Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eebba Yihowaa Garaadhaa Barbaadaa

Eebba Yihowaa Garaadhaa Barbaadaa

Eebba Yihowaa Garaadhaa Barbaadaa

‘Waaqayyo warra isa barbaadaniif gatiisaanii in kennaaf.ʼ—IBR. 11:6.

1, 2. (a) Namoonni hedduun eebba Waaqayyoo argachuu kan barbaadan akkamitti? (b) Keessumaa nuyi eebba Yihowaa argachuuf barbaaduu kan qabnu maaliifi?

BIYYOOTA tokko tokkotti yommuu namni haxxifatu, namni matumaa isa hin beekne “Waaqayyo si haa eebbisu!” yommuu jedhu dhagaʼuun baramaadha. Luboonni amantii garaagaraa yeroo baayʼee namoota, horiifi wantoota lubbuu hin qabne ni eebbisu. Namoonni eebba argachuuf jecha bakkawwan amantii addaddaa dhaquu barbaadu. Namoonni siyaasaas yeroo hundaa Waaqayyo sabasaanii akka eebbisu kadhatu. Kadhannaawwan eebba argachuuf godhaman akkasii sirrii sitti fakkaatuu? Eebbahoo argachaa jiruu? Dhugumaan eebba Waaqayyoo kan argatu eenyu? Maaliif?

2 Yihowaan, guyyoota gara dhumaatti namoota qulqulluufi naga qabeeyyii, akkasumas saba hunda keessaa dhufan, jibbiifi mormiin isaanirra gaʼuyyuu misraachoo Mootummichaa hamma handaara lafaatti lallaban akka qabaatu raajii dubbateera. (Isa. 2:2-4; Mat. 24:14; Mul. 7:9, 14) Eebba Waaqayyoo utuu hin argatin milkaaʼina argachuu waan hin dandeenyeef, nuti warri kutaa sabasaa taʼuuf itti gaafatamummaa fudhanne, eebbasaa argachuu barbaanna; barbaaduus qabna. (Far. 127:1) Haataʼu malee, eebba Waaqayyoo argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Namoota Abboomamoo Taʼan Eebbi In Qaqqaba

3. Israaʼeloonni utuu ajajamaniiru taʼee maal argatu turan?

3 Fakkeenya 10:6, 7 dubbisi. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii yeroo muraasa dura, Yihowaan sagaleesaatiif yoo abboomaman badhaadhina guddaafi eegumsa akka argatan dubbatee ture. (Kes. 28:1, 2) Eebbi Yihowaa saba Waaqayyootiif dhufuu qofa utuu hin taʼin, isaan “qaqqaba.” Warri ajajaman sun guutummaatti eebbicha akka argatan homaa hin shakkisiisu.

4. Garaadhaa Waaqayyoof abboomamuun maal dabalata?

4 Israaʼeloonni haala akkamiitiin kakaʼanii abboomamuu qabu turan? Seerri Waaqayyoo, sabnisaa “gammachuudhaa fi garaa guutuudhaan” utuu isa hin tajaajilin yoo hafan akka isaanitti gaddu ibsa. (Keessa Deebii 28:45-47 dubbisi.) Yihowaan seeruumaaf jecha akka isaaf abboomamnu hin barbaadu; kana horiin ykn hafuuronni xuraaʼoonillee gochuu dandaʼu. (Mar. 1:27; Yaq. 3:3) Garaadhaa Waaqayyoof abboomamuun karaa jaalala isaaf qabnu itti argisiisnudha. Kunis, abboommiiwwan Yihowaa baʼaa akka hin taaneefi inni “warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf” beekanii gammachuudhaan abboomamuudhaan mulʼata.—Ibr. 11:6; 1 Yoh. 5:3.

5. Namni tokko abdii Yihowaarratti amantaa qabaachuunsaa, seera Keessa Deebii 15:7, 8⁠rra jiru ajajamuuf kan isa gargaaru akkamitti?

5 Seera Keessa Deebii 15:7, 8⁠rratti kenname abboomamuudhaan, amanamummaadhaan ajajamuun akkasii akkamitti akka argisiifame ilaalaa. (Dubbisi.) Utuu fedhii hin qabaatin seerichaaf ajajamuun hiyyeessotaaf hamma tokko boqonnaa argamsiisuu dandaʼa; haataʼu malee, kun saba Waaqayyoo gidduu walitti dhufeenyi gaariin akka jiraatu godhaa? Hunda caalaammoo, Yihowaan sabasaa sooruu akka dandaʼu amantii akka qabaniifi akkumasaa arjoomuuf carraa akka barbaadan kan argisiisudhaa? Matumaa! Waaqayyo garaa nama arjoomu sanaa waan ilaaluuf, waan inni hojjetuufi waan inni harkaan qabu hundumaarratti isa eebbisa. (Kes. 15:10) Abdii kanarratti amantii qabaachuun hojiidhaaf kan nama kakaasu taʼuusaarrayyuu, eebba hedduu argamsiisa.—Fak. 28:20.

6. Ibroonni 11:6 maal nuu mirkaneessa?

6 Ibroonni 11:6, Yihowaan Waaqa warra isatti amananiif gatii isaanii kennu akka taʼe amanuu malees, amala eebba Waaqayyoo argachuuf barbaachisu gara biraa ibsa. Yihowaan “warra isa barbaadaniif” gatii isaanii akka kennuuf hubadhaa. Afaan jalqabaatiin jechi asirratti itti hojjetame, garaa guutuudhaan carraaqqii guddaa gochuu kan argisiisudha. Caqasni kun garaadhaa kan carraaqnu yoo taʼe eebba akka argannu kan mirkaneessu mitii? Maddi eebba kanaa Waaqa dhugaa isa “matumaa hin sobne” qofadha. (Tit. 1:2) Abdiiwwan inni kenne guutummaatti amanamaa taʼuusaanii waggoottan kumaan lakkaaʼaman darbanitti argisiiseera. Dubbiinsaa lafa hin buʼu; yeroo hundumaa ni raawwatama. (Isa. 55:11) Kanaaf, amantii dhugaa akka qabnu argisiisuudhaan guutummaatti isatti yoo amanamne, inni gatii keenya akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

7. Eebba karaa “sanyii” Abrahaam dhufu argachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Yesus Kiristos, kutaa “sanyii” Abrahaam isa jalqabaa taʼuusaa mirkaneesseera. Kutaan “sanyii” raajiidhaan dubbatame sanaa inni lammaffaan Kiristiyaanota dibamoodha. Isaan warra ‘Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsaniif dukkana keessaa, gara ifasaa isa dinqisiisaatti isaan waamedha.’ (Gal 3:7-9, 14, 16, 26-29; 1 Phe. 2:9) Kanaaf, warra Yesus qabeenyasaarratti muude kabajuu yoo dinne, Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu hin dandeenyu. Gargaarsa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ utuu hin argatin, Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuus taʼe, akkamitti hojiirra akka oolchinu beekuu hin dandeenyu. (Mat. 24:45-47) Wanta Caaffata Qulqullaaʼoorraa baranne hojiirra oolchuudhaan, eebba Waaqayyoo argachuu dandeenya.

Fedha Waaqayyoorratti Xiyyeeffachuu

8, 9. Abbaa amantii kan taʼe Yaaqoob abdii Waaqayyo kennee wajjin haala walsimuun carraaqqii kan godhe akkamitti?

8 Yaanni eebba Waaqayyoo argachuuf carraaqqii cimaa gochuu jedhu, abbaa amantii kan taʼe Yaaqoobiin nu yaadachiisa. Abdiin Abrahaamiif kenname akkamitti akka raawwatamu beekuu baatus, Yihowaan sanyii akaakayyuusaa saba guddaa hamma taʼutti akka baayʼisu amantii qaba ture. Kanaaf, Yaaqoob Dh.K.D. bara 1781 haadha manaa barbaaddachuuf gara Haaraan dhaqe. Yaaqoob kan barbaade akkasumaan dubartii hiriyaa gaarii isaa taatu argachuu hin turre; kanaa mannaa dubartii ilaalcha hafuuraa qabdu, Yihowaa waaqeffattu, akkasumas ijoolleesaatiif haadha gaarii taatu argachuu ture.

9 Yaaqoob firasaa kan taate Raahel wajjin akka wal arge beekna. Achiis kan ishee jaallate siʼa taʼu, haadha manaasaa akka taatuuf jecha Laabaaniif waggaa torba hojjechuuf walii galeera. Kun seenaa jaalalaa hin irraanfatamne qofa miti. Yaaqoob, abdii Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu akaakayyuusaa Abrahaamiif kenneefi abbaasaa Yisihaqitti irra deebiʼuudhaan itti hime akka beeku ifadha. (Uma. 18:18; 22:17, 18; 26:3-5, 24, 25) Yisihaqis akkas jechuudhaan Yaaqoobitti hime: “Waaqayyo inni hundumaa dandaʼu si haa eebbisu, sanyii siif haa kennu si haa baayʼisus! Ati saba guddaa in taata; inni eebba Abrahaamin eebbise siif, si booddees sanyii keetiif haa kennu! Biyya ati galaa taatee amma keessa jirtu, isa inni ofii isaatii Abrahaamiif kenne kana, akka ati qabattu haa godhu!” (Uma. 28:3, 4) Kanaaf, carraaqqiin Yaaqoob haadha manaa gaarii argachuufi ijoollee godhachuuf godhe amantii inni wanta Yihowaan dubbaterratti qabu kan argisiisu ture.

10. Yihowaan haala kadhannaa Yaaqoobii wajjin walsimuun isa eebbisuutti kan gammade maaliif ture?

10 Yaaqoob kan barbaade qabeenya maatiisaa ittiin jiraachisu argachuu miti. Yaannisaa abdii Yihowaan sanyiisaa ilaalchisuudhaan kennerra ture. Xiyyeeffannaansaa fedha Yihowaa raawwachuudha. Yaaqoob rakkinni isa mudatus, eebba Waaqayyoo argachuuf wanta isaaf dandaʼame hunda gochuuf murteesseera. Hamma bara dullumasaatti ilaalacha akkasii qaba ture; kanaafis Yihowaan isa eebbiseera.—Uumama 32:24-29 dubbisi.

11. Fedha Waaqayyoo isa ifa taʼee wajjin haala walsimuun carraaqqii akkamii gochuu qabna?

11 Akkuma Yaaqoob, nutis kaayyoon Yihowaa akkamitti akka raawwatamu guutummaatti hin beeknu. Taʼus, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuudhaan, akkuma walii galaatti ‘guyyaa gooftaatti’ maaltu akka raawwatamu hubachuu dandeenya. (2 Phe. 3:10, 17) Fakkeenyaaf, guyyaan sun yoom akka taʼu hin beeknu, dhihoo taʼuusaa garuu beekna. Dubbiin Waaqayyoo, yeroo gabaabaa hafe keessatti guutummaatti lallabuudhaan ofii keenyas taʼe warra nu dhaggeeffatan oolchuu akka dandeenyu ibsa; nutis kana ni amanna.—1 Xim. 4:16.

12. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

12 Dhumni barichaa yeroo kamittiyyuu akka dhufu beekna; Yihowaan dhuma kan fidu namoota lafarra jiran hundaaf dhuunfaatti erga lallabnee booda miti. (Mat. 10:23) Kana malees, hojii lallabaa keenya karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti akka raawwannu qajeelfama arganna. Nutis, qabeenya keenya hundatti fayyadamnee hamma nuu dandaʼame hojii kanarratti amantiidhaan hirmaanna. Naannoon itti lallabnu yeroo hundaa buʼa qabeessadhaa? Kana dursinee beekuu kan dandeenyu akkamitti? (Lallaba 11:5, 6 dubbisi.) Gaʼeen keenya, Yihowaan eebbasaa akka nuu kennu amanuudhaan lallabuu qofadha. (1 Qor. 3:6, 7) Yihowaan carraaqqii cimaa nuti goonu akka ilaaluufi karaa hafuura qulqulluu qajeelfama nu barbaachisu hunda akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 32:8.

Hafuura Qulqulluu Argachuuf Carraaquu

13, 14. Dandeettiin hafuurri Waaqayyoo tajaajiltoonnisaa gaʼumsa akka qabaatan gochuuf qabu mulʼachaa kan jiru akkamitti?

13 Hojii nuu kenname hojjechuu ykn hojii lallabaarratti hirmaachuuf gaʼumsa akka hin qabne yoo nutti dhagaʼamehoo maal goona? Dandeettii tajaajilasaarratti qabnu fooyyeffachuuf hafuura qulqulluu akka nuu kennu Yihowaa kadhachuu qabna. (Luqaas 11:13 dubbisi.) Haalli ykn muuxannoon namoonni duraan qaban maaliyyuu yoo taʼe, hafuurri Waaqayyoo hojii ykn mirga tajaajilaa tokkoof gaʼeessota akka taʼan isaan gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni tiksitootaafi garboota taʼan akkuma Gibxii baʼaniin, waraanarratti muuxannoo kan hin qabne taʼaniyyuu, hafuurri Waaqayyoo diinotasaanii akka moʼan isaan gargaareera. (Bau. 17:8-13) Sana booda baayʼee utuu hin turin, hafuurumti sun Bazaaliʼeliifi Aholiiyab pilaanii ijaarsa godoo qulqullaaʼaa Waaqayyo kenne hordofanii hojjechuu akka dandaʼan isaan gargaareera.—Bau. 31:2-6; 35:30-35.

14 Hafuurri humna guddaa qabu kun, tajaajiltoonni Waaqayyoo bara keenya jiran, fedhii jaarmiyaa Yihowaa guutuuf jecha, hojii maxxansaa mataasaanii jalqabuun yommuu isaan barbaachisettis isaan gargaareera. Yeroo sanatti ilaaltuu olaanaa warshichaa kan taʼe, obboleessi keenya Roobarti Maartiin xalayaa barreesserratti wanta bara 1927 raawwatame ibsee ture. “Gooftaan yeroo sirrii taʼetti karaa baneera; maashiniin maxxansaa guddaan rooterii jedhamu harka keenya galeera, harka namoota akkamitti akka dhaabamuufi ittiin hojjetamu hin beeknee galeera. Haataʼu malee, Gooftaan sammuu namoota guutummaatti isaaf of kennanii akkamitti akka qaroomsu beeka. . . . Torban muraasa gidduutti maashinichi akka hojjetu gochuu dandeenyeerra; hamma ammaattiyyuu maashinichi hojii namoonni isa hojjetanillee hojjechuu akka dandaʼu matumaa hin beekne hojjechaa jira.” Ammayyuu, Yihowaan carraaqqii cimaa akkasii eebbisuusaa itti fufeera.

15. Roomaa 8:11 warra qorumsi isaan mudate jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?

15 Hafuurri Yihowaa karaawwan garaagaraa hojjeta. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi hafuura kana argachuu kan dandaʼan siʼa taʼu, rakkoowwan gurguddaa taʼan akka moʼan isaan gargaara. Qorumsi humna keenyaa ol taʼe akka nu mudate yoo nutti dhagaʼame maal goona? Wanta Phaawulos Roomaa 7:21, 25fi 8:11⁠rratti dubbaterraa jajjabina argachuu dandeenya. Eeyyee, “hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra duʼan keessaa kaase” humna nuu kennuudhaan, qabsoo fedhii foonii wajjin goonu akka moonu nu gargaaruu dandaʼa. Yaanni kun kan barreeffame Kiristiyaanota dibamoodhaaf taʼus, seerri buʼuuraa achi keessa jiru tajaajiltoota Waaqayyoo hundaaf hojjeta. Hundi keenya, Kiristositti akka amannu hojiidhaan argisiisuu, fedhiiwwan dogoggora taʼan ajjeesuuf carraaquufi qajeelfama hafuurichi kennuu wajjin walsimnee jiraachuudhaan jireenya arganna.

16. Hafuura qulqulluu argachuuf maal gochuu qabna?

16 Gama keenyaan carraaqqii tokko utuu hin godhin, Waaqayyo humnasaa isa hojiirra jiru nuu kenna jennee eeguu dandeenyaa? Lakki. Humnasaa argachuuf kadhachuu malees, Dubbii Waaqayyoo dhimminee soorachuu qabna. (Fak. 2:1-6) Kana malees, hafuurri Waaqayyoo gumii Kiristiyaanaa keessa jira. Yeroo hundaa walgaʼiirratti argamuun keenya, ‘isa hafuurri qulqulluun waldoota kiristiyaanaatiin jedhu dhagaʼuuf’ fedhii akka qabnu argisiisa. (Mul. 3:6) Wanta barannus gad of deebisuudhaan hojiirra oolchuu qabna. Fakkeenyi 1:23, “Gorsa koo dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani hafuura koo isiniif nan dhangalaasa” jechuudhaan nu gorsa. Dhugumayyuu, Waaqayyo hafuura qulqulluusaa “warra isaaf abboomamaniif” kenna.—HoE. 5:32.

17. Eebba Waaqayyo carraaqqii gochuu keenyaan nuu kennu maalii wajjin wal fakkeessuu dandeenya?

17 Eebba Waaqayyoo argachuuf carraaqqii cimaa gochuun barbaachisaa yoo taʼeyyuu, jabaatanii hojjechuu qofti wantoota gaggaarii Yihowaan sabasaatiif baayʼinaan kennu argachuuf wabii akka hin taane yaadadhaa. Eebbi Waaqayyo carraaqqii gochuu keenyaan nuu kennu, akkaataa qaamni keenya nyaata madaalamaarraaa faayidaa itti argatuu wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼa. Waaqayyo qaamni keenya nyaata akka sooratuufi wanta nyaannerraa faayidaa akka argatu godhee uume. Nyaannis akka jiraatu godheera. Nyaanni keenya wantoota barbaachisaa akkamitti of keessaa qabaachuu akka dandaʼes taʼe, qaamni keenya wanta nyaannu akkamitti humnatti jijjiiruu akka dandaʼu guutummaatti hin beeknu. Wanti beeknu, qaamni keenya wanta kana akka raawwatuufi nutis nyaachuudhaan wanta qaamni keenyaa hojjetu wajjin walsimuu akka qabnu qofadha. Nyaata madaalamaa nyaachuu yoo filanne, buʼaansaa caalaatti gaarii taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan jireenya barabaraa argachuuf ulaagaa barbaachisu baaseera; ulaagaawwan kana guutuufis nu gargaara. Dhugumayyuu, gargaarsa hedduu kan nuuf kennu isa waan taʼeef, galateeffamuu qaba. Taʼus, eebba argachuuf haala fedha Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraachuudhaan, isaa wajjin wal taʼuu qabna.—Hag. 2:18, 19.

18. Murtoonkee maalidha? Maaliifi?

18 Kanaaf, hojii sii kennamu hunda garaa guutuudhaan raawwadhu. Milkaaʼina argachuuf yeroo hunda Yihowaatti amanami. (Mar. 11:23, 24) Kana kan gootu taanaan, ‘kan barbaadde akka argattu’ mirkanaaʼaa taʼi. (Mat. 7:8) Warri hafuuraan dibaman samiirratti ‘jireenya akka gonfootti’ argachuudhaan eebbifamu. (Yaq. 1:12) ‘Hoolonni kan biraan’ warri kan Kiristos taʼaniifi karaa sanyii Abrahaam eebba argachuuf carraaqqii godhan yommuu Inni akkas jedhu dhagaʼuudhaan gammadu: “Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaaʼetti galaa!” (Yoh. 10:16; Mat. 25:34) Eeyyee, “Warri Waaqayyo eebbise lafa in qabaatu, . . . yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”—Far. 37:22, 29.

Ibsuu Ni Dandeessaa?

• Garaadhaa abboomamuun maal dabalata?

• Eebba Waaqayyoo argachuuf maaltu barbaachisa?

• Hafuura Waaqayyoo argachuu kan dandeenyu akkamitti? Innoo maal gochuuf nu gargaaruu dandaʼa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Yaaqoob eebba Yihowaa argachuuf ergamaa Waaqayyoo wajjin walʼaansoo qabeera.

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Atoo akkumasaa carraaqqii guddaa ni gootaa?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Hafuurri Waaqayyoo Bazaaliʼeliifi Aholiiyab dandeettii guddaa akka argatan isaan gargaareera