Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Keessan Dubbisuufi Qayyabachuu Akka Jaallatan Godhaa

Ijoolleen Keessan Dubbisuufi Qayyabachuu Akka Jaallatan Godhaa

Ijoolleen Keessan Dubbisuufi Qayyabachuu Akka Jaallatan Godhaa

IJOOLLEE keessan jireenya gara fuulduraatiif qopheessuurratti, dubbisuufi qayyabachuu barsiisuu caalaa wanti gargaaru hin jiru. Kana gochuunis gammachuu guddaa argamsiisa! Namoonni tokko tokko ijoollummaasaaniitti warrisaanii isaanii dubbisaa akka turan hanga ammaatti ni yaadatu. Akkuma buʼaansaa gammachiisaa taʼe, dubbisuu qoftis gammachiisaa taʼuu dandaʼa. Karaa hafuuraa saffisaan guddachuun kan dandaʼamu Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan waan taʼeef, keessumaa tajaajiltonni Waaqayyoo kana gochuunsaanii barbaachisaadha. Kiristiyaanni abbaa taʼe tokko, “Wantoonni bakka guddaa kenninuuf wanta dubbisnuufi qayyabannuu wajjin kan wal qabatanidha” jedheera.

Ijoolleen keessan barsiifata qayyabannaa gaarii qabaachuunsaanii, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaaruu dandaʼa. (Far. 1:1-3, 6) Dubbisuu barachuun ulaagaa fayyina argachuuf barbaachisu taʼuu baatus, Macaafni Qulqulluun, dubbisuun karaa hafuuraa faayidaa guddaa akka argamsiisu ibsa. Fakkeenyaaf, Mulʼanni 1:3, “Namni isa inni dhugaa baʼe kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhagaʼan . . . haa gammadan!” jedha. Kana malees, wanta qayyabannurratti xiyyeeffachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe, gorsa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee akkas jechuudhaan Ximotewosiif barreesserratti ibsameera: “Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!”—1 Xim. 4:15.

Namni tokko akkamitti akka dubbisuufi qayyabatu beekuunsaa qofti, dandeettiiwwan kun akka isa fayyadan akka hin goone beekamaadha. Namoonni dandeettii kana qaban hedduun itti fayyadamuu mannaa, wantoota faayidaa guddaa hin qabnerratti yeroosaanii dabarsu. Warri ijoolleensaanii beekumsa faayidaa qabu argachuuf fedhii akka qabaatan gochuu kan dandaʼan akkamittiree?

Jaalalaafi Fakkeenya Keessan

Sagantaan qayyabannaa ijoolleen akka jaallataman akka isaanitti dhagaʼamu karaa godhuun kan geggeeffamu taanaan, yeroo qayyabannaa sana ni jaallatu. Hiriyoonni gaaʼelaa Oowaniifi Kilaawudiyaa jedhaman, waaʼee ijoolleesaanii lamaanii akkas jechuudhaan waan yaadatan dubbatu: “Yeroon qayyabannaa yeroo eegumsaafi gammachuu itti argatan akka taʼe waan isaanitti dhagaʼamuuf sagantaa kana hawwiidhaan eeggatu. Qayyabanna kana iddoo jaalala itti argatan akka taʼetti ilaaluu jalqaban.” Ijoolleen umrii waggoota kurnanii isa rakkisaa taʼerra yommuu gaʼanillee, qayyabannaan maatii inni jaalalaan guutame ilaalchasaaniirratti dhiibbaa gochuusaa itti fufa. Ijoolleen Oowaniifi Kilaawudiyaa yeroo ammaa qajeelchitoota yommuu taʼan, jaalala dubbisuufi qayyabachuu keessasaaniitti uumamerraa fayyadamuusaanii itti fufaniiru.

Ijoolleen dubbisuufi qayyabachuu akka jaallatan gochuuf warri fakkeenya taʼuunsaanii barbaachisaadha. Ijoolleen yeroo baayʼee yommuu warrisaanii argan, sochiiwwan kun kutaa jireenyasaanii akka taʼan itti dhagaʼamunsaa hin oolu. Haataʼu malee, dubbisuun kan isin rakkisu yoo taʼe, akka warraatti fakkeenya akkasii taʼuu kan dandeessan akkamitti? Wanta dursa kennitaniif ykn ilaalcha dubbisuuf qabdanirratti sirreeffama gochuu isin barbaachisa taʼa. (Rom. 2:21) Guyyaa guyyaadhaan kan dubbistan taanaan, ijoollee keessaniirratti dhiibbaa guddaa geessistu. Keessumaa, Macaafa Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiiwwaniif qophaaʼuufi qayyabannaa maatii gochuuf kan dhimmitan yoo taʼe, sochiiwwan kun faayidaa akka qaban sirriitti hubatu.

Kanaaf, jaalalliifi fakkeenyi keessan, ijoolleen keessan dubbisuuf fedhii akka qabaatan gochuurratti gaʼee guddaa qaba. Haataʼu malee, isaan jajjabeessuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeessu?

Ijoolleen Dubbisuuf Jaalala Akka Qabaatan Gargaaruu

Ijoolleen keessan dubbisuu akka jaallatan gochuuf, tarkaanfiiwwan barbaachisaa taʼan tokko tokko maalfaʼi? Xinnummaasaaniitii kaasanii kitaabota akka argatan godhaa. Jaarsi gumii warrisaa dubbisuu akka jaallatu godhan tokko gorsa akkas jedhu kenna: “Ijoolleen keessan kitaabota qabachuufi itti fayyadamuu akka baratan godhaa. Karaa kanaan, kitaabonni michuusaaniifi kutaa jireenyasaanii taʼu.” Kitaabonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan, kan akka Barsiisaa Guddicharraa Baradhu, akkasumas Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhaman, ijoollee baayʼeedhaaf utuu isaan dubbisuu hin dandaʼin yeroo dheeraa dura michootasaanii taʼaniiru. Kitaabota akkasii ijoollee keessanii wajjin yommuu dubbistan, qooqa qofa utuu hin taʼin, “dubbii hafuuraa” akkasumas ‘barsiisa hafuuraa’ akka baratan gootu.—1 Qor. 2:13.

Yeroo hundaa sagalee keessan ol kaasaa dubbisaa. Guyyaa guyyaadhaan ijoollee keessanii wajjin dubbisuu amaleeffadhaa. Kunis, jechoota sirriitti waamuu akka barataniifi barsiifata dubbisuuf qaban akka cimsatan isaan gargaara. Akkaataan itti dubbistanis barbaachisaadha. Miiraa hoʼaadhaan dubbisaa, isaanis akkasuma godhu. Ijoolleen keessan seenaa tokko irra deddeebitanii akka dubbistan isin gaafatu taʼa. Akkuma isaan isin gaafatan godhaafii! Yeroo booda mataduree haaraa qayyabachuuf fedhii qabaatu. Haataʼu malee, ijoolleen keessan akka isinii wajjin dubbisan akka hin dirqisiisne of eeggadhaa. Yesus dhaggeeffattoonnisaa “hamma isaan dhaggeeffachuu dandaʼan” qofa barsiisuudhaan fakkeenya taʼeera. (Mar. 4:33) Ijoollee keessan kan hin dirqisiisne yoo taʼe, yeroo dubbisichaa hawwiidhaan eeggatu; kunis galma dubbisuu akka jaallatan gochuuf qabdanirra akka geessan isin gargaara.

Hirmaannaa akka godhan jajjabeessaa; wanta dubbistanirrattis mariʼadhaa. Ijoolleen keessan utuu baayʼee hin turin jechoota baayʼee beekuu, akkamitti akka dubbifaman hubachuufi hiika maalii akka qaban baruu dandaʼuunsaanii isin gammachiisa. Wanta dubbistanirratti mariʼachuun keessan, karaa hafuuraa saffisaan akka guddatan gochuu dandaʼa. Kitaabni ijoolleen akka gaariitti akka dubbisan gargaaruun akkamitti akka dandaʼamu ibsa kennu tokko waliin haasaʼuun, ijoolleen “jechoota booda yommuu dubbisan beekuufi hubachuun isaan barbaachisu akka baratan” kan gargaaru taʼuusaa ibseera. Kitaabni kun itti fufuudhaan, “sammuun ijoollee xixinnoo beekumsa fudhachuuf banaa waan taʼeef, yeroo hunda isaanii wajjin haasaʼuun barbaachisaadha. Keessumaa wanti haasofnu barbaachisaa . . . yoo taʼe caalaatti isaan fayyada” jedheera.

Ijoolleen keessan akka isinii dubbisan godhaa; gaaffii akka gaafatanis jajjabeessaa. Ofuma keessanii gaaffii gaafachuufi yaadawwan deebii taʼuu dandaʼan itti himuu dandeessu. Karaa kanaan, ijoolleen kitaabonni madda odeeffannoo akka taʼaniifi jechoonni isaan dubbisan hiika akka qaban baratu. Keessuumaa wanti dubbistan, Dubbii Waaqayyoo isa kitaaba kamiyyuu caalaa hiika qaburratti kan hundaaʼe yoo taʼe caalaatti gaariidha.—Ibr. 4:12.

Haataʼu malee, dubbisuun dandeettii carraaqqii guddaa gaafatu taʼuusaa hin dagatinaa. Akka gaariitti dubbisuun yeroofi shaakala gochuu gaafata. * Kanaaf, ijoollee keessan galateeffachuudhaan, jaalalli dubbisaaf qaban guddachuusaa akka itti fufu godhaa. Ijoollee keessan galateeffachuun, dubbisuuf jaalala akka qabaatan godha.

Dubbisuun Kana Nama Kiisuufi Gammachiisaadha

Ijoolleen keessan akkamitti akka qayyabatan barsiisuun, kaayyoo itti dubbisaniif akka hubatan godha. Qayyabachuun wantoota dhugaa taʼan barachuufi walitti dhufeenya isaan qaban hubachuu dabalata. Akkasumas odeeffannoowwan gurmeessuu, yaadachuufi itti fayyadamuuf dandeettii qabaachuu gaafata. Mucaan tokko akkamitti akka qayyabatuufi faayidaa qayyabannaan qabu hubachuu dandeenyaan, qayyabachuun isa kiisuufi isa gammachiisuu dandaʼa.—Lal. 10:10.

Qayyabachuun maal akka gaafatu itti himaa. Waaqeffannaan maatii galgalaa, caqasa guyyaarratti mariʼachuuniifi haalawwan kana fakkaatan, akkamitti akka qayyabatan ijoollee keessan barsiisuuf carraa guddaa banu. Taaʼanii yeroo muraasaaf barumsa tokkorratti xiyyeeffachuun, yaada sassaabbachuu kan barsiisu siʼa taʼu, kunimmoo barachuuf barbaachisaadha. Kana malees, ilmi keessan wanti inni barachaa jiru, wanta kanaan dura beekuu wajjin walitti dhufeenya maalii akka qabu akka isinitti himu jajjabeessuu dandeessu. Kunis wal bira qabee ilaalu isa barsiisa. Intalli keessan wanta baratte jecha mataasheetiin gabaabsitee akka ibsitu gaafachuunoo faayidaa maalii qaba? Kana gochuun, yaadasaa hubachuufi yaadachuuf ishee gargaara. Wanti yaadachuuf gargaaruufi barsiisuu dandeessan garabiraanimmoo, irra deebiʼuu jechuunis mataduree tokko erga dubbisanii booda yaadawwan ijoo taʼan karaa biraatiin ibsuudha. Ijoollee xixinnoonillee, yeroo qayyabannaan ykn walgaʼiin gumii godhamutti, yaadannoo gabaabaa akka qabatan barsiisuun ni dandaʼama. Kun yaada sassaabbachuu akka baratan gochuurratti faayidaa guddaa qaba! Malawwan salphaa taʼan kun, haalli baruufi barsiisuu isiniifis taʼe ijoollee keessaniif gammachiisaafi faayidaa kan qabu akka taʼu godha.

Qayyabannaa gochuuf haalli mijaaʼaan akka jiraatu godhaa. Qilleensi gaariin, ifni gaʼaan, tasgabbiifi haalli mijaaʼaan salphaatti yaada sassaabbachuuf gargaara. Warri qayyabannaadhaaf ilaalcha gaarii qabaachuunsaanii baayʼee barbaachisaadha. Haati tokko akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Utuu gargar hin kutin yeroo hunda dubbisuufi qayyabachuuf yeroo ramaduun baayʼee barbaachisaadha. Kun, ijoolleen keessan waan hundumaan qophaaʼoo akka taʼan gargaara. Wanti hundumtuu yeroo isaaf ramadametti raawwatamuun akka isarra jiru baratu.” Warri hedduun, yeroo qayyabannaatti hojii kan biraan akka hojjetamu hin heyyaman. Akka abbaan taayitaa tokko jedhetti, malli kun ijoolleen barsiifata qayyabannaa gaarii akka qabaatan gargaarsa guddaa isaanii godha.

Faayidaa qayyabannaan qabu ifa godhaa. Dhumarrattis ijoolleen keessan faayidaa qayyabannaa akka hubatan gargaaraa. Odeeffannoo argatan hojiirra oolchuun, kaayyoo qayyabannaa hubachuuf gargaara. Obboleessi dargaggeessa taʼe tokko akkas jedheera: “Wantin qayyabachaa jiru faayidaa akka hin qabne yoo natti dhagaʼame, wanta sana qayyabachuuf fedhii hin qabaadhu. Haataʼu malee, dhuunfaatti hojiirra oolchuu yoon dandaʼe, wanta sana qayyabachuuf fedhiin qabaadha.” Dargaggoonni qayyabannaan kaayyoo tokko galmaan gaʼuuf barbaachisaa akka taʼe hubannaan, qayyabachuun isaan gammachiisa. Akkuma dubbisuu, qayyabachuunis isaan hawwisiisuu jalqaba.

Badhaasa Hunda Caalu

Faayidaa ijoolleen keessan dubbisuuf fedhii akka qabaatan gochuun argamsiisu hunda, mataduree kana keessatti ibsinee fixuu hin dandeenyu. Dubbisuufi qayyabachuun gammachuu argamsiisuu malees, mana barumsaatti, hojiirratti, walitti dhufeenya namootaa wajjin qabanirratti buʼa qabeeyyii taʼuuf, wantoota addunyaarratti raawwatamaniifi hiikasaanii akka gaariitti hubachuuf, akkasumas warraafi ijoollee gidduutti jaalala cimaa uumuuf kan gargaaru taʼuunsaa faayidaawwan argamsiisu keessaa muraasasaaniiti.

Hunda caalaammoo, ijoolleen keessan qayyabannaaf jaalala qabaachuunsaanii Waaqayyoof kan bulan taʼuuf isaan gargaara. Qayyabachuuf jaalala qabaachuun, ‘balʼina, dheerina, ol fageenyaafi gad fageenya’ Caaffata Qulqullaaʼoo hubachuuf, sammuufi garaasaanii akka banan gochuurratti gaʼee guddaa qaba. (Efe. 3:18) Dhugaadha, warri Kiristiyaana taʼan wanta ijoolleesaanii barsiisan baayʼee qabu. Warri ijoolleesaaniitiif yeroofi xiyyeeffannaa kennuudhaan, jireenyisaanii gara fuulduraa buʼuura gaarii akka qabaatuuf wanta isaanii dandaʼame hunda godhu; kanaaf yeroo booda ijoolleen keenya Yihowaa waaqeffachuu ni filatu jedhanii abdatu. Ijoolleen keessan barsiifata qayyabannaa gaarii akka qabaatan gochuun, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaataniifi haaluma sanaan akka itti fufan isaan gargaara. Kanaaf, ijoolleen keessan dubbisuufi qayyabachuu akka jaallatan gochuuf yommuu carraaqxan, Yihowaan akka isin eebbisu kadhachuuf sababii hedduu qabdu.—Fak. 22:6.

[Miiljaleewwan]

^ key. 14 Keessumaa ijoollee dandeettiin barachuusaanii gad aanaa taʼeef, dubbisuufi qayyabachuun ulfaataadha. Warri isaan gargaaruuf maal gochuu akka dandaʼan ilaalchisee, Dammaqaa! Amajjii, 2009 fuula 10, 11 ilaali. (Amaariffa)

[Saanduqa/Fakkii fuula 26rra jiru]

Dubbisuu . . .

• Kitaabota akka qabaatan godhaa

• Sagalee ol fuudhaa dubbisaa

• Akka hirmaatan jajjabeessaa

• Wanta dubbistanirratti mariʼadhaa

• Ijoolleen keessan akka isinii dubbisan godhaa

• Ijoolleen keessaan gaaffii akka gaafatan jajjabeessaa

Qayyabachuu . . .

• Fakkeenya gaarii taʼaa

• Ijoolleen keessan wantoota armaan gadii akka godhan leenjisaa:

○ yaada akka sassaabbatan

○ wal bira akka qaban

○ gabaabaatti akka ibsan

○ akka irra deebiʼan

○ yaadannoo akka qabatan

• Qayyabannaa gochuuf haalli mijaaʼaan akka jiraatu godhaa

• Faayidaa qayyabannaa ibsaa