Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Walgaʼiiwwan Gumii Kan Nama Cimsan Akka Taʼan Gumaacha Ni Gootaa?

Walgaʼiiwwan Gumii Kan Nama Cimsan Akka Taʼan Gumaacha Ni Gootaa?

Walgaʼiiwwan Gumii Kan Nama Cimsan Akka Taʼan Gumaacha Ni Gootaa?

‘Yeroo walitti qabamtanitti wanti hundinuu waldaa kristiyaanaa cimsuudhaaf haa taʼu!ʼ—1 QOR. 14:26.

1. Akka 1 Qorontos boqonnaa 14 jedhutti, kaayyoon walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa inni guddaan maalidha?

‘WALGAʼII baayʼee nama jajjabeessu ture!’ Atoo walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurratti erga argamtee booda akka armaan olii jettee beektaa? Jettee akka beektu homaa hin shakkisiisu! Walgaʼiiwwan gumii madda jajjabinaa taʼuunsaanii waan nama dinqisiisu miti. Akkuma bara Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti ture, harʼas kaayyoon walgaʼiiwwan keenyaa inni guddaan, namoota walgaʼicharratti argaman hunda karaa hafuuraa jajjabeessuudha. Phaawulos ergamaan ergaa warra Qorontosiif barreesse isa jalqabaarratti kaayyoo walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa kana akkamitti akka addeesse hubadhaa. Guutummaa boqonnaa 14 keessatti, kutaan walgaʼiiwwan gumiirratti dhihaatu hundumtuu kaayyoonsaa “waldaa kristiyaanaa cimsuu” taʼuu akka qabu irra deddeebiʼee ibseera.—1 Qorontos 14:3, 12, 26 dubbisi. *

2. (a) Walgaʼiiwwan kan nama jajjabeessan akka taʼan kan godhu maalidha? (b) Gaaffii kamirratti mariʼanna?

2 Wanti walgaʼiiwwan kan nama jajjabeessan ykn nama dammaqsan akka taʼan godhu inni jalqabaa hafuurri Waaqayyoo jiraachuusaati. Kanaafuu, walgaʼii gumii hundumaa Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaan hafuurasaatiin walgaʼii keenya akka nuu eebbisu kadhachuudhaan jalqabna. Taʼus, miseensonni gumii hundumtuu sagantaan walgaʼichaa hamma dandaʼame kan nama jajjabeessu akka taʼu gochuurratti hirmaachuu akka dandaʼan beekna. Ergasuu, walgaʼiiwwan torbanii Galma Mootummaa keessatti geggeeffaman yeroo hundumaa karaa hafuuraa kan nama haaromsaniifi nama jajjabeessan akka taʼaniif, dhuunfaatti tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeenyu tokko tokko maalfaʼi?

3. Walgaʼiin Kiristiyaanaa hammam barbaachisaadha?

3 Gaaffii kana deebisuuf, kutaawwan walgaʼiiwwan keenyarratti dhihaataniifi warri kutaa sana geggeessan yaadatti qabachuu qaban tokko tokko ilaalla. Kana malees, walgaʼiiwwan keenya warra achitti argaman hundaaf kan nama jajjabeessan akka taʼan gochuurratti guutummaan gumichaa gaʼee maalii qabaachuu akka dandaʼu ilaalla. Walgaʼiiwwan keenya qulqulluu waan taʼaniif, kun dhimma guddaa irratti xiyyeeffachuu qabnudha. Dhugumayyuu, walgaʼiirratti argamuufi hirmaannaa gochuun, waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu keessatti bakka guddaa qaba.—Far. 26:12; 111:1; Isa. 66:22, 23.

Walgaʼii Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Qophaaʼe

4, 5. Kaayyoon Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa maalidha?

4 Hundi keenya Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa torban torbaniin godhamurraa guutummaatti fayyadamuu barbaanna. Kanaafuu, kaayyoo guddaa walgaʼichaa sirriitti hubachuu akka dandeenyuuf, sirreeffama barruu Masaraa Eegumsaafi matadureewwan qayyabannaarratti godhame tokko tokko haa ilaallu.

5 Barruu Masaraa Eegumsaa, Amajjii 15, 2008 isa maxxansa qayyabannaa jalqabaa taʼee kaasee, qolasaa jalqabaarratti jijjiiramni guddaan godhameera. Kana hubatteettaa? Barruu qabatte kana qolasaa sirriitti ilaali. Gamoo jalatti Macaafa Qulqulluu banamee jiru argita. Kun, bifa dabalataa sababii Masaraa Eegumsaa itti qayyabannuuf ifa godhudha. Barruu kanatti gargaaramnee Macaafa Qulqulluu qayyabanna. Eeyyee, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa torban torbaniin goonurratti, Dubbiin Waaqayyoo ‘ni ibsama,’ akkasumas akkuma bara Nahimiiyaatti ture ‘ni hiikama.ʼ—Nah. 8:8; Isa. 54:13.

6. (a) Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti sirreeffama akkamiitu godhame? (b) Caqasawwan qajeelfama “dubbisi” jedhu qaban ilaalchisee maaltu yaadatamuu qaba?

6 Macaafni Qulqulluun kitaaba ittiin barannu isa guddaa waan taʼeef, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti sirreeffamni godhameera. Caqasawwan mataduree qayyabannaa keessatti yaannisaanii hin kaaʼamne hedduun qajeelfama “dubbisi” jedhu qabu. Hundi keenya Macaafa Qulqulluu dhuunfaa keenyaa fayyadamnee yeroo caqasawwan kun walgaʼiirratti dubbifaman akka hordofnu jajjabeeffamneerra. (HoE. 17:11) Maaliif? Gorsa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keenyarraa ilaaluun keenya nurratti jijjiirama guddaa fida. (Ibr. 4:12) Kanaafuu, caqasawwan kun sagalee ol kaasuudhaan dubbifamuusaanii dura, obboleessi qayyabannicha geggeessu dhaggeeffattoonni hundi caqasicha ilaaluufi ennaa dubbifamu hordofuu akka dandaʼan, hamma baasanitti eeguu qaba.

Amantii Keenya Ibsuuf Yeroo Dabalataa Arganneerra

7. Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti carraa akkamii qabna?

7 Dheerina matadureewwan qayyabannaa Masaraa Eegumsaarrattis sirreeffamni godhameera. Waggoota dhihoodhaa asitti gaggabaabaa taʼaniiru. Kanaafuu, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti keeyyatoota dubbisuun saʼaatii kanaan duraatii gadi kan fudhatu siʼa taʼu, yaada kennuufimmoo saʼaatii dabalataa arganneerra. Amma namoonni gumii keessa jiran hedduun gaaffii barreeffamicharra jiruuf deebii kennuudhaan, caqasootarratti yaada kennuudhaan, akkasumas muuxannoo gabaabaa seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hordofuun faayidaa qabaachuusaa argisiisu dubbachuudhaan ykn karaa biraatiin amantiisaanii namoota duratti dubbachuuf carraa argataniiru. Yeroo muraasaaf fakkiiwwanirratti mariʼachuunis barbaachisaadha.—Faarfannaa 22:22; 35:18; 40:9 dubbisi.

8, 9. Gaʼeen obboleessa Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa geggeessuu maalidha?

8 Haataʼu malee, yeroo dabalataa yaada addaddaa kennuuf nu dandeessisutti fayyadamuu kan dandeenyu, namoonni hirmaannaa godhan yaada gabaabaa yoo kennaniifi obboleessi qayyabannicha geggeessu Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti yeroo baayʼee ofiisaatii yaada kennuurraa yoo of qusate qofadha. Obboleessi qayyabannicha geggeessu walgaʼichi hundasaanii kan jajjabeessu akka taʼu gochuuf, yaada inni kennuufi gumichi kennu wal qixa deemsisuuf maaltu isa gargaaruu dandaʼaree?

9 Kana deebisuuf fakkeenya kanaa gadii ilaalaa. Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa haala gaariidhaan geggeeffame, qabaa abaaboo walitti hidhameefi ija namaatti toluu wajjin wal fakkaata. Akkuma abaaboon tokko tokkon walitti qabamee qabaa guddaa tokko taʼu, Qayyabannaan Masaraa Eegumsaas yaada addaddaa hedduu kan qabatedha. Akkasumas, abaaboon qabaa keessa jiru hundisaa guddinaafi halluusaatiin akkuma addadda taʼe, yaadawwan walgaʼicharratti kennaman dheerinaanis taʼe akkaataa itti kennamaniin garaagaradha. Obboleessi geggeessuhoo gaʼeensaa maalidha? Yaanni inni darbee darbee kennu, akkuma marga magariisa qabaa abaaboo keessa of eeggannoodhaan suuqameeti. Margi kun abaaboo kaan kan dhoksu utuu hin taʼin, bareedina kan dabaluufi walitti kan isaan qabudha. Haaluma wal fakkaatuun, obboleessi geggeessu gaʼeensaa qayyabannicha toʼachuu utuu hin taʼin, yaadawwan galateeffannaa gumichi dhiheessetti guutuudha. Eeyyee, yaanni garaagaraa gumichi kennuufi yaanni xinnoon obboleessi geggeessu bakka barbaachisutti dabalu ogummaadhaan yoo walitti qindeeffame, yaada gaarii namoota achitti argaman hunda gammachiisu taʼa.

“Aarsaa Galataa Waaqayyoof In Dhiʼeessina”

10. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa walgaʼiiwwaniif ilaalcha akkamii qabu turan?

10 Wanti Phaawulos walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa ilaalchisee 1 Qorontos 14:26-33⁠rratti dubbate, jaarraa jalqabaatti walgaʼiiwwan sun akkamitti geggeeffamaa akka turan hubachuuf nu gargaara. Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko caqasa kanarratti ennaa yaada kennan akkas jedhaniiru: “Waldaa jaarraa jalqabaa ilaalchisee wanti dhugumaan hubatamuu dandaʼu, namni hundumtuu jechuun ni dandaʼama, gumaacha tokko gochuuf mirgas itti gaafatamummaas akka qabu itti dhagaʼamee dhufa ture. Namni tokko dhaggeeffatee deemuuf qofa hin dhufu; fudhachuuf qofa utuu hin taʼin kennuu dhufa ture.” Dhugumayyuu, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa walgaʼiiwwan akka carraa amantiisaanii ibsuuf isaan gargaaranitti ilaalu turan.—Rom. 10:10.

11. (a) Wanti guddaan walgaʼiiwwan kan nama jajjabeessan akka taʼan godhu maalidha? Maaliif? (b) Gorsa kam hojiirra oolchuutu yaada gumiirratti kenninu fooyyessuuf nu gargaaruu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)

11 Walgaʼiirratti amantii qabnu ibsuun keenya, “waldaa Kristiyaanaa cimsuu” irratti gaʼee guddaa qaba. Walgaʼiirratti hirmaachuu erga jalqabnee waggoonni hedduun yoo darbanillee, ammayyuu yaada obboloonni keenya kennan dhaggeeffachuun gammachuu guddaa akka argamsiisu ni amanta. Maanguddoo amanamaan hidhata amantii keenya taʼan tokko deebii garaadhaa madde yommuu kennan garaan keenya ni tuqama; jaarsi gumii tokko hubannaadhaan yeroo yaada kennu ni jajjabaanna; mucaa xinnoon tokko deebii jaalala dhugaa Yihowaadhaaf qabu argisiisu hatattamaan yommuu deebisu ni seeqna. Hundi keenya yaada kennuudhaan, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa kan nama jajjabeessan akka taʼan gochuu akka dandeenyu hubachuu dandeenya. *

12. (a) Fakkeenya Museefi Ermiyaasirraa maal barachuu dandeenya? (b) Kadhannaa gochuun yaada kennuuf kan nu gargaaru akkamitti?

12 Haataʼu malee, namoonni ija laafessa taʼan yaada kennuun baayʼee isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Ati rakkina akkasii yoo qabaatte, kun rakkinakee qofa akka hin taane yaadachuunkee si gargaaruu dandaʼa. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoon akka Museefi Ermiyaas jiranillee, namoota duratti dubbachuuf dandeettii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamee ture. (Bau. 4:10; Er. 1:6) Taʼuyyuu, Yihowaan tajaajiltootasaa durii kana namoota duratti akka isa jajatan akkuma isaan gargaare, atis aarsaa galataa akka dhiheessitu si gargaara. (Ibroota 13:15 dubbisi.) Yaada kennuuf yoo sodaatte gargaarsa Yihowaa argachuu kan dandeessu akkamitti? Dura, walgaʼiidhaaf akka gaariitti qophaaʼi. Achiimmoo, gara Galma Mootummaa dhaquukee dura Yihowaan yaada kennuuf ija jabina akka sii kennu jabeessii isa kadhadhu. (Filp. 4:6) “Akka fedha isaatti” waan isa kadhatteef, kadhannaa keetiif deebii akka sii kennu amanuu dandeessa.—1 Yoh. 5:14; Fak. 15:29.

Walgaʼiiwwan ‘Cimsuuf, Gorsuufi Jajjabeessuuf’ Qophaaʼan

13. (a) Walgaʼiiwwan keenya warra achitti argamaniif buʼaa akkamii argamsiisuu qabu? (b) Jaarsoliin gaaffii kamiif xiyyeeffannaa kennuu qabu?

13 Phaawulos, kaayyoon walgaʼiiwwan gumii inni guddaan warra walgaʼicharratti argaman ‘cimsuu, gorsuufi jajjabeessuu’ akka taʼe dubbateera. * (1 Qor. 14:3) Jaarsoliin gumii kutaan walgaʼiirratti dhiheessan obbolootasaanii kan jajjabeessuufi kan dammaqsu akka taʼu gochuu kan dandaʼan akkamitti? Deebiisaa argachuuf, walgaʼii Yesus erga duʼaa kaʼee yeroo muraasa booda geggeesse haa ilaallu.

14. (a) Walgaʼii Yesus qopheesse dura maaltu raawwatame. (b) Ergamoonni, yommuu Yesus “gara isaaniitti dhihaatee” isaan haasofsiisu kan gammadan maaliif taʼuu qaba?

14 Dura, haalawwan walgaʼicha dura turanirratti yaadaa. Yesus ajjeefamuusaa dura ergamoonnisaa ‘isa dhiisanii kan baqatan’ siʼa taʼu, akkuma raajiidhaan dubbatamee ture ‘gara mana manasaaniitti bittimmaaʼanii turan.’ (Mar. 14:50; Yoh. 16:32) Yesus erga duʼaa kaʼee booda, ergamootasaa warra gaddanii turan walgaʼii adda taʼe tokkorratti akka argaman isaan afeere. * “Bartoonni kudha tokkon immoo, Galiilaa keessaa gara gaara itti Yesus wal argina isaaniin jedhe, in dhaqan.” Yeroo achi gaʼan, “Yesus immoo gara isaaniitti dhihaatee” isaan haasofsiise. (Mat. 28:10, 16, 18) Yesus dursa fudhatee kana gochuusaatti ergamoonnisaa yaaddoo guddaan akkamii akka isaanirraa buʼe yaadaa! Yesus waaʼee maalii dubbate?

15. (a) Yesus dhimmawwan akkamii kaase ture? Waaʼee maalii garuu hin kaasne? (b) Walgaʼiin sun ergamootasaarratti jijjiirama akkamii fide?

15 Yesus beeksisa, “Gooftummaa hundinuu . . . anaaf kennameera” jedhu dubbachuudhaan jalqabe. Achiis, “Egaa dhaqaa . . . bartoota koo godhaa!” jechuudhaan hojii isaanii kenne. Dhumarrattis, “Guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jechuudhaan jaalalasaa isaaniif mirkaneesseera. (Mat. 28:18-20) Wanta Yesus hin goone garuu hubattaniittuu? Ergamootasaa hin komanne; yookiinimmoo walgaʼii sanatti fayyadamee yaadasaanii akka shakku ibsuu ykn yeroodhaaf amantii dhabuusaaniitiif gadda isaanitti dhagaʼame isaanitti caalchisuu hin barbaanne. Kanaa mannaa, Yesus hojii bakka guddaa qabu isaanii kennuudhaan, inniifi Abbaansaa akka isaan jaallatan mirkaneesseeraaf. Akkaataan Yesus ergamootasaatti itti dhihaate isaanirratti jijjiirama kan fide akkamitti? Baayʼee cimanii akkasumas jajjabaatanii waan turaniif, sana boodas ‘barsiisuufi misiraachoo himuusaanii’ itti fufaniiru.—HoE. 5:42.

16. Yeroo harʼaa jaarsoliin walgaʼiiwwan nama haaromsan geggeessuudhaan fakkeenya Yesus kan hordofan akkamitti?

16 Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis, fakkeenya Yesus hordofuudhaan carraa walgaʼiirratti argataniin fayyadamanii, Yihowaan yeroo hundumaa tajaajiltootasaa akka jaallatu namoota hidhata amantiisaanii taʼaniif mirkaneessu. (Rom. 8:38, 39) Kanaafuu, jaarsoliin ennaa walgaʼiirratti kutaa dhiheessan jabina obbolootasaaniirratti malee dadhabinasaaniirratti hin xiyyeeffatan. Yaada obbolootasaaniis hin shakkan. Kanaa mannaa, wanti isaan dubbatan namoota hidhata amantiisaanii taʼan akka warra Yihowaa jaallataniifi wanta sirrii taʼe gochuu barbaadaniitti akka ilaalan argisiisa. (1 Tas. 4:1, 9-12) Dhugaadha, al tokko tokko jaarsoliin guutummaa gumichaatiif gorsa kennuun isaan barbaachisa taʼa; sirreeffamni kan isaan barbaachisu namootuma muraasa yoo taʼan garuu, yeroo baayʼee namoota sana qofaatti haasofsiisuudhaan gorsa isaaniif kennuun caalaatti gaarii taʼa. (Gal. 6:1; 2 Xim. 2:24-26) Jaarsoliin guutummaa gumichaatti kan dubbatan yoo taʼe, kaayyoonsaanii yeroo barbaachisu hundumaatti galateeffachuudha. (Isa. 32:2) Yeroo walgaʼichi xumuramu namni hundumtuu haareffamuufi humna argachuu akka dandaʼu karaa godhuun dubbachuuf carraaqu.—Mat. 11:28; HoE. 15:32.

Walgaʼiiwwan Keenya Madda Jajjabinaati

17. (a) Walgaʼiiwwan keenya madda jajjabinaa taʼuunsaanii yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Walgaʼiiwwan kan nama jajjabeessan akka taʼan gochuuf dhuunfaatti maal gochuu dandeessa? (Saanduqa “Karaa Walgaʼiiwwan Keenya Nuunis Taʼe Warra Kaan Akka Jajjabeessan Itti Goonu Kudhan” jedhu ilaali.)

17 Yeroo biyyi lafaa Seexanni seerratu kun caalaatti rakkisaa taʼaa dhufe kanatti, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keenya namoota hundaaf madda jajjabinaa akka taʼan gochuu qabna. (1 Tas. 5:11) Obboleettiin waggoota muraasa dura abbaa manaashee wajjin rakkoowwan hedduu keessa darbite tokko akkas jetteetti: “Nuuf Galma Mootummaatti argamuun harka Yihowaa keessatti kunuunsa argachuu wajjin tokko ture. Yeroo achitti argamnee obboloonniifi obboleettonni keenya nu marsan, baʼaa keenya Yihowaarra kaaʼachuu akka dandeenyeefi hamma tokko keessa keenyatti tasgabbii akka arganne nutti dhagaʼama.” (Far. 55:22) Namoonni walgaʼiiwwan keenyarratti argaman hundis akkasuma ciminaafi jajjabina akka argatan barbaanna. Kana galmaan gaʼuu yoo barbaanne, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa kan nama jajjabeessan akka taʼan gochuuf gaʼee mataa keenyaa raawwachuu keenya itti haa fufnu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 1 Wantoonni jaarraa jalqabaatti walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keessatti raawwataman tokko tokko akka hafan raajiin dubbatamee ture. Fakkeenyaaf, yeroo ammaatti “afaan hin beekamneen” ykn “raajii,” [hiika bara 1899] hin dubbannu. (1 Qor. 13:8; 14:5) Taʼuyyuu, qajeelfamni Phaawulos kenne yeroo harʼaa walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa akkamitti geggeeffamuu akka qaban hubannaa dabalataa nuu kenna.

^ key. 11 Yaada walgaʼiirratti kenninu fooyyessuu ilaalchisee, yaada Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2003, fuula 19-22⁠rra jiru ilaali. (Amaariffa)

^ key. 13 Garaagarummaa “cimsuu” fi “jajjabeessuu” gidduu jiru ilaalchisee, Vaayin Eksipooziitarii Dikshinarii oov Niiwu Teestaamanti Wordis, jechi afaan Giriikii “cimsuu” jedhamee hiikame “[jajjabeessuu] caalaa gara laafina guddaa” kan argisiisu akka taʼe ibsa.—Yohannis 11:19 waliin ilaali.

^ key. 14 Phaawulos yeroo booda Yesus ‘obboloota dhibba shan caalanitti akka mulʼate’ yommuu ibsetti kan dubbate waaʼee yeroo kanaa taʼuu dandaʼa.—1 Qor. 15:6.

Maal Jettee Deebista?

• Walgaʼiin Kiristiyaanaa hammam barbaachisaadha?

• Yaadawwan walgaʼiirratti kennaman “waldaa kristiyaanaa cimsuu” kan dandaʼan akkamitti?

• Walgaʼii Yesus duuka buutotasaa wajjin godherraa maal barachuu dandeenya?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/Fakkii fuula 22rra jiru]

KARAA WALGAʼIIWWAN KEENYA NUUNIS TAʼE WARRA KAAN AKKA JAJJABEESSAN ITTI GOONU KUDHAN

Dursii qophaaʼi. Barreeffama Galma Mootummaatti qayyabatamu dursitee yoo qophoofte, walgaʼichi caalaatti xiyyeeffannaakee kan harkisuufi garaakee kan tuqu taʼa.

Yeroo hundumaa argami. Namoonni baayʼeen walgaʼicharratti argamuunsaanii nama hundumaa waan jajjabeessuuf, ati argamuunkee jijjiirama fida.

Yeroodhaan gaʼi. Sagantichi jalqabamuusaa dura teessumakee yoo qabatte, faarfannaafi kadhannaa jalqabaa isa kutaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuu taʼerratti hirmaachuu dandeessa.

Barreeffamoota barbaachisan qabadhuu kottu. Hordofuufi wanta qayyabatamaa jiru sirriitti hubachuu akka dandeessuuf, Macaafa Qulqulluukeefi barreeffamoota qayyabataman qabadhuu kottu.

Wantoota yaadakee hihhiranirraa of qusadhu. Fakkeenyaaf, ergaawwan moobaayiliidhaan sii ergaman, walgaʼiirratti utuu hin taʼin booda dubbisi. Kana gochuudhaan dhimmawwan dhuunfaatiif iddoo isaaniif malu kennita.

Hirmaannaa godhi. Yeroo namoonni baayʼeen yaada kennan, namoota hedduutu amantii warra kaaniitiin jajjabina argata.

Yaada gabaabaa kenni. Kana gochuunkee, namoonni hedduun yaada akka kennan carraa bana.

Kutaa siif kenname qophaaʼi, akkasumas dhiheessi. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirrattis taʼe Walgaʼii Tajaajilaarratti kutaa yoo qabaatte akka gaariitti qophaaʼi, dursii shaakali; akkasumas kutaakee utuu hin dhiheessin akka hin hafne carraaqqii guddaa godhi.

Warra kutaa dhiheessan galateeffadhu. Obboloota gumiirratti kutaa dhiheessan ykn yaada kennan carraaqqiisaanii akka dinqisiifattu itti himi.

Obbolootatti makami. Walgaʼiiwwan duraafi booda hoʼisanii nagaa wal gaafachuufi gaarummaadhaan waliin haasaʼuun, gammachuufi faayidaan walgaʼii dhufuudhaan argannu akka dabalu godha.