Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dammaqoo Taʼuun Buʼaa Gaarii Argamsiisa

Dammaqoo Taʼuun Buʼaa Gaarii Argamsiisa

Dammaqoo Taʼuun Buʼaa Gaarii Argamsiisa

NAANNOO tajaajilaakee keessatti carraawwan lallabuuf akka tasaa uumamanitti fayyadamuuf dammaqaadhaa? Obboloonni keenya magaalaa seena qabeettii galaana qarqaraa Tuurkuu, Fiinlaandi keessa jiraatan dammaqoo kan turan siʼa taʼu, kana gochuunsaaniis buʼaa gaarii argamsiiseera.

Yeroo muraasa dura, obboloonni Tuurkuu jiraatan gareen namoota Eeshiyaa tokko hojii ijaarsaa markaba bashannanaa guddaa hojjetamaa jiru xumuruuf magaalicha keessa akka buufatan hubatan. Booda obboleessi tokko namoonni biyya alaatii dhufan kun hoteela kam keessa akka buufatan mirkaneesse. Kana malees, hojjettoonni kun ganama obboroodhaan bakka buufatan sanaa konkolaataadhaan gara hojiisaaniitti akka geeffaman hubate. Obboleessi kun, yeruma sana obboloota gumii afaan Ingiliffaatiin geggeeffamu keessa jiranitti himuudhaan isaan dammaqse.

Jaarsoliin gumii sana keessa jiran, namoonni biyya alaa hedduun achitti argamuunsaanii ergaa Mootummichaa labsuuf carraa gaarii akka isaaniif bane hubatan; utuma hin turinis duula addaa qopheessan. Torban sana guyyaa Sanbataatti, babalʼistoonni kudhan ganama keessaa saʼaatii tokkotti bakka konkolaataansaanii dhaabbatu biratti walitti qabaman. Jalqaba, hojjetaan tokkoyyuu hin jiru ture. Obboloonni akkas jedhanii wal gaafatan: ‘Baayʼee guyyaafannee laata? Tuurkuu gadhiisanii deemaniiru taʼinnaa?’ Booda garuu, hojjetaan uffata hojii uffate tokko karaa moggaa as baʼe. Hojjetaa gara biraan isatti aanee kan dhufe siʼa taʼu, kaanis dhufuu jalqaban. Utuma hin turin, hojjettoonni baayʼeen bakka konkolaataan dhaabbatu biratti walitti qabaman. Babalʼistoonni sun barreeffamoota afaan Ingiliffaatiin qophaaʼan qabatanii hojjettoota sanaaf lallabuu jalqaban. Akka carraa hojjettoonni sun hundi konkolaataa yaabbatanii hanga teessumasaanii qabatanitti gara saʼaatii tokko kan fudhate siʼa taʼu, kunis baayʼeesaanii akka haasofsiisaniif obbolootaaf carraa baneera. Konkolaattonni sun hamma achii adeemanitti, buukleetiin 126fi barruuleen 329 hojjettoota sanaaf kennamanii turan.

Obboloonni kun buʼaa gaarii argataniin jajjabeeffamuudhaan, torban ittaanu yommuu ilaaltuun olaanaa aanaa isaan daawwatuttis yeroo lammataatiif duulicha gochuuf murteessan. Guyyaa sana bokkaan roobaa kan ture taʼus, ganama keessaa saʼaatii 12:30⁠tti, ilaaltuun olaanaa aanaa walgaʼii tajaajila dirree erga geggeessee booda, babalʼistoonni 24 bakka konkolaattonni sun dhaabbatanitti qajeelan. Yeroo kanatti, namoota biyya alaa kana keessaa baayʼeensaanii Filippiinsii akka dhufan waan hubataniif, barreeffamoota afaan Taagaaloogiin qophaaʼanis fudhatanii dhaqan. Ganama sana yommuu konkolaattonni sun gara buufata markabaatti adeeman, hojjettoota sanaaf kitaabni 7, buukleetiin 69fi barruuleen 479 kennameeraaf. Gammachuun obboloota duula kanarratti hirmaatanitti dhagaʼame baayʼee guddaa akka ture tilmaamuun nama hin rakkisu!

Hojjettoonni kun gara biyyasaaniitti deebiʼuusaanii dura, obboloonni baayʼeesaanii hoteelasaaniitti deebiʼanii gaafachuudhaan ergaa Mootummichaa caalaatti isaaniif ibsaniiru. Hojjettoota kana keessaa tokko tokko, sana dura biyya gara biraatti Dhugaa Baatotaa wajjin wal arganii akka turan dubbataniiru. Hojjettoonni kun, yeroo isaan Fiinlaandi turanitti dursa fudhatanii isaan haasofsiisuusaaniitiif obboloota dinqisiifataniiru.

Atoo carraawwan naannoo tajaajilaakeetti akka tasaa uumamanitti fayyadamuuf dammaqaadhaa? Namoota sanyii garaagaraa qabaniif lallabuuf dursa ni fudhattaa? Akkas kan gootu taanaan, atis muuxannoo gammachiisaa obboloonni Tuurkuu argatanii wajjin wal fakkaatu argachuu dandeessa.

[Kaartaa/Fakkii fuula 32rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

FIINLAANDI

HEELSIINKII

Tuurkuu

[Madda]

STX Europe