Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Eenyutu Yaada Waaqayyoo Beeka?’

‘Eenyutu Yaada Waaqayyoo Beeka?’

‘Eenyutu Yaada Waaqayyoo Beeka?’

“Caaffanni qulqullaaʼaan, ‘Eenyutu yaada gooftichaa [“Waaqayyoo,” hiika bara 1899] beeka? Eenyutus isa gorsuu dandaʼa?’ jedha. Nuyi garuu yaada Kristos qabna.”—1 QOR. 2:16.

1, 2. (a) Namoonni hedduun rakkoo akkamiitu isaan mudata? (b) Waaʼee yaada keenyaafi yaada Yihowaa maal yaadachuu nu barbaachisa?

AKKAATAA namni tokko itti yaadu hubachuun si rakkisee beekaa? Tarii dhiheenyatti gaaʼela waan godhatteef, akkaataa hiriyaan gaaʼelaakee itti yaadu guutummaatti hubachuun si rakkisaa jira taʼa. Dhiironniifi dubartoonni karaan itti yaadanis taʼe karaan yaadasaanii itti ibsan garaagaradha. Kan nama dinqisiisu, aadaawwan tokko tokko keessatti dhiironniifi dubartoonni afaanuma tokko loqoda addaddaatiin dubbatu! Kana malees, garaagarummaan aadaafi afaanii, karaa garaagaraa akka yaadaniifi amala garaagaraa akka qabaatan gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, warra kaan caalaatti beekaa yeroo adeemtan carraan akkaataa isaan itti yaadan hubachuuf qabdan guddachaa adeema.

2 Kanaaf, akkaataan itti yaannu karaa Yihowaan itti yaadurraa baayʼee adda taʼuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa Israaʼelootaan, “Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka karaa keessanii miti” jedhee ture. Achiis, Yihowaan kana fakkeenyaan yeroo ibsu, “Akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessaan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata” jedheera.—Isa. 55:8, 9.

3. Karaawwan ‘Yihowaatti michoomuuf’ carraaqqii gochuu itti dandeenyu lama maalidha?

3 Kana jechuun garuu, karaa Yihowaan itti yaadu hubachuuf yaaluu hin qabnu jechuudhaa? Lakki. Yaada Yihowaa hundumaa guutummaatti hubachuu kan hin dandeenye taanus, Macaafni Qulqulluun ‘Yihowaatti akka michoomnu’ nu jajjabeessa. (Faarfannaa 25:14, NW; * Fakkeenya 3:32, NW dubbisi.) * Karaan Yihowaatti dhihaachuu itti dandeenyu inni tokko, hojiiwwansaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamaniif bakka guddaafi xiyyeeffannaa kennuudha. (Far. 28:5) Karaan biraanimmoo, “yaada Kristos,” isa “bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mulʼatuu” beekuudha. (1 Qor. 2:16; Qol. 1:15) Seenaawwan Macaafa Qulqulluu qoruufi irratti xiinxaluuf yeroo ramaduudhaan, amalawwan Yihowaafi karaa inni itti yaadu hubachuu dandeenya.

Ilaalcha Dogoggoraarraa Of Qusadhaa

4, 5. (a) Ilaalcha dogoggoraa akkamiirraa of eeggachuu nu barbaachisa? Ibsi. (b) Israaʼeloonni ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan?

4 Hojiiwwan Yihowaarratti yeroo xiinxallu, ilaalcha namootaatiin Waaqayyoon madaaluurraa of qusachuu nu barbaachisa. Yihowaan Faarfannaa 50:21⁠rratti, “Ati akkuma ofii kee na seete” jechuudhaan ilaalcha akkasii ibseera. Haala kanaa wajjin wal fakkaatuun waggaa 175 dura hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko akkas jedheera: “Namoonni ilaalcha mataasaaniitiin Waaqayyoon madaaluuf yaalu; akkasumas Waaqayyo seera namoonni hordofaniin geggeeffamuu akka qabu itti dhagaʼama.”

5 Ilaalchi Yihowaadhaaf qabnu, ilaalchaafi fedhii dhuunfaa keenyaa wajjin akka walsimu gochuuf yaaluurraa of eeggachuu qabna. Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo qayyabannu, wantoonni Yihowaan raawwate tokko tokko, akka ilaalcha keenya isa daangeffamaafi mudaa qabuutti yoo ilaalaman dogoggora nutti fakkaachuu dandaʼu. Israaʼeloonni dur turan, ilaalcha akkasii qabaachuusaaniitiin kan kaʼe, walitti dhufeenya Yihowaan isaanii wajjin qabu ilaalchisee murtoo dogoggoraarra gaʼanii turan. Wanta Yihowaan isaaniin jedhe kana hubadhaa: “Isin garuu, ‘Karaan Waaqayyoo qajeelaa miti’ in jettu; dhagaʼaa yaa mana Israaʼel! Karaan koo qajeelaa mitii ree? Karaa isa kan keessaniitu jalʼaa dha mitii ree?”—His. 18:25.

6. Iyoob barumsa akkamii argateera? Nutoo muuxannoosaarraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Ilaalcha mataa keenyaatiin Yihowaa madaaluurraa of eeguuf wanti nu gargaaru inni guddaan, ilaalchi keenya daangeffamaafi al tokko tokko baayʼee jalʼaa taʼuusaa hubachuudha. Iyoob kana hubachuun isa barbaachisee ture. Yeroo rakkinni isarra gaʼetti, abdii kutatee kan ture siʼa taʼu, hamma tokkos ofittummaa argisiisee ture. Dhimmawwan gurguddaa taʼan dagatee ture. Haataʼu malee Yihowaan ilaalchasaa akka balʼifatu jaalalaan isa gargaareera. Yihowaan gaaffiiwwan 70 ol taʼaniifi Iyoob deebisuu hin dandeenye isa gaafachuudhaan, hubannaansaa daangeffamaa taʼuusaa akka beeku isa gargaareera. Iyoobis gad of deebisuudhaan ilaalchasaa sirreesseera.—Iyoob 42:1-6 dubbisi.

“Yaada Kristos” Argachuu

7. Wantoota Yesus raawwate qoruun keenya yaada Yihowaa hubachuuf kan nu gargaaru maaliifi?

7 Yesus dubbiifi gochasaa hundaan fakkeenya Abbaasaa guutummaatti hordofeera. (Yoh. 14:9) Kanaaf, wantoota Yesus raawwate qoruun keenya yaada Yihowaa hubachuuf nu gargaara. (Rom. 15:5; Filp. 2:5) Mee seenaawwan Wangeelaa lama haa qorru.

8, 9. Akkuma Yohannis 6:1-5⁠rratti ibsame, wanti Yesus Filiphosiin gaaffii akka gaafatu isa kakaase maalidha? Yesus akkas kan godhe maaliifi?

8 Wanta raawwatame kana yaadaan ilaalaa. Yeroonsaa Dh.K.B. bara 32 Ayyaanni Faasiikaa kabajamuusaa yeroo muraasa dura ture. Ergamoonni Yesus guutummaa Galiilaa keessatti balʼinaan lallabanii deebiʼuusaanii ture. Tajaajila kana erga raawwatanii booda dadhabanii waan turaniif, Yesus bishaan ciisaa Galiilaatii gara kaaba bahaatti bakka namni hin jirretti isaan fuudhee adeeme. Haataʼu malee, namoonni kumaan lakkaaʼaman isaan duukaa buʼanii iddoo sana dhaqan. Yesus namoota hedduu kana fayyisee waan baayʼee erga isaan barsiisee booda, haalli rakkisaan ni uumame. Bakka wanti tokkoyyuu hin jirre kanatti namoonni kun hundi nyaata eessaa argachuu dandaʼu? Yesus wanta isaan barbaachisu waan hubateef, Filiphos isa nama naannoo sanaa tureen, “Buddeena jarri kun nyaatan eessaa binna?” jedhee isa gaafate.—Yoh. 6:1-5.

9 Yesus Filiphosiin gaaffii kana kan gaafate maaliifi? Maal akka godhu wallaaleetii? Lakki. Maal yaadeetiree? Yohannis ergamaan inni yeroo sanatti achi ture, “Waan Filiphos jedhu ilaaluuf itti dubbate, Yesus ofii isaatii waan gochuuf jedhe beeka ture” jedheera. (Yoh. 6:6) Yesus yeroo kanatti guddina hafuuraa ergamoonnisaa godhan qoraa ture. Gaaffii kana isaan gaafachuudhaan, waaʼee dhimma sanaa akka yaadaniifi wanta inni raawwaturratti amantii qaban akka ibsan carraa isaanii kenneera. Isaan garuu carraa kanatti utuu hin fayyadamin kan hafan taʼuusaarrayyuu, hubannaansaanii hangam daangeffamaa akka ture argisiisaniiru. (Yohannis 6:7-9 dubbisi.) Kanaaf Yesus wanta isaan tasumaa hin yaanne raawwachuu akka dandaʼu isaanitti argisiiseera. Namoota kumaan lakkaaʼamaniifi beelaʼan sana dinqiidhaan nyaachiseera.—Yoh. 6:10-13.

10-12. (a) Yesus gaaffii dubartiin Giriikii isa gaafatte yeruma sana kan hin raawwanneef maaliif taʼuu dandaʼa? Ibsi. (b) Amma waaʼee maalii ilaalla?

10 Seenaan kun wanta Yesus yeroo kan biraa tokkotti yaadaa ture hubachuuf nu gargaara. Namoota hedduu erga nyaachisee booda, Yesusiifi ergamoonnisaa, daangaa Israaʼelii ala gara kaabaatti gara mandara Xiiroosiifi Sidoonitti ceʼan. Utuu achi jiranii, dubartiin biyya Giriikii tokko dhuftee intalashee akka fayyisuuf Yesusiin kadhatte. Jalqabarratti Yesus dubartittii jalaa qabuu didee ture. Yeroo isheen irra deddeebitee isa kadhattu garuu Yesus, “Dura ijoollonni nyaatanii haa quufan, buddeena ijoollotaa fuudhanii sarootaaf darbachuun baʼeessa miti” jedheen.—Mar. 7:24-27.

11 Yesus jalqabarratti dubartittii utuu hin gargaarin kan hafe maaliifi? Yesus akkuma Filiphosiin godhe amantiishee akka argisiistu carraa isheedhaa kennee ishee qoruusaa turee? Akkaataan inni itti dubbate seenaa kanarratti caqasamuu baatus, abdii kan ishee kutachiisu hin turre. Jecha Yesus saroota jechuudhaan itti fayyadame, afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun itti barreeffameen sabashee wanta baayʼee jibbamaa hin taanee wajjin akka wal bira qabe kan argisiisudha. Yeroo kanatti Yesus, akkuma warra wanta mucaansaanii isaan gaafate gochuuf yaadanii utuu jiranii, mucichi wanta sana kan kadhate dhugumaan taʼuusaa mirkaneessuuf jecha heyyamuunsaanii fuulasaaniirraa akka hin beekamne godhanii gochuusaa taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, Yesus amantiishee erga ibsitee booda wanta dubartiin kun gaafatte raawwateeraaf.—Maarqos 7:28-30 dubbisi.

12 Seenaawwan Wangeelaa lamaan kun “yaada Kristos” ilaalchisee hubannaa guddaa nuuf kennu. Mee amma seenaawwan kun yaada Yihowaa caalaatti hubachuuf akkamitti akka nu gargaaran haa ilaallu.

Akkaataa Yihowaan Musee Itti Haasofsiise

13. Yaada Kiristos hubachuun kan nu gargaaru akkamitti?

13 Yaada Yesus ilaalchisee hubannaa argachuun keenya, kutaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo ulfaataa taʼan hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wanta Yihowaan Israaʼeloonni waaqeffannaadhaaf jabbii warqee erga tolchanii booda dubbate hubadhaa. Waaqayyo akkas jedhe: “Ani saba kana argeera kunoo inni saba boqu-jabeessa! Aariin koo isaan irratti bobaʼee, akkan isaan fixutti na dhiisi! Si garuu abbaa saba guddaa sin godha jedhe.”—Bau. 32:9, 10.

14. Museen wanta Yihowaan dubbateef deebii kan kenne akkamitti?

14 Seenaansaa akkas jechuudhaan itti fufa: “Museen immoo aarii Waaqayyo gooftaa isaa qabbaneessuudhaaf, ‘Yaa Waaqayyo, maaliif aariin kee saba kee isa humna guddaadhaa fi irree cimaadhaan biyya Gibxii baafte kana irratti akka bobaʼu goota ree? Warri Gibxii, “Waaqayyo duruma iyyuu yaada hamaadhaaf, tulloota irratti isaan fixuudhaaf, lafa irraas isaan balleessuudhaaf achii isaan baase” akka jedhan maaliif goota ree? Ati hamaa isa saba keerratti fiduuf jette hadaraa dhiisi, aarii kee isa bobaʼaas irraa deebisi! Isa maqaa ofii keetiin kakaattee, garboota kee Abrahaam, Yisihaq, Yaaqbiinis, “Sanyii keessan akka urjoota waaqa keessaa nan baayʼisa, biyyicha isa ani dubbadhe kanas sanyii keessaniif dhaala bara baraa godhee nan kenna” jettee isa dubbatte yaadadhu!’ jedhe. Yommus Waaqayyo hamaa isa saba isaa irratti gochuu yaade sana in dhiise.”—Bau. 32:11-14. *

15, 16. (a) Wanta Yihowaan dubbate ilaalchisee Museedhaaf carraan akkamii banamee ture? (b) Murtoon Yihowaa maal ture?

15 Museen yaada Yihowaa sirreessuun isa barbaachisee turee? Matumaa! Yihowaan wanta gochuuf yaade kan dubbate taʼuyyuu, kun murtoosaa isa dhumaa hin turre. Yihowaan asirratti, akkuma Yesus yeroo booda Filiphosiifi dubartii Giriikii sana qore, Musee qoraa ture. Museen ilaalcha qabu akka ibsu carraan isaaf kennameera. * Yihowaan Museen Isaafi Israaʼeloota akka araarsu waan isa muudeef, gaʼee Museedhaaf kenne kana kabajuu barbaada ture. Kana malees, Yihowaan, Museen saba kanatti aaruudhaan, carraa kanatti fayyadamee Inni Israaʼeliin akka dhiisuufi sanyiisaa saba guddaa akka godhu kan isa jajjabeessu taʼuufi dhiisuusaa beekuu barbaada ture.

16 Deebiin Museen kenne, firdii Yihowaa isa qajeelaarratti amantii akka qabu kan argisiisu ture. Wanti caalaatti isa yaaddessu, fedhiisaa utuu hin taʼin maqaa Yihowaa akka taʼe argisiiseera. Maqaan Yihowaa akka arrabsamu hin barbaanne. Museen kana gochuudhaan dhimma kana ilaalchisee “yaada Waaqayyoo” akka hubate argisiiseera. (1 Qor. 2:16) Buʼaansaahoo maal ture? Yihowaan wanta tokkorratti waan hin cichineef Caaffanni Qulqullaaʼoon wanta yaade sana akka “dhiise” dubbatu. Yihowaan badiisa guutummaa saba sanaatti fiduuf yaadee ture dhiiseera.

Akkaataa Yihowaan Abrahaamiin Itti Haasofsiise

17. Yihowaan, Abrahaam wanta isa yaaddesse ilaalchisee yeroo gaaffii isa gaafatu obsa guddaa argisiisee kan ture akkamitti?

17 Fakkeenyi Yihowaan tajaajiltoonnisaa amantiisaanii akka ibsan carraa akka kennuuf argisiisu kan biraan gaaffii Abrahaam waaʼee Sodoom gaafatedha. Seenaa sanarratti, Yihowaan Abrahaam walitti aansee gaaffii saddeet akka gaafatu isaaf heyyamuudhaan obsa guddaa akka qabu argisiiseera. Yeroo tokkotti, Abrahaam akkas jedhee garaasaatii kadhateera: “Abbaan firdii guutummaa biyya lafaa, firdii taʼu in kenna mitii ree? Kanaaf nama qajeelaa akka nama jalʼaa gochuun, isa qajeelaas isa jalʼaa wajjin ajjeesuun si irraa haa fagaatu!”—Uma. 18:22-33.

18. Karaa Yihowaan Abrahaamiin itti haasofsiiserraa maal baranna?

18 Seenaa kanarraa waaʼee yaada Yihowaa maal baranna? Yihowaan murtoo sirrii gochuuf Abrahaamii wajjin mariʼachuun isa barbaachisa turee? Lakki. Yihowaan sababii murtoo kana godheef jalqabumarratti ibsuu akka dandaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, Yihowaan gaaffiiwwan kanatti fayyadamee, Abrahaam murtoosaa akka fudhatuufi yaadasaa akka hubatu yeroo kenneefii ture. Akkasumas, Abrahaam Yihowaan hangam gara laafessa akka taʼeefi firdiinsaa hangam qajeelaa akka taʼe akka hubatu godheera. Eeyyee, Yihowaan akka michuusaatti Abrahaamiin haasofsiiseera.—Isa. 41:8, hiika bara 1899; Yaq. 2:23 hiika bara 1899.

Barumsa Argannu

19. Fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Waaʼee “yaada Waaqayyoo” maal baranneerra? Dubbiin Waaqayyoo yaada Yihowaa akka nu hubachiisu heyyamuu nu barbaachisa. Yihowaan yaada keenya isa daangeffamaa akka fudhatu dirqisiisuu, akkasumas ulaagaafi yaada keenyarratti hundoofnee matumaa isa madaaluu hin qabnu. Iyoob, “Akka walii wajjin firdiitti dhiʼaannee, deebii isaaf hin kennineef, [Waaqayyo] akka koo nama foon uffate miti” jechuudhaan dubbateera. (Iyo. 9:32) Akkuma Iyoob, yaada Yihowaa hubachuu yeroo jalqabnu nutis, “Kunoo, isaan kun fiixee hojii isaa ti, isa nuyi waaʼee isaaf hasaasa xinnoo hammamii dhageenyu duwwaa dha; qaqawwee humna isaa garuu eenyutu hubata ree?” jechuuf dirqamna.—Iyo. 26:14.

20. Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo dubbisnu yaanni hubachuuf ulfaataa taʼe yoo nu mudate maal gochuu qabna?

20 Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo dubbisnu, keessumaa haala yaada Yihowaa wajjin wal qabateen kutaan hubachuuf ulfaataa taʼe yoo nu mudate maal gochuu qabna? Dhimma sana ilaalchisee qorannaa erga goonee booda, deebii ifa ykn quubsaa taʼe hin arganne taanaan, kana akka wanta amanannaa Yihowaarratti qabnu qoruuf dhihaatetti ilaaluu dandeenya. Al tokko tokko, yaadawwan tokko tokko amanannaa karaa amalawwan Yihowaa itti ibsaman hundumaarratti qabnu ibsuuf carraa nuu banu. Wanta Yihowaan hubachuu dandaʼu hunda hubachuu akka hin dandeenye gad of deebisuudhaan amannee haa fudhannu. (Lal. 11:5) Kana yoo goone, wanta Phaawulos akkas jechuudhaan dubbatee wajjin akka walii gallu argisiisna: “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin gaʼu! Karaa isaas namni faana dhaʼee hin hubatu! Caaffata keessatti iyyuu, ‘Eenyutu takkaa yaada garaa Waaqayyoo beeka ree? Yookiis eenyutu gorsa kennuufii dandaʼe ree? Eenyutu waa isaaf kennee beeka ree? Eenyutus waa isa dubbifata ree?’ kan jedhu caafameera. Wanta hundumaa Waaqayyotu uume; wanti hundumtuu isaan in jiraata; wanti hundumtuu isaaf in jiraata; bara baraan isaaf galanni haa taʼu! Ameen!”—Rom. 11:33-36.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Faarfannaa 25:14, NW: “Yihowaan warra isa sodaatanitti michooma, kakuusaas akka beekan godha.”

^ key. 3 Fakkeenya 3:32, NW: “Namni micciiramaan Yihowaa duratti jibbamaadha, michoomnisaa garuu qajeelotaa wajjini.”

^ key. 14 Seenaa wal fakkaataan Lakkoobsa 14:11-20⁠rratti argama.

^ key. 15 Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti, cigoon afaan Ibrootaa Baʼuu 32:10⁠rratti “na dhiisi!” jechuudhaan ibsame, Museen akka araarsu ykn Yihowaafi saba Israaʼel ‘gidduu lixee akka dhaabatu’ afeeramuusaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Far. 106:23; His. 22:30) Kanas taʼe sana, Museen sodaa tokko malee wanta isatti dhagaʼame Yihowaadhaaf ibseera.

Ni Yaadattaa?

• Ulaagaa mataa keenyaan Yihowaa madaaluurraa of qusachuuf maaltu nu gargaara?

• Wanta Yesus raawwate hubachuun keenya, ‘Yihowaatti akka michoomnu’ kan nu gargaaru akkamitti?

• Akkaataa Yihowaan Museefi Abrahaamiin haasofsiiserraa barumsa maalii arganna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Karaa Yihowaan Museefi Abrahaamiin itti haasofsiiserraa waaʼee yaada Yihowaa maal baranna?