Amanamummaadhaan Ni Deddeebina!
Amanamummaadhaan Ni Deddeebina!
“Ani garuu balleessaa malee [“amanamummaadhaan,” NW] nan deddeebiʼa.” —FAR. 26:11.
1, 2. Iyoob amanamummaasaa ilaalchisee maal jedheera? Iyoob boqonnaa 31rratti waaʼeesaa maaltu ibsame?
AKKUMA yeroo ammaa godhamu, bara duriitti namoonni miʼa tokko madaaluuf miijanatti fayyadamu turan. Miijanni kun yeroo baayʼee muka dalgee gidduusaatti mukaan utubamerraa hojjetama ture. Fiixee muka dalgee sana lamaaniirrattimmoo saaniin ni rarraafama. Miʼi miijanamu saanii isa tokkorra yeroo kaaʼamu, dhagaan safaraammoo saanii isa kaanirra kaaʼama ture. Sabni Waaqayyoo miijana dhugaafi dhagaa safaraa guutuu fayyadamuu qabu turan.—Fak. 11:1.
2 Iyoob inni nama Waaqayyoo ture yeroo Seexanni qorumsa isarraan geessise, “Balleessaa dhabuu koo [“amanamummaakoo,” NW] akka beekutti, Waaqayyo madaallii qajeelaatiin ana haa miijanu!” jedheera. (Iyo. 31:6) Gama kanaan, Iyoob haalawwan nama amanamaa tokko qoruu dandaʼan hedduu caqaseera. Haataʼu malee, wanta inni boqonnaa 31rratti dubbaterraa hubachuu akka dandeenyutti, Iyoob qorumsawwan kana akka gaariitti moʼuu dandaʼeera. Fakkeenyisaa inni gaariin, haaluma wal fakkaatuun tarkaanfii akka fudhannuufi akkuma faarfatichaa amanannaadhaan, “Ani garuu balleessaa malee [“amanamummaadhaan,” NW] nan deddeebiʼa” jechuuf nu kakaasuu dandaʼa.—Far. 26:11.
3. Wantoota gurguddaas taʼe xixinnoo taʼanirratti, Waaqayyoof amanamoo taʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
3 Iyoob qorumsi guddaan isarra gaʼus, Waaqayyoof amanamaa taʼee jiraateera. Namoonni tokko tokko, Iyoob qorumsi cimaan isarra gaʼuyyuu amanamummaasaa eeguuf gara kuteenyi inni argisiise goota kan isa jechisiisudha jedhu taʼa. Rakkinni Iyoobirra gaʼe hundi nurra hin geenye. Haataʼu malee, amanamummaadhaan akka deddeebinuufi olaantummaa Yihowaa akka deggerru argisiisuu yoo barbaanne, wantoota gurguddaas taʼe xixinnoo taʼanirratti Waaqayyoof amanamoo taʼuu qabna.—Luqaas 16:10 dubbisi.
Amalaa Wajjin Haala Wal Qabateen Amanamoo Taʼuun Baayʼee Barbaachisaadha
4, 5. Iyoob nama amanamaa waan tureef, amala akkamiirraa of qusateera?
4 Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf, akkuma Iyoob ulaagaa inni amalaaf baase hordofuu qabna. Iyoob, “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree? . . . Garaan koo dubartiidhaan sossobamee yoo jiraate, balbala namaa ciisee haadha manaa isaa eeggadhee yoon jiraadhe, haati manaa koo nama biraaf haa daaktu, namni biraas ishee wajjin haa ciisu!” jechuudhaan dubbateera.—Iyo. 31:1, 9, 10.
5 Iyoob Waaqayyoof amanamaa taʼee jiraachuuf murteessee waan tureef, dubartii ija hawwiitiin ilaaluurraa of qusateera. Nama gaaʼela qabu waan tureef, dubartii qeentee hin kolomsine ykn haadha manaa namaa ija hawwiitiin hin ilaalle. Yesus Lallabasaa Isa Gaararraatti, saala faallaa wajjin haala wal qabateen gorsa cimaa namoonni amanamummaasaanii eeganii jiraachuu barbaadan yaadatti qabachuu qaban kenneera.—Maatewos 5:27, 28 dubbisi.
Matumaa Gowwoomsaadhaan Faayidaa Argachuuf Hin Yaalinaa
6, 7. (a) Akkuma haala Iyoobirraa ilaalle, Waaqayyo amanamummaa keenya miijanuuf maalitti fayyadama? (b) Hamoota ykn kan nama gowwoomsinu taʼuu kan hin qabne maaliifi?
6 Namoota amanamoo keessaa akka isa tokkootti lakkaaʼamuu yoo barbaanne, gowwoomsaadhaan faayidaa tokko argachuuf yaaluu hin qabnu. (Fakkeenya 3:31-33 dubbisi.) Iyoob, “Sobaan adeemeera yoon taʼe, miilli koos gowwoomsaatti ariifatee yoo jiraate, balleessaa dhabuu koo akka beekutti, Waaqayyo madaallii qajeelaatiin ana haa miijanu!” jedheera. (Iyo. 31:5, 6) Yihowaan ilmaan namootaa hundumaa “madaallii qajeelaatiin” miijana. Akkuma haala Iyoobirratti mulʼate, Waaqayyo ulaagaasaa isa firdii qajeelaarratti hundaaʼe fayyadamee amanamoo taʼuuf dhiisuu keenya miijana.
7 Hamoota ykn kan nama gowwoomsinu yoo taane, amanamummaa Waaqayyoof qabnu hin eegne jechuudha. Namoonni amanamummaasaanii eegan, ‘Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu waan dhiisaniif’ “haxxummaadhaan hin hojje[tan].” (2 Qor. 4:1, 2) Haataʼu malee, dubbiin ykn gochi keenya gowwoomsaa qabaachuusaatiin kan kaʼe, namni hidhata amantii keenya taʼe tokko Waaqayyoon gargaarsa gaafachuuf yoo dirqamehoo? Kun nuuf gaarii miti! Faarfatichi, “Rakkina koo keessatti ani gara Waaqayyootti nan iyya, inni immoo na jalaa in owwaata. Afaan sobuu fi arraba gowwoomsu jalaa, ati na oolchi, yaa Waaqayyo!” jechuudhaan faarfateera. (Far. 120:1, 2) Waaqayyo amanamoo taʼuu keenya murteessuuf, ‘garaafi yaada keenya qoruudhaan’ keessa namummaa keenya ilaaluu akka dandaʼu yaadachuun gaariidha.—Far. 7:8, 9.
Akkaataa Warra Kaan Itti Qabdaniin Fakkeenya Taʼaa
8. Iyoob namoota kan qabu akkamitti ture?
8 Amanamummaa keenya eeguuf, akkuma Iyoob qajeeloo, kan gad of deebisneefi warra kaaniif kan yaannu taʼuu qabna. Iyoob, “Hojjetaan koo yookiis hojjettuun koo anaa wajjin komee qabaatanii, dubbii isaan dhiʼeeffatan tuffadheera yoon taʼe, yommuu Waaqayyo firdiidhaaf kaʼu, ani maal gochuufan jira ree? Yommuu inni na gaafatus maalan isaaf deebisa ree? Isuma garaa haadha koo keessatti na uumetu isaan uume mitii ree? Gadameessa keessattis kan nu tolche isuma mitii ree?” jedheera.—Iyo. 31:13-15.
9. Iyoob akkaataa hojjettootasaa itti qabuun amalawwan akkamii argisiiseera? Nutoo gama kanaan fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Bara Iyoobitti, akkaataan dhimmawwan seeraa wajjin wal qabatan itti raawwataman baayʼee kan nama rakkisu akka hin turre hubachuun ni dandaʼama. Dhimmawwan karaa sirrii taʼeen kan raawwataman taʼuusaaniirrayyuu, hojjettoonnillee mana murtiitti falmachuu dandaʼu ture. Iyoob karaa sirrii taʼeefi gara laafinaan hojjettootasaa qaba ture. Amanamummaadhaan deddeebiʼuu yoo barbaanne, keessumaa gumii Kiristiyaanaa keessatti jaarsa taanee kan tajaajillu taanaan amalawwan kana argisiisuu qabna.
Arjaa Taʼaa Malee Hin Sassatinaa
10, 11. (a) Iyoob arjaafi namoota kan gargaaru akka ture akkamitti beekna? (b) Iyoob 31:16-25 gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo booda barreeffaman warra kam nu yaadachiisa?
10 Iyoob arjaafi namoota kan gargaaru malee, ofittoofi sassataa hin turre. Akkas jedheera: “Dubartii abbaan manaa irraa duʼes waa dhabdee booʼuu isheetiin iji ishee akka dadhabu godheera yoon taʼe, ani hurraa buddeena kootii nama dhowwadhee yoon jiraadhe, isa abbaan irraa duʼeenis hin geenye yoon taʼe, . . . ani nama uffata dhabee duʼuuf jedhu [argee yoon dhiise], . . . karra kellaa mandaraa duratti dubbadhee dhageessifachuu koo beekee, isa abbaan irraa duʼetti harka koo ol fudhadheera yoon taʼe, ceekuun koo gatiittii koo wajjin wal haa gad dhiisu! Harki koos buusaa isaatti haa cabu!” Iyoob warqeedhaan ati “amanannaa koo ti” jedheera utuu taʼe, amanamummaasaa eegeera jechuun hin dandaʼamu ture.—Iyo. 31:16-25.
11 Jechoonni hiika guddaa qaban kun, wanta Yaaqoob bartichi, “Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaaʼee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa duʼes rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraaʼummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisu. (Yaq. 1:27) Akeekkachiisa Yesus, “Ilaalladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa! Jireenyi eenyuu illee baayʼina qabeenya isaa irra hin dhaabatu” jechuudhaan kennes ni yaadanna. Achiis, Yesus fakkeenya nama sooressa sassataa taʼeefi ‘Waaqayyo birattimmoo badhaadhaa utuu hin taʼin’ duʼe tokkoo dubbateera. (Luq. 12:15-21) Amanamummaa keenya eeguu yoo barbaanne, sassataafi hawwa hamaadhaaf moʼamuu hin qabnu. Namni tokko sassataan waan tokko kan hawwu yoo taʼe, Yihowaa caalaa wanta sanaaf xiyyeeffannaa waan kennuuf, wanti sun waaqa isatti taʼa. (Qol. 3:5) Amanamummaafi sassanni wal duukaa deemuu hin dandaʼan!
Waaqeffannaa Dhugaa Jabeessaa Qabadhaa
12, 13. Iyoob qaamawwan samii waaqeffachuurraa fagaachuudhaan fakkeenya akkamii taʼeera?
12 Namoonni amanamoo taʼan waaqeffannaa dhugaa jabeessanii qabatu. Iyoob, “Yeroo aduun ibsitutti, yeroo jiʼi ulfinaan adeemtuttis isaaniif sagaduudhaaf gara isaanii ilaaleera yoon taʼe, garaan koo dhoksaadhaan gowwoomfamee, ulfina isaaniif harka koo dhungadheera yoon taʼe, ani gubbasitti Waaqayyo duratti sobduu nan taʼan ture, kunis yakka namatti farachiisu in taʼa” jedhee waan dubbateef waaqeffannaa dhugaarraa hin jalʼanne.—Iyo. 31:26-28.
13 Iyoob wantoota lubbuu hin qabne hin waaqeffanne. Qaamawwan samii kan akka addeessaa jiran yommuu ilaalu garaansaa dhoksaatti gowwomfamee, akkuma waaqayyolii tolfamoon waaqeffatamanitti ‘harkasaa utuu dhungateera’ taʼee, Waaqayyoon ganee waaqa tolfamaa akka waaqeffatetti ilaalama ture. (Kes. 4:15, 19) Waaqayyoof amanamoo taanee jiraachuuf, waaqayyolii tolfamoo hundumaarraa fagaachuu qabna.—1 Yohannis 5:21 dubbisi.
Haaloo Hin Qabatinaa, Fakkeessituus Hin Taʼinaa
14. Iyoob haxxee hin turre jechuu kan dandeenyu maaliifi?
14 Iyoob haxxee ykn gara jabeessa hin turre. “Ani badiisa nama na jibbuutti gammadee, hamaan yeroo isa argatettis ol of qabee yoon jiraadhe, lubbuu isaa irratti qorobuudhaan, afaan koo cubbuu akka dubbatu godheera yoon taʼe” jedhee waan dubbateef, amalawwan akkasii argisiisuun amanamummaa hirʼisuu akka taʼe beeka ture.—Iyo. 31:29, 30.
15. Nama nu jibburra wanti hamaan yeroo gaʼu gammaduun dogoggora kan taʼe maaliifi?
15 Iyoob inni nama qajeelaa ture, wanta hamaa nama isa jibburra gaʼetti matumaa gammadee hin beeku. Fakkeenyi yeroo booda barreeffame tokko akeekkachiisa, “Yommuu diinni kee kufu, kufaatii isaatti hin gammadin; yommuu inni gufatus garaa kee keessatti hin gammadin! Itti gammaduu kee Waaqayyo yoo arge hin jaallatu, dheekkamsa isaas isa irraa in deebisa” jedhu kenna. (Fak. 24:17, 18) Yihowaan garaa namaa waan beekuuf, wanta hamaa nama kan biraarra gaʼetti keessa keenyatti kan gammannu taʼuuf dhiisuu keenya kan beeku taʼuusaarrayyuu, haala kanatti hin gammadu. (Fak. 17:5) Waaqayyo “Ijaa baasuunii fi adabuun kan koo ti” waan jedheef, akkuma haalasaatti firdii nuu kennuu dandaʼa.—Kes. 32:35.
16. Sooreyyii yoo taʼuu baannellee, keessummoota simachuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Iyoob nama keessummoota simatu ture. (Iyo. 31:31, 32) Sooressoota taʼuu baannus, gorsa “Keessummoota simachuutti dhimmaa!” jedhu hordofuu dandeenya. (Rom. 12:13) ‘Lafa jibbi jiruu, cooma sangaa nyaachuu irra, lafa jaalalli jiruu, raafuu nyaachuu akka wayyu’ yaadachuudhaan, nyaata xinnoo qabnu warra kaaniif hiruu dandeenya. (Fak. 15:17) Haala jaalalaan guutame keessatti, obboloota keenya amanamoo taʼanii wajjin nyaata salphaa taʼe nyaachuunillee, nyaatichi gammachiisaa akka taʼuufi haallisaa karaa hafuuraa kan nama jajjabeessu akka taʼu gochuu dandaʼa.
17. Cubbuu guddaa raawwanne dhoksuuf yaaluu kan hin qabne maaliifi?
17 Iyoob fakkeessituu waan hin turreef, manasaatti keessumsiifamuun karaa hafuuraa kan nama jajjabeessu akka ture beekamaadha. Inni akka namoota Waaqayyo malee jiraataniifi gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture keessa dhoksaadhaan galanii, ‘warra waa irraa abdatan sobanii saadanii’ hin turre. (Yih. 3, 4, 16) Iyoob warri kaan yoo beekan na tuffatu jedhee sodaachuudhaan, yakkasaa dhoksuu ykn ‘irra-daddarbaasaa haguuguu’ hin barbaanne. Iyoob, Waaqayyo inni yeroo barbaachisaa taʼetti cubbuusaa itti himatu, akka isa qoru fedhii qaba ture. (Iyo. 31:33-37) Nuyis, cubbuu guddaa yoo raawwanne, maqaan keenya akka hin badneef jennee balleessaa raawwanne dhoksuuf yaaluurraa of haa qusannu. Amanamummaa keenya eeguuf carraaqqii gochaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Balleessaa raawwanne amannee fudhachuu, yaada garaa keenyaa geddarachuu, karaa hafuuraa gargaarsa gaafachuufi wanta bade bakka buusuuf waan nuu dandaʼame hunda raawwachuudhaan kana gochaa akka jirru argisiisna.—Fak. 28:13; Yaq. 5:13-15.
Iyoob Amanamummaansaa Akka Qoramu Heyyameera
18, 19. (a) Iyoob humna nama kamiittiyyuu karaa seeraan ala taʼeen hin fayyadamne kan jennu maaliifi? (b) Iyoob yoo balleessaan isarratti argame maal gochuuf qophaaʼaa ture?
18 Iyoob amanamaafi nama dhugaa jaallatu ture. Kanaaf, “Lafti koo yoo ana irratti iyye, boʼoowwan isaas wal gaʼanii yoo baʼan, ani ija inni kennu tola nyaadhee, abbaan lafichaas akka duʼu godhee yoon jiraadhe, qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus tuufoon haa biqilu!” jechuu dandaʼeera. (Iyo. 31:38-40) Iyoob humnaan lafa warra kaanii hin fudhanne; humna hojjettootasaattis seeraan ala hin fayyadamne. Nuyis akkumasaa, wantoota xixinnoos taʼe guddaa taʼanirratti amanamoo taʼuun nu barbaachisa.
19 Iyoob michootasaa sadaniifi Eelihuu isa dargaggeessa ture duratti, haala akkamiitiin jiraachaa akka ture dubbateera. Iyoob seenaa jireenyasaa isa “fiirmaa” isaatiin mirkaneeffamerratti namni himata dhiheessuu barbaadu akka dhiheessu afeereera. Iyoob balleessaan yoo isarratti argames, adaba fudhachuuf qophaaʼaa akka taʼe dubbateera. Kanaaf, dhimmasaa Waaqayyotti dhiheeffatee firdii inni isaaf kennu eeggachaa ture. Kanaafuu, “dubbiin Iyoob as irratti in raawwatame.”—Iyo. 31:35, 40.
Amanamummaa Keenya Eeguu Ni Dandeenya
20, 21. (a) Iyoob amanamummaasaa eegee jiraachuu kan dandaʼe maaliif ture? (b) Jaalala Waaqayyoof qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Iyoob Waaqayyoon waan jaallatuuf amanamummaasaa eeguu dandaʼeera; Yihowaanis kan isa jaallatu taʼuusaarrayyuu isa gargaareera. Iyoob, “Ati jireenya anaaf kennitee, gaarummaas na argisiifteetta; eegumsi kee hafuura koo jiraachiseera” jedheera. (Iyo. 10:12) Kana malees, Iyoob namni namootaaf jaalala dhugaa hin qabne Waaqa Hundumaa Dandaʼu kan hin sodaanne taʼuusaa waan beekuuf, namootatti jaalala argisiiseera. (Iyo. 6:14) Namoonni amanamummaasaanii eegan Waaqayyoofi namoota ni jaallatu.—Mat. 22:37-40.
21 Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe guyyaa hundumaa dubbisuufi wanta inni waaʼee Yihowaa ibsurratti xiinxaluudhaan, jaalala isaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Kadhannaa garaadhaa madde gochuudhaan, Yihowaa jajuufi waan gaarii inni nuu godheef isa galateeffachuu dandeenya. (Filp. 4:6, 7) Yihowaa faarfachuufi sabasaa wajjin yeroo hundumaa walgaʼiirratti argamuudhaan faayidaa argachuu dandeenya. (Ibr. 10:23-25) Kana malees, tajaajilarratti yeroo hirmaannuufi misraachoo “fayyisuu isaa” yeroo labsinu jaalalli Waaqayyoof qabnu ni guddata. (Far. 96:1-3) Karaawwan kanaan, akkuma faarfaticha, “Waaʼee koof yoo taʼe garuu Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa, hojii kee hundumaa himuudhaaf, ani daʼoo si godhadheera” jedhee faarfatee amanamummaa keenya eegnee jiraachuu dandeenya.—Far. 73:28.
22, 23. Olaantummaa Yihowaa deggeruurratti, sochiiwwan keenya sochii namoota bara durii amanamummaasaanii eeganii wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?
22 Jaarraawwan darbanitti, Yihowaan namoota amanamoo taʼanii jiraataniif hojiiwwan addaddaa hedduu kenneera. Nohi markaba ijaareera, akkasumas ‘qajeelina lallabeera.’ (2 Phe. 2:5) Iyaasuun Israaʼeloota gara Biyyattii Abdachiifamteetti geessuu kan dandaʼe, ‘macaafa seeraa halkaniifi guyyaa’ kan dubbisuufi haala isaa wajjin walsimuun kan jiraatu waan tureef qofadha. (Iya. 1:7, 8) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, bartoota gochaafi Caaffata Qulqullaaʼoo qayyabachuuf yeroo hundumaa sassaabamaa turan.—Mat. 28:19, 20.
23 Qajeelummaa lallabuudhaan, bartoota gochuudhaan, gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo hojiirra oolchuudhaan, akkasumas namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin walgaʼiiwwan gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti argamuudhaan, olaantummaa Yihowaa deggeruufi amanamummaa keenya eeguu dandeenya. Sochiiwwan akkasii, ija jabeeyyii, karaa hafuraa cimoofi fedha Waaqayyoo gochuurrattis milkaaʼoo akka taanu nu gargaaru. Deggersa Abbaa keenya isa samiifi Ilmasaa waan qabnuuf kana raawwachuun nuuf baayʼee ulfaataa miti. (Kes. 30:11-14; 1 Mot. 8:57) Kana malees, deggersa waldaa “obbolummaa amantootaa” akkuma keenya amanamummaadhaan deddeebiʼaniifi Yihowaa akka Gooftaasaanii Isa Hundumaa Gararraa Jiruutti ilaalanii qabna.—1 Phe. 2:17.
Maal Jettee Deebista?
• Ulaagaa Yihowaan amalaaf baaseef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
• Amalawwan Iyoob keessaa caalaatti qalbiikee kan hawwate isa kami?
• Akkuma Iyoob 31:29-37rratti ibsame, Iyoob amalawwan akkamii qaba ture?
• Waaqayyoof amanamoo taanee jiraachuu ni dandeenya kan jennu maaliifi?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Iyoob Yihowaadhaaf amanamaa taʼee jiraateera. Nuyis amanamoo taʼuu dandeenya!
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Amanamummaa keenya eegnee jiraachuu ni dandeenya!