Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sochiiwwan Hafuuraatiin Boqonnaa Argadhaa

Sochiiwwan Hafuuraatiin Boqonnaa Argadhaa

Sochiiwwan Hafuuraatiin Boqonnaa Argadhaa

“Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa . . . ; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.”—MAT. 11:29.

1. Waaqayyo Tulluu Siinaarratti qophii akkamii godhe? Maaliif?

KAKUUN Seerichaa Tulluu Siinaarratti kenname, guyyaa Sanbataa kabajuus kan dabalatu ture. Yihowaan karaa Musee isa bakka buʼaasaa taʼee akkas jechuudhaan saba Israaʼel ajaje: “Guyyaa jaʼa jiruu kee godhadhu, qotiyyoon kee harreen kees akka boqotaniif guyyaa torbaffaatti immoo aara galfadhu! Ilmi hojjettuu kee, ormis aara haa galfatan.” (Bau. 23:12) Eeyyee, Yihowaan warra Seericha jala jiraniif yaaduudhaan, sabnisaa torbanitti guyyaa tokko akka ‘aara galfatan’ jaalalaan qophii isaanii godheera.

2. Israaʼeloonni Sanbataa kabajuudhaan kan fayyadaman akkamitti?

2 Guyyaan Sanbataa, guyyaadhuma itti boqotan qofa turee? Lakki, guyyaan Sanbataa waaqeffannaa Israaʼeloonni Yihowaaf dhiheessan keessatti bakka guddaa qaba ture. Guyyaan Sanbataa abbootiin manaa maatiinsaanii ‘wanta qajeelaa hojjechuudhaan, karaa Waaqayyoo akka eegan’ barsiisuuf carraa isaaniif bana ture. (Uma. 18:19) Kana malees, maatiifi michoonni waliin taʼanii hojiiwwan Yihowaarratti akka xiinxalaniifi yeroo gammachiisaa akka waliin dabarsan carraa isaanii baneera. (Isa. 58:13, 14) Kana caalaammoo, guyyaan Sanbataa boqonnaa dhugaa isa Bulchiinsa Barkumee Kiristos jalatti dhufuuf gaaddidduu taʼa. (Rom. 8:21) Haataʼu malee, yeroo keenyatti maal kan argisiisudha? Kiristiyaanonni dhugaan karaawwan Waaqayyoo jallatan, boqonnaa akkasii eessaafi akkamitti argachuu dandaʼu?

Walgaʼii Kiristiyaanaatiin Boqonnaa Argadhaa

3. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa kan wal deggeran karaa kamiin ture? Buʼaansaahoo maalidha?

3 Phaawulos ergamaan, gumiin Kiristiyaanaa “utubaa fi demdemoo dhugaa” akka taʼe ibseera. (1 Xim. 3:15) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, wal jajjabeessuufi jaalalaan wal cimsuudhaan deggersa hedduu argataniiru. (Efe. 4:11, 12, 16) Phaawulos yommuu Efesoon ture, daawwannaa miseensonni gumii Qorontos isaa godhanirraa jajjabina argateera. Wanta daawwannaan kun isaa godhe ilaalchisee, “Isxifaanaas, Fortunaaxos, Akaayqosis . . . waan dhufaniif ani gammadeera. . . . [Isaan] garaa na ciibsaniiru” jechuudhaan ibseera. (1 Qor. 16:17, 18) Haaluma wal fakkaatuun, yommuu Tiitoos obboloota achi jiran tajaajiluuf gara Qorontos dhaqe, Phaawulos ‘yaadasaa ciibsitaniittu’ jechuudhaan deebisee isaanii barreesseera. (2 Qor. 7:13) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis, daawwannaa obboloonnisaanii isaanii godhaniin boqonnaa dhugaa argatu.

4. Walgaʼiiwwan gumii boqonnaa kan nuu argamsiisan akkamitti?

4 Walgaʼiiwwan gumii madda gammachuu guddaa akka taʼan muuxannoorraa ni beektu. Achitti ‘amantii waliitiin, jechuunis inni tokko amantii isa kaaniitiin jajjabina’ arganna. (Rom. 1:12) Kiristiyaanota obboloota keenya taʼanii wajjin, ijaan argaa qofaan kan wal beeknu ykn irra keessa kan wal jaallannu miti. Michoota dhugaa isaan jaallannuufi kabajnudha. Yeroo hunda bakka walgaʼii keenyatti isaanii wajjin sassaabamuudhaan, gammachuufi jajjabina hedduu arganna.—Film. 7.

5. Walgaʼiiwwan koonyaafi gurguddaarratti boqonnaa walii argamsiisuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Wanti boqonnaa nuu argamsiisu gara biraanimmoo, walgaʼiiwwan koonyaa, aanaafi addaa waggaatti goonudha. Walgaʼiiwwan gurguddaan kun, Dubbii Waaqayyoo keessaa bishaan dhugaa isa jireenya kennu argamsiisuu malees, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuun ‘garaa balʼachuuf’ carraa nuu bana. (2 Qor. 6:12, 13) Haataʼu malee, kan saalfannuufi namoota nagaa gaafachuun kan nutti ulfaatu yoo taʼehoo? Karaan obboloota keenyaa wajjin akka gaariitti itti wal barru inni tokko, bakka walgaʼii koonyaatti fedhiidhaan of dhiheessuudha. Obboleettiin tokko, walgaʼii koonyaa biyyoolessaarratti fedhiidhaan gargaarsa erga kennitee booda akkas jette: “Maatiifi michootakoo muraasarraa kan hafe, namoota bakka sana jiran baayʼeesaanii hin beekun ture. Haataʼu malee, yommuun hojii qulqulleessuurratti hirmaadhu, obboloota hedduu wajjin wal bareera. Yeroon kun gammachiisaa ture.”

6. Yommuu hojiirraa walaba taanu, karaan boqonnaa argachuu itti dandeenyu tokko maalidha?

6 Israaʼeloonni waaqeffannaadhaaf ayyaanota waggaatti kabajaman sadiirratti argamuuf gara Yerusaalem dhaqu turan. (Bau. 34:23) Kana jechuun, yeroo baayʼee maasiifi daldalasaanii dhiisanii karaa awwaaraarra guyyoota baayʼee miilaan adeemuu jechuudha. Taʼus, warri gara mana qulqullummaa dhaqan yommuu Yihowaadhaaf ‘faarfatanii galata dhiheessan’ “gammachuu guddaa” argatu turan. (2 Sen. 30:21) Haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis, maatiisaanii wajjin taʼuudhaan Betʼel, gamoo waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa isaanitti dhihoo jiru daawwachuudhaan gammachuu guddaa argatu. Yeroo ittaanutti maatiidhaan yemmuu boqottan, bakkawwan akkasii daawwachuu dandeessuu?

7. (a) Afeerriiwwan godhaman faayidaa argamsiisuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Yeroon afeerrii, kan hin irraanfatamneefi kan nama jajjabeessuu akka taʼuuf gumaacha kan godhu maalidha?

7 Maatiifi michootaa wajjin yeroo dabarsuuf walitti qabamuunis nama jajjabeessuu dandaʼa. Solomoon Mootichi inni ogeessi, “Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha mitii ree?” jedheera. (Lal. 2:24) Yeroo waliin dabarsuuf walitti qabamuun, boqonnaa nuuf argamsiisuu qofa utuu hin taʼin, Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan caalaatti akka beeknu gochuudhaan, jaalala waliif qabnu cimsachuufis nu gargaaruu dandaʼa. Yeroon akkasii kan hin irraanfatamneefi kan nama jajjabeessu akka taʼu gochuuf, namoota muraasa afeeruu, keessumaa dhugaatiin alkoolii kan dhihaatu yoo taʼemmoo, sirriitti akka toʼatamu gochuun barbaachisaadha.

Tajaajilli Boqonnaa Argamsiisa

8, 9. (a) Garaagarummaa barumsa Yesusiifi barsiisota seeraa akkasumas Fariisotaa gidduu jiru ibsi. (b) Dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif lallabuudhaan faayidaa kan argannu akkamitti?

8 Yesus hinaaffaadhaan tajaajilaa kan ture taʼuusaarrayyuu, bartoonnisaas akkasuma akka godhan jajjabeesseera. Kanas wanta akkas jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni dandaʼama: “Midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa; egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa.” (Mat. 9:37, 38) Ergaan Yesus barsiise “wangeela” jechuunis misiraachoo waan taʼeef dhugumaan boqonnaa kan argamsiisu ture. (Mat. 4:23; 24:14) Kun seera ulfaataa Fariisonni namootarratti feʼanirraa faallaa ture.—Maatewos 23:4, 23, 24 dubbisi.

9 Ergaa Mootummichaa warra kaaniif yommuu lallabnu, namoonni karaa hafuuraa boqonnaa akka argatan kan goonu taʼuusaarrayyuu, hubannaafi dinqisiifannaan dhugaawwan Macaafa Qulqulluu gati jabeessa taʼaniif qabnu ni guddata. Faarfatichi, “Waaqayyo keenya jajatanii faarfachuun attam gaarii dha! Isa jajachuun namatti in tola” jedhee faarfachuunsaa sirrii ture. (Far. 147:1) Atoo namoota duratti Yihowaa jajachuudhaan, gammachuunkee akka dabalu gochuu ni dandeessaa?

10. Milkaaʼinni tajaajilarratti argannu kan madaalamu deebii gaarii namoonni misiraachichaaf kennaniinidhaa? Ibsi.

10 Dhugaadha, namoonni naannoo tokko tokko jiran warra bakka biraa jiran caalaa misiraachicha fudhatu. (Hojii Ergamootaa 18:1, 5-8 dubbisi.) Naannookeetti namoonni hedduun ergaa Mootummichaatiif deebii gaarii kan hin kennine yoo taʼe, wanta gaarii tajaajilarratti raawwachaa jirturratti xiyyeeffadhu. Carraaqqiin maqaa Yihowaa labsuukee itti fufuuf gootu, waaʼee kan hin baasne akka hin taane yaadadhu. (1 Qor. 15:58) Kana malees, milkaaʼinni tajaajilarratti argannu kan madaalamu, deebii namoonni misiraachichaaf kennaniin miti. Yihowaan, namoonni garaa qajeelaa qaban ergaa mootummichaa fudhachuuf carraa akka argatan akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yoh. 6:44.

Waaqeffannaan Maatii Boqonnaa Argamsiisa

11. Yihowaan warraaf itti gaafatamummaa akkamii kenneera? Isaanoo kana akkamitti raawwachuu dandaʼu?

11 Warri Waaqayyoon tajaajilan, waaʼee Yihowaafi karaawwansaa ijoolleesaanii barsiisuuf itti gaafatamummaa qabu. (Kes. 11:18, 19) Ijoollee kan qabdan yoo taʼe, waaʼee Abbaa keenya isa samii jaalala qabeessa taʼee isaan barsiisuuf yeroo ni ramadduu? Itti gaafatamummaa guddaa kana akka raawwattaniifi wanta maatii keessaniif barbaachisu akka guuttaniif, Yihowaan karaa kitaabotaa, barruulee, viidiyoofi kaasseettii sagalee, nyaata hafuuraa nama jajjabeessuu hedduu kenneera.

12, 13. (a) Maatiiwwan, Waaqeffannaa Maatii galgalaarraa fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Warri, waaqeffannaan maatiisaanii madda jajjabinaa akka taʼu gochuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Kana malees, hojjetaan amanamaafi ogeessi, qophii Waaqeffannaa Maatii galgalaa godheera. Galgalli kun, maatiiwwan torban torbaniin Macaafa Qulqulluu akka qayyabataniif kan ramadamedha. Namoonni baayʼeen qophiin kun jaalala waliif qaban akka guddifataniifi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban akka cimsatan akka isaan godhe hubataniiru. Haataʼu malee, warri waaqeffannaan maatiisaanii karaa hafuuraa boqonnaa kan argamsiisu akka taʼu gochuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Waaqeffannaan maatii galgalaa, kan nama dhiphisuufi nama nuffisiisu taʼuu hin qabu. ‘Waaqa gammadaa’ waaqeffanna; innimmoo waaqeffannaa keenyatti gammadoo akka taanu barbaada. (1 Xim. 1:11, NW; Filp. 4:4) Dhugaawwan Macaafa Qulqulluu gati jabeessa taʼanirratti mariʼachuuf galgala dabalataa argachuun eebba dhugaa argamsiisa. Warri mala itti barsiisan uumuudhaan, akkaataa itti barsiisan akka haalasaatti jijjiiruu dandaʼu. Fakkeenyaaf, maatiin tokko mucaansaanii waggaa kudhanii Biraandan jedhamu mataduree, “Yihowaan Seexana Ibsuuf Bofatti Kan Fayyadame Maaliifi?” jedhurratti gabaasa akka dhiheessu godhan. Biraandan bofa waan jaallatuuf, Seexanni bofatti fakkeeffamuunsaa isa mufachiisee ture. Maatiiwwan tokko tokko darbee darbee diraamaa Macaafa Qulqulluu hojjetu; kana kan godhan wanta namni taʼanii hojjetan sun dubbate dubbisuu ykn waan raawwatame sana guutummaatti hojjetanii argisiisuudhaani. Malawwan barumsaa akkasii, ijoollee keessan gammachiisuu qofa utuu hin taʼin, hirmaannaa akka godhanis isaan gargaaru; kunimmoo seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu garaasaanii akka tuqan gochuu dandaʼa. *

Wantoota Baʼaa Isinitti Taʼuu Dandaʼanirraa Of Eeggadhaa

14, 15. (a) Guyyoota gara dhumaatti dhiphinniifi rakkinni kan dabale akkamitti? (b) Dhiphinni dabalataa akkamii nurra gaʼuu dandaʼa?

14 Guyyoota gara dhumaa sirna hamaa kanatti, dhiphinniifi sodaan dabaleera. Hojii dhabuufi rakkinni dinagdee kaan, namoota miliyoonaan lakkaaʼamanirratti miidhaa geessisu. Warri hojii qabanillee, qarshiin isaan argatan faayidaan inni maatiisaaniitiif argamsiisu muraasa waan taʼeef, yeroo baayʼee qarshiisaanii kiisii urataa keessa kaaʼatanii gara manaatti akka galan isaanitti dhagaʼama. (Haagee 1:4-6 waliin ilaali.) Namoonni siyaasaafi geggeessitoonni kaan, shororkeessummaafi madda hammeenyaa kaan moʼuuf humna kan hin qabne fakkaatu. Namoonni baayʼeenimmoo, hirʼina ofiisaaniitti abdii kutatu.—Far. 38:4.

15 Kiristiyaanonni dhugaan, rakkoowwaniifi dhiibbaawwan sirni Seexanaa geessisurra walaba miti. (1 Yoh. 5:19) Bartoonni Kiristos, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf yommuu carraaqan, haalawwan tokko tokko keessatti dhiphinni dabalataa isaanirra gaʼa. Yesus, “Na ariʼatanii yoo jiraatan isinis in ariʼatu” jedheera. (Yoh. 15:20) Haataʼu malee, “in ariʼatamna, garuu hin gatamnu.” (2 Qor. 4:9) Kun kan taʼu maaliifi?

16. Gammachuu keenya eegnee jiraachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

16 Yesus, “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, baʼaanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna” jedheera. (Mat. 11:28) Qophii furii Kiristosirratti amantaa guutuu qabaachuudhaan, harka Yihowaatti of kennanneerra jechuu dandeenya. Karaa kanaan, ‘humna humna gararraa’ arganna. (2 Qor. 4:7) Hafuurri Qulqulluun “inni jabeessu” qorumsaafi rakkoo nu mudatu akka dandeenyu qofa utuu hin taʼin, amantii keenya caalaatti nuu guddisuudhaan gammadoo taanee akka itti fufnus nu gargaara.—Yoh. 14:26, hiika bara 1899; Yaq. 1:2-4.

17, 18. (a) Ilaalcha akkamiirraa of eeguu qabna? (b) Gammachuu waaʼee hin baasnerratti xiyyeeffachuun maal geessisuu dandaʼa?

17 Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiran, ilaalcha biyya lafaa isa gammachuu argachuuf waan hundumaa gochuun barbaachisaadha jedhurraa of eeggachuu qabu. (Efesoon 2:2-5 dubbisi.) Kana gochuu baannaan, “hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis” kiyyoo nutti taʼuu dandaʼa. (1 Yoh. 2:16) Yookiinimmoo, fedhii fooniitiif moʼamuun boqonnaa argamsiisa jennee dogoggoraan amanuu dandeenya. (Rom. 8:6) Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko miirasaanii gammachiisuuf jecha, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu, alkoolii garmalee dhuguu, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaalu, ispoortiiwwan miidhaa geessisan hojjetu ykn sochiiwwan dhowwaa taʼan addaddaa raawwatu. ‘Haxxummaan’ Seexanaa, namni tokko boqonnaadhaaf ilaalcha dogoggoraa akka qabaatu gochuudhaan, karaarraa nama jalʼisuuf kan yaadamedha.—Efe. 6:11.

18 Dhugaadha, iddoosaa eeggatee hamma godhametti nyaachuun, dhuguuniifi bohaartiiwwan qulqulluu taʼanirratti hirmaachuun dogoggora miti. Taʼus, wantoonni akkasii jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabaatan heyyamuu hin qabnu. Keessumaa yeroo ammaa kanatti wantoota kanarraa of qabuun barbaachisaadha. Fedhii dhuunfaa keenyaa duukaa buʼuun, ‘Yesus Kiristosin beekuutti dhimma kan hin baasne, ija kan hin godhannes’ hamma taanutti baʼaa nutti taʼuu dandaʼa.—2 Phe. 1:8.

19, 20. Boqonnaa dhugaan argamuu kan dandaʼu akkamitti?

19 Ilaalcha keenya seerawwan Yihowaa wajjin yommuu walsimsiisnu, gammachuun biyyi lafaa nu afeeru kamiyyuu, itti fufiinsa kan hin qabne taʼuusaa hubanna. Museen kana hubateera; nutis ni hubanna. (Ibr. 11:25) Boqonnaa dhugaan, gammachuu dhugaa itti fufiinsa qabu namaa argamsiisu, fedha Abbaa keenya isa samii raawwachuurraa argama.—Mat. 5:6.

20 Wantoota hafuuraatiin boqonnaa argachuu keenya itti haa fufnu. Kana gochuudhaan, “Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, . . . abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebiʼee mulʼatu sanaa in eegganna. Inni mulʼachuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.” (Tit. 2:12, 13) Kanaaf, aboosaatiif bitamuufi qajeelfamasaa hordofuudhaan, waanjoo Yesus jala jiraachuuf haa murteessinu. Kana gochuudhaan gammachuu dhugaafi boqonnaa arganna.

[Miiljaleewwan]

^ key. 13 Qayyabannaa maatii gammachiisaafi barumsa kan kennu gochuun akkamitti akka dandaʼamu odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2009, fuula 29-31 ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Sabni Yihowaa yeroo harʼaa boqonnaa kan argatan akkamitti?

• Tajaajilli, nuufis taʼe warra isaanii lallabnuuf boqonnaa kan argamsiisu karaa kamiini?

• Waaqeffannaan maatii boqonna kan argamsiisu akka taʼu mataawwan maatii maal gochuu dandaʼu?

• Wantoonni karaa hafuuraa nu dadhabsan maalfaʼi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Waanjoo Yesus baachuudhaan wantoota madda boqonnaa taʼan hedduu arganna