Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Furichi Kan Nu Oolchu Akkamitti?

Furichi Kan Nu Oolchu Akkamitti?

Furichi Kan Nu Oolchu Akkamitti?

“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee.”—YOH. 3:36.

1, 2. Sababii Masaraan Eegumsaa Xiyoon jalqaba itti maxxanfame keesssaa tokko maal ture?

MAXXANSI arfaffaan barruu kanaa, Onkoloolessa 1879⁠tti, “Namni of eeggannoodhaan Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko, duuti Kiristos barbaachisaa taʼuusaa hubachuun isa hin rakkisu” jedhee ture. Matadureen sun yaada cimaa akkas jedhuun xumura: “Wanta duʼa Kiristos, aarsaa cubbuutiif dhihaate kamiyyuu salphisu ykn akka daganne argisiisu tokkollee akka hin raawwanne of haa eeggannu.”—1 Yohannis 2:1, 2 dubbisi.

2 Sababii Masaraan Eegumsaa Xiyoon Adoolessa 1879 jalqaba itti maxxanfame keessaa tokko, barumsa Macaafa Qulqulluu waaʼee furii ibsu deggeruuf ture. Dhuma bara 1800ttanii, namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan hedduun, duuti Yesus cubbuu keenyaaf furii taʼuu dandaʼuusaa shakkuu jalqabanii waan turaniif, wanti barruu kanarratti baʼe ‘nyaata yeroodhaan’ dhihaate ture. (Mat. 24:45) Yeroo sanatti, namoonni hedduun barumsa jijjiirama tirannaa, yaada namni yeroo tokkotti mudaa kan hin qabne akka tureefi booda cubbuutti akka kufe ibsuu wajjin wal faallessutti amanuu jalqabanii turan. Namoonni jijjiirama tirannaatti amanan, namni ofumasaatiin fooyyaʼuu waan dandaʼuuf furiin isa hin barbaachisu jedhanii barsiisu. Kanaaf, gorsi Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan Ximotewosiif kenne keessumaa yeroo sanatti barbaachisaa ture: “Wanta hadaraa sitti kenname jabeessii eegi! Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaaʼaadhaan mormu irraa, wanta sobaa isa ‘Beekumsa’ jedhame dhugaadhaan mormu irraas fagaadhu! Namoonni gar tokko ‘Beekumsa’ isa jedhamee kana ‘Arganneerra’ jedhanii in himu, isaan garuu isa karaa amantii akeekkatan dhabaniiru.”—1 Xim. 6:20, 21.

3. Gaaffiiwwan kamirratti mariʼanna?

3 Atis ‘karaa amantii akeekkatte akka hin dhabaneef’ murtoo akka goote hin shakkisiisu. Amantiinkee cimaa akka taʼuufimmoo, gaaffiiwwan kana of gaafachuunkee gaariidha: Furiin kan na barbaachisu maaliifi? Furicha dhiheessuun maal kan gaafatu ture? Qophii guddaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa na oolchuu dandaʼu kanarraa faayidaa argachuu kanan dandaʼu akkamitti?

Dheekkamsa Waaqayyoo Jalaa Ooluu

4, 5. Dheekkamsi Waaqayyoo biyya lafaa isa hamaa kanarratti hafuuraa kan mirkaneessu maalidha?

4 Macaafni Qulqulluunis taʼe seenaan ilmaan namootaa akka argisiisutti, erga Addaam cubbuu raawwatee jalqabee sanyii ilmaan namootaarratti ‘dheekkamsi Waaqayyoo hafeera.’ (Yoh. 3:36) Kunis namni kamiyyuu duʼa jalaa ooluu kan hin dandeenye taʼuusaatiin mulʼateera. Olaantummaan Seexanni morkituu taʼuudhaan argate, matumaa ilmaan namootaa rakkina isaanirra gaʼaa jirurraa isaan oolchuu hin dandeenye; bulchiinsi ilmaan namootaa kamiyyuu fedhii buʼuuraa namoota isa jalatti bulanii guutuu hin dandeenye. (1 Yoh. 5:19) Kanaaf, namoonni waraanaan, hammeenyaafi hiyyummaadhaan gidiraan isaanirra gaʼuusaa itti fufeera.

5 Kanaafuu, eebbi Yihowaa sirna hamaa amma jiru kanarra akka hin jirre ifadha. Phaawulos, “Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu . . . irratti waaqa irraa in mulʼata” jedheera. (Rom. 1:18-20) Namoonni karaa Waaqayyoon hin gammachiisneen jiraachuusaanii itti fufan, miidhaa amallisaanii isaanitti fide jalaa hin oolan. Yeroo harʼaatti, dheekkamsi Waaqayyoo ergaa firdii akka dhaʼichaatti biyya lafaa Seexanni seerraturratti dhangalaʼaa jiruun beeksifamaa jira; barumsawwan akkasii barreeffamoota keenya Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan hedduurratti argamu.—Mul. 16:1.

6, 7. Hojiin Kiristiyaanonni dibamoon adda durummaadhaan raawwatan maalidha? Namoonni kutaa biyya lafaa Seexanni seerratuu taʼan ammallee carraa maalii qabu?

6 Kana jechuun, namoonni garbummaa Seexanaa jala jiran walaba baʼanii Waaqayyootti araaramuuf yeroon isaanitti darbeera jechuudhaa? Lakki, ammas carraan Yihowaatti araaramuuf qaban banaadha. Kiristiyaanonni dibamoon ‘afaan Kiristos taʼanii ergaman,’ hojii lallabaarratti dursa fudhatanii namoota saba hundumaa keessaa dhufan, “Waaqayyotti araaramaa!” jedhanii afeeraa jiru.—2 Qor. 5:20, 21.

7 Phaawulos ergamaan, Yesus “isa dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu” taʼuusaa ibseera. (1 Tas. 1:10) Dheekkamsi Yihowaa inni dhumaa cubbamoota qalbii hin jijjiirranne barabaraaf ni balleessa. (2 Tas. 1:6-9) Eenyuutu jalaa oolaree? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee.” (Yoh. 3:36) Eeyyee, namoonni lubbuudhaan jiran, akkasumas warri Yesusiifi furiisaatti amanan hundi, sirni kun yeroo balleeffamu guyyaa dheekkamsa Waaqayyoorraa ni oolu.

Furichi Faayidaa Kan Argamsiisu Akkamitti?

8. (a) Abdii guddaan Addaamiifi Hewwaaniin eeggatu maal ture? (b) Yihowaan Waaqa firdiinsaa qajeelaa taʼe taʼuusaa kan mirkaneesse akkamitti?

8 Addaamiifi Hewwaan mudaa malee kan uumaman turan. Utuu Waaqayyoof abboomamaniiru taʼee, lafti yeroo ammaa sanyiisaanii gammachuudhaan Jannata keessa isaanii wajjin jiraataniin guutamti turte. Haataʼu malee, warri keenya jalqabaa taʼe jedhanii Waaqayyoof utuu hin abboomamin hafuunsaanii nama gaddisiisa. Kanaan kan kaʼes, duuti barabaraa kan isaanitti murteeffame taʼuusaarrayyuu Jannata jalqabaa keessaa ariʼaman. Addaamiifi Hewwaan yeroo ijoollee godhatan, cubbuun ilmaan namootaatti kan darbe siʼa taʼu, dhiiraafi dubartiin jalqabaa kun yeroo booda dulloomanii duʼaniiru. Kunis wanti Yihowaan dubbate akka raawwatamu mirkaneessa. Kana malees, inni Waaqa firdiinsaa qajeelaa taʼedha. Yihowaan ija mukaa dhowwamerraa nyaachuun duʼa akka geessisu Addaamiin akeekkachiisee ture; wanti taʼes kanuma.

9, 10. (a) Sanyiin Addaam kan duʼan maaliifi? (b) Duʼa barabaraa jalaa ooluu kan dandeenyu akkamitti?

9 Sanyii Addaam waan taaneef, qaama cubbuufi boodas duʼatti nama geessu dhaalleerra. Yeroo Addaam cubbuu hojjete, dugdasaa keessa ture jechuun ni dandaʼama. Kanaaf adabni duʼaa isatti murteeffame nuunis kan dabalatudha. Yihowaan furiin utuu hin dhihaatin duʼa hambiseera utuu taʼee, wanta dubbate hin raawwatu jechuudha. Phaawulos yeroo akkas jedhu waaʼee hunduma keenyaa dubbachuusaa ture jechuun ni dandaʼama: “Seerichi seera hafuuraa akka taʼe, nuyi in beekna, ani garuu nama foonii isa cubbuu jalatti gurguramee dha. Ana nama gadadamaa, foon isa gara duʼaatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa?”—Rom. 7:14, 24.

10 Cubbuu keenya nuuf dhiisuufi adaba duʼa barabaraa nutti murteeffamerraa nu oolchuuf, wanta karaa seeraa fudhatama qabu dhiheessuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. Ilmisaa inni jaallatamaan, nama mudaa hin qabne taʼee dhalachuudhaan lubbuusaa furii godhee akka nuuf kennu samiirraa isa erguudhaan kana raawwateera. Yesus, haala Addaamirraa faallaa taʼeen mudaa kan hin qabne taʼee jiraateera. Dhugumayyuu, “Inni cubbuu hin hojjenne.” (1 Phe. 2:22) Kanaaf, Yesus sanyii ilmaan namootaa cubbuurraa walaba taʼan godhachuuf dandeettii qaba ture. Haataʼu malee, sanyii Addaam cubbuu dhaalan ofitti fudhachuudhaan, kan isatti amanan jireenya barabaraa akka argatan gochuuf diinonni Waaqayyoo akka isa ajjeesan heyyameera. Caaffanni Qulqullaaʼoon akkas jechuudhaan ibsu: “Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama taʼee mulʼatee dha. Inni furii namoota hundumaatiif ofii isaa dabarsee kenne.”—1 Xim. 2:5, 6.

11. (a) Faayidaa furichi argamsiisu fakkeenyaan ibsuun kan dandaʼamu akkamitti? (b) Faayidaan furichi argamsiisu hammam balʼaadha?

11 Furiin akkamitti hojjiirra akka oolu fakkeenyaan ibsuuf, haala namoota baankiin qarshii walitti kuufatan hundumaa gowwoomsaadhaan jalaa balleesseefi liqii keessa galanii haa ilaallu. Abbootiin baankii sanaa waggootaaf mana hidhaa galuunsaanii sirriidha. Waaʼee namoota qarshiisaanii dhabuudhaan miidhamaniihoo maal jechuutu dandaʼama? Waan hiyyoomaniif, namni arjaafi sooressa taʼe baankicha fudhachuudhaan qarshii kuufatanii turan hunda isaaniif deebisuudhaan haala kana keessaa isaan baasu yoo jiraate malee, karaa itti baʼan hin qaban. Haaluma walfakkaatuun, Yihowaafi Ilmisaa inni jaallatamaan, dhiiga Yesus isa dhangalaʼerratti hundaaʼanii sanyii Addaam furuudhaan cubbuusaanii isaaniif dhiisaniiru. Yohannis Cuuphaan, Yesusiin ilaalchisee, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” kan jedhe kanaaf ture. (Yoh. 1:29) Addunyaan ilmaan namootaa cubbuunsaa irraa fuudhame, warra lubbuudhaan jiran qofa utuu hin taʼin warra duʼanis kan dabalatudha.

Furicha Dhiheessuun Maal Kan Gaafatu Ture?

12, 13. Abrahaam Yisihaqiin aarsaa gochuuf fedhii qabaachuusaarraa maal barachuu dandeenya?

12 Furicha dhiheessuun, Abbaa keenya isa samiifi Ilmasaa isa jaallatamaa wanta guddaa akkamii akka isaan gaafate guutummaatti hubachuun ulfaataadha. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun muuxannoowwan dhimma kanarratti akka xiinxallu nu gargaaran qabateera. Fakkeenyaaf, Abrahaam abboommii Waaqayyo, “Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu fuudhii biyya Moriiyaa dhaqi! Tulloota keessaa isa ani sitti argisiisu tokko irratti qalma gubamu godhii isa anaaf dhiʼeessi!” jechuudhaan isaaf kenne fudhatee adeemsa guyyaa sadii deemee gara Moriiyaa yeroo dhaqe wanta isatti dhagaʼamee ture yaadaa.—Uma. 22:2-4.

13 Dhumarratti Abrahaam bakka jedhame sana gaʼe. Abrahaam harkaafi miilla Yisihaq hidhee iddoo aarsaa ofiisaatii ijaarerra akka ciisu yeroo godhu garaansaa hangam gaddee akka ture yaadaa. Abrahaam haaduu ilmasaa ittiin qalu yeroo ol kaasu hangam dhiphatee akka ture tilmaamuun ni dandaʼama! Yisihaqis iddoo aarsaarra ciisee, dhukkuba cimaa yeroo qalamutti isarra gaʼu ennaa yaadaa turetti miira isatti dhagaʼame tilmaamaa. Ergamaan Yihowaa Abrahaam mucaasaa akka hin qalle kan isa dhowwe yeroosaatti ture. Wanti Abrahaamiifi Yisihaq yeroo sanatti godhan, Yihowaan Ilmisaa bakka buutota Seexanaatiin akka ajjeefamu yeroo heyyame, miira isatti dhagaʼamee ture hubachuuf nu gargaara. Yisihaq Abrahaamii wajjin walii galuunsaa, Yesus nuuf jedhee gidiraa arguufi duʼuuf fedhii qabaachuusaa argisiisa.—Ibr. 11:17-19.

14. Haala Yaaqoobiin mudate isa kamtu wanta furii dhiheessuun gaafate dinqisiifachuuf nu gargaara?

14 Wanta furii dhiheessuun gaafate haala Yaaqoobiin mudaterraas hubachuun ni dandaʼama. Yaaqoob ilmaansaa hundumaa keessaa Yoseefiin caalchisee jaallata ture. Obbolaan Yoseef isatti hinaafuufi isa jibbuunsaanii garuu nama gaddisiisa. Yoseef garuu, abbaansaa haala obbolootasaa akka ilaalu yeroo isa erge deemuuf fedhii argisiiseera. Yeroo sanatti, manasaanii isa Kebroon jirurraa gara kaabaatti kiilomeetira 100 fagaatanii hoolota Yaaqoob tiksu turan. Yeroo ilmaansaa uffata Yoseef dhiigaan cuuphame fidanii dhufanitti, wanta Yaaqoobitti dhagaʼame tilmaamuu dandeessu! “Kun uffata ilma kootii ti, bineensa hamaatu isa nyaate, Yoseef dhuguma gargar kukkutame!” jedhe. Wanti kun hundumtuu Yaaqoob Yoseefiif guyyoota hedduudhaaf akka gaddu isa taasiseera. (Uma. 37:33, 34) Yihowaan garuu haala isa mudatuuf deebii kan kennu akka ilmaan namootaa cubbuu dhaalaniitti miti. Taʼus, wanta jireenya Yaaqoob keessatti raawwatame kanarratti xiinxaluun keenya, Waaqayyo Ilmisaa inni jaallatamaan nama taʼee yeroo lafarra turetti, yommuu gidiraan isarra gaʼuufi gara jabinaan ajjeefamu hangam isatti dhagaʼamee akka ture hamma tokko hubachuuf nu gargaara.

Furicharraa Fayyadaa Argachuu

15, 16. (a) Yihowaan furicha fudhachuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Furicharraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

15 Yihowaan, qaama hafuuraa dinqisiisaa isaaf kennuudhaan Ilmasaa isa amanamaa duʼaa kaaseera. (1 Phe. 3:18) Yesus inni duʼaa kaʼe guyyoota 40f bartootasaatti mulʼachuudhaan, amantiisaanii kan isaaniif jabeesse taʼuusaarrayyuu, hojii wangeela lallabuu gara fuulduraatti balʼinaan hojjetamuuf isaan qopheesseera. Sana booda gara samii dhaqe. Achittis gatii dhiigasaa isa dhangalaʼeefi duuka buutotasaa warra dhugaa, gatii aarsaa furichaarratti amantii qaban fayyadu Waaqayyo duratti dhiheesse. Yihowaanis, Yesus duuka buutotasaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee Yerusaalemitti walitti qabamanii turanirratti hafuura qulqulluu akka dhangalaasu gochuudhaan, furii Kiristos fudhachuusaa argisiiseera.—HoE. 2:33.

16 Duuka buutonni Kiristos dibamtoota taʼan kun, namoonni kaan cubbuusaaniitiif dhiifama argachuuf maqaa Yesus Kiristosiin cuuphamuudhaan dheekkamsa Waaqayyoo jalaa akka oolan yeruma sana lallabuu jalqaban. (Hojii Ergamootaa 2:38-40 dubbisi.) Guyyaa seena qabeessa sanaa jalqabee hamma harʼaatti, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman aarsaa furii Yesusitti amanuudhaan Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii uumuu dandaʼaniiru. (Yoh. 6:44) Erga akkas taʼee, gaaffiiwwan lamaan hafanirratti mariʼachuu nu barbaachisa: Nu keessaa namni hojii gaarii hojjeteen abdii jireenya barabaraa argate jiraa? Abdii dinqisiisaa taʼe kana takkaa erga argannee booda dhabuu dandeenyaa?

17. Mirga guddaa michuu Waaqayyoo taʼuuf argatte akkamitti ilaaluu qabda?

17 Furichi matumaa kan nuuf malu hin turre. Haataʼu malee, yeroo harʼaatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman furii kanatti amanuudhaan michoota Waaqayyoo taʼuusaaniirrayyuu, lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf abdii argataniiru. Michoota Yihowaa taʼuun garuu, yeroo hundumaa michootasaa taanee akka itti fufnu kan mirkaneessu miti. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf, “furii Yesus Kristos” nuu dhiheesseef galateeffannaa guddaa qabnu argisiisuu keenya itti fufuu qabna.—Rom. 3:24; Filiphisiiyus 2:12 dubbisi.

Furicharratti Amantaa Qabaachuu Keessan Itti Fufaa

18. Furicharratti amantii qabaachuun maal dabalata?

18 Caqasa mataduree kanaa kan taʼe Yohannis 3:36, Gooftaa Yesus Kiristosirratti amantii qabaachuun isaaf abboomamuu kan dabalatu taʼuusaa ibsa. Dinqisiifannaan furichaaf qabnu, waaʼee amalaa dabalatee wanta Yesus barsiisee wajjin haala walsimuun jiraachuuf nu kakaasuu qaba. (Mar. 7:21-23) “Dheekkamsi Waaqayyoo,” warra gochawwan akka halalummaa, dubbii midhaan hin qabne dubbachuufi xuraaʼummaa hundumaa isa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu itti fufuu dabalatu raawwataniifi qalbii hin jijjiirrannerratti “in dhufa.”—Efe. 5:3-6.

19. Amantii furicharratti qabnu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

19 Dinqisiifannaan furichaaf qabnu, yeroo hundumaa ‘jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuuf’ nu kakaasuu qaba. (2 Phe. 3:11) Kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuuf, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa gochuuf, walgaʼiiwwanirratti argamuuf, waaqeffannaa maatii gochuufi hinaaffaadhaan Mootummicha lallabuuf yeroo gaʼaa haa ramadnu. Kana malees, ‘Waaqayyo aarsaa akkasiitti waan gammaduuf, wanta gaarii gochuufi waan qabnu warra kaaniin gaʼu dagachuu hin qabnu.ʼ—Ibr. 13:15, 16.

20. Namoonni furicharratti amantii qabaachuusaanii argisiisan hundi eebba akkamii argatu?

20 Dheekkamsi Yihowaa biyya lafaa hamaa taʼe kanarratti yeroo dhufu, furicharratti amantaa qabaachuufi dinqisiifannaa isaaf qabnu argisiisuu keenya waan itti fufuneef guddaa gammanna! Addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiise keessatti, qophii guddaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa nuu oolche kanaaf barabaraaf galateeffanna.—Yohannis 3:16; Mulʼata 7:9, 10, 13, 14 dubbisi.

Maal Jettee Deebista?

• Furichi kan nu barbaachisu maaliifi?

• Furicha dhiheessuun maal kan gaafatu ture?

• Furichi faayidaawwan akkamii argamsiisa?

• Amantii aarsaa furii Yesusirratti qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Yihowaatti araaramuuf carraansaa banaadha

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Haalawwan Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoobiin mudatanirratti xiinxaluun keenya, gatii guddaa furicha dhiheessuun gaafate dinqisiifachuuf nu gargaaru dandaʼa