Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Keessan Jaarmiyaa Yihowaa Sirriitti Akka Beekan Gargaaraa

Ijoolleen Keessan Jaarmiyaa Yihowaa Sirriitti Akka Beekan Gargaaraa

Ijoolleen Keessan Jaarmiyaa Yihowaa Sirriitti Akka Beekan Gargaaraa

IJOOLLEEN barachuuf fedhii guddaa qabu. Halkan jalqaba Ayyaanni Faasikaa itti kabajamutti gaaffii ijoolleen Israaʼelootaa gaafachuu dandaʼan mee yaadaa: ‘Xobbaallaan hoolaa qalamuu kan qabu maaliifi?’ ‘Abbaankoo dhiiga buusaa mataa balbalaatti kan dibu maaliifi?’ ‘Eessaa dhaqna?’ Yihowaan gaaffiiwwan akkasii gaafachuun isa biratti fudhatama akka qabu, abboommii Israaʼeloota abbaa taʼaniif kennerratti ifa godheera. Ayyaana Faasikaa gara fuulduraatti kabajan ilaalchisee Yihowaan akkas isaaniin jedhee ture: “Yeroo ijoolleen keessan, ‘Inni isin akkas gootan kun maali?’ jedhanii isin gaafatan, isin immoo, ‘Waaqayyo biyya Gibxiitti warra Gibxii yommuu dhaʼe manneen keenya manneen Israaʼelootaa oolchee waan bira darbeef, kun aarsaa Faasiikaa isa bira darbuu Waaqayyo argisiisuu dha’ isaaniin in jettu.” (Bau. 12:24-27) Booda Yihowaan, warri ‘seerrataafi wanta qajeelaa’ inni ajaje ilaalchisee gaaffiiwwan ijoolleensaanii gaafataniif deebii kennuun barbaachisaa taʼuusaa isaan yaadachiiseera.—Kes. 6:20-25.

Yihowaan, ijoolleen gaaffiiwwan waaqeffannaa dhugaa ilaalchisee gaafataniif deebii quubsaa, Yihowaa akka Waaqaafi Fayyisaasaaniitti jaallachuuf isaan dandeessisu akka argatan kan barbaadu taʼuunsaa ifadha. Harʼas, ilaalchi Yihowaan ijoollee keenyaaf qabu hin jijjiiramne. Warri, ijoolleensaanii Waaqayyoofi sabasaa garaadhaa akka jaallatan karaa itti gargaaru dandaʼan keessaa tokko, jaarmiyaa Yihowaa sirriitti akka beekaniifi qophiisaarraa akkamitti fayyadamu akka dandaʼan akka hubatan gargaaruudha. Kanaaf, mee karaawwan ijoolleen waaʼee jaarmiyaa Waaqayyoo caalaatti barumsa argachuu itti dandaʼan tokko tokko haa ilaallu.

Gumii Keessan

Ijoollee kan taatan gumii maatiin keessan itti sassaabamu beekuun isin barbaachisa. Warra kan taatanimmoo kana raawwachuuf, ijoollee keessanii wajjin walgaʼii Kiristiyaanaa hundarratti argamuu barbaaddu. Karaa kanaan ajaja Yihowaan akkas jechuudhaan Israaʼelootaaf kenne hordoftu jechuudha: “Yommus saba sana, dhiirotaa fi dubartoota, ijoollotas . . . , Waaqayyo gooftaa keessaniif dhagaʼuu fi isa sodaachuu akka baranii fi dubbii abboommii isaa kana hundumaas gaarii godhanii akka eeganiif walitti sassaabaa! Ijoolleen isaanii warri seera kana hin beeknes . . . bara hundumaa isa dhagaʼanii Waaqayyo gooftaa keessan sodaachuu haa baran!”—Kes. 31:12, 13.

Ijoolleen xinnummaadhaa kaasanii waaʼee Dubbii Yihowaa barachuu dandaʼu. Phaawulos ergamaan Ximotewosiin, ‘Mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqullaaʼaa beekta’ isaan jedheera. (2 Xim. 3:15) Ijoolleen baayʼee xixinnoo taʼanillee, barumsawwan walgaʼii Galma Mootummaatti geggeeffamurratti dhihaatan hubachuufi faarfannaawwan Mootummichaa sirriitti beekuu jalqabuu dandaʼu. Iddoo kanatti Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanitti fayyadamuu, akkasumas ulfinaan isaan qabuu baratu. Kana malees, walgaʼiiwwan keenyarratti amalli duuka buutota Kiristos warra dhugaa adda baasee beeksisu, jechuunis jaalalli dhugaa jiraachuusaa hubatu. Yesus akkas jedhee ture: “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.” (Yoh. 13:34, 35) Jaalalli hoʼaaniifi tasgabbiin dhugaa Galma Mootummaatti mulʼatu ijoollee kan gammachiisu taʼuusaarrayyuu, yeroo hundaa walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuu kutaa jireenyaasaanii akka godhatan isaan gargaara.

Galma Mootummaatti dursitanii argamuufi walgaʼii booda hamma tokko turuu barsiifata kan godhattan taanaan, ijoolleen keessan hiriyaa baafachuuf carraa argatu. Ijoollee umriidhaan hiriyootasaanii taʼan wajjin qofa yeroo akka dabarsan dhiisuu mannaa, obboloota umrii garagaraa qabanii wajjin maaliif wal isaan hin barsiiftan? Ijoolleen keessan warra umriidhaan isaan caalanii wajjin yoo wal baran, muuxannoo hedduufi ogummaa guddaa akka qaban hubatu. Akkuma Zakaariyaas inni durii ‘Waaqayyoon sodaachuutti barsiisaa’ ture mootii Yihudaa kan taʼe Uziyaarratti dhiibbaa gaarii godhe, obboloonni yeroo harʼaa amanamummaadhaan waggoota hedduuf Yihowaa tajaajilanis ijoolleerratti dhiibbaa gaarii gochuu dandaʼu. (2 Sen. 26:1, 4, 5) Yeroo Galma Mootummaatti argamtan, faayidaa mana kitaabaa, gabatee beeksisaafi waaʼee wantoota garagaraas ijoollee keessaniif ibsuu dandeessu.

Jaarmiyaa Addunyaa Maraa

Ijoolleen, gumiinsaanii kutaa jaarmiyaa addunyaa maraa gumiiwwan 100,000 ol qabatee akka taʼe hubachuu isaan barbaachisa. Bifawwan jaarmiyaa kanaa, jechuunis akkamitti hojiisaa akka raawwatuufi ijoolleen hojiisaa deggeruurratti gaʼee maalii akka qaban ibsaafii. Walgaʼiiwwan aanaa, koonyaafi daawwannaa ilaaltuun olaanaa aanaa godhurratti argamuuf maaliif hawwiidhaan akka eeggattan isaanii ibsaa.—Saanduqa fuula 28⁠rratti argamuufi “Dhimmoota Qayyabannaa Maatiirratti Irratti Mariʼatamuu Qaban” jedhu ilaali.

Carraa argannaan, daawwattoota olaanaa, misiyoonota, miseensota maatii Betʼeliifi tajaajiltoota yeroo guutuu kaan mana keessanitti nyaata afeera. Ijoollee wajjin taʼuudhaaf yeroo hin qaban jettanii hin yaadinaa. Tajaajiltoonni yeroo guutuu kun, fakkeenya Yesus isa yeroo hundaa ijoollee simateefi isaan haasofsiisee turee hordofuuf carraaqu. (Mar. 10:13-16) Ijoolleen tajaajiltoonni Yihowaa akkasii muuxannoosaanii yommuu dubbatan dhagaʼuufi gammachuu isaan tajaajilarraa argatan hubachuunsaanii, tajaajila yeroo guutuu galma akka godhatan isaan gargaaruu dandaʼa.

Akka maatiitti, ijoolleen keessan jaarmiyaa Yihowaa caalaatti akka beekaniif kan biraa maal gochuu dandeessu? Yaadawwan asirratti dhihaatan tokko tokko ilaalaa: Kitaaba Jehoovaas Wiitinasis—Pirookleemars oof Goodsi Kiingidam jedhamu maatiidhaan qoruuf karoorfadhaa. Tajaajiltoonni Yihowaa achirratti caqasaman, Waaqayyoof kan bulaniifi kan gad of deebisan, akkasumas amanamoo akka taʼan ibsaafii. Yihowaan misiraachicha addunyaa maratti babalʼisuuf akkamitti akka isaanitti fayyadame isaan hubachiisaa. Barumsawwan barbaachisaa bara duriifi yeroo ammaatti raawwataman barsiisuuf, viidiyoowwan jaarmiyaa Yihowaatiin qophaaʼanitti fayyadamaa. Dandeenyaan, waajjira dameefi mana jireenyaa Betʼel biyya keessan jiru ykn biyya gara biraatti argamu daawwadhaa. Daawwannaan akkasii, ijoolleen keessan jaarmiyaan Yihowaa akkuma Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ture, qajeelfama kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa kennuun, obboloota addunyaa mararra jiraniif nyaata hafuuraafi qajeelfama akkamitti akka kennu hubachuuf isaan gargaara.—Mat. 24:45-47; HoE. 15:22-31.

Ijoollee Keessan Hamma Barachuu Dandaʼan Qofa Isaan Barsiisaa

Ijoollee keessan yommuu barsiiftan, akkaataa Yesus ergamootasaa itti barsiise yaadatti qabadhaa. Yeroo tokko, “Ani waan baayʼee kanan isinitti himu illee qaba, ammaaf garuu baachuu hin dandeessan” isaaniin jedhee ture. (Yoh. 16:12) Yesus hamma isaan baachuu dandaʼan caalaa isaanitti hin feene. Kanaa mannaa, walitti dhufeenya wanta baratan gidduu jiru sirriitti hubachuu akka dandaʼaniif dhugaawwan barbaachisaa taʼan duraa duubaan isaan barsiiseera. Haaluma wal fakkaatuun, isinis hamma ijoolleen keessan barachuu dandaʼan qofa isaan barsiisaa. Waaʼee jaarmiyaa Yihowaa karaa dhaabbataa taʼeefi duraa duubaan isaan barsiisuudhaan, fedhii barachuuf qaban kakaasuu keessan itti fufuu dandeessu. Fedhiin ijoollee keessanii yommuu guddatu, wanta baratan sana irra deebiʼuufi balʼinaan ibsuufii dandeessu.

Gumiin Kiristiyaanaa, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu cimsachuuf madda hafuuraa barbaachisaa siʼa taʼu, ijoolleen sochii gumiirratti hinaaffaadhaan hirmaatanis dhiibbaa addunyaa Seexanaa moʼuuf akka gaariitti qophaaʼuuf isaan gargaara. (Rom. 12:2) Ijoolleen keessan jaarmiyaa Yihowaa sirriitti akka beekan gargaaruudhaan gammachuu guddaa argattu jennee abdanna. Eebba Yihowaan kennuun, jaarmiyaa kanaafi Waaqa keenya isa jaalala qabeessa tajaajillutti, amanamummaadhaan maxxananii haa jiraatan.

[Saanduqa/Fakkii fuula 28rra jiru]

Dhimmoota Qayyabannaa Maatiirratti Irratti Mariʼatamuu Qaban

Jaarmiyaa Yihowaa wajjin haala wal qabateen, dhimmoonni Waaqeffannaa Maatii galgalaarratti qoruu dandeessan tokko tokko asirratti dhihaataniiru.

▪ Seenaa gumii keessanii irra deebiʼaa qoraa. Yoomiifi akkamitti hundeeffame? Gumiin keessan Galma Mootummaa addaddaa kamfaatti fayyadamaa ture? Gaaffiiwwan ijoolleen keessan gaafatan deebisuuf, Dhugaa Baatuu waggaa dheeraadhaaf miseensa gumii keessanii ture maree kanarratti maaliif hin afeertan?

▪ Kaayyoo walgaʼiiwwan gumii addaddaafi walgaʼiiwwan gurguddaa, akkasumas ijoolleen keessan akkamitti faayidaa irraa argachuu akka dandaʼan ibsaa.

▪ Kaayyoo manneen barumsaa garagaraa jaarmiyaa Yihowaatiin hundeeffamanirratti mariʼadhaa. Muuxannoowwan buʼaa gaarii namoonni manneen barumsaa kanarraa eebbifaman argamsiisan ibsu isaanitti himaa.

▪ Ijoolleen keessan yeroo hundaa misiraachicha babalʼisuun maaliif barbaachisaa akka taʼe akka hubatan isaan gargaaraa. Gabaasa addunyaa maraa Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaarratti baʼuuf gumaacha gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan hubachiisaa.

▪ Tajaajila yeroo guutuu garagaraa ijoolleen jaarmiyaa Yihowaa keessa jiran irratti hirmaachuu dandaʼanirratti mariʼadhaa. Gama kanaan odeeffannoon kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu, boqonnaa 10⁠rra jiru isin gargaaruu dandaʼa.

▪ Ijoolleen, gumii keessatti seerri murtaaʼaan tokko kan hordofamu maaliif akka taʼe akka hubatan gargaaraa. Wantoota xixinnoo taʼanirrattillee jaarmiyaa Yihowaarraa walaba taʼanii fedha mataasaaniitiin geggeeffamuu kan hin qabne maaliif akka taʼe ibsaafii. Qajeelfama jaarsoliin kennan hordofuudhaan, sirna gaarii gumii keessa jiruuf akkamitti gumaacha gochuu akka dandaʼan itti argisiisaa.

[Fakkii]

Ijoolleen keessan obboloota waggoota hedduudhaaf tajaajilanii wajjin michoomuudhaan faayidaa argatu

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Akkuma Israaʼel durii, warri yeroo harʼaa jiranis yommuu waaʼee jaarmiyaa Yihowaa gaafataman deebii quubsaa kennuuf carraaqu