Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus, Waaqayyo Qajeelaa Taʼuusaa Kan Mirkaneesse Akkamitti?

Yesus, Waaqayyo Qajeelaa Taʼuusaa Kan Mirkaneesse Akkamitti?

Yesus, Waaqayyo Qajeelaa Taʼuusaa Kan Mirkaneesse Akkamitti?

“[Kiristos] dhiiga isaa dhangalaasee duʼuudhaan warra isatti amananiif miʼa araaraa haa taʼuuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka taʼe mulʼisuudhaaf kana godhe.”—ROM. 3:25.

1, 2. (a) Macaafni Qulqulluun waaʼee haala ilmaan namootaa maal nu barsiisa? (b) Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamirratti mariʼanna?

SENAAN Macaafa Qulqulluu, dhaaba Eeden keessatti hammeenyi akka raawwatame ibsu akka gaariitti beekama. Akkuma armaan gaditti ibsame hundi keenya miidhaa cubbuun Addaam fide argineerra: “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe.” (Rom. 5:12) Wanta sirrii taʼe raawwachuuf hammam carraaqnuyyuu, waan dogoggorruuf dhiifamni Waaqayyoo nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan, ‘Waan gaarii isa ani jaalladhu hin godhu; waan hamaa isa ani hin jaallanne garuu nan hojjedha. Ani nama gadadamaadha’ jechuudhaan gaddasaa ibseera.—Rom. 7:19, 24.

2 Hundi keenya cubbuu kan dhaalle waan taaneef akkas jennee gaafachuun keenya sirriidha: Yesus inni Naazireet cubbuu utuu hin dhaalin dhalachuu kan dandaʼe akkamitti? Kan cuuphamehoo maaliifi? Jireenyi Yesus Yihowaan qajeelaa taʼuusaa kan mirkaneesse akkamitti? Hunda caalaa, duuti Kiristos maal fiixaan baaseera?

Waaqayyo Qajeelaa Taʼuusaarratti Mormiin Ni Kaʼe

3. Seexanni Hewwaaniin kan gowwoomse akkamitti?

3 Warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamiifi Hewwaan, ‘bofa bara durii, isa Diiyaabilos, Seexanas jedhameef’ bitamuu waan barbaadaniif, olaantummaa Waaqayyoo fudhachuu diduudhaan gowwoota taʼuusaanii argisiisaniiru. (Mul. 12:9) Kun akkamitti akka raawwatame haa ilaallu. Seexanni akkaataan Yihowaan itti bulchu qajeelaa taʼuusaarratti gaaffii kaaseera. Kana kan godhes yeroo akkas jedhee Hewwaaniin gaafatettidha: “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” Hewwaan abboommii ifa Waaqayyo muka tokko akka hin tuqne, yoo tuqan garuu akka duʼan isaanitti hime irra deebite ibsiteef. Achiis Seexanni Waaqayyo sobeera jedhee himata isarratti dhiheesse. Diiyaabilos “Hin duutan” jedheen. Waaqayyo wanta gaarii tokko akka isaan dhowwateefi yoo ija mukaa sana nyaatte, ofiin of bulchuudhaan akka Waaqayyoo akka taatuu amansiisuudhaan ishee gowwoomse.—Uma. 3:1-5.

4. Ilmaan namootaa olaantummaa Seexanaa isa morkituu taʼee jala kan galan akkamitti?

4 Seexanni, ilmaan namootaa Waaqayyoorraa adda baʼanii utuu ofiin of bulchanii caalaatti gammachuu argatu jechuusaa ture. Addaam olaantummaan Waaqayyoo qajeelaa taʼuusaa fudhachuu mannaa, haadha manaasaa kan dhagaʼe taʼuusaarrayyuu, akkumashee ija mukaa dhowwame sana nyaateera. Kanaan kan kaʼes Addaam ejjennoo qulqulluu Yihowaa duratti qabu kan dhabe siʼa taʼu, nuunis waanjoo hamaa cubbuufi duʼaatti dabarsee nu kenne. Akkasumas, ilmaan namootaa olaantummaa Seexanaa isa morkituufi “waaqayyicha bara siʼanaa” taʼee jala galan.—2 Qor. 4:4; Rom. 7:14.

5. (a) Yihowaan wanta dubbate kan raawwate akkamitti? (b) Waaqayyo sanyii Addaamiifi Hewwaaniif abdii akkamii kenne?

5 Wanti Yihowaan dubbate waan lafa hin buuneef, Addaamiifi Hewwaanirratti duʼa murteesse. (Uma. 3:16-19) Kana jechuun garuu, kaayyoon Waaqayyoo utuu hin raawwatamin hafa jechuu miti. Wanti inni dubbate ni raawwatama! Yihowaan, Addaamiifi Hewwaanirratti yeroo murteessetti, sanyiisaaniitiif abdii kenneera. “Sanyii” Seexanni koomeesaa iddu kaasuuf kaayyoo akka qabu ibsuudhaan abdii kana kenneera. Haataʼu malee, Sanyiin abdachiifame kun madaan koomeesaa erga fayyee booda, “mataa [Seexanaa] in buruqsa.” (Uma. 3:15) Macaafni Qulqulluun dhimma kana balʼinaan yeroo ibsu waaʼee Yesus Kiristos, “Ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa diiguudhaaf mulʼate” jedha. (1 Yoh. 3:8) Haataʼu malee, amalliifi duuti Yesus qajeelummaa Waaqayyoo kan mirkaneessu akkamitti?

Cuuphaan Yesus Hiika Maalii Qaba?

6. Yesus Addaamirraa cubbuu akka hin dhaalle akkamitti beekna?

6 Yesus yeroo gaʼeessa turetti, Addaam isa yeroo tokkotti cubbuurraa walaba ture wajjin qixxee taʼa. (Rom. 5:14; 1 Qor. 15:45) Kana jechuunimmoo Yesus cubbuurraa walaba taʼee dhalachuu qaba jechuudha. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Gabriʼel ergamaan, Maariyaam ishee haadha Yesus taateef ibsa akkas jedhu kennee ture: “Hafuurri qulqulluun si irra in buʼa, humni abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.” (Luq. 1:35) Maariyaam, yommuu Yesus mucaa xinnoo turetti, waaʼee dhalootasaa wantoota tokko tokko itti himuu hin ooltu. Kanaaf, Maariyaamiifi abbaan isa guddise Yoseef, mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti yeroo isa argatan, Yesus inni xinnoo ture, “Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?” jedhee isaan gaafate. (Luq. 2:49) Yesus ijoollummaasaatii kaasee Ilma Waaqayyoo taʼuusaa akka beeku ifadha. Kanaaf, isaaf qajeelummaa Waaqayyoo mirkaneessuun wanta jireenyasaa keessatti bakka guddaa kennuuf ture.

7. Yesus qabeenyawwan addaa akkamii qaba ture?

7 Yesus yeroo hundumaa walgaʼiiwwan waaqeffannaarratti argamuudhaan, wantoota hafuuraatiif fedhii guddaa akka qabu argisiiseera. Sammuunsaa mudaa kan hin qabne waan taʼeef, wanta dhagaʼuufi wanta Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaarraa dubbisu hundumaa hubachuu dandaʼa ture. (Luq. 4:16) Akkasumas qabeenya adda taʼe kan biraa, jechuunis qaama cubbuurraa walaba taʼeefi ilmaan namootaatiif aarsaa taʼuu dandaʼu qaba ture. Yesus yeroo cuuphametti, kadhachaa, tariimmoo raajii Faarfannaa 40:6-8⁠rra jirurratti yaadaa ture.—Luq. 3:21; Ibroota 10:5-10 dubbisi. *

8. Yohannis Cuuphaan, Yesus akka hin cuuphamne dhowwuuf yaalee kan ture maaliifi?

8 Yohannis Cuuphaan jalqabarratti Yesus akka hin cuuphamneef isa dhowwuu barbaadee ture. Maaliif? Yohannis Yihudoota cuuphaa kan ture cubbuu Seericharratti hojjetanirraa akka deebiʼan argisiisuufidha. Yohannis Yesusiif fira dhihoo waan taʼeef, inni qajeelaa akka taʼeefi yaada garaa geddarachuun akka isa hin barbaachisne utuu hin beekin hin oolu. Yesus cuuphamuunsaa sirrii akka taʼe Yohannisiif mirkaneesseera. Yesus, ‘Waan qajeelaa taʼe hundumaa akkasitti raawwachuun nuuf taʼa’ jechuudhaan ibseeraaf.—Mat. 3:15.

9. Cuuphaan Yesus maal kan argisiisu ture?

9 Yesus nama cubbuurraa walaba taʼe waan tureef, akkuma Addaam, sanyii ilmaan namootaa cubbuurraa walaba taʼan godhachuuf dandeettii qabutti fayyadamuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, Yesus fedhiin Waaqayyo isaaf qabu kana waan hin taaneef kaayyoo akkasii hin qabu ture. Waaqayyo Yesusiin gara lafaatti kan erge, gaʼee Sanyii abdachiifamee ykn Masiihii akka raawwatuufidha. Kunimmoo lubbuusaa isa cubbuurraa walaba taʼe aarsaa gochuu kan dabalatu ture. (Isaayaas 53:5, 6, 12 dubbisi.) Cuuphaan Yesus cuuphaa nuyi cuuphamnuu wajjin hiika tokko akka hin qabne beekamaadha. Yesus kutaa saba Israaʼel isa Yihowaadhaaf of murteessee waan tureef, cuuphaansaa Yihowaaf of murteessuu kan dabalatu hin turre. Kanaa mannaa, cuuphaan Yesus akkuma Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti waaʼee Masihiichaa raajiidhaan dubbatame, fedha Waaqayyoo raawwachuuf of dhiheessuusaa kan argisiisudha.

10. Masiihii taʼanii fedha Waaqayyoo raawwachuun maal dabalata? Kana ilaalchisee Yesusitti maaltu dhagaʼame?

10 Fedhiin Yihowaan Yesusiif qabu, misraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu, bartoota gochuufi hojii bartoota gochuu gara fuulduraatti raawwatamuuf bartootasaa qopheessuu kan dabalatu ture. Akkasumas Yesus of dhiheessuunsaa, ariʼatama dandaʼuuf, akkasumas ajjeechaa gara jabinaa olaantummaan Yihowaa qajeelaa taʼuusaa deggeruuf jecha isarra gaʼu dandaʼuuf fedhii qabaachuu kan dabalatudha. Yesus Abbaasaa isa samii garaasaatii waan jaallatuuf, fedha Waaqayyoo raawwachuufi qaamasaa aarsaa godhee dhiheessuusaatiin gammachuu guddaa argateera. (Yoh. 14:31) Gatiin lubbuusaa isa cubbuurraa walaba taʼee, garbummaa cubbuufi duʼaarraa nu bituuf furii taʼee Waaqayyoof dhihaachuu akka dandaʼu beekuunsaas isa gammachiiseera. Waaqayyo, Yesus itti gaafatamummaa guddaa akkasii fudhachuuf of dhiheessuusaa deggereeraa? Eeyyee deggereera!

11. Yihowaan, Yesusiin akka Masiihii ykn Kiristos isa abdachiifameetti fudhachuusaa kan argisiise akkamitti?

11 Barreessitoonni Wangeelaa arfanuu, yeroo Yesus Laga Yordaanositti cuuphamee baʼetti Yihowaan akka isa jaallatu dubbachuusaa dhugaa baʼaniiru. Yohannis Cuuphaan akkas jechuudhaan dhugaa baʼeera: “Hafuurri qulqulluun akka gugeetti waaqa irraa [Yesus] irra buʼee hafuu isaa argeera. . . . Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo taʼuu isaas dhugaa baʼeera.” (Yoh. 1:32-34) Kana malees yeroo sanatti Yihowaan, “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama” jechuudhaan dubbateera.—Mat. 3:17; Mar. 1:11; Luq. 3:22.

Yesus Hamma Duʼaatti Amanamaa Ture

12. Yesus erga cuuphamee booda waggaa sadiif walakkaadhaaf maal raawwateera?

12 Yesus waggoota sadiifi walakkaa hafanitti, waaʼee Abbaasaa, akkasumas olaantummaan Waaqayyoo qajeelaa taʼuusaa namoota barsiisuurratti guutummaatti hirmaateera. Guutummaa Biyyattii Abdachiifamtee keessa miilaan adeemuun kan isa dadhabsiise taʼus, wanti tokkoyyuu waaʼee dhugaa guutummaatti akka hin lallabne isa dhowwuu hin dandeenye. (Yoh. 4:6, 34; 18:37) Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota kaan barsiiseera. Dinqiidhaan namoota fayyisuudhaan, warra beelaʼan hedduu nyaachisuufi warra duʼanillee duʼaa kaasuudhaan, wanta Mootummichi ilmaan namootaatiif raawwatu argisiiseera.—Mat. 11:4, 5.

13. Yesus kadhannaa ilaalchisee maal barsiiseera?

13 Yesus barsiisuufi fayyisuusaatiin ofiisaatiif galateeffamuu mannaa, gad of deebisuudhaan galanni hundumtuu Yihowaadhaaf akka dhihaatu waan godheef fakkeenya gaarii nuu taʼa. (Yoh. 5:19; 11:41-44) Yesus wantoonni baayʼee barbaachisaan kadhachuu qabnu maalfaa akka taʼan barsiiseera. Kadhannaan keenya maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhamu, ‘qulqulluu taʼee akka eegamu,’ akkasumas ‘jaalallisaa inni waaqarratti taʼe lafarrattis akka taʼutti’ olaantummaan Waaqayyoo inni qajeelaa taʼe bulchiinsa Seexanaa isa hamaa akka bakka buʼu gaafachuu kan dabalatu taʼuu qaba. (Mat. 6:9, 10) Yesus, ‘duraan dursinee yaada keenya mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduutti hidhuudhaan,’ kadhannaa keenyaa wajjin haala walsimuun akka jiraannu nu gorseera.—Mat. 6:33.

14. Yesus cubbuurraa walaba kan ture taʼus, gaʼee kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu raawwachuuf carraaquun kan isa barbaachise maaliifi?

14 Yesus yeroon duʼa aarsaa itti duʼu dhihaachaa yeroo dhufetti, itti gaafatamummaa guddaan isarra jiru caalaatti isa yaaddessee ture. Kaayyooniifi maqaan Abbaasaa, Yesus qorumsaafi ajjeechaa gara jabinaa isarra gaʼu dandaʼuusaarratti kan hundaaʼe ture. Duʼuusaa guyyaa shan dura Yesus akkas jedhee ture: “Amma lubbuun koo dhiphatteetti; egaa, ‘Yaa abbaa yerottii kana na oolchi!’ jedhu moo ree? Garuu sababiidhuma kanaaf ani immoo gara yerottii kanaa dhufe.” Miira nama hundumaatti dhagaʼamuu dandaʼu kana erga ibsee booda, haala ofittummaarraa walaba taʼeen wanta barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffachuudhaan, “Yaa abbaa maqaa kee ulfeessi, guddisi!” jedhee kadhateera. Yihowaanis yeruma sana, “Raawwadhee ulfeessee, guddiseera; siʼachis nan ulfeessa, nan guddisas!” jedhee deebiseef. (Yoh. 12:27, 28) Eeyyee, Yesus qorumsa guddaa hanga yeroo sanaatti nama kamirrayyuu gaʼee hin beekne keessa darbuuf fedhii argisiiseera. Taʼus Abbaansaa inni samii yeroo akkas jedhu dhagaʼuunsaa, Yesus olaantummaa Yihowaa mirkaneessuudhaan milkaaʼina akka argatu amanannaa cimaa akka isaaf kenne homaa hin shakkisiisu. Milkaaʼinas argateera!

Duuti Yesus Maal Fiixaan Baaseera?

15. Yesus yeroo duʼuuf jedhu, “Fiixaan baʼeera” kan jedhe maaliif?

15 Yesus mukarratti fannifamee yeroo turetti hafuura dhiphinaa isa dhumaatiin, “Fiixaan baʼeera” jedhe. (Yoh. 19:30) Yesus waggaa sadiifi walakkaa erga cuuphamee kaasee hamma duʼasaatti jiru sanatti, gargaarsa Waaqayyootiin wantoota gurguddaa fiixaan baasuu dandaʼeera! Yeroo Yesus duʼetti, sochoʼi lafaa guddaan kan taʼe siʼa taʼu, angafni dhibbaa loltoota warra Roomaa namoota isa ajjeesan keessa tokko ture, “Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture” jedhe. (Mat. 27:54) Angafni dhibbaa kun, Yesus ani Ilma Waaqayyooti jedheera jedhanii yeroo isatti gaʼisan argee akka ture beekamaadha. Yesus gidiraan kun hundumtuu isarra gaʼuyyuu, amanamummaasaa eeguudhaan Seexanni sobduu hammeenyaan guutame taʼuusaa mirkaneesseera. Seexanni namoota olaantummaa Waaqayyoo deggeran hunda ilaalchisee, “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan mormeera. (Iyo. 2:4) Yesus amanamaa taʼuusaatiin, Addaamiifi Hewwaan qorumsa kanarra baayʼee xinnoo taʼe sanarratti amanamoo taʼuu kan dandaʼan akka turan mirkaneesseera. Hundumaa caalaa, jireenyi Yesusiifi duutisaa, olaantummaan Yihowaa qajeelaa taʼuusaa kan deggeruufi kan mirkaneessu ture. (Fakkeenya 27:11 dubbisi.) Duuti Yesus waan fiixaan baase kan biraa qabaa? Eeyyee qaba!

16, 17. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa bara Kiristiyaanummaa dura turan, isa duratti qajeeloo taʼuu kan dandaʼan maaliifi? (b) Yihowaan Ilmisaa amanamaa taʼuusaatiin kan isa kiise akkamitti? Gooftaan keenya Yesus Kiristos maal gochuusaa itti fufeera?

16 Yesus gara lafaa dhufuusaa dura tajaajiltoonni Yihowaa hedduun jiraataniiru. Yihowaa duratti qajeelota taʼuu kan dandaʼan taʼuusaaniirrayyuu, duʼaa kaʼuuf abdii akka qaban itti himamee ture. (Isa. 25:8; Dan. 12:13) Haataʼu malee, Yihowaa inni Waaqa qulqulluu taʼe, ilmaan namootaa cubbamoo taʼan karaa dinqisiisaa taʼe kanaan kan isaan eebbisu maalirratti hundaaʼeeti? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “[Yesus Kiristos] dhiiga isaa dhangalaasee duʼuudhaan warra isatti amananiif miʼa araaraa haa taʼuuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka taʼe mulʼisuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf. Bara sanaattis Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa taʼuu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mulʼiseera.”—Rom. 3:25, 26. *

17 Yihowaan, Yesusiin duʼaa kaasee aangoo gara lafaa dhufuusaa dura qaburra caalu isaa kennuudhaan isa kiiseera. Amma Yesus uumama hafuuraa ulfina qabeessa barabaraaf hin duune taʼeera. (Ibr. 1:3) Gooftaan keenya Yesus Kiristos, Angafa Lubootaafi Mootii taʼuudhaan, duuka buutonnisaa Waaqayyo qajeelaa taʼuusaa akka mirkaneessan gargaaruusaa itti fufeera. Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaan, namoota kana godhaniifi fakkeenya Ilmasaa hordofuudhaan amanamummaadhaan isa tajaajilan hundumaa kan kiisu taʼuusaatiif baayʼee isa galateeffanna!—Faarfannaa 34:3; Ibroota 11:6 dubbisi.

18. Matadureen ittaanu maalirratti xiyyeeffata?

18 Abeelii kaasee ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi, Sanyii abdachiifame sanatti waan amananiifi amanannaa waan qabaniif Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabu turan. Yihowaan Ilmisaa guutummaatti amanamaa akka taʼuufi duutisaa “cubbuu biyya lafaa” hundumaa haquu akka dandaʼu beeka ture. (Yoh. 1:29) Duuti Yesus namoota yeroo ammaa jiraatan hundaafis faayidaa argamsiisa. (Rom. 3:26) Furiin Yesus eebba akkamii sii argamsiisuu dandaʼaree? Matadureen ittaanu waaʼee kanaa ibsa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Asirratti Phaawulos ergamaan, akka hiika Saptuujantii afaan Giriikiitti Faarfannaa 40:6-8 isa yaada “dhagna abboomamu anaaf qopheessiteetta” jedhu dabalaturraa caqaseera. Yaanni kun hiikawwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa durii harkaan barreeffamaniifi yeroo ammaatti argamanirra hin jiru.

^ key. 16 “Gaaffii Dubbistootaa” fuula 6fi 7⁠rra jiru ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Qajeelummaa Waaqayyoorratti mormiin kaʼee kan ture akkamitti?

• Cuuphaan Yesus maal kan argisiisu ture?

• Duuti Yesus maal fiixaan baaseera?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Cuuphaan Yesus maal kan argisiisu akka ture beektaa?