Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Barsiisuuttis Of Kenni!”

“Barsiisuuttis Of Kenni!”

“Barsiisuuttis Of Kenni!”

“‘BARSIISAA, gooftaas’ jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa.” (Yoh. 13:13) Yesus, jechoota bartootasaatti dubbate kanarratti gaʼee barsiisaa taʼuudhaan qabu ifa godheera. Achiis, gara samiitti ol baʼuusaa yeroo muraasa dura, akkas jechuudhaan duuka buutotasaa ajaje: “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa.” (Mat. 28:19, 20) Yeroo booda, Phaawulos ergamaanis barsiistota Dubbii Waaqayyoo taʼuun barbaachisaa taʼuusaa ibseera. Ximotewos isa jaarsa gumii taʼe akkas jechuudhaan gorseera: “Caaffata qulqullaaʼaa namootaaf dubbisuutti, gorsuutti, barsiisuuttis of kenni! . . . Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi.”—1 Xim. 4:13-15.

Akkuma yeroo sanaa harʼas, tajaajilarrattis taʼe walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti barsiisuun bakka guddaa qaba. Barsiisuutti of kennuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo Dubbii Waaqayyoo barsiisuutti guddachuuf kan nu gargaaru karaawwan kamiini?

Fakkeenya Barsiisaa Guddichaa Hordofaa

Akkaataan Yesus itti barsiise, dhaggeeffattootasaa hedduu gammachiisee ture. Wanti inni dubbate, namoota mana sagadaa Naazireetitti walgaʼanirratti dhiibbaa akkamii akka geessise hubadhu. Barreessaa wangeelaa kan taʼe Luqaas, ‘Hundinuu dhugaa galchaniifii, dubbii gaarii afaan isaa keessaa baʼutti dinqifatan’ jechuudhaan galmeesseera. (Luq. 4:22) Bartoonni Yesus, yommuu lallaban fakkeenya Gooftaasaanii hordofaniiru. Phaawulos ergamaan, “Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa” jechuudhaan Kiristiyaanota hidhatasaa taʼan jajjabeessuunsaa sirrii ture. (1 Qor. 11:1) Phaawulos fakkeenya Yesus waan hordofeef, ‘bakka namoonni baayʼeen argamaniifi manaa gara manaatti barsiisuurratti’ buʼa qabeessa ture.—HoE. 20:20, NW.

Lafa Gabaatti” Barsiisuu

Keessumaa Hojiin Ergamootaa boqonnaa 17, Phaawulos namoota duratti barsiisuuf dandeettii guddaa akka qabu argisiisa. Seenaa kanarratti waaʼee daawwannaa inni Ateenaa Giriikitti godhee dubbisna. Phaawulos magaalaa sana keessa karaarrattis taʼe bakka namoonni hedduun jiranitti waaqayyolii tolfamoo arge. Phaawulos baayʼee jeeqamee akka ture homaa hin shakkisiisu! Taʼus miirrisaa akka isa toʼatu hin heyyamne. Kanaa mannaa, “mana sagadaa keessatti . . . lafa gabaatti immoo guyyaa hundumaa namuma achitti argamee wajjin dudubbachaa ture.” (HoE. 17:16, 17) Kun nuuf fakkeenya gaarii mitii? Namoota akkaataa guddinaa addaddaa qaban hunda isaan ceephaʼuudhaan utuu hin taʼin, kabajaan isaanitti dhihaachuudhaan, isaan keessaa tokko tokko akka dhaggeeffataniifi dhumarrattis garbummaa amantii sobaa jalaa bilisa akka baʼan gochuu dandeenya.—HoE. 10:34, 35; Mul. 18:4.

Phaawulos lafa gabaatti ennaa lallabu, namoonni isa morman isa mudatanii turan. Namoota isa dhaggeeffatan keessaa, falaastonni ilaalchisaanii dhugaa Phaawulos lallabuu wajjin wal hin simne jiru turan. Phaawulos yommuu namoonni isa morman, yaadasaanii xiyyeeffannaa keessa galchee akka ture homaa hin shakkisiisu. Namoonni tokko tokko “funaantuu” isaan jedhaniiru. Warri kaanimmoo, “Innoo waaʼee waaqayyolii ormaa labsa fakkaata” jedhan.—HoE. 17:18.

Haataʼu malee, Phaawulos dhaggeeffattoonnisaa isa tuffachuusaaniitti abdii hin kutanne. Kanarraa karaa faallaa taʼeen, waaʼee barumsasaa akka ibsu yommuu gaafatamu, Phaawulos carraa kanatti fayyadamee, haasaa hubannaafi ogummaa barsiisuu akka qabu argisiisu dhiheesseera. (HoE. 17:19-22; 1 Phe. 3:15) Mee haasaasaa gad fageenyaan qoruudhaan, barumsa dandeettii barsiisuu keenya fooyyessuuf nu gargaaru haa argannu.

Yaada Lamaan Keessan Irratti Walii Galtan Filadhaa

Phaawulos akkas jedheera: “Yaa warra Ateenaa, isin karaa hundumaa warra amantii akka isin taatan nan arga. . . . Iddoo sagada keessanii baayʼee yommuu ani doʼadhetti, iddoo aarsaa ‘Waaqayyo isa hin beekamneef’ jedhame irratti caafame tokko argeera; egaa isa isin utuu hin beekin itti sagaddan kana, isa isinittan lallaba.”—HoE. 17:22, 23.

Phaawulos wanta naannoosaa jiruuf xiyyeeffannaa kennee ture. Wanta ilaalerraa kaʼuudhaan, waaʼee namoota isa dhaggeeffatanii waan baayʼee hubatee ture. Nuyis akka gaariitti kan ilaallu taanaan, waaʼee nama haasofsiisnuu hamma tokko beekuu dandeenya. Fakkeenyaaf, mooraa keessatti meeshaa ijoolleen ittiin taphatan ykn balbalarratti milikkita yoo argite, wanta baayʼee hubachuu dandeessa. Haala nama haasofsiisnu sanaa hamma tokko yoo beekne, wanta dubbannu qofa utuu hin taʼin akkamitti akka dubbannus of eeggannoodhaan filachuu dandeenya.—Qol. 4:6.

Phaawulos, karaa akka nama ceephaʼu argisiisuun hin dubbanne. Taʼus, ‘amantiin’ warra Ateenaa beekumsa dogoggoraarratti akka hundaaʼe hubatee ture. Phaawulos Waaqa dhugaa waaqeffachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe karaa ifa taʼeen isaanitti himeera. (1 Qor. 14:8) Nuyis yommuu misiraachoo Mootummichaa lallabnu, karaa ifa taʼeefi nama hin ceephaaneen dubbachuun keenya baayʼee barbaachisaadha!

Mala Qabeeyyiifi Kan Hin Loogne Taʼaa

Phaawulos akkas jechuudhaan itti fufeera: “Waaqayyo, biyya lafaa, kan isa keessa jirus hundumaa kan uume, gooftaa waaqaatii fi lafaa ti; inni galma harki namaa ijaaretti hin galu. Ofii isaatii sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa, kan isa barbaachisu hundumaas in kenna; kanaaf harki namaa kan isaaf hojjechuu dandaʼu, wanti isaaf barbaachisus hin jiru.”—HoE. 17:24, 25.

Asirratti Phaawulos Yihowaa isa Burqaa Jireenyaa taʼe “gooftaa waaqaatii fi lafaa” akka taʼe malaan caqasuudhaan, isarratti akka xiyyeeffatan godheera. Namoonni amantiifi aadaa garaagaraa keessaa dhufaniifi garaa qajeelaa qaban, jireenyi hundi Yihowaa biraa akka argame akka beekan gargaaruun mirga guddaa mitii?—Far. 36:9.

Phaawulos ittaansuudhaan akkas jedhe: “Sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa argamanii, . . . bara isaaniitti iddoo taaʼumsa isaaniittis daarii itti godhe. Kanas Waaqayyoon akka isaan barbaadaniif qaqqabataniis akka isa argataniif godhe; amma illee Waaqayyo hunduma keenyattii fagoo miti.”—HoE. 17:26, 27.

Akkaataa itti barsiisnuun, waaqni keenya waaqa akkamii akka taʼe argisiisuu dandeenya. Yihowaan utuu wal hin caalchisin, namoonni saba hundumaa keessa jiran hundi, ‘akka isa barbaadaniif qaqqabataniis akka isa argatan’ isaanii heyyameera. Nuyis utuu wal hin caalchisin namoota argannu hundaaf lallabna. Namoonni Uumaatti amanan, caalaatti isatti dhihaachuudhaan eebba barabaraa akka argatan isaan gargaaruuf yaalii goona. (Yaq. 4:8) Haataʼu malee, warra Waaqayyo jiraachuusaa shakkan akkamitti gargaarra? Fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan isaan gargaarra. Wanta inni ittaansuudhaan dubbate hubadhu.

“Nuyi isatti in jiraanna, in sochoona, in argamnas; isin keessaa iyyuu warri walleen akkuma jedhan, ‘Nuyi immoo sanyii isaa ti.’ ‘Egaa sanyii Waaqayyo erga taanee, Waaqayyo . . . bifa isa warqee irraa yookiis meetii irraa yookiis dhagaa irraa hojjetame fakkaata jennee yaaduun nuuf hin taʼu.ʼ”—HoE. 17:28, 29.

Phaawulos wanta warri wallee dubbatan, akkasumas warri Ateenaa beekaniifi itti amanan caqasuudhaan, xiyyeeffannaasaanii argachuuf yaalii godheera. Nuyis, wanta dhaggeeffattoota keenya biratti fudhatama akka qabu beeknuufi irratti walii gallu filachuu barbaanna. Fakkeenyaaf, fakkeenyi Phaawulos ergaa warra Ibrootaatiif barreesserratti akkas jechuudhaan dubbate harʼas akkuma yeroo sanaa nama amansiisa: “Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha.” (Ibr. 3:4) Namoonni haasofsiisnu fakkeenya salphaa kanarratti akka yaadan gochuun, wanti dubbannu dhugaa taʼuusaa akka amanan isaan gargaaruu dandaʼa. Malli barsiisuu Phaawulos haasaa dhiheesse keessatti itti fayyadame kan biraammoo tarkaanfii akka fudhatan kakaasuudha; mee kana haa ilaallu.

Yeroo Ariifachiisaa Keessa Akka Jirru Ibsi

Phaawulos akkas jedheera: “Bara wallaaluma isaanii Waaqayyo namootatti lakkaaʼuu dhiiseera; amma garuu namni hundinuu iddoo hundumaatti yaada garaa isaa akka geddaratu abboomeera. Guyyaa itti harka nama foʼate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaaʼeera.”—HoE. 17:30, 31.

Waaqayyo hammeenyi yeroodhaaf akka jiraatu gochuunsaa, dhugumaan wanta garaa keenya keessa jiru isatti argisiisuuf hunda keenyaaf carraa nuu baneera. Yeroon keenya ariifachiisaa taʼuusaa cimsinee ibsuufi eebba Mootummichi yeroo dhihootti fidu karaa nama amansiisuun dubbachuun keenya barbaachisaadha.—2 Xim. 3:1-5.

Deebii Garaagaraa

“Phaawulos waaʼee duʼaa kaʼuu dubbachuu isaa yommuu dhagaʼan, kaan itti gaʼisan, warri kaan garuu, ‘Nuyi waaʼee kanaa itti daballee si irraa dhagaʼuu barbaanna’ ittiin jedhan. Phaawulos garuu, yaaʼicha keessaa baʼee adeeme. Jarreen tokko immoo gara Phaawulos goran, in amananis.”—HoE. 17:32-34.

Namoonni tokko tokko barumsa keenya yeruma sana fudhatu; kaan garuu ragaa isaaniif dhiheessine amanuuf yeroo dabalataa isaan barbaachisa taʼa. Haataʼu malee, karaa salphaafi ifaa taʼeen dhugaa ibsuu keenyaan nama tokkollee waaʼee Yihowaa beekumsa dhugaa akka argatu yoo gargaarre, Waaqayyo namoonni gara Ilmasaatti akka dhihaatan nutti fayyadamuunsaa baayʼee nu gammachiisa.—Yoh. 6:44.

Barumsa Argannu

Haasaa Phaawulos dhiheesserratti yommuu xiinxallu, akkaataa dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif itti ibsinu ilaalchisee waan baayʼee barachuu dandeenya. Gumii keessatti haasaa sabaa dhiheessuuf mirga yoo arganne, akkuma Phaawulos jechoota malaan dubbatamanitti fayyadamuun keenya namoonni hin amanne dhugaa Macaafa Qulqulluu akka hubataniifi akka fudhatan gargaaruu dandaʼa. Dhugaawwan akkasii ifatti dubbachuu kan barbaannu taʼus, amantii namoota nu dhaggeeffatan kamiiyyuu akka hin tuffanne of eeggachuu qabna. Haataʼu malee, hojii lallabaa keenyarratti namoota amansiisuufi mala qabeeyyii taʼuuf carraaqna. Kana gochuudhaan dhugumaan gorsa Phaawulos “barsiisuuttis of kenni!” jechuudhaan kenne hordofna.

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Barumsi Phaawulos ifa, salphaafi malan kan dhihaate ture

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Miira namoota lallabnuuf xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofna