Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yesus dubartii cubbamtuun tokko cubbuunshee akka dhiifameef kan itti hime maaliifi?—Luq. 7:37, 48.

Yesus mana Simoon Fariisichaatti maaddiitti dhihaatee utuu jiruu, dubartiin tokko “gara miilla isaa jalaa dhaabatte.” Achiis, imimmaansheetiin miillasaa jiistee, rifeensa mataasheetiin haxoofti turte. Sana booda, miillasaa dhungachaa urgooftuu dibataa dibdi turte. Akka Wangeelli jedhutti dubartittiin kun, ‘mandara sana keessatti cubbamtuu’ taʼuudhaan beekamti turte. Namni cubbuu dhaale hundi cubbamaa taʼus, Caaffanni Qulqullaaʼoon nama cubbuunsaa biyyaa game ykn cubbuu hojjechuudhaan beekamaa taʼe ibsuuf jecha kanatti fayyadamu. Dubartiin kun ejjituu kan turte fakkaata. Yesus, “Cubbuun kee siif dhiifameera” kan jedhe dubartii akkasiitiin ture. (Luq. 7:36-38, 48) Yesus maal jechuusaa ture? Yeroo sanatti aarsaan furii waan hin dhihaanneef, dhiifamni akkasii argamuu kan dandaʼu akkamitti?

Dubartittiin miilla Yesus dhiqxee erga dibdee booda, garuu dhiifama isheedhaa gochuusaa dura, Yesus, Simoon isa isa simateef yaada barbaachisaa taʼe ibsuuf fakkeenya tokko dubbate. Yesus, cubbuu, liqii guddaa kaffalamuu hin dandeenyetti fakkeessuudhaan Simooniin akkas jedhe: “Namni tokko jara lama irraa horii qaba ture, isa duraa irra birrii dhibba shan, isa lammaffaa irra immoo birrii shantamatu ture. Isaan lachuu waan baasaniif dhabnaan akkasumatti dhiiseef; jara lamaan sana keessaa kamtu abbaa horii kana caalaa jaallata?” Simoonis, “Namicha isa birriin dhibbi shan dhiifameeftu caalaa jaallata anatti fakkaata” jedhee deebiseef. Yesusimmoo, “Dhugaa dubbatte” jedheen. (Luq. 7:41-43) Hundi keenya Waaqayyoof ajajamuuf dirqamni nurra jira; utuu hin ajajamin hafnee cubbuu yoo hojjenne garuu, wanta Waaqayyoof malu utuu hin godhin hafna jechuudha. Kana gochuu baanaan akkuma liqii ofirra tuullutti ilaalama. Haataʼu malee, Yihowaan kana namaa dhiisuuf fedhii qaba. Yesus duuka buutonnisaa, “Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!” jedhanii Waaqayyoon akka kadhatan kan isaan jajjabeesse kanaafi.—Mat. 6:12.

Waaqayyo bara duriitti cubbuudhaaf dhiifama kan godhe maalirratti hundaaʼe ture? Murtoonsaa inni mudaa hin qabne, namni cubbuu hojjete akka duʼu ajaja. Kanaaf, Addaam cubbuu hojjeteef lubbuusaa kaffaleera. Haataʼu malee, Seera Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne keessatti, namni cubbuu hojjete tokko Yihowaadhaaf aarsaa horii dhiheessuudhaan dhiifama cubbuu argachuu dandaʼa ture. Phaawulos ergamaan akkas jedheera: “Akka seerichaatti wanti hundinuu, dhiigaan in qulleeffama jechuun in dandaʼama; dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru.” (Ibr. 9:22) Yihudoonni, karaa Waaqayyorraa dhiifamni cubbuu itti argamu gara biraa hin beekan turan. Kanaaf, namoonni bara Yesusitti turan wanta inni dubartii sanaan jedhe mormuunsaanii nama hin dinqisiisu. Namoonni Yesusii wajjin maaddiitti dhihaatanii turan sun keessasaaniitti, “Cubbuu namaa iyyuu kan dhiisuuf kun eenyu?” jedhan. (Luq. 7:49) Dubartii cubbamtuun kun, cubbuu cimaa raawwatteef dhiifama argachuu kan dandeesse akkamittiree?

Raajiin inni jalqabaa, haati manaafi abbaan manaa warri jalqabaa Waaqayyorratti erga kaʼanii booda dubbatame, kaayyoo Yihowaan “sanyii,” Seexanniifi ‘sanyiinsaa’ koomeesaa iddan kaasuuf qabu dubbata. (Uma. 3:15) Yesus kan iddame, yeroo diinonni Waaqayyoo isa ajjeesanitti ture. (Gal. 3:13, 16) Dhiigni Kiristos inni dhangalaʼe, furii ilmaan namootaa cubbuufi duʼarraa walaba baasu taʼee tajaajila. Wanti tokkoyyuu Yihowaan kaayyoosaa akka hin raawwanne dhowwuu waan hin dandeenyeef, yaanni Uumama 3:15⁠rra jiru akkuma barreeffameen, Waaqayyo furii sana akka kaffalametti ilaala. Yeroo sanaa kaasee namoota abdii inni kennerratti amantii qabaniif dhiifama gochuu dandaʼa.

Bara Kiristiyaanummaa dura, namoonni Yihowaan akka qajeelootti ilaale hedduun jiru turan. Henok, Nohi, Abrahaam, Rahaabiifi Iyoob isaan keessaa muraasasaaniiti. Namoonni kun yeroo abdiin Waaqayyo kenne itti raawwatamu amantiidhaan eeggataniiru. Yaaqoob bartichi, “Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaaʼameef” jechuudhaan barreesseera. Waaʼee Rahaabimmoo, “Akkasuma Rahaab ejjituunis . . . hojii gaariidhaan qajeeltuutti lakkaaʼamtee turte mitii ree?” jedheera.—Yaq. 2:21-25.

Daawit Mootichi Israaʼel durii, cubbuu gurguddaa hedduu raawwateera. Haataʼu malee, Waaqa dhugaarratti amantii cimaa kan qabu waan tureef, cubbuu hojjete hundumaarraa qalbii jijjiirrateera. Kana malees, Caaffanni Qulqullaaʼoon akkas jedhu: “[Yesus] dhiiga isaa dhangalaasee duʼuudhaan warra isatti amananiif miʼa araaraa haa taʼuuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka taʼe mulʼisuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf. Bara sanaattis Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa taʼuu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mulʼiseera.” (Rom. 3:25, 26) Yihowaan, aarsaa furii Yesus isa gara fuulduraatti dhihaachuuf jedhurratti hundaaʼee, ulaagaa firdiisaa isa qajeelaa utuu hin laaffisin cubbuu Daawit dhiisuufii dandaʼeera.

Haalli dubartiin miilla Yesus dibde sun dhiifama itti argattes kanaa wajjin akka walfakkaatu hubachuu dandeenya. Dubartiin kun jireenya gadhiisii jiraachaa kan turte taʼus, qalbii jijjiirratteetti. Dhiifama cubbuu argachuun akka ishee barbaachisu hubatteetti; nama Yihowaan cubbuu namootaa dhiquuf itti fayyadamuuf dinqisiifannaa dhugaa qabaachuushees gochasheetiin argisiisteetti. Aarsaan sun yeroo sanatti kan hin dhihaanne taʼus, akkuma waan dhihaateetti waan ilaalamuuf gatiinsaa namoota akkasheetiif faayidaa argamsiisuu dandaʼa ture. Kanaaf Yesus, “Cubbuun kee siif dhiifameera” jedheen.

Seenaan kun akka argisiisutti, Yesus namoota cubbamoo taʼanirraa hin baqanne. Kanaa mannaa, waan gaarii isaaniif godheera. Hunda caalaammoo, Yihowaan cubbamoota qalbii jijjiirrataniif dhiifama gochuuf fedhii qaba. Kun, nu warra cubbuu dhaalle baayʼee kan jajjabeessu mitii?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]

Qajeelummaatti isaaniif lakkaaʼameera