi dhukkubaa wajjin wal qabate isarra gaʼa. Warri hojii, mana, qarshii gaʼaafi hamma tokko fayyaa qaban kaanis, gaaf tokko wantoota kana ni dhabnaa laata jedhanii yaaddaʼu.

5 Namoonni hedduun eegumsa miiraa argachuu hin dandeenye. Namoonni gaaʼelaafi maatii keessatti, nagaafi milkaaʼina argachuuf abdatan hedduun, wanti isaan eegan utuu isaaniif hin milkaaʼin hafuunsaa nama gaddisiisa. Eegumsa hafuuraa wajjin haala wal qabateenis, namoonni gara mana sagadaa dhaqan hedduun, qajeelfamni achitti isaaniif kennamu waan isaan burjaajessuuf faayidaasaa ni shakku. Keessumaa geggeessitoonni amantiisaanii amala gadhee yommuu argisiisaniifi barumsawwan Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal hin simne yeroo barsiisan akkas isaanitti dhagaʼama. Kanaaf, namoonni baayʼeen saayinsii ykn namoota gaariifi miidhaa namaarra hin geessisnetti amanamuurraa kan hafe filannaa akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Namoonni naannoo keenya jiran, sodaa guddaan isaanitti dhagaʼamuunsaa ykn waaʼee gara fuulduraa gadi fageenyaan yaaduu dhiisuuf filachuunsaanii kan nama dinqisiisu miti.

6, 7. (a) Namoota Waaqayyoon tajaajilaniifi hin tajaajile gidduu garaagarummaan ilaalchaa akka jiraatu kan godhe maalidha? (b) Waaʼee maalii mariʼanna?

6 Namoonni kutaa gumii Kiristiyaanaa taʼaniifi hin taane, ilaalchisaanii baayʼee addaddadha! Wanti namootarra gaʼu hundi, nu warra saba Yihowaa taanerras kan gaʼu taʼuyyuu, wanti nutti dhagaʼamu kansaaniirraa baayʼee addadha. (Isaayaas 65:13, 14; Miilkiyaas 3:18 dubbisi.) Maaliif? Haala ilmaan namootaa keessa jiran ilaalchisee, Macaafa Qulqulluurraa ibsa quubsaa waan arganneefi rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan moʼuuf akka gaariitti waan qophoofnefidha. Kanaaf, waaʼee gara fuulduraa garmalee hin dhiphannu. Tajaajiltoota Yihowaa taʼuun keenya, yaadawwan dogoggoraa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hin hundoofnerraa, gochawwan addaggummaarraa, akkasumas miidhaa wantoonni kun geessisanirraa nu eega. Kanaaf, miseensonni gumii Kiristiyaanaa nageenya warri kaan hubachuu hin dandeenye argatu.—Isa. 48:17, 18; Filp. 4:6, 7.

7 Fakkeenyawwan tokko tokko, warra Yihowaa hin tajaajillerraa karaa faallaa taʼeen, nageenya warri Yihowaa tajaajilan argatanirratti xiinxaluuf nu gargaaruu dandaʼu. Fakkeenyawwan kun, yaadaafi gocha keenya qoruuf kan nu kakaasan taʼuusaaniirrayyuu, gorsa Waaqayyoo isa nu eeguuf qophaaʼe guutummaatti hojiirra oolchuufi dhiisuu keenya hubachuuf nu gargaaru.—Isa. 30:21.

“Miilli Koo Bitintiree Kufuu Gaʼeera”

8. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo hundumaa maal gochuu qabu?

8 Seenaa ilmaan namootaa isa jalqabaarraa kaasee, namoonni Yihowaa tajaajiluufi isaaf abboomamuu filatan, warra isa hin tajaajilleefi isaaf hin abboomamnee wajjin michoomuu hin barbaadan turan. Yihowaan namoota isa tajaajilaniifi Seexana duukaa buʼan gidduu diinummaan akka jiraatu dubbatee ture. (Uma. 3:15) Sabni Waaqayyoo seera buʼuuraa Inni isaaniif kenne sirriitti waan hordofaniif, namoota naannoosaanii jiranirraa baayʼee adda turan. (Yoh. 17:15, 16; 1 Yoh. 2:15-17) Tarkaanfii akkasii fudhachuun yeroo hundumaa salphaa miti. Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokkollee, fedhii ofii aarsaa gochuudhaan jiraachuun sirrii taʼuusaa yeroon itti shakkan jira.

9. Rakkina barreessaa Faarfannaa 73⁠rra gaʼe ibsi.

9 Tajaajiltoota Yihowaa murtoon godhan sirrii taʼuusaa shakkan keessaa tokko, nama Faarfannaa 73 barreessedha; namni kun sanyii Asaaf keessaa tokko taʼuu hin oolu. Faarfatichi warri Waaqayyoon tajaajiluuf carraaqan qorumsiifi rakkinni yommuu isaanirra gaʼu, warri hamoon garuu kan isaaniif milkaaʼe, kan gammadaniifi sooreyyii kan fakkaatan maaliif akka taʼe gaafateera.—Faarfannaa 73:1-13 dubbisi.

10. Dhimmi faarfatichi kaase siif barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

10 Gaaffiiwwan akka faarfatichi barreessee jiran gaafattee beektaa? Taanaan, garmalee of ceephaʼuu ykn amantiinkee akka hirʼate sitti dhagaʼamuu hin qabu. Namoota Macaafa Qulqulluu akka barreessan itti fayyadame dabalatee, tajaajiltoonni Yihowaa hedduun akkas isaanitti dhagaʼamee ture. (Iyo. 21:7-13; Far. 37:1; Er. 12:1; Ibr. 1:1-4, 13) Namoonni Yihowaa tajaajiluu barbaadan hundi, deebii gaaffii armaan gadiitiif kennamu hubachuufi fudhachuu qabu: Waaqayyoon tajaajiluufi isaaf abboomamuun wanta kamirrayyuu kan caaludhaa? Kun gaaffii Seexanni dhaaba Eedenitti kaase kan dabalatudha. Akkasumas, gaaffii olaantummaa Waaqayyo umama cufarratti qabu ilaalchisee qabu isa guddaadha. (Uma. 3:4, 5) Kanaaf hundi keenya dhimma faarfatichi kaaserratti yaaduun keenya barbaachisaadha. Namoota hamoo jireenyasaaniitiin of jajanitti hinaafuu qabnaa? Yihowaa tajaajiluurraa ‘duubatti jechuudhaan’ [NW] isaan fakkaachuu qabnaa? Seexanni akkas akka goonu akka barbaadu beekamaadha.

11, 12. (a) Faarfatichi shakkiisaa kan moʼe akkamitti? Kanarraa maal baranna? (b) Murtoo faarfatichi irra gaʼerra gaʼuuf kan si gargaare maalidha?

11 Faarfatichi shakkiisaa akka moʼu kan isa gargaare maalidha? Qajeelummaarraa jalʼachuu gaʼee akka ture amanuyyuu, yeroo “mana qulqullummaa Waaqayyoo” ol lixu jechuunis, warra Waaqayyoon waaqeffatanii wajjin godoo qulqullaaʼaatti yeroo argamuufi kaayyoo Waaqayyoorratti ennaa xiinxalu ilaalchisaa jijjiirameera. Sana booda faarfatichi, wanti warra hamaa hojjetanirra gaʼu akka isarra gaʼu kan hin barbaanne taʼuusaa hubateera. Akkaataan jireenyaafi filannaansaanii “lafa mucucaatu irra” akka dhaabatan isaan gochuusaa hubachuu dandaʼeera. Namoonni Yihowaa tajaajilan gargaarsasaa kan argatan siʼa taʼu, warri amala addaggummaatiin kan kaʼe isa dhiisanimmoo, “naasuu guddaadhaan” akka dhuman hubateera. (Faarfannaa 73:16-19, 27, 28 dubbisi.) Atis kun dhugaa taʼuusaa akka hubatte homaa hin shakkisiisu. Seera Waaqayyootiif dantaa dhabuudhaan ofiif qofa jiraachuun, namoota baayʼeetti gammachiisaa fakkaatuyyuu, miidhaa inni geessisu jalaa ooluun hin dandaʼamu.—Gal. 6:7-9.

12 Wanti muuxannoo faarfatichaarraa barannu kan biraanoo maalidha? Tasgabbiifi ogummaa kan argate saba Waaqayyoo gidduutti ture. Sirriitti yaaduu kan jalqabe, bakka Yihowaan itti waaqeffatamu yommuu dhaqetti ture. Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼaas, gorsitoota gaariifi nyaata hafuuraa gaʼaa argachuu kan dandeenyu gumii Kiristiyaanaa keessattidha. Yihowaan tajaajiltoonnisaa walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti akka argaman kan isaan ajaju kanaafi. Achitti yommuu argaman kan jajjabeeffaman taʼuusaarrayyuu, karaa sirrii taʼeen deddeebiʼuuf kakaʼu.—Isa. 32:1, 2; Ibr. 10:24, 25.

Michoota Keessan Of Eeggannoodhaan Filadhaa

13-15. (a) Wanti Dhineerra gaʼe maalidha? Kunoo maal kan argisiisudha? (b) Kiristiyaanota hidhatakee taʼanii wajjin michoomuun eegumsa kan taʼe maaliifi?

13 Intalli Yaaqoob Dhineen, namoota biyya lafaa wajjin michoomuudhaan rakkinarra buʼan keessaa ishee tokkodha. Seenaan Seera Uumamaarra jiru, shamarran Kanaʼaan warra naannoo maatiinshee turanitti argaman bira dhaquu amaleeffattee akka turte ibsa. Kanaʼaanonni, akka namoota Yihowaa waaqeffatanii amalaaf sadarkaa ejjennoo cimaa hin qaban turan. Kanaa mannaa, akkuma arkiʼooloojistoonni mirkaneessanitti, waaqa tolfamaadhaan, amala addaggummaadhaan, waaqeffannaa saalaa suukanneessaa taʼeen, akkasumas hammeenyaan biyyattii guutanii turan. (Bau. 23:23; Lew. 18:2-25; Kes. 18:9-12) Wanta Dhineen namoota sanatti michoomuunshee geessise hubadhaa.

14 Nama biyya sanaa kan taʼe Sheekem, inni “namoota mana abbaa isaa hundumaa irra caalaa ulfina qaba” jedhame, Dhinee argee “ishee butee wajjin ciisee ishee salphise.” (Uma. 34:1, 2, 19) Haala baayʼee nama gaddisiisu mitii? Dhineen wanti akkasii narra gaʼa jettee yaaddee kan turte sitti fakkaataa? Tarii kana kan goote dargaggoota biyya sanaa gaarii fakkaatanii wajjin michoomuu waan barbaaddeef taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, Dhineen baayʼee gowwoomtee turte.

15 Seenaan kun maal nu barsiisa? Namoota Dhugaa Baatota hin taanee wajjin michoomuun miidhaa hin geessisu jennee yaaduu akka hin qabne nu hubachiisa. Caaffanni Qulqullaaʼaan, “Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jedha. (1 Qor. 15:33) Karaa biraammoo, namoota amantii, amalaafi jaalala ati Yihowaadhaaf qabdu qabanii wajjin michoomuun eegumsa siif taʼa. Michoomni gaariin akkasii, waan sirrii akka gootu si jajjabeessa.—Fak. 13:20.

“Cubbuuttii Dhiqattaniittu”

16. Phaawulos namoota gumii Qorontos keessa turan tokko tokko ilaalchisee maal jedhee ture?

16 Gumiin Kiristiyaanaa, namoonni baayʼeen gochasaanii isa gadhee akka ofirraa dhiqan gargaareera. Phaawulos ergaasaa isa jalqabaa warra Qorontosiif yeroo barreessu, jijjiirama Kiristiyaanonni achi jiran, qajeelfama Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuuf godhan ibseera. Warri tokko tokko kan ejjan, waaqa tolfamaa kan waaqeffatan, halalee, kan nama gadhoomsan, kan hatan, kan machaaʼaniifi wkf kan raawwatan turan. Phaawulos, “Garuu . . . cubbuuttii dhiqattaniittu” isaaniin jedheera.—1 Qorontos 6:9-11 dubbisi.

17. Qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun, jireenya namootaa kan jijjiire akkamitti?

17 Namoonni amantii hin qabne, seerawwan buʼuuraa karaa sirrii taʼeen isaan geggeessan hin qaban. Akkuma warri Qorontos durii Kiristiyaanota taʼuusaanii dura turan, karaa barbaadanirra deemu; ykn karaa gadhee namoonni naannoosaanii irra deeman hordofu taʼa. (Efe. 4:14) Haataʼu malee, waaʼee Dubbii Waaqayyoofi kaayyoosaa beekumsa sirrii argachuun, jireenya namoota Caaffata Qulqullaaʼoo hojiirra oolchanii fooyyessuuf humna qaba. (Qol. 3:5-10; Ibr. 4:12) Namoonni yeroo harʼaatti gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hedduun, sadarkaa qajeelinaa Yihowaa beekuufi hojiirra oolchuusaanii dura, akkuma barbaadanitti jiraachaa akka turan isinitti himuu dandaʼu. Haataʼu malee, gammachuu hin qaban turan. Nagaa kan argatan, saba Waaqayyoo wajjin yeroo michoomaniifi haala seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimuun jiraachuu yeroo jalqabanittidha.

18. Wanti shamarree tokkorra gaʼe maalidha? Kunoo maal mirkaneessa?

18 Haala kanarraa faallaa taʼeenimmoo, namoonni kanaan dura ‘bishaan gaarii’ gumii Kiristiyaanaa dhiisanii deeman, amma murtoo godhanitti baayʼee gaabbu. Obboleettiin Taaniiyaa jennee maqaa moggaasneef tokko, ‘dhugaa kan baratte ijoollummaasheetti taʼuyyuu,’ yeroo umriinshee waggaa 16 taʼu gumii dhiistee ‘hawwa biyya lafaa wajjin akka godaante’ ibsiteetti. Kanaan kan kaʼes utuu hin barbaadin kan ulfoofte siʼa taʼu, ulfa sanas baasisteetti. Amma akkas jetti: “Waggoonni sadan ani gumiirraa fagaadhee dabarse, miira koorratti godaannisa matumaa baduu hin dandeenye geessiseera. Keessumaa wanti ani matumaa irraanfachuu hin dandeenye, mucaakoo garaa keessa ture ajjeesuukooti. . . . Dargaggoota yeroo xinnoofillee biyya lafaa ‘ilaaluu’ hawwan, ‘Isinitti haa hafu!’ jedhee isaan gorsuun barbaada. Jalqabarratti miʼaawuu dandaʼus, booda garmalee hadhaaʼa. Biyyi lafaa dhiphina malee waan isinii dabalu hin qabu. Kana ani beeka; ilaaleeras. Jaarmiyaa Yihowaa keessaa hin baʼinaa! Gammachuu kan argamsiisu kana qofadha.”

19, 20. Gumiin Kiristiyaanaa eegumsa akkamii godha? Akkamitti?

19 Haala gaarii gumii Kiristiyaanaa keessa jiru utuu dhiistee deemteetta taʼee, yoona maaltu akka sirra gaʼu yaadi. Namoonni hedduun, jireenya gadhee dhugaa beekuusaanii dura ture yeroo yaadatan, waaʼeesaa yaaduullee hin barbaadan. (Yoh. 6:68, 69) Obboloota gumii Kiristiyaanaa keessa jiranitti dhihaachuudhaan, rakkinaafi dhiphina biyya lafaa Seexanni seerratu kana keessa jirurraa, tasgabbiifi eegumsa argachuukee itti fufuu dandeessa. Isaanii wajjin michoomuuniifi yeroo hundumaa walgaʼiirratti argamuun, sadarkaa qajeelinaa Yihowaan baase hordofuun gaarii akka taʼe kan si yaadachiisu taʼuusaarrayyuu, haala isaa wajjin walsimuun jiraachuuf si jajjabeessa. Akkuma faarfatichaa, ‘waldaa guddaa keessatti Waaqayyoon galateeffachuuf’ sababii gaʼaa qabda.—Far. 35:18.

20 Kiristiyaanonni hundi, sababii addaddaatiin yeroon amanamummaasaanii eeganii jiraachuun ulfaataa isaanitti taʼu akka jiru beekamaadha. Namni karaa sirrii irra adeeman itti argisiisu isaan barbaachisa taʼa. Atis taate namoonni gumii keessa jiran kaan, yeroo akkasiitti namoota hidhata amantii keessan taʼan gargaaruuf maal gochuu dandeessu? Matadureen ittaanu, obboloota keessan ‘jajjabeessuufi cimsuu’ kan dandeessan akkamitti akka taʼe ibsa.—1 Tas. 5:11.

Maal Jettee Deebista?

• Muuxannoo nama barreessaa Faarfannaa 73 taʼeerraa maal baranna?

• Wanti Dhineerra gaʼe maal nu barsiisa?

• Gumii Kiristiyaanaa keessatti tasgabbii argachuu kan dandeessu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Bakka balaa hin geessisne daakaa; gumii keessaa hin baʼinaa!