Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guyyaan Yihowaa Maal Saaxila?

Guyyaan Yihowaa Maal Saaxila?

Guyyaan Yihowaa Maal Saaxila?

“Guyyaan gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa; . . . lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu [“ni saaxilamu,” NW].” —2 PHE. 3:10.

1, 2. (a) Sirni biyya lafaa hamaan kun kan balleeffamu akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mariʼanna?

SIRNI biyya lafaa hamaan kun, soba guddaa, namni Yihowaarraa addaan baʼee karaa buʼa qabeessa taʼeen ofiin of bulchuu ni dandaʼa jedhurratti kan hundeeffamedha. (Far. 2:2, 3) Wanti sobarratti hundeeffame barabaraaf dhaabachuu dandaʼaa? Matumaa hin dandaʼu! Taʼus, biyyi lafaa Seexanni seerratu kun ofiin of balleessa jennee eeguu hin qabnu. Kanaa mannaa, Waaqayyotu yeroo murteesseefi karaa barbaadeen isa balleessa. Tarkaanfiin Waaqayyo biyya lafaa hamaa taʼe kanarratti fudhatu, Inni firdii qajeelaa kan kennuufi jaalala qabeessa taʼuusaa akka gaariitti mirkaneessa.—Far. 92:7; Fak. 2:21, 22.

2 Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Guyyaan gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa; guyyaa sanatti bantiiwwan waaqaa sagalee guddisee didichuun in dhidhimu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu hoʼa ibiddaatiin wal in gad dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu [“in saaxilamu,” NW].” (2 Phe. 3:10) ‘Bantiiwwan waaqaafi lafti’ asirratti caqasaman maal argisiisu? “Ijoon uumama lubbuu hin qabne” inni wal gad dhiisu maalidha? Phexros, “Lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus” “in saaxilamu” yeroo jedhu maal jechuusaa ture? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun, haalawwan sodaachisaa yeroo dhihootti raawwatamaniif qophaaʼuuf nu gargaara.

Bantiiwwan Waaqaafi Lafa Dhidhiman

3. “Bantiiwwan waaqaa” 2 Phexros 3:10⁠rratti caqasaman maalidha? Isaanoo kan dhidhiman akkamitti?

3 Macaafni Qulqulluun, bulchitoota namoota isaan jalatti bulanii ol taʼan ibsuuf, yeroo baayʼee jecha “bantiiwwan waaqaa” jedhutti fakkeenyaan fayyadama. (Isa. 14:13, 14; Mul. 21:1, 2) ‘Bantiiwwan waaqaa dhidhiman,’ bulchiinsa namootaa ilmaan namootaa Waaqayyoorraa fagaatan bulchu kan argisiisudha. Bantiiwwan waaqaa kun, “sagalee guddisee didichuun” ykn akka hiika kan biraatti “sagalee guddisee barooduun” dhidhimuunsaanii, battalumatti akka badan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

4. ‘Lafa’ kan jedhame maalidha? Kan balleeffamuhoo akkamitti?

4 “Lafti” asirratti ibsame addunyaa ilmaan namootaa Waaqayyoorraa fagaate argisiisa. Addunyaan akkasii bara Nohitti kan ture siʼa taʼu, ajaja Waaqayyootiin Bishaan Badiisaatiin balleeffameera. “Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaaʼamanii jiru.” (2 Phe. 3:7) Bishaan Badiisaa sun namoota hamoo hundumaa takkaatti kan balleesse taʼus, badiisni “rakkina guddaa[tti]” dhufu garuu irraa jalaan raawwatama. (Mul. 7:14) Kutaa jalqabaa rakkina kanaatti, Waaqayyo mootummoonni siyaasaa biyya lafaa “Baabilon guddittii” akka balleessan isaan kakaasa; kunis ejjitu amantii kana jibbuusaa argisiisa. (Mul. 17:5, 16; 18:8) Achiis, kutaa rakkina guddaa isa dhumaa, waraana Armaagedoonitti, Yihowaan biyya lafaa Seexanni seerratu isa hafe haxaaʼee balleessa.—Mul. 16:14, 16; 19:19-21.

“Ijoon Uumama Lubbuu Hin Qabne . . . Wal In Gad Dhiisa”

5. Ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa inni fakkeenyaan ibsame maal dabalata?

5 ‘Ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa inni wal gad dhiisu’ maalidha? Jechi Phexros ‘ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa’ jechuudhaan caqase, wantoota buʼuuraa biyyi lafaa Waaqayyoorraa fagaate kun amala, ilaalcha, daandiifi galma gadhee akka qabaatu godhan argisiisa. ‘Ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa,’ “hafuura biyya lafa” isa “namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojje[tu]” kan dabalatudha. (1 Qor. 2:12; Efesoon 2:1-3 dubbisi.) Hafuurri ykn ‘qilleessi’ sun, biyya lafaa Seexanni seerratu keessatti babalʼateera. Hafuurri kun, namoonni karaa Seexana isa of tuulaafi didaa taʼee, akkasumas “aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuu” akka yaadan, akka karoorfatan, akka dubbataniifi waan tokko akka raawwatan dirqisiisa.

6. Hafuurri biyya lafaa akkamitti ibsama?

6 Kanaafuu, beekanis beekuu baatanis namoonni hafuura biyya lafaatiin faalaman, Seexanni sammuufi garaasaaniirratti dhiibbaa akka geessisu waan heyyamaniif, yaadasaafi ilaalchasaa calaqqisiisu. Kanaan kan kaʼes, fedha Waaqayyoo tilmaama keessa utuu hin galchin wanta barbaadan raawwatu. Yeroo wanti tokko isaan mudatu of tuulummaadhaan ykn ofittummaadhaan deebii kan kennan taʼuusaarrayyuu, aangoodhaaf hin abboomaman; akkasumas “hawwiin foonii, hawwiin ijaas” akka isaan moʼu heyyamu.—1 Yohannis 2:15-17 dubbisi. *

7. ‘Yaada keenya baʼeessa goonee eeguu’ kan qabu maaliifi?

7 Kanaaf, ejjennoosaa ilaalchisee wanta Waaqayyorraa barannerratti hundoofnee, michoota, wanta dubbisnu, bohaartiifi Weeb saayitii itti fayyadamnu ilaalchisee, filannoo sirrii gochuudhaan ‘yaada keenya baʼeessa goonee eeguun’ baayʼee barbaachisaadha! (Fak. 4:23) Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin taʼin, yaada mataa isaa keessaa baʼee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin boojiʼin; kana hundumaattiis of eeggadhaa!” (Qol. 2:8) ‘Hoʼi’ guyyaa Yihowaa kanaan dura taʼee hin beekne ‘ijoo uumama lubbuu hin qabne hundumaa,’ isa sirna Seexanaa keessa jiru baqsee hoʼa aarii Waaqayyoo jalaa ooluu akka hin dandeenye waan mirkaneessuuf, yeroo guyyaan sun dhihaachaa deemu abboommiin kun caalaatti barbaachisaa taʼa. Kunis yaada Miilkiyaas 4:1⁠rratti akkas jedhu nu yaadachiisa: “Guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufa; yommus warri koortuunii fi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in taʼu; guyyaan dhufu sun isaan in guba.”

“Lafti, Wanti Isa Irratti Hojjetame Hundinuus Ni Saaxilamu”

8. Laftiifi wanti isarratti hojjetame hundinuu kan “saaxilamu” akkamitti?

8 Phexros “Lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus ni saaxilamu” jedhee yeroo barreessu maal jechuusaa ture? Jechi ‘saaxilamuu’ jedhu, “argamuu” ykn “qullaa hafuu” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. Phexros, yeroo rakkina isa guddaatti, Yihowaan biyyi lafaa Seexanni seerratu, Isas taʼe Mootummaasaa akka mormu saaxiluufi badiisni akka isaaf taʼu ibsuudhaan qullaatti akka hambisu dubbachuusaa ture. Isaayaas 26:21 yeroo sana ilaalchisee raajii yommuu dubbatu akkas jedha: “Waaqayyo iddoo isaatii as baʼee sababii yakka isaaniitiif warra lafa irra jiraatan in adaba; laftis dhiiga ishee irratti dhangalaʼe in mulʼifti, siʼachis warra ajjeefaman dhoksuu hin dandeessu.”

9. (a) Maalirraa fagaachuu qabna? Maaliif? (b) Maal horachuu qabna? Maaliif?

9 Guyyaa Yihowaatti namoonni biyya lafaafi hafuurasaatiin geggeeffaman, wal ajjeesuudhaanillee eenyummaasaanii isa dhugaa argisiisu. Bohaartiiwwan addaddaa walirratti kaʼuu argisiisaniifi yeroo ammaatti baramaa taʼan, sammuu namoota hedduu yeroo itti ‘wal reebaniif’ qopheessaa jiru. (Zak. 14:13) Kanaaf, wantoota akka fiilmii, kitaabaa, tapha viidiyoo jiraniifi amalawwan Waaqayyo duratti ciiggaʼamoo taʼan, kan akka kooraafi hammeenya jaallachuu jiran akka qabaannu nu godhan ofirraa fageessuun keenya barbaachisaadha! (2 Sam. 22:28; Far. 11:5) Kana malees, bifawwan ija hojii hafuuraa, jechuunis amalawwan hoʼa guyyaa Waaqayyoo fakkeenyaan ibsame sanaatiin hin gubanne haa horannu.—Gal. 5:22, 23.

‘Bantiiwwan Waaqaa Haaraafi Lafa Haaraa’

10, 11. “Bantii waaqaa haaraadhaa fi lafa haaraa” kan jedhaman maalidha?

10 Lammaffaa Phexros 3:13 dubbisi. “Bantiiwwan waaqaa haaraa” kan jedhame, Mootummaa Waaqayyoo isa samii, bara 1914 yeroo “barri, warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kenname” raawwatametti hundeeffamedha. (Luq. 21:24) Bulchiinsi mootummaa kun Yesus Kiristosiifi namoota 144,000 isaa wajjin bulchan kan qabate siʼa taʼu, isaan keessaa garri caalaansaanii badhaasasaanii isa samii argataniiru. Kitaaba Mulʼataa keessatti, namoonni filataman kun, ‘Yerusaalem mandara qulqullittii ishee haaraa, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamteetti, qophooftee gad buutu’ akka taʼanitti ibsamaniiru. (Mul. 21:1, 2, 22-24) Akkuma bulchiinsi Israaʼel durii Yerusaalem keessa taaʼee bulchaa ture, Yerusaalem ishee haaraaniifi Misirroonshee bulchiinsa sirna haaraa hundeessu. Magaalaan samiirraa kun, ‘bantii waaqaa keessaa gad buutiʼ; jechuunis xiyyeeffannaashee gara lafaatti deebisti.

11 “Lafa haaraa” kan jedhames, hawaasa ilmaan namootaa haaraa Mootummaa Waaqayyootiif fedhiisaaniitiin bitaman kan argisiisudha. Jannanni hafuuraa sabni Waaqayyoo ammallee argachaa jiran, “biyya lafaa isa dhufuuf jiru” keessatti caalaatti guutuu taʼa. (Ibr. 2:5) Kutaa sirna haaraa sanaa taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Guyyaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Qophaaʼaa

12. Dhufaatiin guyyaa Yihowaa biyya lafaa kan naasisu maaliif?

12 Phaawulosis taʼe Phexros, guyyaan Yihowaa “akka hattuu” suuta jedhee utuu hin beekamin akka dhufu raajii dubbataniiru. (1 Tasaloniiqee 5:1, 2 dubbisi.) Kiristiyaanonni dhugaa guyyaa sana eeggatanillee, akka tasaa dhufuunsaa isaan dinqisiisuu dandaʼa. (Mat. 24:44) Haataʼu malee, namoota biyya lafaa dinqisiisuu caalaa waan isaanirraan geessisu qaba. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Namoonni [Yihowaarraa fagaatan], ‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in gaʼa; kana jalaa baʼuunis hin jiru.”—1 Tas. 5:3.

13. Labsiin “Nagaa dha, gabii dhas” jedhu akka nu hin gowwoomsine of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

13 Labsiin “Nagaa dha, gabii dhas” jedhu soba hafuuronni hamoon babalʼisan kan biraadha; kun garuu tajaajiltoota Yihowaa hin gowwoomsu. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra gaʼuu hin dandaʼu. Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis.” (1 Tas. 5:4, 5) Kanaaf, dukkana biyya lafaa Seexanni seerraturraa fagaannee ifa keessa jiraachuu keenya itti haa fufnu. Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Michoota ko, isa kana duraan dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin [barsiistota sobaa gumii Kiristiyaanaa keessa jiraniin] fudhatamtanii sokkitanii, isa jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of eeggadhaa!”—2 Phe. 3:17.

14, 15. (a) Yihowaan kan nu kabaje akkamitti? (b) Yaadawwan geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kam yaadatti qabachuu qabna?

14 Yihowaan, “Of eeggadhaa!” jechuudhaan qofa akka nu hin dhiisne hubadhaa. Kanaa mannaa, wanta gara fuulduraatti taʼu ‘duraan dursinee akka beeknu’ gaarummaadhaan yaada walii galaa nu kennuudhaan, akka nu kabaju argisiiseera.

15 Haataʼu malee, namoonni tokko tokko yaadachiisa dammaqinaan eeguun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee kennamuuf, dantaa kan hin qabne ykn kan shakkan taʼuunsaanii nama gaddisiisa. ‘Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif yaadachiisni akkasii nuu kennamaa tureera’ jedhu taʼa. Haataʼu malee, namoonni kun yeroo akkas jedhan kutaa hojjetaa amanamaa qofa utuu hin taʼin, Yihowaafi Ilmasaa shakkuusaanii akka taʼe hubachuu qabu. Yihowaan “Eeggadhu!” jedheera. (An. 2:3) Yesusis, “Gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan, dammaqaa!” jedheera. (Mat. 24:42) Phexrosis akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin namoota attamii taʼuutu isiniif taʼa ree? Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira. Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu.” (2 Phe. 3:11, 12) Hojjetaan amanamaaniifi Qaamni Olaanaa isa bakka buʼu, yaadachiisa kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennu!

16. Ilaalcha akkamiirraa fagaachuu qabna? Maaliif?

16 Gooftaan ni tura jedhee kan yaadu ‘hojjetaa hamaa’ akka taʼe beekamaadha. (Mat. 24:48) Hojjetaa hamaan sun, kutaa garee namoota 2 Phexros 3:3, 4⁠rratti ibsamaniiti. Phexros, “Guyyoota gara dhumaatti gaʼiftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan akka jiran” kan barreesse siʼa taʼu, namoota dhufa guyyaa Yihowaa akka eeggatan ajaja isaaniif kenname hordofanitti ni gaʼisu. Eeyyee, gaʼiftoonni akkasii sochiiwwan Mootummichaarratti utuu hin taʼin, ofirrattiifi fedhii fooniisaaniirratti xiyyeeffatu. Amala abboomamuu diduufi ilaalcha balaa geessisu akkasii akka hin qabaanne of eeggannoo guddaa haa goonu! Kanaa mannaa, hojii Mootummicha lallabuufi bartoota gochuurratti hinaaffaadhaan haa hirmaannu. Akkasumas waaʼee yeroo garmalee dhiphachuu mannaa, Yihowaa isa yeroo wantoonni itti raawwataman beekuuf haa dhiisnu. Akkas goonaan ‘obsaan nuuf dandaʼuusaa, fayyinaaf karaa nuuf kennuu isaatti akka lakkoofnu’ argisiisna.—2 Phe. 3:15; Hojii Ergamootaa 1:6, 7 dubbisi.

Waaqa Fayyisaa Taʼetti Amanamaa

17. Kiristiyaanonni amanamoon, gorsa Yesus Yerusaalemii akka baqatan isaanii kenneef kan ajajaman akkamitti? Maaliif?

17 Waraanni warraa Roomaa Dh.K.B. bara 66⁠tti Yihudaa erga weeraree booda, Kiristiyaanonni amanamoo taʼan gorsa Yesus carraa jalqaba argatanitti fayyadamanii magaalaa Yerusaalemii akka baqatan isaanii kenne hordofaniiru. (Luq. 21:20-23) Mamii tokko malee yeruma sana tarkaanfii kan fudhatan maaliif ture? Akeekkachiisa Yesus isaaniif kenne yeroo hundumaa waan yaadataniif akka taʼe homaa hin shakkisiisu. Akkuma Kiristos dursee dubbate, murtoon isaan godhan rakkina akka isaanirraan geessisu eeganii akka turan beekamaadha. Taʼus, Yihowaan namoota isaaf amanamoo taʼan matumaa akka hin gatne beeku turan.—Far. 55:22.

18. Wanti Yesus Luqaas 21:25-28⁠rratti dubbate, ilaalcha rakkina guddaa dhufuuf qabdurratti dhiibaa kan geessisu akkamitti?

18 Nuyis, sirni amma jiru kun rakkinni guddaan seena ilmaan namootaa keessatti taʼe hin beekne yeroo isarra gaʼu, nu oolchuu kan dandaʼu Yihowaa qofa waan taʼeef guutummaatti isatti amanamuu qabna. Erga rakkinni inni guddaan jalqabee booda, garuu Yihowaan kutaa biyya lafaa isa haferratti tarkaanfii fudhachuusaa dura, yeroo taʼe tokkotti namoonni “naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan kaʼe in laafu.” Haataʼu malee, diinonni Waaqayyoo yeroo sodaadhaan romʼanitti, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hin sodaatan. Kanaa mannaa, fayyinnisaanii akka dhiʼaate waan beekaniif ni gammadu.—Luqaas 21:25-28 dubbisi.

19. Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii mariʼanna?

19 Eeyyee, namoota biyya lafaafi ‘ijoo uumama lubbuu hin qabne hundumaa’ isa keessa jirurraa fagaatanii jiraatan yeroo dinqisiisaatu isaan eeggata! Haataʼu malee akkuma mataduree ittaanurratti ibsamu, jireenya argachuu yoo barbaanne, wanta gadheerraa fagaachuu malees wanti raawwachuu qabnu jira. Amalawwan Yihowaa gammachiisan horachuufi wantoota isa duratti fudhatama qaban raawwachuu qabna.—2 Phe. 3:11.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Amalawwan hafuura biyya lafaa ilaalchisee ibsa dabalataa argachuu yoo barbaadde, kitaaba Ragaa Dhiheessuu fuula 388-391 ilaali. (Amaariffa)

Ibsuu Dandeessaa?

• Wantoonni armaan gadii maal argisiisu?

‘bantiiwwan waaqaafi lafti’ amma jiran

“ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu”

‘bantiiwwan waaqaa haaraafi lafti haaraan’

• Guutummaatti Waaqayyootti amanamuu kan qabnu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 5rra jiru]

‘Garaakee baʼeessa gootee eeguufi’ biyya lafaarraa adda taʼuu kan dandeessu akkamitti?

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Yihowaan ‘obsaan nuuf dandaʼuu isaa, fayyinaaf karaa nuuf kennuu isaatti akka lakkoofnu’ argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?