Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Geggeessaa Keenya Isa Yeroo Ammaatti Hojjechaa Jiru

Geggeessaa Keenya Isa Yeroo Ammaatti Hojjechaa Jiru

Geggeessaa Keenya Isa Yeroo Ammaatti Hojjechaa Jiru

“Inni injifachaa baʼe; injifannoosaas fiixaan baasuuf gara fuulduraatti adeeme.”—MUL. 6:2, NW.

1, 2. (a) Hojiin Kiristos mootii taʼuusaatiin bara 1914 kaasee raawwatu Macaafa Qulqulluu keessatti kan ibsame akkamitti? (b) Kiristos erga Mootii taʼee kaasee tarkaanfiiwwan akkamii fudhateera?

YIHOWAAN bara 1914⁠tti, Kiristosiin Mootii Mootummaa Masiihichaa godhee isa muudameera. Yeroo ammaatti haala akkamiirra kan jiru nutti fakkaata? Mootii teessoorra taaʼee yaadaan fudhatameefi gumiiwwansaa akkamitti akka jiran takka takka gara lafaa ilaalu qofa goonee yaannaa? Taanaan, ilaalcha keenya jijjiiruu nu barbaachisa. Macaafni Faarfannaafi Macaafni Mulʼataa, Yesusiin mootii jabaa farda yaabbatee, ‘injifachaafi injifannoosaas fiixaan baasuuf’ gulufaa gara “milkaaʼina” [NW] isa xumuraatti deema jiru akka taʼetti ibsa.—Mul. 6:2, NW; Far. 2:6-9; 45:1-4.

2 Kiristos erga mootii taʼee booda tarkaanfii jalqaba fudhateen, ‘bineensicha akka jawwee sana ergamoota isaa wajjin’ injifateera. Kiristos, Mikaaʼel isa hangafa ergamootaa taʼee ergamootasaa ajajuudhaan, Seexanaafi hafuurota xuraaʼoo samii isa qulqulluu taʼerraa gadi isaan darbachuudhaan naannoo lafaa qofarratti akka hafan godheera. (Mul. 12:7-9) Achiis, Yesus ‘ergamaa kakuu’ Yihowaa taʼuudhaan gaʼee qabu raawwachuuf, mana qulqullummaa hafuuraa sakattaʼuuf Abbaasaa wajjin dhufeera. (Mil. 3:1) Saba Kiristiyaanaa ishee kutaa “Baabilon guddittii,” dhiiga utuu dhangalaastuufi siyaasa biyya lafaa kanaa wajjin ejja hafuuraa utuu raawwattu argamterratti faradeera.—Mul. 18:2, 3, 24.

Hojjettootasaa Lafarra Jiran Qulqulleessuu

3, 4. (a) Kiristos “ergamaa” Yihowaa taʼuudhaan maal raawwateera? (b) Manni qulqullummaa sakattaʼamuunsaa maal mulʼiseera? Yesus Mataa gumii taʼuusaatiin eenyuun muudeera?

3 Yihowaafi “ergamaan” isaa, garee Kiristiyaanota dhugaa oobdii mana qulqullummaa hafuuraa lafarra jiru keessa jiraniifi kutaa waldaalee Saba Kiristiyaanaa hin taanes sakkataʼaniiru. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni dibamoon ykn ‘warri Lewwootaa’ kunis taanaan, qulqulleeffamuun isaan barbaachisa ture. Miilkiyaas raajichi akkas jechuudhaan raajii dubbatee ture: “Inni [Yihowaan] akka nama sibiila baqsuutti, akka nama meetii qulleessuuttis taaʼee warra Lewwootaa baqsee akka warqee fi akka meetiitti isaan in qulleessa; isaanis warra Waaqayyoof aarsaa qajeelaa dhiʼeessan in taʼu.” (Mil. 3:3) Yihowaan, Israaʼeloota hafuuraa kana qulqulleessuuf, Kiristos Yesus isa ‘ergamaa kakuusaa’ taʼetti fayyadameera.

4 Haataʼu malee, Kiristos Kiristiyaanota dibamoo amanamoo taʼan kana, namoota Yihowaa waaqeffataniif nyaata hafuuraa yeroosaatiif taʼu qopheessuuf hamma dandaʼan utuu carraaqanii isaan argeera. Bara 1879 kaasee, isaanii mijaaʼus mijaaʼuu baatus, dhugaawwan Macaafa Qulqulluu waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsan barruulee Masaraa Eegumsaarratti maxxansaa turaniiru. Yesus ‘dhuma barichaatti’ naaʼotasaa qoruu yeroo ‘dhufu,’ hojjetaan sun ‘yeroodhaan nyaata isaanii utuu isaanii kennuu’ akka isa argatu raajii dubbateera. Akkasumas hojjetaan sun gammadaa akka taʼeefi “qabeenya isaa” lafarra jiru “hundumaa irratti ajajjuu isa godhachuuf” akka jiru dubbateera. (Mat. 24:3, 45-47) Kiristos Mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ kana, wanta lafarra jiruufi Mootummichaa wajjin wal qabate akka toʼatuuf itti fayyadamaa jira. Qaama Olaanaatti fayyadamee, dibamtoota “naaʼota isaa” taʼaniifi “hoolota kan biraa” michootasaanii taʼaniif qajeelfama kennaa jira.—Yoh. 10:16.

Biyya Lafaa Haamuu

5. Yohannis ergamaan Masiihichi Mootii taʼe maal akka raawwatu mulʼataan arge?

5 Yohannis ergamaan, wanta Masiihichi Mootii taʼee bara 1914 erga teessoorra taaʼee booda ‘Guyyaa Gooftaatti’ raawwatu kan biraa mulʼataan argeera. Yohaannis akkas jechuudhaan barreesseera: “Kana booddees ilaaleen duumessa adii tokko arge, ilma namaa kan fakkaatu tokko immoo, gonfoo warqee mataatti kaaʼatee, haamtuu qaramaa tokkos harkatti qabatee, duumessa sana irra taaʼee ture.” (Mul. 1:10; 14:14) Yohannis, ergamaan Yihowaa biraa dhufe tokko, isa haamu kanatti ‘wanti biyya lafaa kanaa haamamu guutummaatti bilchaatee waan irra darbeef’ haamtuusaatiin akka haamu isatti utuu himuu dhagaʼee ture.—Mul. 14:15, 16.

6. Yesus wanta yeroo booda raawwatamu maal dubbatee ture?

6 Yaanni “wanti biyya lafaa kanaa haamamu” jedhu, fakkeenya Yesus waaʼee qamadiifi inkirdaadaa dubbate nu yaadachiisa. Yesus, nama qamadii gaarii isa “ilmaan mootummaa” Kiristiyaanota dhugaa isaa wajjin bulchuuf dibaman bakka buʼu galfachuu yaadee maasiisaarratti sanyii facaasetti of fakkeesseera. Haataʼu malee, halkan ‘Seexanni’ inni diina taʼe maasicharratti inkirdaada, jechuunis “ilmaan isa hamaa” facaaseera. Namichi midhaan facaase sun hojjettoonnisaa qamadiifi inkirdaadichi hamma “dhuma biyya lafaa,” jechuunis yeroo itti midhaan sassaabamu gaʼutti akka waliin guddataniif akka dhiisan isaan ajajeera. Yeroo sanatti, qamadiifi inkirdaadicha akka addaan baasaniif ergamootasaa erga.—Mat. 13:24-30, 36-41.

7. Kiristos hojii ‘wanta biyya lafaa kanaa haamuu’ kan geggeessu akkamitti?

7 Yesus, mulʼata Yohannis arge wajjin haala walsimuun hojii midhaan sassaabuu addunyaa maratti raawwatamaa jiru geggeessaa jira. ‘Wanta biyya lafaa kanaa haamuun’ kan jalqabe, “ilmaan mootummaa” 144,000 keessaa hafaniifi fakkeenya Yesus dubbate keessatti ‘qamadiitti’ fakkeeffaman sassaabuudhaan ture. Garaagarummaan Kiristiyaanota dhugaafi sobaa gidduu jiru, Waraana Addunyaa Isa Tokkoffaa booda caalaatti ifa taʼeera; hoolota kan biraa warra ‘wanta biyya lafaa kanaa haamuu’ kutaa isa lammaffaa taʼan sassaabuurrattis gaʼee guddaa qaba ture. Isaan kun “ilmaan mootummaa” utuu hin taʼin, “tuuta sonaan baayʼee” fedhiisaaniitiin Mootummichaaf bitamanidha. Isaanis, ‘saba, gosaafi afaan’ hundumaa keessaa kan sassaabamanidha. Namoonni kun, Mootummaa Masiihichaa, Kiristos Yesusiifi ‘qulqulloota’ 144,000 isaa wajjin samiirratti bulchan qabateef ni bitamu.—Mul. 7:9, 10; Dan. 7:13, 14, 18.

Akkaataa Gumiiwwan Itti Geggeeffaman

8, 9. (a) Kiristos amala guutummaa gumichaa qofa utuu hin taʼin, akkaataa jireenyaa miseensota hundumaa dhuunfaatti akka ilaalu kan argisiisu maalidha? (b) Akkuma fakkii fuula 26⁠rratti ibsame, “dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo” akkamiirraa fagaachuu qabna?

8 Mataduree isa jalqabaarratti, Kiristos haala gumii Dh.K.B. jaarraa jalqabaa hunda keessa ture akkamitti xiyyeeffannaadhaan hordofaa akka ture ilaalleerra. Bara keenyatti, Kiristos inni Geggeessaa keenya taʼe, Mootii “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis” isaaf kenname taʼee bulchaa waan jiruuf, gumiiwwan addunyaa mararra jiraniifi ilaaltoota olaanaasaaniitiif mataa taʼee hojjechaa jira. (Mat. 28:18; Qol. 1:18) Yihowaan gumii dibamtootaatiif, jechuunis “waldaa kristiyaanaatiif mataa godhee kenne.” (Efe. 1:22) Yesus Mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, wantonni gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa 100,000 ol taʼan keessatti raawwataman kamiyyuu isa jalaa milquu hin dandaʼan.

9 Yesus gumii durii Tiyaatiraatiif ergaa akkas jedhu ergee ture: “Ergaan kun, kan ilma Waaqayyoo isa ija akka barbadaa ibiddaa qabuu[ti]. . . . ‘Ani hojii kee . . . beeka.ʼ” (Mul. 2:18, 19) Miseensota gumii sanaa amala addaggummaa raawwataniifi jireenya gadhiisii jiraataniif gorsa cimaa akkas jedhu kennee ture: “Inni yaada namaa fi garaa namaa fonqolchu ana taʼuu isaa beekuuf jiru. Ani immoo tokkon tokkon keessaniif akka hojii isaatiitti kennuufan jira.” (Mul. 2:23) Wanti inni dubbate kun, Kiristos amala guutummaa gumichaa qofa utuu hin taʼin, akkaataa jireenyaa miseensota gumii keessa jiranii dhuunfaatti kan beeku taʼuusaa argisiisa. Yesus, Kiristiyaanota Tiyaatiraa, “‘dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo dha’ jedhanis warri hin barin” akka jiran caqasuudhaan isaan galateeffatee ture. (Mul. 2:24) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni “dhoksaa Seexanaa isa gad fagoo” karaa Intarneetii ykn taphawwan viidiyoo hammeenya argisiisan qoruurraa ykn ilaalcha namootaatiin geggeeffamuurraa fagaatan isa duratti fudhatama qabu. Yesus, Kiristiyaanota hedduu guutummaa jireenyasaaniitiin isa duukaa buʼuuf hamma dandaʼan carraaqaniifi aarsaa godhan yeroo ilaalu baayʼee gammada!

10. Karaan Kiristos jaarsolii gumiitiif qajeelfama itti kennu kan ibsame akkamitti? Haataʼu malee isaanoo maal amanuu isaan barbaachisa?

10 Kiristos jaarsolii muudamanitti fayyadamee gumiiwwansaa lafarra jiran jaalalaan geggeessa. (Efe. 4:8, 11, 12) Jaarraa jalqabaatti, ilaaltonni olaanaa hundi hafuuraan kan dhalatan turan. Macaafa Mulʼataarratti akka urjoota harka mirgaa Kiristos keessa jiranitti ibsamaniiru. (Mul. 1:16, 20) Yeroo harʼaatti garuu, jaarsoliin gumii hedduun kutaa hoolota kan biraa kan taʼanidha. Kadhannaafi qajeelfama hafuura qulqulluutiin waan muudamaniif, isaanis akkuma qajeelfama ykn geggeessaa Kiristos jala jiranitti ilaalamu. (HoE. 20:28) Haataʼu malee, Kiristos bartootasaa lafarra jiran geggeessuufi qajeelchuuf, dhiirota Kiristiyaanota dibamoo taʼan muraasa, Qaama Olaanaa godhee akka itti fayyadamu ni amanu.—Hojii Ergamootaa 15:6, 28-30 dubbisi.

“Kottu, Gooftaa Yesus!”

11. Geggeessaan keenya dafee akka dhufu arguu kan hawwinu maaliifi?

11 Mulʼata Yohannis ergamaan argerratti, Yesus siʼa baayʼee dafee akka dhufu dubbateera. (Mul. 2:16; 3:11; 22:7, 20) Kana yommuu jedhu, yeroo Baabilon Guddittiifi sirna Seexanaa isa hamaa haferratti faraduuf dhufu caqasuusaa akka taʼe homaa hin shakkisiisu. (2 Tas. 1:7, 8) Yohannis ergamaan inni maanguddichi raajiiwwan dinqisiisaan mulʼataan arge hundi yeroo itti raawwatan arguu waan hawweef, gammachuudhaan “Ameen! Kottu, gooftaa Yesus!” jedheera. Nuyi warri guyyoota gara dhumaa sirna hamaa taʼe kana keessa jiraannus, Geggeessaniifi Mootiin keenya maqaa Abbaasaa qulqulleessuufi Olaantummaasaa mirkaneessuuf yeroo inni humna Mootummaasaatiin dhufu hawwiidhaan eegganna.

12. Kiristos qilleensonni badii geessisan gadhiifamuusaanii dura maal raawwata?

12 Yesus jaarmiyaa Seexanaa isa ijaan mulʼatu balleessuuf dhufuusaa dura, miseensonni Israaʼel hafuuraa 144,000 lafarra jiran mallattoo isa dhumaa argachuu qabu. Macaafni Qulqulluun, hamma namoota 144,000 taʼanirratti mallattoon godhamee xumuramutti qilleensonni sirna Seexanaa balleessan akka hin gadhiifamne ibsa.—Mul. 7:1-4.

13. Kiristos kutaa jalqabaa ‘rakkina isa guddaatti’ argamuusaa kan ifa godhu akkamitti?

13 Jiraattonni lafarraa hedduun Kiristos bara 1914⁠tti ‘argamuusaa,’ [NW] utuu hin hubatin hafaniiru. (2 Phe. 3:3, 4) Haataʼu malee, Kiristos yeroo dhihootti, kutaa sirna Seexanaa addaddaarratti firdii Yihowaan murteesse raawwachuudhaan argamuusaa mulʼisa. Badiisni ‘isa hamaa seera malee jiraatuu,’ jechuunis luboota Saba Kiristiyaanaarratti dhufu shakkii tokko malee “argamuusaa ifa godha,” [NW]. (2 Tasaloniiqee 2:3, 8 dubbisi.) Kunimmoo, ragaa guddaa Kiristos Abbaa Firdii Yihowaadhaan muudame taʼuudhaan tarkaanfii fudhachaa akka jiru mirkaneessudha. (2 Ximotewos 4:1 dubbisi.) Sabni Kiristiyaanaa isheen kutaa Baabilon Guddittii hunda caalaa hamtuu taate barbadeeffamuunshee, badiisa guutummaa sirna biyya lafaa hamaa bulchiinsa amantii sobaarratti dhufuuf seensa taʼa. Yihowaan mootummoonni siyaasaa ejjituu hafuuraa kana akka balleessan garaasaanii keessa kaaʼa. (Mul. 17:15-18) Kunis, kutaa jalqabaa ‘rakkina isa guddaa’ taʼa.—Mat. 24:21.

14. (a) Kutaan jalqabaa rakkina isa guddaa kan gabaabbatu maaliifi? (b) “Milikkinni ilma namaa” saba Yihowaatiif hiika maalii qaba?

14 Yesus guyyoonni kun “warra foʼamaniif jedhanii,” jechuunis Kiristiyaanota dibamoo lafarra jiraniif jecha akka gabaabbatan dubbateera. (Mat. 24:22) Yihowaan, badiisni guddaan amantii sobaarratti dhufu kun Kiristiyaanota dibamoofi hoolota kan biraa michootasaanii taʼan haxaaʼee akka balleessu hin heyyamu. Yesus itti dabaluudhaan, “Rakkina guyyoota sanaa booddee,” biiftuu, jiʼaafi urjootarratti milikkinni akka taʼu, akkasumas ‘milikkinni ilma namaa waaqa keessatti akka mulʼatu’ ibseera. Kunis sabni biyya lafarraa akka ‘booʼan’ godha. Booʼichi kun garuu, dibamtoota abdii samiirra jiraachuu qabaniifi michootasaanii abdii lafarra jiraachuu qaban kan dabalatu miti. Isaan, ‘furamuunsaanii waan dhiʼaateef, mataasaanii ol qabatu, ol ilaalus.ʼ—Mat. 24:29, 30; Luq. 21:25-28.

15. Kiristos yeroo dhufutti maal raawwata?

15 Ilmi namaa injifannoosaa xumuruusaa dura, karaa ittiin dhufu kan biraas qaba. Akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taaʼa. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota reʼootattii akka gargar foʼu, innis namoota sana gargar in foʼa. Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra reʼootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba.” (Mat. 25:31-33) Raajiin kun, yeroo Kiristos Abbaa Firdii taʼee ‘namoota biyya lafaa hundumaa’ bakka lamatti hiru kan argisiisudha; warri “hoolotatti fakkeeffaman,” namoota obbolootasaa hafuuraa (Kiristiyaanota dibamoo lafarra jiran) dammaqinaan deggeran siʼa taʼan, warri “reʼootatti fakkeeffaman” immoo, “warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin [abboomamnedha].” (2 Tas. 1:7, 8) Hoolonni ‘qajeelota’ akka taʼanitti ibsaman lafarratti “jireenya bara baraa” kan argatan siʼa taʼu, warri reʼootatti fakkeeffaman garuu “gara adaba bara baraa . . . dhaqu” ykn ni balleeffamu.—Mat. 25:34, 40, 41, 45, 46.

Yesus Injifannoosaa Fiixaan Baasa

16. Kiristos inni Geggeessaa keenya taʼe injifannoosaa fiixaan kan baasu akkamitti?

16 Kiristos warra isaa wajjin moototaafi lubboota taʼan erga mallatteesseefi warra hoolota taʼuunsaanii addaan baafame akka oolaniif gara mirgasaa erga dhaabee booda, “injifannoosaa fiixaan baasuuf” gara fuulduraatti adeemuu dandaʼa. (Mul. 5:9, 10; 6:2, NW) Geggeessaa macca ergamoota humna guddaa qabaniifi obbolootasaa duʼaa kaʼanii taʼuudhaan, guutummaa sirna Seexanaa, jechuunis sirna siyaasaa, sirna waraanaafi daldalaa lafarra jiru akka balleessu homaa hin shakkisiisu. (Mul. 2:26, 27; 19:11-21) Kiristos sirna Seexanaa isa hamaa yeroo balleessu injifannoonsaa fiixaan baʼa. Achiis, Seexanaafi hafuurota hamoota waggaa kuma tokkoof iddoo lafa jalaatti isaan darbata.—Mul. 20:1-3.

17. Kiristos Bulchiinsa Waggaa Kumaatti hoolota kan biraa garamitti geessa? Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

17 Yohannis ergamaan “tuuta sonaan baayʼee” hoolota kan biraa taʼaniifi rakkina isa guddaa jalaa oolan ilaalchisee, “Hoolichi teessicha dura gara gidduu jiruus isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa” jechuudhaan raajii dubbateera. (Mul. 7:9, 17) Eeyyee, Kiristos yeroo waggaa kumaaf bulchutti, hoolota kan biraa sagaleesaa dhagaʼan geggeessuusaa kan itti fufu siʼa taʼu, gara jireenya barabaraatti isaan geessa. (Yohannis 10:16, 26-28 dubbisi.) Ammas taʼe addunyaa haaraa Yihowaan abdachiise keessatti, amanamummaadhaan Geggeessaa keenya isa mootii taʼe duukaa buʼuuf haa murteessinu!

Irra Deebii

• Kiristos erga Mootii taʼee booda tarkaanfii maalii fudhateera?

• Kiristos gumiiwwan lafarra jiran geggeessuuf eenyutti fayyadama?

• Kiristos inni Geggeessaa keenya taʼe karaawwan kan biraa kamiin dhufa?

• Kiristos addunyaa haaraa keessatti nu geggeessuusaa kan itti fufu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Sirni Seexanaa hamaa taʼe balleeffamuunsaa, Kiristos argamuusaa mulʼisa