Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Afeerrii Nama Hundaaf Dhihaate!

Afeerrii Nama Hundaaf Dhihaate!

Afeerrii Nama Hundaaf Dhihaate!

AFEERRIIN nama hundaaf dhihaate kun maalidha? Afeerrii waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo baayʼee Betʼel jedhamee waamamu tokko akka daawwataniif dhihaatedha. Waajjiroota damee 118 taʼantu biyyoota addaddaatti argama. Yeroo baayʼee daawwattoonni, wanta Betʼel keessatti yommuu raawwatamu arganiif dinqisiifannaa garaadhaa madde ni ibsu.

Dargaggeessi Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko, hojjettoonni hedduun dhimmanii hojjetan waajjira damee Meeksikoo jiru keessatti yommuu gammachuudhaan Yihowaa tajaajilan erga argee booda baayʼee waan dinqisiifateef, “As jiraachuufi asitti hojjechuuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. Deebii akkas jedhu argate: “Dura, cuuphamuu qabda. Achiimmoo, qajeelchaa jechuunis tajaajilaa yeroo guutuu utuu taatee gaariidha.” Dargaggeessi kun akkuma jedhame godhe. Waggaa lama booda Betʼel isa Meeksikoo jiru keessatti akka tajaajilu kan afeerame siʼa taʼu, waggoota 20 darbaniif achitti tajaajileera.

Betʼel Maalidha?

Afaan Ibrootaatiin Betʼel jechuun, “Mana Waaqayyoo” jechuudha. (Uma. 28:19) Waajjiroonni damee addaddaa, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan maxxansuuf, tamsaasuuf, akkasumas gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman 100,000 ol taʼan, karaa hafuuraa gargaaruuf faayidaarra oolu. Warri Betʼel keessatti hojjetan gara 20,000 yommuu taʼan, dhiiraafi dubartoota hawaasaafi aadaa garaagaraa keessaa dhufanidha. Isaanis, ofittummaa malee Yihowaafi obbolootasaanii hafuuraa yeroo guutuu tajaajilu. Warri hojii kanarratti waggoota dheeraa dabarsan, dargaggoota jajjaboo wajjin tajaajilu. Miseensonni maatii Betʼel, galgala galgalaafi dhuma torbaniitti gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa dhihoo jiranitti walgaʼiirrattiifi tajaajilarratti hirmaachuun isaan gammachiisa. Yeroo boqonnaasaaniimmoo, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf, bohaartiifi dhimma dhuunfaatiif itti fayyadamu.

Miseensonni maatii Betʼel, jiʼa jiʼaan qarshii xinnoo baasiisaaniitiif taʼu ni argatu. Nyaata miʼaawaafi madaalamaa nyaatu; kutaan keessa jiraatanis qulqulluufi kan namatti toludha. Manneen Betʼel nama qanansiisuuf kan qophaaʼan miti; haataʼu malee akka jireenyaaf barbaachisaa taʼetti kan qophaaʼanidha. Daawwattoota kan dinqisiisu, gamoon ykn qeʼeensaa qulqulluu taʼuusaa akkasumas hojichi qindoominaan hojjetamuusaa qofa utuu hin taʼin, gaarummaafi waltaʼiinsi Betʼel keessatti arganis isaan ajaaʼibsiisa. Hundisaanii dhimmanii kan hojjetan taʼuyyuu, jaalala argisiisuuf yeroo hin dhaban. Warri Betʼel keessatti tajaajilan, haala achi galuusaanii dura qabaniin iddoo guddaan hin kennamuuf; ykn hojii hojjetaniin kan kaʼe warra kaanirra akka caalan itti hin dhagaʼamu. Qulqulleessuu, biqiltuu kunuunsuu, nyaata qopheessuus taʼe bakka maxxansaatti ykn biirootti hojjechuu dabalatee hojiin kamiyyuu barbaachisaadha. Obboloonni Betʼelitti tajaajilan, tajaajila Dhugaa Baatota Yihowaa deggeruuf tokkummaadhaan hojjetu.—Qol. 3:23.

Obboloota Betʼel Tokko Tokkoo Wajjin Wal Baraa

Obboloota miseensa maatii addunyaa maraa taʼan kanaa wajjin caalaatti wal haa barru. Betʼelitti tajaajiluuf fedhii akka qabaatan kan isaan kakaase maalidha? Haala Maariyoo ilaalaa. Maariyoon yeroo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼetti, hojii mindaa gaarii argamsiisu qaba ture; kan hojjetu kubbaaniyyaa konkolaataa Jarman beekamaa taʼe keessatti yommuu taʼu, guddina argachuufis carraa qaba ture. Cuuphamee utuu baayʼee hin turin, Betʼel isa biyyasaa keessa jirutti torban tokko dabarsuuf fedhiidhaan of dhiheesse. Achittis hojii maxxansaarratti akka gargaaru ramadame. Maariyoon, namoota Betʼelitti isaa wajjin hojjetaniifi bakka hojiisaa jiran gidduu garaagarummaa guddaan akka jiru hubate. Kanaafuu, Betʼelitti yeroo guutuu tajaajiluuf iyyata galchate. Firoonniifi namoonni wajjin hojjechaa ture hedduun murtoo akkasii gochuunsaa dalga isaanitti taʼus, Maariyoon Betʼel isa Jarman keessa jirutti gammachuudhaan tajaajilaa jira.

Namoonni hedduun barumsa ykn dandeettii adda taʼe utuu hin qabaatin Betʼel galu. Abeel inni waggoota 15iif Betʼel isa Meeksikoo jirutti tajaajiles akkasuma. Akkas jedha: “Betʼel keessatti waan baayʼee baradheera. Maashinii maxxansaa ammayyaa ogummaa guddaa gaafaturratti hojjechuu baradheera. Betʼelii alatti beekumsa kanatti fayyadamee qarshii baayʼee argachuu akkan dandaʼu beeka; haataʼu malee, wantan asitti argadhe jechuunis, jireenya tasgabbaaʼaafi gammachiisaa taʼe akkasumas dhiphinaafi wal dorgommii iddoowwan hojii daldalaatti mulʼaturraa walaba taʼe argachuu hin dandaʼu. Barumsa hunda caalaa gaarii taʼeefi karaa hafuuraa akkan guddadhuufi yaadakoo akkan balʼifadhu na gargaare akkan argadhe natti dhagaʼama. Yunivarsiitii gaarii akkamii keessattiyyuu faayidaa akkasii argachuu hin dandaʼu.”

Daawwachuun Keessan Isin Jajjabeessuu Dandaʼa

Betʼeliin daawwachuu qofti, walitti dhufeenya namni tokko Yihowaa wajjin qaburratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa. Haalli Oomaar isa Meeksikoo keessa jiraatuus kanaan wal fakkaata. Haatisaa dhugaa Macaafa Qulqulluu isa barsiistee turte. Yeroo umriinsaa waggaa 17 taʼu garuu, Oomaar walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu dhiise. Oolee buleemmoo amalawwan gadhee argisiisuufi qabeenyaaf bakka guddaa kennuu jalqabe. Yeroo booda, kubbaaniyyaa wal qunnamtii tokkoof utuu hojjetuu, namoota Betʼel isa Meeksikootti argamu dhaqanii meeshaalee tokko tokko akka argisiisan ergaman keessaa tokko taʼe. Oomaar akkas jedha: “Erga meeshicha itti argisiisnee booda, inni nu keessumsiise Betʼeliin nu daawwachiise. Wantin argeefi gaarummaan nutti argisiisan, jireenyan Yihowaarraa fagaadhee jiraachaa turerratti akkan yaadu na godhe. Utuun hin turin deebisee walgaʼiiwwanirratti argamuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jalqabe. Betʼeliin daawwadhee jiʼa jaʼa booda nan cuuphame. Tarkaanfii kanan fudhadhe Betʼeliin daawwachuu kootiin waan taʼeef, Yihowaa nan galateeffadha.”

Maasaahikoo, inni Jaappaan keessa jiraatus, maatii Dhugaa Baatotaa keessatti guddate. Taʼuyyuu, Kiristiyaana taʼanii jiraachuun asiif achi jechuu kan nama dhowwu akka taʼe isatti dhagaʼamuu jalqabe. Sochiiwwan mana barumsaarratti hirmaannaa guddaa gochuu kan jalqabe ennaa taʼu, walgaʼiirrattiifi hojii lallabaarratti hirmaachuu ni dhiise. Maasaahikoon akkas jedha: “Gaaf tokko maatiin keenyaafi Kiristiyaanonni michoota keenya taʼan muraasni, Betʼeliin daawwachuuf murteessan. Maatiinkoo waan na dirqisiisaniif, anis isaanii wajjinan deeme. Betʼeliin daawwachuunkoo haala adda taʼeen jajjabina naa kenne. Gammachuun adeemsa sanarratti Kiristiyaanota kaanii wajjin taʼuudhaan argadhe, hiriyootakoo warra Dhugaa Baatota hin taanee wajjin taʼuudhaan argadhee hin beeku. Jireenya Kiristiyaanaa jiraachuu waanan barbaadeef, Macaafa Qulqulluu akka na qayyabsiisan gaafachuufan murteesse.” Yeroo ammaatti Maasaahikoon gumiisaa keessatti tajaajilaa yeroo guutuu taʼee tajaajilaa jira.

Dhugaa Baatuun biyya Faransaayi tokko, hojiidhaaf gara Mooskootti jijjiiramte. Achitti tajaajiltoota Yihowaa wajjin waan wal hin argineef, karaa hafuuraa ni dadhabde. Jireenya gadhee jiraachuu kan jalqabde yommuu taʼu, yeroo boodas nama Dhugaa Baatuu hin taane tokkotti heerumte. Achiis, obboleettiin biyya Faransaayi tokko ishee gaafachuu dhufte; waliin taʼanii Betʼeliin daawwachuuf gara Seeyinti Piitarsibargi, Ruusiyaa dhaqan. Akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Betʼelitti simannaa gaariin waan nuu godhameef, garaankoo ni tuqame. Bakka nagaa qabudha. Hafuurri Yihowaa akka achi jiru natti dhagaʼame. Jaarmiyaa Yihowaa dhiisee baʼuunkoo dogoggora guddaa ture! Ergan Betʼeliin daawwadhee booda, Yihowaan akka na gargaaru nan kadhadhe; murtoo cimaa gochuudhaan ijoolleekoo Macaafa Qulqulluu barsiisuun jalqabe.” Dhugaa Baatuun karaa hafuuraa dadhabdee turte kun gargaarsa hafuuraa argattee taʼuu dandaʼu kaan malees, Betʼeliin daawwachuusheetiin jajjabina guddaa waan argatteef, sana booda karaa hafuuraa guddina argisiisteetti.

Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal hin beeknehoo, Betʼeliin daawwachuunsaanii miirri akkamii akka isaanitti dhagaʼamu godheera? Albeertoon inni siyaasa keessatti hirmaannaa guddaa qabu, bara 1988⁠tti Betʼel isa Biraaziil keessa jiru daawwatee ture. Qulqullinnisaa, sabrii qabeessa taʼuunsaafi hojichi dhoksaa malee kan hojjetamu taʼuunsaa baayʼee isa dinqisiise. Albeertoon Betʼeliin daawwachuusaa yeroo muraasa dura, mana barumsaa amantii obboleessi haadha manaasaa luba taʼee itti tajaajilu tokko daawwatee ture. Albeertoon garaagarummaasaa ni hubate. Albeertoon, “Mana barumsaa sana keessatti wanti hundumtuu iccitiidhaan hojjetama ture” jedheera. Betʼeliin daawwatee utuu baayʼee hin turin, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabeefi siyaasa keessaa kan baʼe siʼa taʼu, yeroo ammaa jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira.

Kottaa Betʼeliin Daawwadhaa!

Namoonni baayʼeen, waajjira damee biyyasaaniitti argamu daawwachuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Fakkeenyaaf, Biraaziil keessa kan jiraatan Paawuloofi Awujeeniyaan, adeemsa guyyaa lamaa kiilomeetira 3,000 fagaatu konkolaataadhaan deemanii Betʼel isa biyyasaanii keessa jiru daawwachuuf, waggoota afuriif qarshii kuufataniiru. Akkas jedhu: “Kanaaf dhamaʼuun keenya sirrii ture. Amma waaʼee jaarmiyaa Yihowaa hubannaa guutuu qabna. Hojii Betʼelitti raawwatamu namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuuf yeroo ibsinu, al tokko tokko, ‘Achi dhaqxanii beektuu?’ jedhanii nu gaafatu. Amma eeyyee jennee deebisuu ni dandeenya.”

Biyya ati jiraattu ykn biyya dhihoo taʼe keessa, waajjirri damee ykn Betʼel jiraa? Bakkawwan kana akka daawwattu si afeerra. Simannaa gaariin akka sii godhamuufi Betʼeliin daawwachuu keetiin karaa hafuuraa faayidaa guddaa akka argattu homaa hin shakkisiisu.

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Maariyoo

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Abeel

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Jarman

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Jaappaan

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Biraaziil